Jump to content

Elektirikaal injinariingii

Wikipedia irraa
Injineriingii Elektirikaalaa
Sirna elektirikii.
Odeeffannoo Waliigalaa
Damee Saayinsii Saayinsii Hojirra Oolu (Applied Science)
Yaad-rimeewwan Gurguddoo
Yaad-rimee Ijoo Marsaa elektirikii, Elektirooniksii, Elektiroomaagneetizimii, Xiinxala Mallattoo, Humna
Seenaa fi Ogeessota
Ogeessota Gurguddoo Faraday, Maxwell, Tesla, Edison
Hojirra Oolmaa fi Walqabatii
Faayidaa Hojirraa Humna elektirikii maddisiisuu, Sirna qunnamtii, Kompiitara, Meeshaalee elektirooniksii
Dameewwan Walqabatan Injineriingii Kompiitaraa, Fiiziksii, Herrega, Injineriingii Mekaanikaalaa

Injineriingiin Elektirikaalaa damee injineriingii bal'aa kan qorannoo, saxaxa, fi hojiirra oolmaa meeshaalee, sirnoota, fi tekinooloojiiwwan elektiriikii, elektirooniksii, fi elektiroomaagneetizimii fayyadamanii irratti xiyyeeffatuudha. Dameen kun tekinooloojiiwwan xixiqqoo kan akka billee shifii (microchips) irraa kaasee hanga sirna humnaa gurguddoo kan biyya tokko tajaajilanitti kan hammatuudha. Jireenya ammayyaa keessatti, kompiitara, bilbila harkaa, interneetii, fi meeshaalee elektirooniksii hundaaf bu'uura murteessaadha.

Seenaa Guddina Isaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Guddinni injineriingii elektirikaalaa seenaa saayinsii elektiriikii wajjin hidhata cimaa qaba.

Jaarraa 17ffaa - 19ffaa Jalqaba: Bu'uura Saayinsii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Qorannoon elektiriikii sirnaan kan jalqabe jaarraa 17ffaa keessa yoo ta'u, William Gilbert saayintistiin Ingilaand waa'ee maagneetizimii fi elektiriikii dhaabbataa (static electricity) qorachuun "Abbaa Saayinsii Elektiriikii" jedhamee beekama. Haa ta'u malee, guddinni guddaan jaarraa 18ffaa fi 19ffaa keessa dhufe. Bara 1800, Alessandro Volta baatrii jalqabaa (voltaic pile) kalaquun, madda humna elektirikii walitti fufiinsa qabu kan jalqabaa uume.

Jaarraa 19ffaa: Bara Warraaqsaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Jaarraan 19ffaa injineriingii elektirikaalaatiif yeroo warraaqsaa ture.

  • Michael Faraday bara 1831 keessa yaada-rimee Indaakshinii Elektiroomaagneetikii (Electromagnetic Induction) argachuun, jeneretaroota (generators) fi motoroota elektirikiitiif hundee kaa'e.
  • James Clerk Maxwell bara 1873 keessa, Walqixxoo Maaksiweel (Maxwell's Equations) jedhamuun beekamu maxxansiise. Innis seera elektiriikii, maagneetizimii, fi ifa walitti fiduun, bu'uura elektiroomaagneetizimii hundaa kaa'e.
  • Hojirra oolmaan saffisaan babal'ate. Telegiraafii fi bilbilli qunnamtii fageenya dheeraa jijjiiran. Dhuma jaarraa sanatti, Thomas Edison ifaada(light bulb) fi sirna raabsa humna elektirikii kallattii (Direct Current - DC) beeksise. Morkii cimaa kan Nikola Tesla irraa isa mudateen, sirni humna elektirikii jijjiiramaa (Alternating Current - AC) kan Teslaan beeksisu, fageenya dheeraatti humna dabarsuuf caalaatti mijaa'aa waan ta'eef, sadarkaa addunyaa ta'e.

Jaarraa 20ffaa: Bara Elektirooniksii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
  • Raadiyoon Guglielmo Marconi tiin babal'ifame.
  • Tuubii Vaakiyuumiin (Vacuum Tube) kalaqamuun raadiyoo, televizhinii, fi kompiitaroota jalqabaatiif karaa bane.
  • Kalaqni tiraanzistaraa (transistor) bara 1947 keessa Bell Labs keessatti, injineriingii elektirikaalaa keessatti jijjiirama isa guddaa fide. Tiraanzistaroonni tuubii vaakiyuumiitiin wal-bira qabamnaan baayyee xixiqqoo, humna xiqqoo kan fayyadaman, fi amansiisoo turan.
  • Kunis gara kalaqa naannee atoome(Integrated Circuit - IC) fi Hujeessaa shifiirrattii (microprocessor) ceesise, kunis kompiitaroota, bilbiloota harkaa, fi meeshaalee elektirooniksii ammayyaa hundaaf sababa ta'e.

Dameewwan Gurguddoo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Injineriingiin Elektirikaalaa damee bal'aa waan ta'eef, dameewwan xixiqqoo hedduutti qoodama.

Injineriingii Anniisaa (Power Engineering)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Dameen kun waa'ee maddisiisuu (generation), geejjibuu (transmission), raabsuu (distribution), fi fayyadama anniisaa elektirikiiti. Injineroonni humnaa maddoota humnaa kan akka warshaa bishaanii (hydroelectric), boba'aa, fi anniisaa aduu too'atu.

Elektirooniksii (Electronics)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Elektirooniksiin waa'ee marsaawwan elektirooniksii kanneen meeshaalee akka tiraanzistaraa, daayoodii (diodes), fi naannee atoome (ICs) fayyadamuun asattoolee(signals) too'atan qorata. Bu'uura kompiitarootaa, meeshaalee qunnamtii, fi meeshaalee mana keessaa hedduuti.

Injineriingii Too'annoo (Control Engineering)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Sirnoota ofummeessaman(automated systems) saxaxuu fi too'achuu irratti xiyyeeffata. Injineroonni too'annoo algoorizimii fayyadamuun, sirnoonni akka ofiin-balaliisaa xiyyaaraa (autopilot), roobootota industirii, fi too'annoo saffisa konkolaataa (cruise control) akka hojjetan taasisan.

Injineriingii Qunnamtii (Telecommunications Engineering)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Dameen kun odeeffannoo (sagalee, fakkii, daataa) bakka tokkoo gara biraatti dabarsuu irratti hojjeta. Kunis karaa shiboo, faayibar-optiksii (fiber optics), dambalii raadiyoo (radio waves), ykn saatalaayitii ta'uu danda'a.

Xiinxala Asattoo(Signal Processing)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Asattoolee adda addaa xiinxaluu, jijjiiruu, fi ibsuu irratti hojjeta. Fakkeenyaaf, faayiloota sagalee (audio files) keessaa waca balleessuu, fakkiiwwan suuraa (images) cafaqoon(compression) akka salphaatti ergaman gochuu (fkn. JPEG), fi asattooleen yaala fayyaa xiinxaluu dabalata.

Injineriingii Kompiitaraa (Computer Engineering)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Kun damee injineriingii elektirikaalaa fi saayinsii kompiitaraa walitti fiduudha. Caasaa jabaajii(hardware) fi mosaajii(software) kompiitaraa saxaxuu fi ijaaruu irratti xiyyeeffata.

Ogeessota Beekamoo Seenaa Keessatti

[gulaali | lakkaddaa gulaali]