Duudhatisummaa
Rincicummaan, mankaraarummaan ykn Duudhatisummaan marraaga siyaasaa fi hawaasummaa jijjiirama hidda-buqqisoo caalaa duudhaa, tasgabbii fi jijjiirama suuta suutaan irrattii fulleefata. Walumaagalatti dhaabbilee hundeeffaman, sonaalee aadaa fi caasaa hawaasaa kunuunsuu kan barbaadu yoo ta’u, yeroo baay’ee sirnaafi tasgabbii hawaasa keessatti eeguuf akka barbaachisootti ilaala. Konzarvaatiizimiin yeroo baayyee ilaanyoota jijjiirama hawaasummaa ykn siyaasaa ariifachiisan kan akka durkummaa ykn gamtummaa waliin wal bira qabamee ilaalama. Duudhatisummaan haaromsa hatattamaa dhiibuu mannaa, ogummaa darbee fi dhaabbilee seena-qabeessoo kabajuun, jijjiiramaa of eeggannoodhaan ilaaluu deeggara.
Qajeeltoowwan Bu'uuraa Duudhatisummaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Duudhatisummaan qajeeltoowwan bu'uuraa hedduurrattii kan hundaa’e yoo ta’u, isaanis maleenya bulchiinsaa fi hawaasaaf sirnichaa kan bocaniidha.
Aadaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- Duudhatisoonni tasgabbii hawaasaa eeguuf duudhaa fi ayaan aadaa murteessaadha jedhanii amanu.
- Dhaabbileen akka maatii, amantii fi sirna bulchiinsa seenaa akka madda ogummaa fi qajeelfamaatti ilaalamu.
Jijjiirama Suuta Suuta (Tirannaa Malee Warraaqsa Miti):
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- Konsarvaatiizimiin haaromsa tasa ykn hidda-buqqisoo mannaa jijjiirama suuta fi of eeggannoodhaan guutame leellisu.
- Qajeelfamni kun haaromsi tasgabbii dhabuu ykn bu’aa hin yaadamne akka hin fidne mirkaneessa.
Abbaa Taayitaa fi Dhaabbilee Ulfeessuu:
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- Konsarvaatiiwwan barbaachisummaa caasaalee taayitaa kannen akka mootummaa, dhaabbilee amantii fi sirna seeraarratti cimsanii xiyyeeffatu.
- Dhaabbileen hundeeffaman akka eegduu sirnaa fi nageenyaatti tajaajilu jedhanii amanu.
Jijjiirama hawaasummaa gurguddaa shakkuu:
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- Konsarvaatiiwwan hedduun sochii siyaasaa hawaasa guutummaatti irra deebi’anii bocuu barbaadan kan akka komunismii ykn warraaqsa hidda-buqqisooo ta'aan baayisanii ciicatu.
- Jijjiramni kan uumamaafi seenaa bu'uraa yoo kabajee qofa hawaasni haalaa akkan gaarii ta'een hojjata jechuun falmu.
Akaakuu duudhatisummaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Konsarvaatiizimiin ilaanya tokkicha, tokkummaa qabu osoo hin taane ilaalcha aadaa, hawaasummaa fi dinagdee irratti hundaa’uun damee adda addaa qabudha.
Duudhatisummaa durayyii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Yaad-rimeen kun duudhaa aadaa fi amantii eeguu irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, barbaachisummaa caasaa hawaasummaa hundeeffame kan akka hoggantootaa, jaarsoliifi Abboottii amantaa warreen wayyuu ta'an ta'uu ykn taayitaa kabajuu isaanii kabajuu ibsudha. Akkasumas dhaabbilee seenaa kanneen akka Sirnoota moototaa, dhaabbilee amantii, fi caffeelee aadaa kunuunsuu kan cimsu yoo ta’u, yeroon hawaasa bocuu keessatti gahee isaan qaban ibsuun iddoo guddaa isaani kenna.
Duudhatisummaa hawaasa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Caasaa maatii durayyiifi sonaalee naamusaa kunuunsuu kan leellisan yoo ta'u, yeroo baayʼee barsiisa amantiitiin kan qajeelfaman, barbaachisummaa maatii tasgabbaaʼaa, jaarsolii kabajuu fi seera naamusaa dhalootaa dhalootatti darban hordofuu cimsanii dubbatan.
Duudhatisummaa Diinagdee
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Imaammata gabaa bilisaa ni deeggara, giddu-seentuummaan mootummaa dinagdee keessatti qabu akka xiqqaatuu leellisa, dorgommii, kalaqa, fi bilisummaa maallaqaa dhuunfaa jajjabeessuuf mirga qabeenya dhuunfaa ni kabachiisa.
Duudhatisummaa biyyooleessaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Ilaalchi kun eenyummaa sabaa, abbaa biyyummaa fi jaalala biyyaa dursa kan kennu yoo ta’u, ayaa(heritage) aadaa adda saba tokkoo kunuunsuu irratti xiyyeeffata. Duudhaalee fi gochaalee seenaa dhiibbaa alaa isaan jijjiiruu ykn hir’isuu danda’u irraa eeguuf iddoo guddaa kenna. Leelliftoonni eenyummaa biyyoolessaa cimaa qabaachuun tokkummaa fi walitti hidhamiinsa hawaasummaa akka guddisu amanu. Sabni tokko gidduu seenummaa alaa malee akka of bulchu mirkaneessuuf abbaan biyyummaa barbaachisaa ta’ee ilaalama. Sabboonummaan akka mala amanamummaa, boonsaa, fi of kennuu nageenya fi egeree sabaa guddisuuf jajjabeeffama.