Jump to content

Jechiikaa herreegaa

Wikipedia irraa

Galmee Jechoota Herregaa kun tarree jechoota teeknikaa herregaa kan Afaan Ingiliziitiin beekamanii fi hiika isaanii Afaan Oromootiin of keessatti qabata. Kaayyoon isaa inni guddaan jechoota herregaa Afaan Oromoo standardii gochuufi akka maddaatti tajaajiluudha. Galmeen kun yeroo yeroon ni fooyya'a, jechoonni haaraanis itti dabalamaa deemu.

Bu'uuraalee Herregaa (Basic Concepts)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Maqaa Afaan IngiliziinMaqaa Afaan OromoonIbsa Gabaabaa
NumberLakkoofsaMallattoo herregaa kan baay'ina, ida'ama, ykn safara ibsu.
Real numberLakkoofsa WaliigalaaLakkoofsota entaa fi entaa-al ta'an hunda kan of keessatti hammatu.
Imaginary numberLakkoofsa YaadooLakkoofsa kuuslamee (square) seelkataa qabu; fkn, i.
Complex numberLakkoofsa XaxamaaLakkoofsa kutaalee waliigalaa fi yaadoo of keessaa qabu.
IntegerLakkoofsa DuuchaaLakkoofsa guuttoo, seelkataa ykn zeeroo kan hirmeemii hin qabne. (..., -2, -1, 0, 1, 2, ...)
Natural numberLakkoofsa LakkaawwiiLakkoofsota idilee wantoota ittiin lakkaawwan. (1, 2, 3, ...)
RationalLakkoofsa EntaaLakkoofsa bifa hirmeemiin (a/b) barreeffamuu danda'u.
PrimeKophxiiLakkoofsa ofii isaa fi tokkoon (1) qofa hiramu.
CompositeHammattooLakkoofsa hirmaata lamaa ol qabu.
Positive NumberLakkoofsa GuuttooLakkoofsa kamiyyuu kan zeeroo ol ta'e. (+)
Negative NumberLakkoofsa SeelkataaLakkoofsa kamiyyuu kan zeeroo gadi ta'e. (-)
FractionHirmeemii ykn HirmeeKutaa guutuu tokkoo. Fakkeenyaaf, 1/2.
AdditionIda'uuGocha herregaa kan lakkoofsota lama ykn isaa ol walitti dabaluu.
SumIda'amaBu'aa yeroo lakkoofsonni walitti idaa'aman argamu.
SubtractionHir'isuuGocha herregaa kan lakkoofsa tokko isa kaan irraa buusuu.
DifferenceHir'ifama ykn GaraagarummaaBu'aa lakkoofsa tokko irraa isa kaan hir'isuun argamu.
MultiplicationBaay'isuuGocha herregaa kan lakkoofsa tokko yeroo lakkoofsa biraa ida'uu.
ProductBaay'ataaBu'aa yeroo lakkoofsonni walbaay'atan argamu.
DivisionHiruuGocha herregaa kan lakkoofsa tokko garee walqixa ta'etti qooduu.
QuotientGaheeBu'aa qooddii (hiruu) irraa argamu.
Absolute valueGatsirriiFageenya lakkoofsi tokko zeeroo irraa qabu, yeroo hunda guuttoo kan ta'e.
SetTuutaWalitti qabama wantoota adda addaa kan amala walfakkaataa qaban.
SubsetCita TuutaaTuuta miseensonni isaa hundi tuuta biraa keessatti argaman.
Proper subsetCita Tuuta SirriiCita tuutaa kan tuuta guddaa wajjin guutummaatti walqixa hin taane.
UnionMakooTuuta haaraa kan miseensota tuutaalee lamaanii walitti makuun uumamu.
IntersectionKiphaMiseensota tuutaalee adda addaa gidduutti waloof ta'an.
ComplementGuuchisooTuuta miseensota tuuta tokko keessa hin jirree garuu hawaasa tuutaa keessa jiran.
ConstantDhaabbataaGatii kan hin jijjiiramne. Fakkeenyaaf, π fi e.
Even numberLakkoofsa guutuuLakkoofsa lamatti hiramuu danda'u (fkn: 2, 4, 6...).
Odd numberLakkoofsa mangooLakkoofsa lamatti hiramuu hin dandeenye (fkn: 1, 3, 5...).
DecimalKurniiteeLakkoofsa tuqaa (tuqaa desimaalii) fayyadamu (fkn: 3.14).
NumeratorWaamamaaLakkoofsa hirmeemii tokko keessatti irra (ol) jiru.
DenominatorWaamsiisaaLakkoofsa hirmeemii tokko keessatti jala (gadi) jiru.
ReciprocalGaragalooLakkoofsa tokko waamamaa fi waamsiisaa isaa bakka jijjiiruun kan argamu.
RatioHirritaWalbira qabiyyaa lakkoofsota lamaa ykn isaa ol.
ProportionQixxaantaaHima walqixxummaa hirritoota lama gidduu jiru.
PercentDhibbantaaLakkoofsa ykn hirrita dhibbaan hiramuun ibsamu (%).
MultipleBaay'ataaBu'aa lakkoofsa tokko lakkoofsa biraatiin yeroo baay'ifamu argamu.
Greatest Common Divisor (GCD)Hiramaa walii guddichaa (HWG)Lakkoofsa guddaa lakkoofsota lama ykn isaa ol qooduu danda'u.
Least Common Multiple (LCM)Hiramaataa walii xiqqichaa (HWX)Lakkoofsa xinnaa lakkoofsota lama ykn isaa oliif baay'ataa waloof ta'e.
ExponentAangessooLakkoofsa xixinnoo lakkoofsi tokko ofiin yeroo meeqa akka baay'ifamu agarsiisu.

Aljeebraa (Algebra)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Maqaa Afaan IngiliziinMaqaa Afaan OromoonIbsa Gabaabaa
AlgebraAljeebraa, GimwallaaDamee herregaa kan mallattoolee fi qubeewwan bakka lakkoofsaa fayyadamu.
VariableJijjiiramaaMallattoo kan gatii herregaa hin beekamne ykn jijjiiramuu danda'u bakka bu'u.
FunctionWarroommiiHariiroo galtee fi bu'aa gidduu jiru; galteen tokko bu'aa tokko qofa qaba.
ExpressionIbsamaWalitti qabama jijjiiramoota, lakkoofsotaa fi mallattoolee hojmaataa (kan = hin qabne).
EquationHima WalqixaaIbsa herregaa kan mallattoo (=) fayyadamuun wantoonni lama walqixa ta'uu agarsiisu.
Linear equationHima Walqixaa SararaawaaHima walqixaa kan aankiin jijjiiramaa isaa olaanaan tokko (1) ta'e.
Simultaneous eq.Hima Walqixaa WalfaanooSirna himoota walqixaa lama ykn isaa ol yeroo tokkoon furaman.
Quadratic equationHima KaslameeHima walqixaa kan aankiin jijjiiramaa isaa olaanaan lama (2) ta'e.
InequalityHima WalcaalmaaIbsa kan mallattoo (<, >) fayyadamuun gatiiwwan walcaaluu agarsiisu.
TermWaamsaKutaa hima aljebraa kan ida'uun ykn hir'isuun addaan bahu.
PolynomialWaamsa DaneeIbsama herregaa kan waamsota hedduu of keessaa qabu.
DegreeAankiiAangoo olaanaa jijjiiramaa waamsa danee tokko keessatti argamu.
Rational expressionIbsama EntaaIbsama akka hirmeemii waamsota danee lamaatti barreeffamu.
FactorizationHirmaateessuuIbsama herregaa gara baay'ataa hirmaattoota isaatti diiguu.
FactorHirmaataLakkoofsa ykn ibsama kan isa biraatiin yeroo baay'atu bu'aa barbaadame kennu.
PowerAangooLakkoofsa guutuu kan lakkoofsi ofiin yeroo meeqa akka baay'ifamu agarsiisu.
RadicalAsxundee, CaarooMallattoo hundee (√) agarsiisuuf tajaajilu.
Range (of a function)HangiiTuuta bu'aawwan (outputs) hunda kan warroommiin kennu.
InverseFuggisooGocha ykn warroommii faallaa isaa ta'e (fkn, fuggisoon ida'uu hir'isuudha).
SymmetryDacha'ooAmala boca ykn caattoo bakka walqixa lamatti haala walfakkaatuun qoodamuu danda'uu.
InterceptQaxxaamuraBakka caattoon tokko siiqqee (axis) itti qaxxaamuru.
AsymptoteHaqaaqaSarara caattoon tokko itti dhihaachaa deemu garuu hin tuqne. (Olee = vertical, Dalgee = horizontal, Shaffaaxa = oblique).
SlopeDhundhulaHamma ciisina ykn olka'iinsa sarara tokkoo.
CoefficientMaxxantooLakkoofsa dhaabbataa kan jijjiiramaa wajjin walbaay'atu.
MonomialWaamsa-tokkeeIbsama aljeebraa waamsa tokko qofa qabu.
BinomialWaamsa-lameeIbsama aljeebraa waamsa lama qabu (fkn: a + b).
DomainMandheeTuuta gatiiwwan galtee (x) kan warroommiin tokko fudhatu hunda.
Root / SolutionFurmaataGatii jijjiiramaa kan hima walqixaa tokko dhugaa taasisu.
IdentityOf-taasisaaHima walqixaa kan gatii jijjiiramaa hundaaf dhugaa ta'e.
SubstitutionBakka buusaGatii lakkoofsaa iddoo jijjiiramaa tokkoo buusuu.
EvaluateMadaaluuGatii dhumaa ibsama tokkoo shallaguun barbaaduu.
Independent variableJijjiiramaa ofdanda'aaGaltee warroommii kan gatiin isaa jijjiiramaa biraa irratti hin hundoofne.
Dependent variableJijjiiramaa hirkataaBu'aa warroommii kan gatiin isaa jijjiiramaa of-danda'aa irratti hundaa'u.
LogarithmLoogarizimiiFaallaa aangessoo; lakkoofsi bu'uuraa meeqatti aanga'ee akka bu'aa kennu agarsiisa.
SimplifySalphisuuIbsama herregaa tokko bifa gabaabaa fi ifa ta'een barreessuu.

Tartiiba fi Walgaafaa (Sequences and Series)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Maqaa Afaan IngiliziinMaqaa Afaan OromoonIbsa Gabaabaa
SequenceWalfaantiiTarree lakkoofsotaa kan seera murtaa'e tokko hordofee walfaana dhufu.
SeriesWalgaafaIda'ama wal-hordofaa miseensota tartiiba (walfaantii) tokkoo.
Arithmetic sequenceWalfaantii gimxooshaaWalfaantii garaagarummaan miseensota wal-hordofan gidduu jiru dhaabbataa ta'e.
Geometric sequenceWalfaantii hercaasawaaWalfaantii miseensi itti aanu isa duraa lakkoofsa dhaabbataan baay'isuun argamu.
Common differenceGaraagarummaa walooHamma walfaantii gimxooshaa keessatti miseensonni ittiin gargar fagaatan.
Common ratioHirrata walooLakkoofsa walfaantii hercaasawaa keessatti miseensa haaraa uumuuf fayyadu.
Finite sequenceWalfaantii dhumaaWalfaantii lakkoofsa xumuraa ykn daangaa qabu.
Infinite sequenceWalfaantii fufaaWalfaantii dhuma hin qabne fi itti fufu.
Partial sumIda'ama gamisaaIda'ama miseensota walfaantii muraasa qofaa.
ConvergentWalitti dhufaaWalfaantii ykn walgaafa gara gatii daangaa murtaa'e tokkootti siqu.
DivergentGamgameeWalfaantii ykn walgaafa gatii murtaa'e tokkotti hin siqne.
Recursive formulaUnkee galiisaSeera miseensi haaraan tokko miseensota isa duraa irratti hundaa'uun barbaadamu.

Hercaasaa fi Danaalee (Geometry & Shapes)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Maqaa Afaan IngiliziinMaqaa Afaan OromoonIbsa Gabaabaa
GeometryHercaasaaDamee herregaa kan waa'ee bocaa, guddinaa fi iddoo qoratu.
PointTuqaaBakka iddoo keessatti argamu, kan dheerina, bal'ina, ykn olka'iinsa hin qabne.
LineSararaFageenya gabaabaa tuqaawwan lama gidduutti argamu.
AngleKofaIddoo sararoonni lama itti wal-argan, kan digiriin safaramu.
BearingKa'umsa SafaraaKofa kaaba irraa ka'uun kallattii agarsiisuuf safaramu.
ParallelWaltarreeSararoota fageenya walqixa wal-irraa qabanii fi matumaa wal hin tuqne.
PerpendicularDhabsirrooSararoota kofa sirrii (90°) irratti wal-qaxxaamuran.
PlaneDiriirooIddoo diriiraa daangaa hin qabne (2D).
TriangleSadakkuu, RogsadeeBokoo cufaa kan roga sadii fi kofa sadii qabu.
SquareArfakkuuBokoo cufaa kan roga afur walqixa ta'anii fi kofa sirrii afur qabu.
RectangleAfroggeeBokoo roga afur kan kofoonni isaa hunduu sirrii (90°) ta'an.
ParallelogramCinroggeeAfrakkuu kan rogni wal-faallessu waltarree (parallel) ta'e.
TrapezoidLimmatooAfroggee roga waltarree ta'an cimdii tokko qofa qabu.
RhombusKofarfeeAfrakkuu kan rogni isaa hunduu walqixa ta'e.
PyramidDossooBoca-sadee bu'uura rogdanee qabuu fi fiixee tokkotti walitti dhufu.
ConeBiilalee, MuxxataBoca-sadee kan bu'uurri isaa geengoo ta'ee, fiixeetti ol-cuqqaalamu.
CylinderShirimiriiBoca-sadee kan bu'uura geengoo walqixa lamaa fi dirra gomboobaa qabu.
SideRogaSarara daarii boca tokkoo ijaaru.
BaseHundeeRoga jalaa kan bocni tokko irratti dhaabatu.
HeightOleeDheerina hundee irraa hanga fiixeetti jiru (olka'iinsa).
LengthDheerinaSafara fageenya dheeraa wanta tokkoo.
WidthDalgeeSafara bal'ina sarara cinaa (gabaabaa) wanta tokkoo.
CentroidHandhuuraTuqaa giddugaleessa ulfaatinaa ykn wiirtuu boca tokkoo.
AreaBaldhinaSafara iddoo diriiraa boca tokko keessa jiruu.
PerimeterNaannawaDheerina waliigalaa sarara daarii boca tokkoo.
VolumeQabbeeSafara iddoo boca-sadee (3D) tokko keessa jiruu.
Surface AreaBaldhina dirraIda'ama bal'ina fuulota boca-sadee tokkoo hunda.
PolygonRog-hedduuBoca cufaa kan sararoota qajeelaa sadii ykn isaa oliin ijaarame.
Acute angleKofa qoreeKofa digirii 0 irraa guddaa, 90 irraa xinnaa ta'e.
Obtuse angleKofa baldhaaKofa digirii 90 irraa guddaa, 180 irraa xinnaa ta'e.
Right angleKofa sirriiKofa sirriitti digirii 90 safaramu.
Straight angleKofa qajeelaaKofa sirriitti digirii 180 safaramu (sarara qajeelaa).
CongruentWalittii galooBocoota guddinaa fi bifa guutummaatti walqixa ta'e qaban.
SimilarWalfakkaataaBocoota bifa walfakkaataa qaban garuu guddinni isaanii adda ta'uu danda'u.
DiagonalSarbiiSarara kofoota walfuullee ta'an lama walqunnamsiisu.

Kutaa Biilalee (Conic Sections)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Maqaa Afaan IngiliziinMaqaa Afaan OromoonIbsa Gabaabaa
Conic sectionKutaa BiilaleeCaattoo biilalee (cone) fi diriiroo (plane) qaxxaamursiisuun uumamu.
CircleGeengooSarara gomboobaa cufaa tuqaa gidduu irraa fageenya walqixa qabu.
RadiusWiifaSarara wiirtuu geengoo irraa ka'ee daarii isaa tuqu.
DiameterFullataSarara daarii geengoo lama walqunnamsiisuu fi wiirtuu keessa darbu.
ArcGolbooKutaa sarara daarii geengoo ykn boca gomboobaa tokkoo.
SectorBirkooKutaa geengoo kan wiifa lamaa fi golboon daangeffame.
ParabolaBaallaaCaattoo bifa 'U' qabu kan kutaa biilalee irraa argamu.
EllipseLuggeeBoca killee ykn geengoo harkifame fakkaatu.
HyperbolaGarlamboolleeKutaa biilalee sararoota bifa faallaa ta'een banaman lama qabu.
VertexGuttiyyeeFiixee ykn tuqaa ijoo itti sararoonni ykn caattoon dacha'u.
DirectrixSararqaSarara iddoo dhaabbataa kan caattoo kutaa biilalee uumuuf fayyadu.
FocusQaatiiTuqaa dhaabbataa baallaa ykn luggee safaruuf gargaaru.
FociQaatiileeTuqaalee 'qaatii' (focus) hedduu bakka bu'u.
Major axisSiiqqee GuddaaSarara dheeraa luggee (ellipse) tokkoo qaxxaamuru.
Minor axisSiiqqee XinnaaSarara gabaabaa luggee tokkoo qaxxaamuru.
Transverse axisSiiqqee WalfuulleeSarara wiirtuu garlamboollee darbuun qaatiilee walqunnamsiisu.
Conjugate axisSiiqqee MirreeSarara dhabsirroo siiqqee walfuullee ta'e.
Coordinate PlaneDiriiroo ko'ordineetii ykn QindeessiiIddoo siiqqee X fi Y tiin qoodamee tuqaaleen irratti kaafaman.
OriginHadhuuraTuqaa siiqqeen X fi Y itti wal-qaxxaamuran (0,0).
QuadrantQarxiiKutaalee afur kan diriiroon qindeessii itti qoodamu.
ChordSarbiiSarara qajeelaa tuqaalee daarii geengoo lama walqunnamsiisu.
Tangent lineSarara tuqatooSarara daarii geengoo ykn caattoo tuqaa tokko qofa irratti tuqee darbu.
Secant lineSarara talooSarara daarii geengoo tuqaalee lama irratti qaxxaamuru.
LocusXoxxobbeeDaandii ykn karaa tuqaan tokko seera murtaa'e hordofuun uumu.
Cartesian coordinatesQindeessiilee qaxxaamuraaSirna iddoo tuqaa tokkoo X fi Y fayyadamuun ibsu.
Distance formulaUnkee fageenyaaHerrega fageenya tuqaalee lama gidduu jiru shallaguuf fayyadu.

Tarreentaalee fi Kalqabee (Matrices and Vectors)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Maqaa Afaan IngiliziinMaqaa Afaan OromoonIbsa Gabaabaa
MatricesTarreentaaleeTarreewwan lakkoofsotaa bifa gabateen gurmaa'an.
MatrixTarreentaaTarree lakkoofsotaa kan tarjaa fi tarreedhaan qindaa'e.
RowTarreeLakkoofsota haala dalgeetiin (horizontally) barreeffaman.
ColumnTarjaaLakkoofsota haala oletiin (vertically) barreeffaman.
DeterminantGatwaraantooGatii addaa tarreentaa afrakkuu (square matrix) irraa shallagamu.
VectorKalqabeeWanta safara hammangaa (magnitude) fi kallattii qabu.
Square matrixTarreentaa afrakkooTarreentaa baay'ina tarree fi tarjaa walqixa qabu.
Identity matrixTarreentaa oftaasisaaTarreentaa qaxxaamurri isaa 1, kutaaleen hafan hundi 0 ta'an.
Zero matrixTarreentaa luwwaaTarreentaa miseensonni isaa hundi zeeroo (0) ta'an.
TransposeLaaqaTarree fi tarjaa tarreentaa tokkoo bakka wal-jijjiiruu.
Inverse matrixTarreentaa fuggisooTarreentaa kan isa duraatiin yeroo baay'atu tarreentaa oftaasisaa kennu.
ScalarKaldhabeeWanta guddina qofa qabu garuu kallattii hin qabne.
Dot productBaay'ata tuqooBaay'ataa kalqabeewwan lamaa kan bu'aan isaa kaldhabee ta'e.
Cross productBaay'ata qaxxaamuraaBaay'ataa kalqabeewwan lamaa kan bu'aan isaa kalqabee haaraa ta'e.
MagnitudeHammangaaDheerina ykn guddina kalqabee tokkoo.
DirectionKallattiiFiixeen kalqabee eessa akka eegu (garasitti akka akeeku) agarsiisa.
Unit vectorKalqabee tokkeeKalqabee hammangaan (guddinni) isaa sirriitti tokko (1) ta'e.
OrthogonalDhabsirrooKalqabeewwan kofa sirrii (90°) irratti walqaxxaamuran.

Kaalkulasii (Calculus)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Maqaa Afaan IngiliziinMaqaa Afaan OromoonIbsa Gabaabaa
LimitDaangaaGatii warroommiin tokko itti dhihaatu yeroo galteen isaa gara gatii murtaa'e tokkootti siqu.
DerivativeBabbaafammeeSaffisa jijjiirama warroommii tokkoo agarsiisa.
IntegralGuuttee ykn WajjummaaBal'ina caattoo jala jiru shallaguuf kan gargaaru.
ContinuousFuftooWarroommii caattoon isaa utuu hin citin / hin kukkutamin ijaaramu.
DifferentiableGargabahaaWarroommii tuqaa hundatti babbaafammee qabu.
Rate of changeMakkii jijjiramaaSaffisa galteen tokko yeroo jijjiiramu bu'aan hammam akka jijjiiramu ibsu.
MaximumOlaanaaGatii hundaa ol guddaa ta'e kan warroommiin tokko iddoo murtaa'etti qabu.
MinimumGadaanaaGatii hundaa gadi xinnaa ta'e kan warroommiin tokko qabu.
Inflection pointTuqaa jallinaaTuqaa caattoon warroommii tokkoo kofoo isaa itti jijjiiru.
Definite integralGuuttee daanga'aaGuuttee daangaa ka'umsaa fi xumuraa qabu.
Indefinite integralGuuttee mit-daanga'aaGuuttee daangaa hin qabne (bu'aan isaa warroommii + C).
AntiderivativeFaalbabbaafammeeGocha faallaa babbaafammee barbaaduu.
Chain ruleSeera funcaaSeera warroommii xaxamaa tokkoof babbaafammee barbaaduuf gargaaru.

Istaatistiksii fi Carraa (Statistics and Probability)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Maqaa Afaan IngiliziinMaqaa Afaan OromoonIbsa Gabaabaa
StatisticsIstaatistiksii, XinannooSaayinsii agargoo walitti qabuu, qindeessuu, fi xiinxaluu.
ProbabilityCarraaSadarkaa ykn dandeettii taateen tokko itti raawwatamuu danda'u.
FactorialTarbaayisuuBaay'ataa lakkoofsota idilee 1 irraa eegalee hanga lakkoofsa kennamee jiran hunda (n!).
PermutationHiriirmayaFilannoo ykn qindaa'ina wantootaa kan tartiibni (order) isaanii iddoo guddaa qabu.
CombinationFilmayaFilannoo wantootaa kan tartiibni isaanii iddoo hin qabne.
DataAgargooOdeeffannoo walitti qabame, kan yeroo baayyee lakkoofsaan ibsamu.
VarianceFaca'inaSafara hammam agargoon tokko giddu-galeessa irraa akka fagaatu ykn faca'u agarsiisu.
Mean / AverageGiddu-galeessaWalitti ida'ama lakkoofsotaa baay'ina isaaniitiif hirame.
MedianGatii GidduuGatii agargoo tartiibeffame keessatti walakkaa irra jiru.
ModeGatii MarmaaraaGatii agargoo keessatti irra deddeebi'amee mul'atu.
SampleIddattooKutaa xiqqaa ragaa irraa qorannaaf walitti qabame.
PopulationHawaasa ragaaGuutummaa ragaa ykn garee qorannoon irratti adeemsifamu hunda.
Standard deviationMaqiinsa daddeessaaSafara ragaan tokko giddu-galeessa isaa irraa hammam akka fagaatu agarsiisu.
OutlierAl-bahaaRagaa tokko kan ragaalee biroo irraa adda bahee garmalee guddaa ykn xinnaa ta'e.
Range (of data)GaraagarummaaFageenya gatii ragaa isa guddaa fi isa xinnaa gidduu jiru.
GraphCaattoo ykn CaasmayaFakkii ragaa ykn hariiroo herregaa agarsiisuuf gargaaru.
EventTaateeBu'aa ykn walitti qabama bu'aawwanii carraa tokko keessatti eegamu.
Sample spaceIddoo iddattooTuuta bu'aawwan carraa qorannoo tokko keessatti uumamuu danda'an hunda.
Independent eventsTaateewwan of-danda'anTaateewwan uumamuu isa tokkoo isa kaan irratti dhiibbaa hin geessisne.
Dependent eventsTaateewwan hirkatooTaateewwan uumamuun isa tokkoo carraa inni kaan itti uumamu jijjiiru.
Mutually exclusiveTa'iilee waldaangessamTaateewwan yeroo tokkotti wal-faana raawwatamuu hin dandeenye.
FrequencyMarmaarsaBaay'ina yeroo ragaan tokko tuuta ragaa keessatti mul'atu.
HistogramCaasmayooCaattoo tarjaa kan ragaa tartiibeeffame agarsiisuuf gargaaru.