Jump to content

Baariyeemii

Wikipedia irraa
Baariyeemii

Baariyeemii sibiilli ulfaataa fi lallaafaa ta’ee fi faalkaa oksideeshinii +2 salphaatti uumuudha. Albuuda baaritii fi wizeraayitii keessatti argama. Baariyaamiin si'aa'inna olaanaa isaa irraa kan ka’e bifa qulqulluu ta’een gonkumaa kan hin argamne yoo ta’u, bishaanii fi asiidota waliin humnaan walnyaata. Kompaawundootni baariyeemii suuraa yaalaa (baariyeem salfeet raajii eksireedhaaf), qotuu zayitaa (baariitii dhangala’oo qonnaa keessatti), fi oomisha halluu, supheeta (seraamiksii) fi qaanqooftuu ykn raachitii(halluu magariisaa) keessatti fayyadamu. Kompaawundootni baariyeemii tokko tokko summii waan qabaniif of eeggannoodhaan qabachuu barbaadu.