Iskandii Shaakala
Facaatii Dhukkuba Vaayiresii Tiruu (Hepatitis Virus) Oromiyaa Bahaa fi Dhihaa keessatti
Oromiyaa naannoo guddaa fi baay’ina ummataa hedduu qabdu keessaa tokko yoo taatu, dhukkuboota daddarboof saaxilamuu keessatti sadarkaa olaanaa qabdi. Barreeffamni kun bifa saayinsaawaa fi qorannoo irratti hundaa’e garaagarummaa sadarkaa facaatii dhibee Vaayirasii Tiruu naannoo Oromiyaa gama Bahaa fi gama Dhihaa ibsa.
Naannoo Oromiyaa Bahaa keessatti Magaalota Gurguddoo: Adaamaa Bishooftuu Haroomaayaa, Ciroo, Mi’esoo, Asallaa fi naannoo bahaatti Sadarkaan facaatii Dhukkubaa kanaa baay’ee cimaa yoo ta’u, keessattuu baadiyyaa Irratti.
Baha Oromiyaa: Harargee Bahaa Harar Haramaya, Babile fikkf Carraa dhukkuba Tiruu HBV saaxilamuu sadarkaa Ol'aanaadha! Gabaasni akka agarsiisutti Godinni Harargee Bahaa tatamsa’inni dhibee kanaa ga’eessota iratti baayyinaan argama. Sababa Hubannoo Hawaasaa fi talaallii xiqqaa ta’een naannoo balaa guddaaf saaxilame ta'ee jira.
Godina Harargee Lixaa Tatamsa’inni isaa ol’aanaa ta’ee kan itti fufe yoo ta’u, baadiyyaan magaalota caalaa miidhamaniiru. Harargee Lixaa kan Akka Ciroo Galamsoo, Hirnaa fikkf Dhibee kanaaf saaxilamuu keessatti Harargee Bahaa wajjiin wal bira yoo qabame gadi Aanaa ta'us garuu ammas giddu galeessaa ol ta'ee jira.
Baalee Magaalonni akka (Roobee, Goobbaa, Ginniir) Odeeffannoo hospitaala irratti hundaa’ee balaa dhibee kanaan qabamuu giddu galeessaa agarsiisa. Hubannoon Hawaasaa giddugala magaalota keessatti fooyya’aa yoo ta’u, garuu balaa sababa dhibee kanaan mana keessatti da’uu fi uwwisa talaallii gaarii hin taane galmaaee jira.
Gujii Magaalota akka Nageellee Booranaa, Adoolaa, Delloo Mannaa, Qorannoon akka agarsiisutti facaatii dhibee HBV olka’uu agarsiisa, Naannoo kun Oromiyaa keessaa bakka ol’aanaa dhibee kun itti Baay'atu keessaa tokko yoo ta’u, barmaatilee aadaa nageenya hin qabnee fi hubannoon gadi aanaa ta’uu irra kan maddedha.
Lixa Oromiyaa Naannoo Oromiyaa Dhihaa keessatti Magaalota Gurguddoo: Jimmaa, Naqamtee Beedellee, Giimbii, Dambii Dolloo, Shaamboo, Mattuu fikkf keessatti baha Oromiyaa wajjiin wal bira qabuun yoo ilaalamu Sadarkaa Dhibee kanaa gadi Aanaanaadha akkasumas Eegumsi fayyaa fooyya'aa dha.
Godina Jimmaa, Aggaaroo, Shabee fikkf keessatti HBV Qorannoon Yuunivarsiitii fi hospitaala irratti hundaa’e sadarkaan facaatii dhibee kanaa giddu galeessa ta'uu agarsiisa. Ragaan hospitaala yuunivarsiitii jimmaa akka agarsiisutti jimmaa keessatti tamsa’inni Vaayireesi Tiruu HBV giddu gala yoo ta’u, aanaalee baadiyyaa naannoo magaalaa Jimmaa jiran keessatti garuu garuu xiqqoo ol guddata. Dhaqqabummaan talaallii fooyya'aa tu jira.
Godina Iluu Abbaa boor, Mattuu fi Goree kkf keessatti baay’inni isaa hedduu gadi aanaa yoo ta’u, kunis tajaajila fayyaa haadholii fi talaalliin haalaan fooyya’aa ta'uu wajjiin walqabata.
Godina Buunnoo Beddellee Iluu Abbaa boor wajjin sadarky wal fakkaata qaba. Iluu Abbaa boor fi Beddelleen Naannoo balaa dhibee kanaan qabamuu gadi aanaa qabuu fi eegumsa fayyaa fooyya’aa qabu dha.
Wallaggaa Bahaa fi Dhihaa Daataan Magaalaa Naqamtee naannoo Lixaa Gimbii ammoo gadi Aanaanaadha.
Wallaggaa Bahaa fi Dhihaa Naannoo Balaa dhibee kanaaf saaxilamuu sadarkaa giddu galeessaa qabuu yoo hanqinni sakatta’iinsa fayyaa naannoolee baadiyyaa keessatti mul'atuun wal qabata.
Godina qeellam wallaggaa Qorannoon Dembi Doolloo akka mul’isutti baay’inni isaa giddu galeessa yoo ta’u, garuu sakatta’iinsi fayyaa gadi aanaa ta'ee ni mul’ateera.
Horroo Guduruu wallaggaa Oromiyaa keessaa bakka tamsa’inni HBV baayyee gadi aanaa ta’uu gabaasameera, hordoffiifi talaallii fooyya’aan jiraachuun galmaa’ee jira. Horroo Guduruu wallaggaan Naannoo balaa dhibee kanaan qabamuu Gadi aanaa qabuu fi Oromiyaa keessatti bakka To'annoo gaarii tatamsa'ina dhukkuba tiruu jiru ta'ee sadarkaa gaarii qabateera.
Walumaa galatti Sababoota armaan olitti ibsamaniin, Oromiyaa Dhihaa keessatti dhukkuba vaayiresii tiruu xiqqaa ta’ee argamuun isaa bu’uuraalee fayyaa fooyya’aa, qulqullina bishaanii fi odeeffannoo hawaasaa ol’aanaa irratti hundaa’a. Oromiyaa Bahaa keessatti rakkoo bu’uuraalee fayyaa, bishaan qulqullina dhabuu fi talaallii gahaa dhabuu irraa kan ka’e dhibeen baay’inaan kun mul’atera.
Qorannoo Tatamsa'ina yokan facaatii dhibee Vaayirasii Tiruu B fi Qabxiilee Isaan Walqabatan Itoophiyaa Keessatti Adda baasuuf godhamee jira.
Qorannoon garee qorattootaa fi ogeeyyii yunivarsiitiiwwan hedduu fi dhaabbilee fayyaa Itoophiyaa fi biyya alaa irraa, walitti qabamaniin gaggeeffamee bu'aan isaa maxxanfameera. Wantoota sadii kan carraa dhukkuba vaayirasii tiruu B (HBV) qabamuu dabalan.
Sababoonni Carraa dhukkuba kanaan qabamuu (AOR) dabalanu hedduu ta'us kannee Armaan gadi sadan isaanii qorannoo irratti ijoodhaan kaa'aman:
1. Namoonni Hiriyoota jaalalaa hedduu qabanu yokan nama hedduu wajjin walqunnamtii saalaa godhanu carraan Vaayireesi qabamu isaanii ( dachaa 3.9 dabalaa)
Kana jechuun Lakkoofsi hiriyoota saalqunnamtii dabaluun carraa hiriyaa gaa’elaa yokan jaalalaa HBVn qabameef saaxilamuu dachaa sadihii Oliin dabalaa. Kanaafuu intallii fi gurbaan isa nama dhibbaa duukaa fiigdanu sana dhiisuu qabduu!
2. Seenaa maatii yokan kanaan dura namni dhukkuba Tiruu qabame maatii keessan keessa jiraachuun carraa dhibee kanaan qabamuu dachaa 6.9 dabalaa.
Dhibee Vaayireesi Tiruu dhibe daddarbaa dha, Miseensota maatii dhukkuba HBV qaban qabaachuun carraa daddarbuu maatii keessatti guddisa, keessumaa yeroo ijoollummaa ykn haadha irraa gara daa’imaatti carraa daddarbuu cimaa qaba.
3. Dhangala’aa qaamaa nama dhibee kanaan faalameef saaxilamuu carraa dhibee kanaan qabamuu dachaa 3.1 dabalaa) .
Dhiiga ykn dhangala’oo qaamaa biroo (kan akka haxxiffannaa, dhangala’aa funyaanii fi dhangala’aa qaama saalaa) Naama dhukkuba kanaan qabameef saaxilamuun carraa dhukkuba kanaan qabamuu guddaa qaba Vaayirasichi yeroo sadarkaa olaanaan dhiiga nama tokko keeysa jirutti dhangala'aa qaamaa keessatti kan makamee hafu yoo ta'u, madaa ykn dafqa faalameen qaama nama fayyaa keessa seenuun carraa dhukkuba kanaan qabamuu ni dabala.
Itoophiyaa keeysatti dhibee kun bakka heddutti bal'inaan Argamaa jira garuu Naannolee Dhibbeentaa Ol'aanaan Vaayrasichaan faalaman lama adda bahanii jiru isaanis:
1. Magaalaa Harar – 9.6%
Dhibbeentaan kun kan agarsiisu naannolee Itoophiyaa Namoonni vaayirasichaan qabaman keessa Baay'atanu keeysaa Magaalaan Harar tokkoffaa irratti argamti!
2.ffaan Naannoo Ummatoota Saboota fi Sablammoota Kibbaa (SNNPR) – 8.5% .
Sadarkaan kun naannoon kun tatamsa’inni vaayirasichaa olaanaa ta’uu agarsiisa.
Kunis garaagarummaa teessuma lafaa fi hawaasummaa fi qormaata bu’uuraalee fayyaa, akkasumas haala soorataa wajjin wal qabataa.
Qorannoo kilinikaa kanaan dura Itoophiyaa keessatti gaggeeffame Akka Agarsiisuutti Namoota yaalaaf Hospitaala seenanii du’anu, keessaa %31, Sababa Dhukkuba Tiruu ta'uu Agarsiisaa
👥 Garee Ummataa Vaayireesii kanaaf Baay'ee Saaxilamoo ta'an! Sadii adda bahani jiru isaanis:
1. Hojjetoota Balfaa – 12.6% .
Namoonni magaloota keessatti balfa yokan qoshaashaa, irratti hojjetanuu fi Naannoo sana jiraatanu dhibee kanaaf hedduu saaxilamoo dha.
Keessumaa warri hospitaala Qulqulleessanu Meeshaalee dhiiga Dhukkubsataan faalaman kallattiin waan tuqanuuf gareewwan saaxilamoo ta’an keessaa adda dureedha.
Sababoonni isaa meeshaalee ittisa gahaa dhabuu, hubannoo dhabuun infekshinii kanaaf yeroo hunda saaxilamuu.
2. Hojjetoota saalqunnamtii daldalaa – 10.9% .
Shamarran daldala saalqunnamtii Irratti bobba'anu dhiiroota hedduu waliin yeroo baay’ee walqunnamtii saalaa raawwachuu isaaniitiin Dhibee kanaaf hedduu saaxilamoo ta'aniiru! Akkasumas dhiironni bakka badaa kana deemanu dhibee Vaayireesi Tiruun hedduu qabamanii Argamaa jiru! Akkasumas dhukkuboota biroo kan akka HIV waliin qabamaa jiru.
3. Namoota Dhukkuba HIV waliin jiraatan – 9.9% .
Namoonni kunneen sababa HIV'n sirna ittisa qaamaa isaanii laaffisuuf infekshinii hepatitis B fi daddarbiinsa isaaf akka salphaatti saaxilamoo ta'aniiru.
dhukkubni kun hedduu sodaatamuuf Utuu Mallattoo hin Mul'isiin dhokatee qaama keeysa turee miidhaa hamaa fi tarii Rakkoo irraa fayyuun hin danda'amne kan Akka kaansarii tiruu HCC fi Cicciituu madaayuu Tiruu yokan (Liver Cirrhosis) nama saaxila, Yeroo dheeraa yoo namarra ture yokan dhibeen kun Yeroo cime infeekshinii Tiruu irratti Akka Uumamu Taasisa.
Akka Qorannoon waggaa 8 duraa taasifame mul’isutti,
Itoophiyaa keeysatti faca’iinsi dhibee tiruu gosa B (Hepatitis B) sadarkaa biyyoolessaatti dhibbeentaa 9.4 ga'eera. Kunis,Itoophiyaa keessatti Lakkoofsaan Namoonni miliyoona 12.2 ta’an vaayirasii Tiruu qabamanii jiru jechuudhaa!.
Kunis madaala biyyoota addunyaa biroo waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu vaayirasiin Tiruu hepatitis B (HBV) Ethiopia keessatti dhibbeentaa baay’ee ol’aanaa ta'een tamsa'aa akka jiruu fi balaa fayyaa hawaasaa bal’aa ta’aa jiraachuu Agarsiisaa.
Vaayireesi Tiruu haala kamiin of irraa ittisna? Namoota dhibee kana qabanu wajjin haala kamiin jiraachuu qabna??
Tooftaalee ittisaa bal’aan kunooti:
Qorannoo dhiigaa:
Ji'a 3 keessatti yeroo 1 qorannoo dhiigaa godhadha, kun hedduu salphaa dha qorannoo dhiigaa laabraatoorii gatii xiqqaadhan gochuun carraa Vaayireesi kanaan qabamu hirrisuu fi yoo dhibee kanaan qabamtanis hatattamaan yaalamuuf heddu murteessadha.
Talaallii:
Talaalliin dhukkuba Vaayireesii tiruu ittisuuf kennamu fudhachuun karaa hunda caalaa dhibee kana Of irraa ittisuuf gargaaru dha Keessumaa haadholii fi Daa’immanii fi dargaggoonni talaallii kana fudhachuu qabu.
Dhibeen Vaayireesi Tiruu dhibe daddarbaa dha, Miseensota maatii keeysaa namni dhukkuba kanaan qabame, jira taanaan Namoonni fayyaan talaallii fudhachuun dirqamaa, kunis carraa daddarbuu dhibee kanaaa maatii keessatti hanbisa.
Dhukkubni tiruu B fi C karaa dhiigaatiin kan daddarbu waan ta’eef, meeshaalee qorichaa kan Akka lilmoo dabalatee, meeshaa qara qaban kamiyyuu waliin fayyadamuu irraa fagaadhaa.
Wal qunnamtii saalaa Of Eeggannoo hin qabne gochuu irraa fagaadha:.
Yeroo hedduu Namoonni Jaalallee baayyee qabanuu fi Namoota hedduu waliin Walqunnamtii saalaa Raawwatanu sadarkaa olaanaan Dhibee kanaaf saaxilamoodha! Namoonni naamusa qabanu fayyaa fi nageenyaan jiraatu! Garuu warri haadha warraa dhiisanii ala fiiganu gatiin isaanii dhibee balwafamaaf saaxilamoodha! Namni dhibee kana qabu hundi Rakkoo qaba jechuu miti!!
Vaayirasichi yeroo sadarkaa olaanaan dhiiga nama tokko keeysa jirutti dhangala'aa qaamaa keessatti makamee kan hafu yoo ta'u, madaa ykn dafqa faalameen qaama nama fayyaa keessa seenuun carraa dhukkuba kanaan qabamuu ni dabala.
Bakka namoonni dhibee kanaan qabaman baay’inaan argamanitti of eeggannoo gochuu qabdu Wantoota dhiigaan faalaman tuquu irraa fagaadha! Yoo bakka faalame tuqxan booda harka keessan bishaanii fi saamunaadhaan sirriitti dhiqadhaa.
Nyaataa fi dhugaatii of eeggannoo:
Yeroo gara naannoo dhukkubni kun itti baay’atutti deemtan nyaata akka foon dheedhii ykn hin bilchaanne nyaachuu irraa fagaachuu qabdu ! akkasumas bishaan Of Eeggannoon fayyadamuu qabdu!
Keessattuu mana fincaanii yeroo fayyadamtanuu fi bakka faalame erga tuqxanii booda harka keessan bishaanii fi saamunaadhaan sirriitti dhiqadhaa.
Meeshaalee dhuunfaa namoota biroo kan akka buruushii ilkaanii fi Meeshaalee qara qaban kan lilmee fi shiggiree, yokan milaacii, waliif qooduu yokan waliin fayyadamuu irraa if qusadhaa!
Bakka dhiigaan faalame of eeggannoodhaan ala qulqulleessuu irraa fagaadhaa.
Namoota virus kana qabanuu wajjin yeroo jiraattanu hamilee isaanii hin tuqinaa! Akka nama dhibee hamaa qabameetti wal ibsuu irraa if qusadha! Dhibeen kun Talaallii yoo fudhattan homaa isinitti hin darbu!
If Eeggannoo gochuu yeroo jedhamu Tasuma waliin jiraachuu hin qabdanu jechuu miti!!
Yaala Dhibee kanaaf Telegramii yokan whatsaap: 0910333944
Barreeyfamni kun kan qophaawe ©️"Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa tii" Toora Facebook Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa 👉 Follow godhaa,
References / Madda Qorannoo
1. WHO Ethiopia Country Office Report (2023): Viral Hepatitis Situation in Ethiopia – Strategy and National Response Update.
2. Federal Ministry of Health, Ethiopia (2023): Ethiopia National Guidelines for the Prevention, Care, and Treatment of Viral Hepatitis
3. “Sero-prevalence of Hepatitis Viruses in Rural Ethiopia.” Journal of Infectious Diseases and Public Health.Facaatii-vaayiresii-tiruu