Buduja (Anaatomii)
Appearance
Namaa fi irra caalaan hoosistootaa fi simbirroota keessatti, Budujni (Afaan ingiliffaan:- iris) caasaa haphii, geengawaa ija keessatti argamu yoo ta’u, daayameetiraa fi guddina ijaa to’achuuf itti gaafatamummaa kan qabu yoo ta’u, kanaanis hamma ifa marayoo agartuu(raatina) ga’u to’achuuf itti gaafatamummaa qaba. Halluun ijaa kan ibsamu buduja dha. Jecha agartiin yoo ilaalle, Qaroon ykn agartuun meeshaa ijaa yoo ta’u, Budujni ammoo murtessa ifaati.