Jump to content

Daawoo

Wikipedia irraa

Aanaan Daawoo Aanaalee Oromiyaa keessaa tokko yoo taatu. Godiina Shawaa Kibba Lixaa keessatti argamti. Aanoolee Aanaa Daawoo Daangessan:[1]

Bahaan - Aanaa Iluu, Lixaan - Aanaa Dandii, Kaabaan - Aanaa Ejersa Lafoo, Kibbaan - Aanaa Bachoo fi Kibba Lixaan - Aanaa Walisooti.

Aanaan Daawoo Gandoota digdamii afur (24) qabdi. Isaanis (Awwaash Waajituu, Loqloqaa Abbaa, Diimtuu Qidaamee, Faajjii Booralee, Qarsaa Callee, Qarsaa Boombii, Diimaa Jalliwaan, Jiddu Ka'aa, Qancaraa Aliitoo, Goraa Roggee, Taajjab Goraaf Saaqayyo, Ulmaa Buusaa, Kallachoo Garbii, Maakeet Sunxaaree, Bashii Qilxuu, Seedaree Arbuu, Gombisaa Kusaayee, Raccee Kushoo, Dheeraa Ilaansoo, Daawo Sadeen, Daawo Kaarraa, Xuxee Quncee, Naannoo Gabri'eelii fi Buusaa 01). Magaalaa Guddoon Aanaa Daawoo Magaalaa Buusaa jedhamti, Magaalaa Guddoo Itoophiyaa Finfinnee irraa Kiiloomeetira 96 fagaattee argamti.

  1. Odeeffannoo Afaaniffaan argame