Jump to content

Durkummaa

Wikipedia irraa

Durkummaan ykn Albaabsummaan marraaga siyaasaa fi safuu bilisummaa dhuunfaa, walqixxummaa, fi eegumsa mirga bilisummaa dhuunfaaf(civil libirties) dursa kennudha. Hundeen isaa bara qaroomsaa(Enlightenment) irraa kan eegaluu yoo ta’u, yeroo kanatti yaadonni akka ofiin of bulchuufi yaadonnii sababaawaan aadaa findhaaruu(challenge) jalqaban. Jechi “liberal” ykn "Durkii"jedhu jalqaba irratti fageessanii yaaduu fi fedhii haaromsaa kan agarsiisu yoo ta’u, caasaa abbaa irree darban waliin hariiroo addaan kutuu kan calaqqisiisu ture.

Bu'uurasaan, liberaalizimiin namoonni dhuunfaa jireenya ofii isaanii murteessuuf haala gaarii ta’ee kan mijjeessuu yoo ta’u, mootummaanis ta’e dhaabbilee birootiin to’annoo dirqisiisaa irraa bilisa ta’uu akka qaban leellisa. Amanteen(belief) kun kanirratti hundaa’u ilaalchoota namni kamiyyuu mirga uumamaa akka bilisummaa yaada ibsachuu, bilisummaa amantii fi mirga abbaa qabeenyummaa jedhaman qaba jadhan irratti ture. Yeroo booda yaad-rimeewwan kun dhimmoota hawaasummaa fi dinagdee ammayyaa ilaaluuf fooyya’anii babal’ataniiru.

Jechi liberaalizimiis uumama isaa kan guddachaa jiru calaqqisiisa-yaadota kalaasikaa bilisummaa fi gidduu seentummaa mootummaa xiqqaa irraa kaasee hanga hiika ammayyaa haqa(danee) hawaasafi walqixxummaa cimsanitti babal'ateera. Har’a liberaalizimiin sirna gucwaloo osoo hin taane maatii ilaanya adda addaa yoo ta’u, tokkoon tokkoon isaanii seera bu’uuraa bilisummaa fi walqixxummaa haala si'anaa yeroo wajjin akka walsimuun hiiku.

Seenaa dagaagina durkummaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ka’umsi liberaalizimii warraaqsa yaadinaa jaarraa 17ffaa fi 18ffaa keessatti kan argamu yoo ta’u, yeroo hayyuuleen bara qaroomsaa mirga waaqaa moototaa fi seera qabeessummaa bulchiinsa abbaa irree irratti gaaffii kaasan ture. Maraagdoonnii akka Joon Look seera qabeessummaan mootummaa mirga uumamaa kan akka jireenyaa, walabummaa fi abbaa qabeenyummaa eeguu irratti hundaa’a jechuun falman. Jijjiiramni kun warraaqsa siyaasaa boodarra mootummoota hayyamaa fi itti gaafatamummaa irratti hundaa’an hundeessuuf barbaadaniif bu’uura kaa’e.

Bara Warraaqsa Ameerikaa fi Faransaay yaadonni durkii hojiirra oolmaa qabatamaa argatan. Hoggantoonni warraaqsaa sirnoota abbaa irree kuffisuuf durkummaa sababeefachuun; sirna siyaasaa haaraa mootummaa bakka bu’ummaa fi mirga dhuunfaa irratti hundaa’e hundeessuuf mayii itti bahan. Warraaqsi kunniin jijjiirama guddaa kan agarsiisan yoo ta’u, liberaalizimiinis heera ammayyaa biyyootaa irratti dhiibbaa uumuu jalqabe.

Jaarraa 19ffaa guutuu qormaata industirii fi jijjiirama hawaasummaatiin dhufuuf deebii kennuudhaan liberaalizimi guddachuu itti fufeera. Haaromsa mirga filannoo babal’ise, mirga lammiilee jildeesse(codified), yaada mootummaa sabaa guddise kakaase. Akkuma hawaasni walxaxaa dhufeen, liberaalizimiin bilisummaa dhuunfaa seexaa ijoo isaa eeguudhaan dhimmoota nageenya hawaasaa fi dambii dinagdee of keessatti hammachuun daran madaqe.

Yayyaboota Marraagaafi Yaadtoota Ijoo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Yaadni durkii hojii marraagdoota bara qaroomsaa (Enlightenment) kanneen mirga uumamaa fi waliigaltee hawaasummaa cimsanii dubbatan keessatti hidda gadi fageeffate. Yaadiddamoonii(theory) Joon Look waa’ee jireenyaa, bilisummaa fi qabeenya irratti kenne, mootummaan hayyama warra bulfamuun daangeffamuu qaba jechuun falmuudhaan, bu’uura yaadiaa liberaalizimii kaa’aniiru. Yaadni Locke falmii bilisaa mirga dhuunfaa fi aangoo mootummaa irratti dhiibbaa uumuu itti fufeera.

Namoonni dhiibbaa guddaa geessisan biroon, Toomaas Hoobs, hojiin isaa sirna hawaasummaa irratti hojjete, ilaalchi isaa yaada durkii boodarra ture irraa adda ta’us, barbaachisummaa abbaa taayitaa bulchu kan ibsedha. Jean-Jacques Rousseau fi Immanuel Kant akkamitti bilisummaa fi walqixxummaan hawaasa caaseffame keessatti waliin jiraachuu akka danda’u qorachuun falaasama durkii daran badhaadhessan. Yaaddonni kunniin aangoo siyaasaa seera qabeessa ta’e waliigaltee bulchitootaa fi bulchitoota gidduu jiru irraa akka maddu walumaa galatti hundeessan.

Jaarraa 19ffaa fi 20ffaa keessa Joon Istuwaart Miil fi boodarra ti’ooristoonni  ykn yaadxineessitoonni kan akka Joon Raawls yaadota kalaasikaa kana irratti ijaaraniiru. Mill’s "On Liberty" bilisummaa dhuunfaa cunqursa hawaasaa irraa eeguuf kan falmu yoo ta’u, Rawls’ "Theory of Justice" bilisummaa fi walqixxummaa hawaasummaa walitti araarsuuf kan yaaledha. Gumaan isaanii imaammata bilisaa ammayyaa fi marii mirga, itti gaafatamummaa fi haqummaa hawaasa keessatti itti fufee jiru bocuuf gargaareera.

Garaagarummaa fi Dameelee Libaraalizimii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Liberalism doktiriinii tokko osoo hin taane hidda hedduu kan hammate yoo ta’u, isaanis gama bilisummaa adda addaa cimsan. Liberaalizimiin kalaasikaa(durtoo) gidduu seenummaa mootummaa xiqqaa, dinagdee gabaa bilisaa fi eegumsa cimaa bilisummaa dhuunfaa ni leellisa. Aangoon akka hin walitti qabamnee fi mirga uumamaa lammiilee eeguuf mootummaan daangeffame barbaachisaa ta’uu cimsee ibsa.

Fugginaan, liberaalizimiin hawaasummaa walqixxummaa dhabuu industirii fideef deebii ta’ee mul’ate. Liberaloonni hawaasummaa bilisummaan dhugaa dirqisiisni mootummaa dhabuu qofa osoo hin taane haqni hawaasummaa jiraachuu akka barbaadu falmu. Dameen kun namoonni dhuunfaa hundi carraa milkaa’ina walqixa akka qabaatan gochuuf giddu-galeessa mootummaan dameewwan akka eegumsa fayyaa, barnootaa fi walgargaarsa fayyaa irratti taasisu ni deeggara.

Guddinni dhiheenya kanaa, niwoliberaalizimii(durkummaa haaraa), elementoota yaada liberaalizimii kalaasikaa kan of keessatti hammate yoo ta’u, xiyyeeffannoo giloobaalayizeeshinii, seeraan ala baasuu fi dhuunfaatti dabarsuu irratti xiyyeeffata. Dudhaalee gabaa bilisaa kan leellisu ta’us, niwoliberaalizimiin falmii imaammata dinagdee fi gahee mootummaan gabaa to’achuu keessatti qabu irrattis dhiibbaa uumeera. Walumaagalatti, garaagarummaa kunniin fedhii hawaasaa jijjiiramaa jiru furuu keessatti liberalism’s flexibility agarsiisuu fi mirga dhuunfaaf kutannoo qabaachuu isaati.