Aanaa Firaanki: Aanaa Firaanki

Wikipedia irraa
Gara kallatti ce'i Gara barbaadutti ce'i
Aanaa Firaanki
Ogummaa: Barreessituu
Biyya: Hoolaandi
Guyyaa dhalootaa: 1929
Bakka dhalootaa: Amisterdaam
Guyyaa du'aa: 1944
Bakka du'aa: Oshiwutiz
Aanaa Firaanki 1929 - 1944
POTY barnstar.svg

Bara mootummaa Adoolfi Hitlerii Naazotaan maaltu raawwatame? Naazii jechuun maali? Fixiinsa sanyii jechuun hoo? Aadaan dubbisaa kitaaba kana keessa jirus dhaloota keenyaaf galaa barumsaa akka ta'u nan amana.

Namoonni addunyaa kana irratti gurguddoo jedhaman dhuma irratti calalliin isaanii baasee yeroo hafan, namoota baay'ee muraasa ta'antu calalamee hafa. Mucaan durbaa waggaa kudha shanii isaan keessatti argamti yoo jedhame eenyutu amana? Haa tau malee mucayyoon ganna kudha shanii kun kan jaarraa sanaaf guddoo taate eenyu? Maalis hojjettee akkas jajamte? Akkuma armaan olitti ibsamte maqaa guutuunshee Aanaa Firaanki jedhamti. Umurii gabaabduu kana keessatti akka aduu ganamaa iftee akka fixeensa ganamaa immoo daftee harcaate. Umurii ishee gara dhumaa waggaa lama jechuunis ganna kudha sadiitii hanga ganna kudha shaniitti jechuudha. Umurii ishee kana lamaanitti kan isheen hojjette kanaaf ishee geessiseera. Jarman bara mootummaa Hitler namoota sanyii yihudaa taan baayee miliyoonotatti lakkaaaman fixuun isaa yaadannoo yeroo sanaati. Aanaanis warra dhuman keessaa ishee tokko dha. Bara1943tti loltoonni Naazii magaalaa Amisterdaam keessa warra biyyi nagaadha jedhanii jiraatan yihuudota mana mana isaaniitii funaananii gara Oshiwitzi fi gara mooraa uggurtii gara biroo adda addaatti isaan geessuu yeroo jalqaban, maatiin Aanaa Firaanki immoo dursanii bakka qopheeffatan bakka icciitii isaanii dhokatan. Aanaa Firaanki osoo hin barbaadiin dirqamaan akka ishee jaallannu kan nu godhe Diyaarii ishee kana Fulbaana jaha 1947 Gargaarsa Beezintiya Ozikiin "Ze NewYorker" barruu jedhamu irraatti bahe, Barreeffamni sun roga kamiinuu barreeffama filatamaa jaarraa sanaa kan nu jechisiise dha. Dhugaattu Aanaa Firaanki akkuma olitti xuqame akka Fixeensa barii harcaate. Akka Odaa bara kuma jiraatee Bara kuma immoo jiraachuuf osoo jedhuu karaatti citee jettu kitaaba ishee yoo dubbiftan. Anas afaan Oromootti akkan hiiku kan na godhe hojii ishee bareedaa kana dha. Itti dhiyaadhaatii irraa baradhaa, itti bohaaraa, ni jaalattu jedheen amana.

Barreeffamoota ishee[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Ayobe Dassaaleny akka hiiketti[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Sanbat-duraa Waxbajjii 20-1942[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Guyyoota muraasa darban keessatti waan tokko iyyuu siif hin barreessine. Sababni isaas Diyaarii kiyyaa isa gara fuulduraa yaaduu waanan barbaadeefi. Dhugaa dubbachuuf taanaan akka tiyya kan jirtu haadha Diyaarii yeroo taatu garuu waan nama ajaa'ibuu dha. Kana dura Diyaarii barreessee kanan hin beekne ta'uu koo qofa osoo hin ta'iin, Anis ta'ee namni biraa eenyu illee mucaan durbaa ganna kudha sadii kan garaa ishee keessaa yoo barreessite kan dantaa itti Kennu jira natti hin fakkaatu. Ana maaltu na dhibe? Mi'aahes bushaayes barreessuu nan barbaada. Kanaafuu nan barreessa. Waan hundumaa caalaa kanin barbaadu onnee xiqqoo kana walakka kan jiru baasee afuu dha. Jechamni tokko jira. "Waraqaan nama caalaa obsa qaba" kan jedhu darbee darbee qaxab na jedhee guyyaa keessa natti dhufa. Miira humnaa ol namatti toltu keessa seeneen ture. Maddii kiyya lamaan barruu harka koo keessa galcheen taa'aa ture. Akkasumatti Mana kana keessa turumoo gadi bahee of taggabbeessu kan jedhu illee dhiphinaan hangan murteessuu dadhabuttin ture. Dhuguma waraqaan obsa qabeessa ta'uu isaa shakkii hin qabu. Kana irratti maqaa kabajaa Diyaarii jedhu kan gonfatte, jabaataa fi qola bareedaa kan maxxanfatte, akkasuma icciitii tiyya kan taate, eenyuttuu kanan ishii hin argiseefne, Uumamni kamuu kan isee hin argine,waan garaa kiyyaas isheetti dubbachuu kanin danda'u. Dhiiras haa ta'u uwwaa. Xiqqaa haa ta'uu guddaa, hangan hiriyaa dhugaa argadhutti Diyaarii tiyya kana akkan namatti hin argisiifne ofiif waadaa seeneera. Amma yaadannoo barreessuuf waan na kakaasetti yeroon darbu, kana kanan jedhu michuu dhugaa waanin dhabeefi. Haala isaa sirriitti ifa gochuun waan narra jiraatu natti fakkaata. Sababni isaas mucaan durbaa tokko addunyaa namni akka goondaa keessaa misu keessa osoo jiraattuu kophummaan na liqimse osoo jettee, eenyuyyuu ishee hin amanu. Dhugaa dubbachuuf taanaan haalli isaa akkana hin jiru. Maatii baay'ee gaarii ta'anii fi Obboleetti malaaka taaten qaba. Umurii ishii ganna kudha jaha kan taate. Safartuu aadeffatameen yeroo safaraman michoota kan jedhaman namoota soddomaa Olin beeka. Kellaa Mana baruumsaa keenyaa keessatti haa ta'uu Daree keessatti garan deemutti kan na ilaalanii hin quufne hiriyoota baayyeen qaba. Adaadaa fi wasiilota, eessumoota dabalatee firoota gaggaariin qaba. Manni maatiin kiyyaa keessa jiraannu kun kanatu itti hir'ate kan jedhaniin kan hin qabneedha. Qofa walumaa galatti waan tokkoyyuu kan natti hir'ate jira natti hin fakkaatu. Garuu kun hunduu qofummaan akka natti hin dhagahamne gochuu hin dandeenye. Fakkeenyaaf hiriyoota koo osoo fudhannee Kolfa, tapha, wal'aansoo fi kkf'n dha. Dhume. Kanuma. Kan kana irraa hafe cophni tokko kan bu'u hin jiru. Fuula guyyuun barame irra darbee oduun mata duree haaraa tokko iyyuu hin jiru. Kana rakkoon koo Inni hangafni. Tarii rakkoon kun ana bira ta'uu danda'a. Garuu ana biras haa ta'uu isaan bira rakkichi jira. Waanti ani gochuu danda'us waan jiru natti hin fakkaatu. Egaa baay'ee keessaa Gabaabinaan fuula koo gara diyaarii kootti akkan naannessu kan na godhi kana dha. Kanaafuu diyaariin tiyya tun yeroo dheeraaf kanan hawwaa ture muchuu too qaalii ta'uu isheeti. Namoonni baay'een Diyaarii isaanii irratti akka barreessan hojii guyyaa guyyaa fi haalota irratti barreessaa jiraachuu hin barbaadu. Yaadannoon tiyya ofii ishii Hiriyaa kiyya, Gorsituu tiyya, Mukuu baastuu tiyya akka taatu dha kaayyoon koo. Egaa kana booda diyaarii tiyya "KIITII" jedhee moggaaseera. Jaalatamtuu Kiitii waliin ka'umsa Marii akka naaf ta'utti jireenya hanga ammaa kan ibsu barreeffama gabaabaan nan jalqaba. Abbaan koo umrii isaa ganna soddomii jaaffaatti Haadha too fuudhe. Yeroo sana ishiin umriin ishii ganna digdamii shan turte. Obboleettiin tiyya angafni, Maargoot Bara 1926 G.C Firaankiferti keessatti dhalatte. Waxabajjii 12 Bara 1929 immoo ani dhaladhe. Yihuudota ta'uu keenyanis haleellaa Naazii Jarmanootaa baqachuudhaan gara Hoolanditti galle. Ana irraan kan hafe maatiin kiyya marruu dhiibbaa Hitler itti cimsaa dhufeen dhiphinni isaanii itti caalaa dhufeera. Walumaagalatti le'iin maatii koo dhiphinaan guutamteetti. Bara 1938 guutummaatti yihuudota irratti saamicha qabeenyaa fi reebicha isaan irratti godhame duuba eessumoonni kiyya gara Ameerikaa deeman. Akkawoon teenna dulloomtuun immoo gara keenya dhufte. Yeroo sana umriin isee 73 ture. Bara 1940 baatii caamsaa booda haalonni hunduu inumaayyuu itti caalaa deeman. Jalqaba waraana. Sana booda mo'amuu Holandii fi jaarsummaa. Itti aansee Jarmanoonni Hoolandiin to'annoo jala oolchuu isaanii. Yeroo kana egaa kan yihuudotaa barbadaan waraanaa isaanii kan ol ka'ee mul'ate. Safaraa fi lakkoofsa kan hin qabne diinni yihuudotaa Mana barnootaa itti fufinsaan hordofuu kan jalqan. Yihudonni iddoo jiran hundumaatti salphaatti akka baramaniif urjii keelloo Daawwit/Daawud guddisanii akka uffata isaanii irratti maxxanfatan, Yihudoonni biskileettota isaanii galchuu qabu. Yihudootaaf Baaburas ta'ee Baasiin deemuun dhooggaa dha. Konkolaataa konkolaachisuus hin danda'an. Akkasumas Yihudoonni kan isaan bitanii gurguruu danda'anis guyyaa keessaa za'aa 9-11 qofaa dha. Kanas gochuu kan danda'an Suuqii mallattoon Yihudootaa irra jiru qofaa irratti. Yihuudonni galgala keessaa sa'aatii lama irratti guutummaatti manatti galuu qabu. Sa'aa lama darbinaan garuu daandii gubbaa irratti argamuu mitii mooraa Mana isaanii keessatti iyyuu argamuun irra hin jiraatu. Manni tiyaatiraa, Manni sinimaa, bakki bashannanaa gosa kamiiyyuu Yihudaa kamiifuu kan dhooggamee dha. Gosa ispoortii kamiyyuu kan woloos ta'ee kan dhuunfaa Yihuudotaaf dhowwaa dha. Yihudoonni kan barachuu danda'an mana baruumsaa isaanii eeyyemame qofaa keessatti. Kanaa fi kan kana fakkaatan qajeelfamoonni daangessoo ta'an unu Yihudoota irratti diriire. Dubbii waliigalaan qajeelfamoota daangessoo ta'an kan safaraaf lakkoofsa hin qabneen xaxamnee jirra. Kana gochuu hin dandeessan nuun jedhu. Sana gochuu hin dandeessan nuun jedhu. Akkasis ta'ee le'iin itti fufte. Waan hunda caalaa kan nu rakkise immoo waan tokkollee sodaa malee gochuu dadhabuu keenya dha. Sababni isaas waan dhooggame yoo ta'e hoo jennee dhiphanna. Gabaabumatti bilisummaa nagaan turi jenneerra. Kunis ta'ee haalonni humnaa ol nutti hin taane. Bara 1942 ji'a Amajjiitti akkawoon tiyya duute. Hangam sammuu koo keessaa ta'ee onnee koo keessaa naaf bahuu akka hin dandeenyee fi hangam akkam ishee jaalladhu eenyuyyuu yoomillee baruu hin danda'u. Qajeelfama haaraa diina yihudummaa Bara 1932 bahe irratti hundaa'uun mana baruumsaan itti barachaa ture gadi lakkisuun koo dirqama natti ta'e. Kanan ishee jaalladhuu fi kan na jaallattu barsiistuu tiyya aadde Kee duukaa osoo walitti boonyuu adda baane. Warri nu argan baay'ee gaddan. Booyicha keenya hirmaatan. Bara 1941 jalqaba irratti obboleettii too Maargoot waliin mana baruumsaa yihuudotaa sadarkaa lammaffaa galmoofne. Arfan keenya jechuun "Maargoot, Ana, Abbaa kiyyaa fi Haadha tiyya" kan ilaaleen baay'ee waantonni hammaatoon hin turre. Hanga ammaa kan ture kana fakkaata.

DILBATA GANAMA ADOOLESSA 5 1942[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu KIITIIf ......Yeroo darbe Abba kiyya waliin Addabaabaayii isee xiqqoo osoo qaxxaamuraa jirru yeroo dhiyootti gara iddoo dhokannuutti akka deemnu natti odeessuu jalqabe. Ammaa kaasee waan akkasii yaaduu maaliif akka jalqabe nan gaafadhe. "Maal sitti fakkaate Aanaa" naan jedhe. "Akkuma beektu bakka dhokannaa keenya kanatti nyaata, uffata fi meeshaalee mana keessaa suuta suutaan otuma walitti qabnuu kunoo waggaa tokko fi walakkaa fixnee jirra. Qabeenyi keenya Naaziitiin akka saamamu hin barbaannu. Itti dabalees isaan jala gallee jiraachuu hin feenu. Kanaafuu otoo isaan dhufanii nu hin fudhatiin dhokachuu qabna." "Garuu Aabbaa yoomi garas kan deemnu?" Turtii yeroo diqqoo booda yeroo naa deebisu sagaleen ani dhagahe sagalee isaa duraa irraa kan adda ta'ee fi kan itti hadhaawe fakkaata. Kanaaf sodaan tokko nakeessatti guddachaa deemaa jiraachuun isaa natti dhagahame. "Maalumaafiyyuu Ati dhimma kanaaf of hin dhiphisiin. Waa'ee kanaa nutumti akka ta'u goona. umurii dargaggummaa kee xiqqoo si hafte kana mi'aayina isaa dhamdhamuu yaali." Naan jedhe gateettii kiyya qaqqabachaa gaaffii dabalataa nan gaafatiin kan jedhu akka fakkaatutti tarkaanfii isaa dheeressuu jalqabe. Hagasi, kanuma ture kan Inni natti hime. Yeroon kun ta'u otoo fagaatee maal qaba? Aanaa kee irraa

KAMISA ADOOLESSA 8/1942[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu KITIIF Dilbataa fi har'a gidduu waggaa waan ta'e natti fakkaata. Guyyoota muraasa kana keessatti waantonni baay'een ta'aniiru. Waan addunyaan kun hurrooftee daaraa taatee, Samiinis waan nutti jige fakkaata. Eeyyee kiitii amma illee lubbuun jirra garuu. Abbaan kiyyas "Angafti dubbii lubbuun jiraachuu dha." Jedha mitiiree? Eeyyee kiitii dhugaatti lubbuunan jira. Garuu eessaa fi akkamitti akkan jiru gaafachuu hin yaaliin! Gonkumaa gaafachuun siif hin Malu. Kanaaf yeroo darbe jechuunis dilbata waaree booda waan ta'eenan siif jalqaba. Guyyaa keessaa sa'aatii sagaliif walakkaa irratti namni wayii waamtuu balbalaa mooraa keenyaa bilbile. Ani immoo akkuma yeroo kaanii sibsaabii mana keenyaa jala taa'een kitaaba dubbisaan ture. Kanaafuu waamicha bilbila balbalaa sana hin dhageenye. Baay'ees osoo hin turiin Maargoot balbala kutaa nyaata itti qopheessinuuu achii'as baate. Baay'ee akka naate irraa beekama ture. "Si hin ajaa'ibu Aanaa?" Naan jette. Miirri isii naasuun jijjiiramuu baruu koo yeroo bartu "Naazonni abbaa keenyaaf waraqaa waamichaa ergan. Haati teennas haala isaa obbo Faandaan gaafachuu deemteetti." Obbo Faandaan jechuun abbaa koo duukaa shariikummaan kan hojjetanii fi michuu dhihoo abbaa kooti. Lammummaan isaa Hoolaandi dha. Wanni Maargoot natti himte baay'ee na naassise. Waraqaa waamichaa jechuun maal jechuu dha? Ana irraan kan hafe hundi isaaniiyyuu waan beekan natti fakkaata. Namoota waraqaa waamichaa geessisan gara eessaa akka geessan tilmaamuun yaale. Waa'ee buufatoota uggurtii baay'ee dhagaheera. Odoo iji keenya arguu abbaa keenya gara buufatoota abaaramoo sanaa geessuuree? "Deemuu isaa miti" naan jette Maargoot. Garuu of tasgabbeessuu waan yaaltu fakkaatti. "Haati teenna gara obbo Faandaan kan deemtu" jettee ibsasaa itti fufte. "Guyyaa alana barii'utti gara bakka dhokannaa keenyaa akka deemnuuf haala mijeessuufi. Sababni isaas obbo Faandaan fi maatiin isaanii nu waliin akka dhokataniifi. Walitti nuhi torba jechuu dha." Erga naan jettee booda gidduutti callinsi hanga tulluu gahu mohe. Oduu gosa kamii iyyuu itti fufuu hin dandeenye. Iddoo dhokannaa yeroof kan ta'e, bakka oolmaa qaama miidhamtootaa, deemee kan hin deebine, fuulduratti raajii isaa arguuf kan jirru abbaa koo yaaduu qofa. Kana irratti immoo hoo'i isaa dhiphina sana duukaa walitti ida'amee daawullaa tokko tokko harganuu jalqabne. Callinsichis ittuma caalaa deeme. Akka tasaa waamichi balbala keenyaa irra deebiin dhagahame. "Haarii ta'uu qaba" jedhee yeroon gara balbala keenyaatti deemuuf jedhu Maargoot harka koo na qabde. "Akka hin banne" naan jette. Garuu yeroodhuma sana harmeenii fi obbo Faandaan Haarii duukaa osoo odeessanii dhufuu isaanii dhageenye. Gara kutaa nuti jirruutti darbanii balbalicha cufan. Sana booda anii fi Maargoot lakkoofsuma balballi bilbilamun karaa qaawwaa ilaaluun abbaa keenya ta'uu fi ta'uu dhiisuu hanga adda baafannutti hin bannu. Obbo Faandaan kophaa harmee waliin marii'achuu waan barbaadaniif anii fi Maargoot akka gadi baanu taassifamne. Kophaa keenya osoo gola ciisichaa jirruu Maargoot fuula ishee irraa gaddaa fi dhiphinni bifa dhokachuu hin dandeenyeen otoo jirtuu, icciitii tokko natti asaaste. Sila waraqaan waamichaa abbaa keennaaf osoo hin taane Maargootiif akka ta'e. Naasuun na keessaa danfe. Miirri haaraan natti dhagahame. Boo'uun eegale. Maargoot reefu umriin isii ganna kudha jaha dha. Dhuguma shamarran umrii kanaan warra irraa adda baasanii gara buufataa geessu jechuudhaa? Gaarummaan isaa galanni uumaaf malee maargoot hin deemtu. Harmeenis kanuma naa mirkaneessite. Abbaan koos yeroo dhiyootti gara iddoo dhokannaa keenyaa akka deemnu natti himuun isaa waan kana natti dubbachuu isaati. Dhokachuu tole haa dhokannu. Garuu eessa ta'a kan deemnu? Maal keessa ta'a kan dhokannu? Magaala keessa moo baadiyaa dha? Mana keessa moo holqa keessa. Yoom? Haala akkamii keessatti. Bakka akkamiitti? Warri kun yeroof kaasuun kan naa hin eeyyamaminii fi sammuu koo keessaa gaaffiiwwan baduu hin dandeenye dha. Yerosuma anaa fi Maargoot nu barbaachisu kan jennu daduu barruulee keenyaa keessa keewwachuu jalqabne. Jalqaba daduu kiyya keessa kanin kaahe yaadannoo tiyya tana turte. Sana booda qabsiiftuuwwan rifeensa mataa kiyyaa, Xalayoota turan fi Kkf.... Qofa gara bakka dhokannaa keenyaa yeroon deemu waantota na baarbaachisu jedhee yaade hunda daduu kiyyattin naqe. Naannoo za'aa kudha tokkootti aabbaanis dhufe. Baay'ees osoo hin turiin Meeppeen dhufte. (Meeppeen aabbaa wajji shariika biraati) Waan akka Kophee, Wandaboo, Shurraaba, Uffata keessoo fi istokingota kan fafakkatan uffatoota xixiqqoo daduu ishee keessa keessee erga nuuf qabatte booda, dhuftee akka nuuf jettee deebitu waadaa nuu seentee deemte. Isiinumti akka baateen irra deebiin manni keenya caallinsaan guutame. Eenyuu keenyayyuu nyaata waan jedhan nu jibbisiise. Miirri keessummaan tokko hunda keenya irra buufatee ture. Yeroon ciisicha keenyaa yeroo dhiyaatu, isa yeroo kaanii irraa kan adda tahe dadhabbiin guddaan natti dhagahame. Sireen irratti guddadhe ta'us halkan tokkicha kana qofaa kanin qabu akkuman gadi ciiseen irribni na qabee, subii yeroo harmeen na dammaqsitu sa'aa kudha tokkotti ofin bare. Gaarummaan isaa guyyichi akka kaleessaa hin hoo'u. Inumaayyuu haphisee akka barii'uu taheera. Hundi keenyayyuu uffata irratti uffata daballee ofitti uffisuu jalqabne. Sababni isaas korojoo uffataan guutame rarrafatanii deemuun Yihuudaa kamiifiyyuu dhorkaa dha. Kanaaf hanga danda'ametti fala kana arganne. Yeroo sana nama nu argeef garuu hemisfeera kaabaa bakka tuullaa cabbii nama deemu itti fakkaanna. Ammas taanaan bakki dhokannaa keenyaa eessa akka tahe odeessa fiixee tokko waanan dhagahe hin qabu. Ana irraan kan hafe hunduu akka beekan garuu nan beeka. Maalumaafuu Kiitii! mana keenya haga har'aa, balbala isaa cufnee sa'aa takka irratti manaa baane siin jechuun barbaada. Seeraan kan nagaa ittin dhaammadhe yoo jiraate "murtii" hadurree xiqqooo qofa. Foon kiiloo walakkaa tahuu fi barreeffama hadurree koo amaanaa jedhu gola hojii nyaataa kaa'eera. Qodaan nyaataa akka itti nyaannetti. Sireenis akka irra bulletti, sinkiramee osoo hin afamiin, qofa hunduu akka hunkurametti, ollaan keenya warri achitti hafe yeroo argan hiika maalii akka kennuuf hin beeku. Nuyif garuu hiika fedhe yoo kenne dantaa keenya miti. Nuun kan barbaanne balaa fuula keenya dura jiru kana jalaa bahuu dha. Yeroon bakka dhokannaa keenyaa gahuu qofa, malee inni kaan yeroof kan nu yaachisu miti. Jedhi egaa kiitii yeroof nagaa sittin dhaamma dha. Oolmaa keenya har'aa immoo borin itti sii fufa. Aanaa kee irraa

JIMAATA HAGAYYA 14/1942[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu KIITIIF Ji'a tokko guutuu sin cufe mitii? Natti hin murteessiin! Dhugaa dubbachuuf taanaan manni keessa jirru kunis ta'ee haalli Keessa jirru waanti haaraan mudatu kan hin jirree fi irra deddeebiin baay'ee karaa nama nuffisiisuun kan guutame ta'uu isaa irraan kan ka'e sitti himuuf dhimma adda ta'e argachuun waan natti ulfaateefi. Obbo Faandaan haadha warraa isaanii fi Ilma isaanii tokko waliin Adoolessa 13 dhufanii nutti dabalaman. Eegaa kan turre garuu guyyaa tokko booda adoolessa 14 ture. Garuu karoora isaanii guyyaa tokko dursanii ka'uuf kan isaan dirqisiise dhimmi cimaan mudate. Mana isaanii karaa bitaa fi karaa mirgaa namoonni jiraatan Adoolessa 13 fi 16 akka dhiyaatan Naazota biraa waamichi isaan dhaqqabe. Kanaaf obbo Faandaanfaa sodaan waan isaan galeef, guyyaa tokko dursanii ka'an. "Dhugaa isaaniiti, guyyaa tokko durfamuurra guyyaa tokko dursuutu wayya" Ilmi isaanii Piiter reefu ganna 16 hin fixne. Itti caaleeyyuu gowwaa fi waan fajajaa tokko dha. Michuu waa'ee baasu naa ta'a jedhees hin tilmaamu. Isa irrahoo Adurree isaa jaaledheefiira. Aanaa kee irraa

JIMAATA HAGAYYA 21/ 1942[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtu kiitiif Tibbana dubbisuus ta'ee qo'achuun hi'i naan jechaa jira. Hanga fulbaanaatti ofiikoof boqonnaa keennuuf murteesseera. Fulbaanatti aabbaanis akka na qo'achiisu walii galleerra. Ammumarraa dagachuu jalqabuu koo yeroon yaadu sodaan na galeera. Jireenya keenya keessatti jijjiiramni tokkoyyuu hin mul'atu. Anii fi obbo Faandaan osoo wal hin loliin oollee hin beeknu jechuun ni danda'ama. Faallaa isaatiin Maargootiin garuu akka lubbuu isaatti jaalata. Harmeen takka takkaa maaliif akka mucaatti akka na ilaaltu naaf hin galu. Maalirra iyyuu kan na jibbisiise kana dha. Kan hafe haalonni baay'ees hin ulfaanne. Piiteriifis waanan jaalluchuufii danda'u argachuu hin dandeenye. Mucaa baayyee faatii dhabaa dha. Yeroo isaa baay'inaan siree isaarra gangalachaa, yookaan hadurree isaa duukaa wal sukkuumaa oola. Faatii dhabaa hin carroomne dha. Aanaa kee irraa

KAMISA FULBAANA 2/1942[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu kiitii Obbo Faandaan fi Aadde Faandaan jeeqa uleetu hafe jedhamuu danda'u godhanii turan siif ibsuu hin danda'u. Namoonni gurguddoon akkasitti yeroo wal jeeqaniifi wal arrabsan umurii kiyyaa keessatti argee hin beeku. Aabbaa fi harmeen wal loluun haa hafuutii guyyaan isaan walii galuu didan iyyuu qaxab na jechaa hin jiru. Isayyuu kiitii dhimma isaan akkanatti ittiin wal jeeqan osoo beektee si ajaa'ibee si hin dhiisu. Waan tokko waan faayidaa hin qabnerratti hanga laagaan isaanii tatarsa'utti kan isaan walitti iyyan. Nutti hin fidiin qofa jenna kiitii. Walitti dhufeenyi Harmee fi aadde Faandaan gidduu jiru salphaa shaakirtaa'e sitti hin fakkaatiin. Wal dandeenyi isaaniis fiixee irra jira. Fakkeenyaaf, keessaa tokko siin hima. Aadde Faandaan Uffatoota mana ciisichaa waloon keessa kaawwannu sanduuqa dhaabbii keessaa ansoolaa sadan fuutee kutaa ishee keessa dhoksiteetti. Ansoolaan harmee hunduma keenyaaf ni ga'a kan jedhu gamnummaa walanqatteetiin. Egaa harmeenis fakkeenyummaa qulqulluu aadde Faandaan kana sii hordofte kaa!. Guyyaa sireen afumuuf jedhu maaltu akka uumamuuf jedhu ofii kee tilmaami. Qodaa nyaata ittin dhiyeessan kan ilaaluunis sanuma. Kan keenya eessa dhoksinee kan ishee qofa akka fayyadamnu isheef galuu hin dandeenye. Baastee fayyadamuuf iddoon isheen hin barbaanne jira sitti hin fakkaatiin. Harmeenis akkuma isa hin arginee cal jetti. Animmoo natti buusee qodaa cabsuun hojii kiyya ta'eera. Kaleessa qodaa mata jaboo ittiin dhugan kan aadde Faandaan nan daakeef. Qaba kan jettu qodaa suphee ishee ture. "Ati kan waa'ee hin baafne qalbii dhabduu nanaa" jettee natti baacce. "Yoomuma ta'a qalbii keetti kan deebitu? Qodaan tokko qabu, isumayyuu daaraa goootaa?" Osoo argitee kiitii waan manni ishee jalaa gubate fakkaatti. Obbo Faandaan faallaa isheetiin baay'ee natti tolaa dhufeera. Keessumattuu gidduu kana walii galleerra. Nuuf haa fullaasu malee. Harmeen har'a ganamas irra deebiin osoo nyaara natti gugguurtuu guyyeessite. Haalli ishee Kun akkam akka na nuffisiise osoo beektee maal qaba. Guyyaan Ilaalchi keenya kallattii tokko qabatu ni dhufa jedhees abdii hin qabu. Torban darbe jireenya nuffisiisaa irra deddeebiin mudatu haalli naa salphisu uumamee ture. Dhimmichis waa'ee dubartootaaf kitaaba barreeffamee fi waa'ee Piiter ilaallata. Isa dura waan tokko ifa siifan godha. Ana anaan waanta ilaallateen kitaabonni akkan dubbisuuf naaf eeyyamamaniif hin eeyyamamne jiru. Anis seericha fudhee kanneen naa eeyyamaman daangaa tokko maleen dubbisa. Maargootii fi Piiter garuu obbo Kireler kan murteessan hundumaa daangaa tokko malee dubbisuu danda'u. Kitaaba waa'ee dubartootaaf barreeffama kana abbaa manoonni keenya maaliif akka uggura walii galaa irra kaa'an hubachuu hin dandeenye. "Ija Mukaa Dhorkame" akka jedhamu sana keessumattuu Piiteriif dhukkubbii itti ta'e. Raajii maaliitu irratti barreeffameetu? Yoo xiqqaate Maargootii fi isaaf kan eeyyamamuu dide? Yeroo miliqqee eegaa kan ture Piiter, harmeen isaa kutaa gajjallaa keessatti haasaatiin kiyyaawuu yeroo argu suuta jedhee kitaaba isaa fudhatee Qinaaxxii jala (koornisii) keessa seenee lubbuu baasicha duukaa maadheeffate. Guyyoota itti aananittis akkasuma gochuu itti fufe. Haatisaa maal gochaa akka jiru bira geesseetti. Garuu dabarsitee kennuu hin feenen se'aa argitee akka hin arginee taateefii. Haa ta'u malee baay'ees osoo hin turiin Piiter Ija Dhorkame waliin harka abbaa isaatti kufe. Obbo Faandaan balleessaa Piteritti akkam akka inni maraate hin gaafatiin. Harkaa harkatti kan qabame mucaa isaa irra takkaa bu'ee kitaaba sana harkaa butee lammaffaa gara kitaaba kanaa akka hin ilaalle immoo akeekkachiisa cimaa erga kenneefii booda as achi jedhee of tasgabbeessuu yaale!. Beektota jedhamtoonni dogooggora isaan hojjetan argitee kiitii? Obbo Faandaan mana isaatti itti gaafatamummaa isaa bahachuu isaati. Dursanii dubbii ittifachuun maaniif barbaachisee? Jedhamee obbo Faandaan osoo gaafatamee deebii gahaa waan qabu natti hin fakkaatu. Kanarratti sababa gahaa tokko malee waan takka dhorkamuu hammam akka nama raasu akkamittiin tilmaamuu dadhaba? Jaalannes jibbines hawwiin Piiter itti caalaa deema. kanumti dhufe haa dhufu malee kitaabicha xumuruuf ni kutate. Sanaaf karaa kitaaba raajii sana deebisee itti argatu yaaduurraan kan hafe osoo waamtee iyyuu hin owwaatu. Aadde Faandaanis haarmee waa'ee kitaabichaa maal akka yaaddu gaafatte. Harmeenis xiqqoo qummaaddee "Dhugaa dubbachuuf ani karaa koo Aanaa malee Maargootiin waan ilaaluun kitaabota baa'ee isaanii yoo dubbiste rakkoo hin qabu" jettee xiqqoo erga afuura fudhattee booda "Kitaaba sana garuu Maargootiyyuu yoo taate akka dibbiftuuf ani eeyyamamtuu miti" jettee ejjennoo ishee gogaa ibsatte. Kun kanaan osoo jiruu Piiter sa'aatii eenyullee isa hordofuu hin dandeenye osoo qoratuu dadhabbii dheeraan booda akka carraa yeroo argate. Galgala keessaa sa'aa tokkoo hanga sa'aa lamaa fi walakkaatti. Hunduu gara kutaa gadiitti bu'anii yeroo raadiyoo dhaggeeffatan. Gaafuma sana galgala sa'aan tokko yeroo ta'u firii dhowwame sanaafii tirika qabatee baaxii isaa keessa seene. Akka Karoora isaatti sa'aa lamaa dura bahee haalota akka dura turaniitti deebisuutu irra jira ture. Garuu kitaabichi akka qoosaatti waan dhiisan hin turre, yeroo kottee namaa dhagahu miskiintichi Piiter nahee utaalee yeroo qinaaxxii keessaa bahu abbaa isaa waliin fuulaa fuulatti ija walitti baasan. Ammas harkaa harkatti..... Kiitii kana booda waan uumamuu danda'u ani sitti himuurra atumti osoo tilmaamteen jaaladhe. Aanaa Kee irraa

WIIXATA FULBAANA 21-1942[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu kiitiif Har'a kanin sitti himu kuufama oduu waa'ee keenyaati. Eessarraa akkan sii jalqabu garuu mooji. Aadde Faandaan irraa sii haa jalqabu. Aadde Faandaan dubartii akkam rakkistuu sitti fakkaatti. Matumaa dubartii danda'amtu miti. Anaan immoo raajiif qikkeessitee na qabdeetti. Lakkoofsuma ani dubbadhuun gaafni ishee dhaabata. Jireenya ishee keessatti akka tiyya kan odeessitu ishee mudatee akka hin beekne dubbatti. Sanas ta'ee kana asiin ta'ee achiin waan ittiin nu aarsitu hin dhabdu. Amalashee gidduu kanaas siifan hira. Kan ittiin affeelanis haa ta'uu distoota keessatti waan xiqqoo ishee hafe yoo argite meeshaa sana dhiquu hin barbaaddu. Achumatti qadaaddee dhiisti. Hojiif jettee yoo qodaa wayii bardaaddee yeroo qodaa tokko bantu foolii jijjiiratee fi arrii baasee argita. Gaafa nyaata qopheessuun dabaree aadde faandaan ta'e waaqayyo Maargoot si hin godhiin. Kan Ciree, laaqana fi irbaanni ittii nyaatame, ganaamaa hanga galgalaatti qodaa ittiin dalagamaa oole dhiquun isheema eeggata. Isayyuu akka isheen itti of jajju osoo argitee! Aabbaan hojii hiikuu isaa irraan kan ka'e haa ta'uu moojisaa yeroo isaa baay'inaan sanyii isaa lakkaa'uu irratti fixa. Barruulee fi qalama isaa qabatee taa'ee hiddaa fi sanyii isaa barreessaa oolee, bula. Obboloota isaa, adaadota, indootiyyoota, eessumoota, wasiilota, karaa abbaas, karaa haadhaas akaakayyuu fi akkoo akkasumas akaakileewwan, anis isa biraa mixiq hin jedhu. Waa'ee tokko tokkoo isaaniis Ibsa gabaabaa naa godha ture. Akkam akka natti toluu fi akkamitti afaan kiyyaa banee akkan dhaggeeffadhu sitti himuu hin danda'u kiti. Obbo Kireleris guyyaa kudha shan shaniin kitaabota gaggaarii naa fida. Addatti kitaabota sisi van maarsivelti akkamitti akkan jaaladhe siif ibsuun na rakkisa. "Midisaamer Maadnes"'s yeroo afurii ol irra deddeebi'ee dubbiseera. Gidduutti wantoota nama kolfisiisan qaxab wayita na jedhan ammas akka maraatuu kophaa kiyyaan kolfa yoon siin jedhe na amantaa? Qo'annoo koo afaan Faransaayis jabeessee qabadheera. Himoota rakkisoodha jedhaman keessaa guyyaatti yoo xiqqaate himoota shan qabadheen oola. Piiteris karaa gama isaa afaan ingizii raajii isa gochaa jira. Takka takkammoo BBC'n waa'ee dachee Hoolaandi yeroo odeessu nan hordofa. Fakkeenyaaf yeroo darbe Ilmi mootii Barnaandi Keessummaa BBC ture. Intalli mootii Juliyaanaan ji'a amajji dhufu akka deessu eegamaa jiraachuu ishee ibse. Baayyee baayyee natti tole. Jireenyi Maatii mootichaa maaliif haga kana akka na harkise maatii koottis bitaa kan gale ture. Waanti keessa koo jeequ tokko akka tasaa natti dhagahame Kiitii. Edaa uffata gahaa hin qabu. Yeroon qorraas dhufaa jira. Ani kanin qabu wandaboo harka qabuu fi uffata wandaboo mudhii gadii gabaabaa hojii harkaa sadii qofadha. Fo'aa suufii mana keenya jiru hojii harkaa(xibira)f akka fayyadamu abbaan koo naa eeyyame. Maqaan isaa fo'aa suufii haa jedhamu malee qulqullinni isaa baay'ee kan bu'e ture. Garuu gaaffiin ammaaf jiru jabina fi qulqullina osoo hin taane qorra dhowwuu danda'aayii dha. Si hin dhibuu Kiitii? Namoonni uuffata iddoo keenyu dhabnee rakkachaa turre, waa'ee uuffata dhabuu yeroo haasofnu. Mana turretti olloota keenyatti uffanni amaanaa dhiisne, biyya uffisa ture. Maal godha Kiitii? Lolli kun dhaabbatee yoo eddoo keenyatti deebi'uu baanne, deebinee waan argannu miti. Inni namoonni amaanaa itti keennine lubbuun yoo nu eegan mitiiree? Waa'ee aadde Faandaan waa ta'e tokkon barreessa ture. Anumaa barreessee fixee eessaa akka dhufte hin beeku, kanuma isheen fuula koo dura dhaabatten arge. Yadannoo koo dafee gombisee walitti qadaadeen itti qummaadnaan, sagalee laafaa tokkoon "Aanaa koo yaadannoo kee natti agarsiisi mee" naan jette. Anis "lakki lakki, aadde Faandaan hin danda'u" jedheen qummaaddii kiyya itti fufe. "Maal qaba?" "Waayyuu hin qabu aadde Faandaan, eenyuttuu akka hin argisiifne waanan murteesseeruufi" "Tole bareedduu koo fuula dhumaa qofaa natti argisiisi" "Hin danda'u aadde Faandaan, baay'een gadda." Narraa buttee fuute. Garuu gaarummaan isaa osoo hin dubbisiin lafa keesse. Osoo dubbisteetti ta'ee naa dhumee ture. Keessumaa fuulli dhumaa isheetti mitii diina isheettuu agarsiisuun qaanessaadha. Aanaa keerraa

JIMAATA FULBAANA 25/ 1942[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif ! Kaleessa oduu na dharraasifnaan mana ciisichaa Obbo Faandaanii fi aadde Faandaan kan taate kutaa xiqqoo darbii ol aantu keessan dhaqe. Yeroo tokko tokkommoo yeroo baay'ee gaariin dabarsa. Egaa kaleessa waa'ee Piiter osoo odeessinuu dhiissisnen siin jedha. Piiter darbee darbee maddii koo akka na hooksuu fi anis dhiirri kamiyyuu akka hadurree manaatti akka na sukkuumu akka hin feene, kanaaf Piiter Adaba akka bituu qabu isaanittan hime. Egaa waa'ee Haadha fi abbaa ni beekta. Afaan laafanii Piiter baay'ee na jaalachaa akka jiruu fi hangan danda'e akkan itti dhiyaachuu yaalu na gaafatan. Garaa kootti "Yaa miskiina koo Piiter"n jedhe. Afaan koon garuu "Lakki dubbiin akkasii hin jiru"n jedhe. Raajii kiyya argitee Kiitii? Piiter amala bitaa namatti galu akka qabuu fi akka ija laafu "Ija laafuunis isa irratti hin jalqabne" Dhiironni dafanii namatti dhiyaachuun isaan rakkisu akkuma isaa kana ta'uu isaaniin ibseef. Aanaa kee irraa DILBATA FULBAANA 27 1992 Jaalatamtuu Kiitiif Harmee wajji ammas lola hamaa keessa galle. Kun yeroo dhibbaffaaf, yeroo kumaffaaf, yeroo kitilaaf ta'uu isaati. Amma ammammoo ibiddaaf chidii walitti taanee jirra. Maargootis taanaan akka durii garaa fi aannani siin jechuu hin danda'u. Walitti dhufeenyi laafaan akkasii maatii keenya keessatti dhufa jedhamee yaadamee hin beeku. Amala Harmees ta'ee kan Maargoot amma amma keessummaa natti ta'eera. Garuu kan Maargoot malee kan harmee bareera. Hiriyoota koo baay'ee duukaa walii galee haadha too wajjin walii galuun na rakkise. Nama hin gaddisiisuu Kiitii? Inni kan biraanimmoo, namoonni baay'een isa ijoollee isaanii reebanii seera qabsiisan, ijoollee dhiphisan isaan hanqatee adadumu bakkee bahaniin ijoollee namaa irratti akka isaan ukkaamsaman yaalan, waan isaan hin galchine keessa galanii bukeessan. Obbo Faandaanii fi Aadde Faandaan namoota amala akkasii qabaniidha. Akka ilaalcha isaaniitti Maargoot raawwattee beektuu fi hir'ina kan hin qabne, gorsis kan ishee hin barbaachifnedha. Waa'ee koo garuu maal jedhan seeta? "Kan Aanaa dhiisuudha. Yaada jallinaa isheefis obboleettii isheefis gahu qabdi" jedhan. Yeroo maatiin lamaan dhiyaanatti dhiyaannu, wal jijjiirraan dhukaasa dubbii mana kana keessa jiru isoo dhageessee! Irra caalaatti ka'umsi dubbiis ana. Harmee fi aabbaan xiiqiif ta'ee hin beeku yeroo hunda gara koo goru. Akka ani balleessee osoo beekaniillee dabarsanii na hin kennan. Umriin aabbaa fi harmee haa dheeratu malee osoo akka aadde Faandaan faa ta'ee yoona badeera. Egaa obbo Faandaan fi aadde Faandaan yeroo bahanii kutaa isaanii deeman Harmee fi aabbaan humna isaanii gara kootti naannessu. "Maal qaba arraba kee isa ibidda kana osoo sassaabbattee?" Naan jedhu. "Maal qaba nama jabaa duukaa osoo afaan banuu dhiistee, waan si hin galchine keessa galuu dhiistee?" Gatii maal qaba Kiitii akka isaan barbaadan ta'uufii hin dandeenye. Hangan danda'u yaaleera. Garuu na dhibe. Gaarummaan isaa obsi aabbaa waraabamee waan dhumu miti. Amala koo danda'ee harmees ni tasgabbeessa. Dhiyaana irratti waan irratti waldhabne kan waa'ee hin baafne keessaa tokko sitti haa himu. Fakkeenyaaf guyyaa har'aa ani fuduraalee nyaachuun natti hin tolle ta'a. Kanaaf maalan godha seete? Raafuu irraa xiqqeessee fudheen Mosee irraa immoo guddiseen fudha. Yeroo kana fuula Aadde Faandaan ilaaluu miti. Hiddi ishee ni bubbutama. Akkasumas miira ishee dhoksuuf yaaliin isheen gootu jalaa fashalaa'ee hin beeku. "Raafuu irraa itti dabali Aanaa" naan jetti achumaa achitti jecha dubbii ta'uu isaati. "Galatoomi aadde Faandaan dinnicha waanan baay'isee fudheefii?"n jedhaan. Eenyu akka an ta'e na hin beektu isheenis qoosaatti waan na dhiistu sitti hin fakkaatiin. "Raafuun baay'ee si gargaara jedheetaniini. Haati kees yeroo baay'ee kan sitti himtu kanuma mitii? Rakkoo hin qabu xiqqoo dabali" jettee ofiishee hammaartee dhiyaana kiyyaratti raafuu dabaluu jalqabdi. Garuu aabbaan namni na tuqe nama agartuu isaa tuqe waan ta'eef, osoo isheen baay'ee hin naqiin fal'aana tokko Yookaan lama yeroo isheen naqxu ishee dhaabsisa. Yeroo kanadha fuula ishee ilaaluun, hanga ishee gahutti qummaaddee, haala guddisa mucaashee balballoomsuu jalqabdi. "Afaan ishee haga badutti akkamitti gudfiftan!? Maal qaba yoona kana Aanaan osoo daa'ima taatee jiraattee? Akkattan sirrii galchee guddisu beeka" Wayita mara dubbii ishee jalqabaa fi xumuraa kan ta'e "maal qaba otoo Aanaan mucaa tiyya taatee jiraatte?" Jetti. Bagayyuu mucaashee hin tahiin. Egaa Kiitii waa'ee ijoollee guddisa Isaanitti sii haa deebi'u. Kaleessa aadde Faandaan erga haasaa ishee xumurtee calliinsi guddaan tokko ta'e. Sana booda aabbaan maal akka ittiin jedhe sitti himuu hin danda'u. "Akka kootti Aanaan guddisa baay'ee gaarii kan guddattedha. Amma ammaatti akka cabbii yeroo jechaan reebdu jecha tokko sii deebisuu dhiisuun ishee iyyuu kanuma agarsiisa. Raafuu filachuu fi mosee filachuun mirga isheeti. " atis akka jette guddisa gaarii yoo qabaatte, dhiyaana mataa kee malee kan Aanaa ilaaluun sirra hin jiraatu." Yeroo jalqabaaf Aadde Faandaan yeroo suquq jettun arge. Waan dubbattu jalaa badaa ture. Abbaan koo gatii ishee kenneef. Sitti haa agarsiisu Kiitii; Ofiishee raafuun dhiyaana isheerra kaawwatte fal'aana tokko hin caalu. Egaa kan ishee hir'ina guddisaa mitiiree? "Tasumaa ani yoon galgala galgala raafuu baay'ise garaa goginsi na ajjeesa" hahaha gamni ishee qofaa dha. Jalqabuma eenyutu waa'ee koo odeessi jennaan walanee kana hunda argiti. Aadde Faandaan yeroo qaanoftu ilaaluun namatti tola. Animmo qaanii wanti jedhan sirumaa naa waliin hin uumamne. Aadde Faandaanis tokko kan isheen na jibbitu kanumaaf natti fakkaata.

Aanaa kee irraa

WIIXATA FULBAANA 28 1942[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Kaleessa waan baay'ee kanan sitti odeessu osoon qabuu addaan kute. Lola biraa mana keenyatti uumame sitti himuun naaf mala. Isa dura garuu waan raawwatee bitaa na gale sin mariissisa. Namoonni gurguddoon maaliif akkanatti salphaatti jibbaaf ariifatu? Maaliif waan waa'ee hin baafneef jibba guddaa uumuu? Hanga har'aatti waan xiqqoof lola guddaa kan uumuma ijoollee xixiqqoo gidduutti qofa jedheen yaada ture. Innis adaduma guddattuun kan si dhiisaa deemu jedheen yaada. Takka takkaa haalonni walitti nama buusan hin uumaman jechuu koo miti. Waantin argaa jiru garuu tasuma tilmaama kiyya irra darbee haala qaanessaa dha. Haa ta'u malee ofiif illee jedhee, dhugaa ani dafee baruu fi fudhachuu qabu akka ta'e illee natti dhagahama. Kana gochuu garuu hin danda'u. Danda'uus kanin qabu natti hin fakkaatu. Sababbiin isaas lola baay'eef, hundumaa isaa haala jedhamuu danda'uun ka'umsi isaa ana waan ta'eef. Namoota akkanaa biratti Kiitii waan tokkoon koo iyyuu sirrii miti. Waan Hundi koo yeroon siin jedhu, ilaalchi koo, uffanni koo, deemsi koo, taa'umsi koo; qofa waan koo A hanga Z'aatti osoo hurgufamuu oola. Osoo hurgufamuus halkanaa'a. Kun osoo natti hin hir'atiin oriisaan hangana hin jedhamne callisee liqimsuu irraan kan hafe deebii deebisuun jechi tokko akka afaan kootii hin baane ajajni naa kennameera. Lakki Kiitii kanallee osoo hawwanii hafu malee ani hin godhu. Isa akkas waliin dhahaa kana ittiin hin guddanne. Utuun yaalees waan naa ta'u miti. Hin danda'u kiitii, arrabsoo nama hundumaa boquu buusee fudhachuu hin danda'u. Dhugaa isaa natti himi yoo jette kiitii, otoodhuman danda'eeyyuu hin godhu. Osoo danda'amee Aanaa Firaanki kaleessa akka hin dhalanne sirrii godheen isaanin hubachiisa; Sana booda Aanaa barsiisuuf akka isaan ga'umsa hin qabne isaan barsiisa. Tarii yeroo nahan arraba saanii xiqqo sassaabbatu ta'a. Baayyee kan nama dhibu dha Kiitii, dhuguma ani akka jedhan guddis baddee, of tuultuu, ofittoo, kkf ta'eeni kun hunduu kan narra ga'e. Miti, kun raawwatee miti. Dhugaa dha, akkuma nama kamiiyyuu hanqina mataa koo nan qaba. Sana anuu beeka. Hin waakkadhus. Garuu gurra guddisni isaanii kun anaan kan na sirreessu osoo hin taane, hangam akkan isaan taajjabe osoo beekanii akkam ofitti qaana'u? Egaa yeroo isaan dubbii jallinaa, dubbii nama xiqqeessu daddarbachaa oolan akkatti na gubu kiitii. Hanga yoomiitti keessa koo dhoksee jiraadharee? Guyyaa tokko akka volkaanootti futtaafadhee dhohuun kiyya hin hafu. Gara mata duree dura sii jalqabeetti sii haa deebi'utii, Taa'umsa keenyatti naannofnee kan qinaaxxii fi gorroo otoo odeessinuu, akkamiin akka yaadatame hin yaadadhu. Garuu waa'ee aabbaa gaarummaan isaa safara darbe ka'ee asiis achiis dubbiin darbatamuu jalqabe. Aabbaa dhiyeenyaan beeka taanaan nama fayyaa dhiisiitii maraatuunuu dhugaa kana dhoksuuf ni rakkata. Kana gidduutti aadde Faandaan kaatee "anis gita abbaa manaa koon yoon ilaalame nama gaariidha" jettee gadi sii hin teessuu?. Obbo Faandaan "eeyyee sirrii jette, ani nama gaarii miti. Ta'uus hin barbaadu. Hamman beekutti nama garraamii ta'uun kasaaraa malee bu'aa isaa hin argine" erga jedhee booddee gara kootti naanna'ee "Waan tokkon si gorsa Aanaa, yoomiyyuu yoo ta'e kan siif maluu olitti gaarii ta'uuf hin yaaliin. Garraamummaan humna olii eenyuuniyyuu eessayyuu hin geessisu. Siitti hin fakkaatiin" naan jedhe. Harmeenis yaada kanatti akka walii galtu ibsite. Aadde Faandaan garuu waanuma amala ishee dubbatte. "Nama dhiba, waa'ee jireenyaaf ilaalcha isin qabdan tasuma waan baramee hin beekne dha" jette kallattii qara dubbii ishee gara Harmee fi Aabbaatti garagalchite. "Akkamitti mucaa xiqqoo gorora liqimsuuyyuu hin barre biratti waan kana dubbattu? Dhuguma kun hawaasa biratti baratamaa miti. Akka keessan warra qaroomneerra jedhan biratti yoo ta'e malee" Aadde Faandaan kana jettee yeroo raawwattu maddiin ishee ansoosillaa fakkaatan. Qeeqa waan nama irratti dhiyeessite osoo hin taane waan qeeqi irratti dhiyaate fakkaatti. Haa ta'u malee akka isheetti hin tollee fi mata duree sana xumuruuf akka ariifatte irraa beekama. "Maal sitti fakkaate aadde Faandaan anis yoon ta'e waan tokkon amana, namni tokko jireenya isaa keessatti waan tokko gochuuf milkaa'ina yoo fedhe gaarummaa humnaa olii gochuun isarraa hin eegamu. Fakkeenyaaf abbaa manaa koo, Maargoot, mucaa kee Piiteriin yoo fudhanne saaxilamtoota kanaati. Miidhamaniirus. Abbaa manaa kee, Aanaa, sii mataa kee fi ani guutummaa guutuutti isaaniin faallaa yoo ta'uu baanne illee yoo xiqqaate na hin tuqiiniin keenya wal nama hin gaafachiisu" jette harmeen. "Maal jechuu barbaaddeetu aadde Firaanki?" Jettee aadde Faandaan falmii ishee yeroo jalqabdu abbaan manaa ishee ishii dhaabsise. "Gahe namni hunduu akka fedha isaati. Ani karaa mataa koo waan tokko sirrii godheen beeka. Gaafuma tokkoof illee osoon gaarii humnaa olii godhee akkan miidhamu nan beeka" Obbo Faandaan ofirraan qoladha jedhee dubbii qaanfachiisaa inni dubbateen harmeen aaruu eegalte. Haalli harmee kun immoo boqonnaa sammuu aadde Faandaani. Takkaa afaan Jarmaniin takkaa afaan Hoolaandii wal keessa tartiiba malee dubbachaa dhumarratti arrabni ishee yeroo dubbachuu dadhabu, afuura dheeraa.. dheeraa.. bafachuu qofa ta'e. Sana booda barcuma irra teesse sana irraa kaatee Osoo deemtuu tasa iji ishee lamaan narra bu'e. Akkam akkam akka ishee godhu sitti himuu hin danda'u. Waan hamaa natti nannessuuf,.. yeroon kana hubadhu mataa koo bitaa gara mirgaa sochoosuun gadda koon ibse. Sana booda narra naannofte. Ammas jechoota afaan Jarmanii fi Hoolaandi natti firfirsaa jirti. Tilmaamuuf kan nama rakkisu agarsiisa addaa ture. Maal qaba osoon fakkii kaasaa ta'ee haala kanaan osoon ishee kaasee? Dubartii fokkattuu akkamii dha? Kiitii amma waan tokko naa galeera. Namoota kan sirriitti hubachuu dandeessu yoo lolte dha. Yeroo sana qofaadha amalli isaanii inni sirriin kan akka dungoo ifuutti mul'atu. Aanaa kee irraa


KIBXATA FULBAANA 29/1942[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu kiitiif Rakkoo du'a dhokatanii jiraachuu nama hin argineef ibsuun ulfaataa dha. Guyyuun haalonni si mudatan raawwatee amanuuf kan nama rakkisaniidha. Har'a hin ta'iin malee namoonni torba lubbuu keenya tursiisuuf jennee as keessa dhokannee jirru jireenya guutuu akkamii keessaa dhufne. Iddoon nuti dhokannee jirru garuu mana qaama dhiqannaa kan hin qabnee dha. Dhaqna keenya kan dhiqannu qodaa uffanni irratti miiccamu irratti. Gaarummaan isaa gara gadii waajjira obbo Kirelerfaa keessa elektirikiin bishaan hoo'isu jira. Hijjettoonni hunduu yeroo waajjira gadhiisanii deeman dabaree dabaree dhaan qodaatti waraabnee ol guurree ittiin dhiqanna. Kana qofa miti innumtuu meeshaa mijataa miti. Amalli fi saalfiin keenyis akkuma bifa keenyaa adda waan ta'eef hunduu yeroo, bakka fi akkaataan qooddatee qaba. Fakkeenyaaf Piiter kan filate mana nyaata itti qopheessinu. Garuu balballi mana nyaata itti qopheessinu fullee waan ta'eef Piiter wayita dhaqna dhiqatu tilmaama sa'aatii walakkaa gara manichaa akka hin ilaalle nu dhorka. Obbo Faandaan immoo achuma kutaa ciisichaa isaa keessatti dhiqachuu barbaada. Kutaa gara gadiitii bishaan ho'aa fidee dhufee kutaa itti aanutti ol dabarsuun na baasa jedhee amaneera. Aadde Faandaan immoo iddoo isheef mijatu iyyuu waan argatte hin fakkaatu. Aabbaan immoo waajjira dhuunfaa obbo Kireler fayyadama. Harmeen immoo mana nyaata itti qopheeffannu duuba, bakka ittisa ibiddaa cinaa kutaan dukkanaa isheef ta'eera. Anii fi Maargoot immoo kutaa guddaa waajiraalee isa gara gadii, guyyaa sanbataa waaree booda fi dilbata guyyaa guutuu, kutaa irra jireessaan dukkana ta'e keessatti dhiqanna. Haa ta'u malee kutaa kana osoo bayyee hin turiinin jibbe. Torban darbe keessa immoo kutaa mijataa kan naaf ta'u kami jedhee yaadaan ture. Piiteris eeruu tokko naa kenne. Akkan kutaa gara gadii keessaa mana fincaanii isa fooyya'aa ta'e akkan fayyadamuuf yaalu naa hime. Eeruu sirrii ture. Kutaan sun bakka bidiruu dhiqannaa waan qabuuf dhaabachuun dirqama miti. Taa'ee dhiqachuu nan danda'a. Ibsaa ibsachuu nan danda'a. Ergan ol seenee balbala shoggomuu nan danda'a. Dhumarrattis rakkoo tokko malee bishaan ittin fayyadame dhangalaasuu nan danda'a. Waan hundarra ijji na argu akka hin jirre ofittin amana. Dilbata darbes bareedaa fi qulqulluu kan ta'e kutaa dhiqannaa koo yeroo jalqabaaf yaaleera. Dhugumatti bakka kanatti kan kana irra foyya'aa ta'e jira jedhee hin yaadu. Aanaa kee irraa.

KAMISA ONKOLOLESSA 1/1942[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu kiitii Kaleessa nasuutiin sii du'een oole. Ganama keessaa naannaa sa'aatii lamaa keessa bilbilli balbala keenyaa tasa iyyite. Haala bilbiluu Meeppeefaa isa barre sana miti. Waajjirri obbo kirilerfaa immoo sa'aatii lamaa fi walakkaa gadi waan banamu miti. Kanaaf waan nutti dhufan se'een onneen koo hojii waan dheebde natti fakkaate. Nutti dhufan yeroon siin jedhu eenyufaa akka ta'an tilmaamuun waan si rakkisu natti hin fakkaatu. Boodarra garuu namicha paastaa deddeebisu ta'uu akka hin oolle yaannee tasgabboofne. Goyyoonni bakka dhokannaa keenyatti dabarsaa jirru adadumaan sodaan isaanii nutti dabalaa jira. Hunduu wayita sagalee xiqqoo dhagahu akkuma hantuutaa dhokata. Fulbaana 29 guyyaa dhaloota aadde Faandaan ture. Akka mana ishee qophii guddaa gochuu yoo dhiifne illee hanga nuuf danda'ame guyyaa dhaloota ishee kabajneerraaf. Jechuun nyaata yeroo kaaniirra xinnoo adda ta'e nyaanne. Kennaa qoosaa tokko tokkos kennineef. Faaruu guyyaa dhalootaas farfanneefiirra, fi kkf. Dubbii keenya irratti kiitii!. Waa'ee aadde Faandaan ergan kaasee otoon sitti hin himiin kanin darbuu hin dandeenye tokko siin kaasa. Aadde Faandaan aabbaa duukaa waliitti dhufeenya walanqattee uumuuf yaaliin isheen hin yaalle hin jiru. Waan ishee kun baayyee nagaa na dhowwaa jira. Carraa argatte hundaan fuula isaa yookiin qajjisa isaa hooksiti. Ta'e jettee uffata ishee sarbaa ishee irraa fuutee fuula dura isaa teessi. Dubartii baayyee beektuu fakkaachuufis dibbuu makmaaksaa tokko tokko darbatte qalbii isaa booji'uufis ni yaalti. Waaqayyo haa galatoomu malee aabbaan garuu waan hundi ishee itti hin tolu fakkaata fuula isaa hin kennuuf. Harmeenis obbo Faandaan duukaa waan akkasii hin gootu. Kana immoo isheen mataan ishee aadde Faandaan bakka jirtutti dubbadheera. Aanaa kee irraa

ROOBII ONKOLOOLESSA 9/1942[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu kiitiif Har'a oduuwwan baay'ee nama gaddisiisani dha Kan ani sitti himu. Hiriyoonni mana baruumsaa, firoonni fi lammiwwan keenya yihuudaa ta'an guuramanii hidhamaa akka jiranii fi dhokfamaa akka jiran dubbatamaa jira. Namoota kana poolisoonni Naazii qabanii karaa mirgi namaa baayyee dhiibameen konkolaataawwan loon itti fe'amanii fi baabura walitti hidhamaaniin guuramanii, buufata uggurtii yeroo yihuudotaa Weester boorkitti akka geeffaman dubbatama. Waa'ee buufata uggurtii kanaa waanti odeeffamu hunduu baay'ee kan nama qorrisiisu dha. Namoota dhibbatti manni dhiqanna tokko hin jiru jedhan. Manni itti qulqullaa'an ammoo kana irra ni hammaata. Gituma kanaan akka korniyaa fi umuriitti kan adda bahee jiru hin jiru. Dubartoonni, dhiironni fi ijoolleen iddoodhuma tokko walirra rafu. Kanaaf waanta hamlee namaa miidhuu fi waan baay'ee sodaachisaa dha. Yeroo muraasaaf yookiin ji'a muraasaaf dubartoonni ykn durboonni achi turan ulfaa'uuf ni saaxilamu jedhan. Meeppeen waan baay'ee sodaachiisaa kana darbee darbee yeroo nutti himtu, dhagaahuun otoo natti hafee akka naaf wayyu keessi koo otoo natti himuu garuu biraa socho'uu hin dandeenye. Isheen mataan ishee sababii keenyaan walanee keessa galtee, akkasumas dhiphinni ishee keenyaa gadi akka hin taane naa gala. Yeroo dhiyootti kan ishee mudate keessaa jaartii yihuudii tokko caccabdee balbala isheetti yeroo argitu miilli ishee jalatti laafe. Poolisoota naaziitu fidee buusee hanga dhufanitti achii akka mixxiq hin jenne ajajanii deeman. Kanaaf Meeppeen mangoddoon sun hangam yoo isee gaddisiistes ishee gargaaruuf onnee hin jabaanne. Yaalii kana fakkaatu eenyuyyuu hin yaalu. Nama kana godhe yoo argan Naazonni dhiifama gosa kamiiyyuu hin godhaniif. Akkuma yihuudotaa gara bakka sodaachisaa sanaatti fe'u. Sitti haa agarsiisu kiitii, Kana osoo beekaniiti. Meeppee fi obbo keriler faa nama torba nu dhoksanii kan isaan nu sooran. Aanaa kee irraa

KAMISA ONKOLOOLESSA 29/1942[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitii Dhiphina gosa kamii keessa akkan jiru sitti himuu hin danda'u. Aabbaan baayyee dhukkubsateera. Hoo'i qaamaa guddaan isa dhiphisaa jira. Fuulasaa xosxosiin weeraree timaatimii fakkaateera. Dhukkubichi maal akka ta'e dhuunfaa keenyaan tilmaamuu irraan kan hafe beekuu hin dandeenye. Mee yaadi kiitii, iddoon jirru kun doktara illee waamuu akka hin dandeenye ni beekta. Harmeen gama isheen yoo xiqqaate ho'insa sana illee hir'isuuf yaalaa jirti. Kan ani sitti hin himne, akkamitti akka ta'e hin beeku kitaabonni tokko tokko ati ijoolleedha jedhanii dubbisuuf kan naa hin eeyyamamne, yeroo dhiyoo asitti naa eeyyamamuu jalqabaniiru. Fakkeenyaaf amma 'Eva's youth' dubbisaan jira. Waan si dhibu garuu kitaabota jaalalaa mana baruumsaatti dubbisnu caalaa adda ta'ee waan natti mul'ate hin qabu. Dhugaadha waantota haaraa tokko tokko irratti argeera. Fakkeenyaaf iddootti dubartoonni qaama isaanii qarshiitti gurguratan jira. Dubartoonni kunis gatiin isaan gaafatan salphaa akka hin taanes ni hima. Maaliyyuu ta'ee haalonni na dirqisiisanii osoon carraa kana hojjechuu argadhee qaaniin isaa akka na ajjeesu nan beeka. Mee kiitaaba kana irratti waan haaraa gara biraa tokko waanin arge sitti haa himu. Kitaabicha keessatti taatuu ishee jalqabaa kantaate Eva ji'aan kan argitu marsaa laguu isheef mudannoo haaraa eera. Anis marsaa laguu kiyya isa jalqabaa arguuf ariifadheera. Mudannoon kan keenya qofaa ta'e kun uumama keessatti baayyee barbaachisaa ta'uu isaa nan amana. Aanaa kee irraa

SANBATDURAA SADAASA 7/1942[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu kiitiif Harmeen tibba kana aartuu taateetti. Inni har'aa immoo waan hammaate fakkaata. Isheen miira akkasii keessa jirti taanaan anaan walaneen na eeggatu jira jechuudha. Maaliif garuu aabbaas ta'ee harmeen guyyaa tokko Maargootitti dubbatanii hin beekan, waanuma ta'e hundumaatti anatti ori'an. Kaleessa galgala waan ta'e sittan hima. Maargoot kitaaba keessa isaatti suuraalee babbareedaa qabu dubbisti. Sana booda kaatee bakka irratti dhaabde mallattoo godhattee keessee gara kutaa irra keessaatti baate. Ani immoo yeroo sanatti hojii tokkoyyuu waan hin qabneef, akkuma isheen baateen kitaabicha fuudheen gaggaragalchee suura isaa ilaaluun jalqabe. Maargoot deebitee dhuftee kitaabicha harka koo irratti yeroo argitu, nyaara ishee akka akka tokko gootee akkan isheef deebisu na gaafatte. Suurota sana ilaaluu waanan jaaladheef garagalchee suurota itti aanan waanan ilaaleef qofa Maargoot aaruu jalqabde. Harmeen itti dabalamtee, "Kitaabicha dafi Maargootiif deebisi. Kan dubbisaa ture ishee dha" nan jette. Yeroo kanatti aabbaanis gara kutaa nuhi jirruutti ol seene. Waan irra jirru illee osoo hin beekiin fuula Maargoot gurraacha waan argeef qofa natti ori'uu jalqabe. "Maali Aanaa yoo tole jette? Osoo Maargoot eeyyama kee malee kitaabota kee keessaa tokko fuutee dubbistee sitti hin dhagahamuu?" Naan jedhe. Kitaabicha achuma kaa'een gara kutaa mataa koottin deeme. Tilmaama isaaniitiin itti gaddee yookiin dubbii isaanitti aareen bahe. Garuu ani hin gaddine, hin aarres. Qofa miira gaarii hin taane tokkotu natti dhagahame. Aabbaan anii fi Maargoot wal lollee murteessi osoo jedhamee waan isaa osoo hin hubatiin anatti murteessuuf ariifachuun isaa madaalawaa miti. Dhugaa dubbachuuf osoo aabbaa fi harmeen gidduu seenuu baataniis ani yerosuma kitaabicha Maargootiif nan kenna ture. Isaan garuu akka waan Maargoot jalaa firdiin badeetti bira dhaabatan. Garuu maaliif? Harmeen Maargootiin deeggaruun isheellee waan haaraa miti. Harmee fi Maargoot yeroo hunda wal deeggaru. Waanan beekuuf amalli harmee fi kan Maargoot hagas mara na hin dhiphisu. Dhugaatti lamaan isaaniiyyuu nan jaaladha. Kanan isaan jaaladhu garuu harmeen haadha too, Maargootis obboleetti tiyya waan taateefi. Miirrin aabbaaf qabu garuu kanarraa adda. Takka takkaa Maargoot akka fakkeenyaatti fudhatee yeroo dubbatu, waan isheen gootu sirrii jedhee yeroo mirkaneessuuf, yeroo ishee galateeffatu, keessumaa jaalala abbummaatiin yeroo ishee hooksu waanti boqonnaa koo nyaatu natti dhaga'ama. Sababiin isaas jaalalli ani aabbaaf qabu humnaa oli. Baay'ees isan kabaja. Addunyaa irraa isarraan kan hafe uumamni ani jaaladhu waan jiru natti hin fakkaatu. Inni garuu ija Maargoot ittiin ilaaluun akka na hin ilaalle waan dammaqe natti hin fakkaatu. Rakkoo hin qabu. Maargoot shamarree bareedduu amalaan adduunyaa kana irraa gaarii dha haa jennu. Otoo ta'ees anis nama waanin ta'eef akka nama of danda'aa tokkootti ilaalamuun qaba. Hangan beekutti garuu fafni mana kanaa hundi ana akka ta'ee hunduu akka irratti walii galudha. Waanan godhuufis gatii dachaa baasaa har'an gahe. Oriisaa isaanii danda'ee, miira kiyya miidhameefis ofiidhuma koo of wal'aanee!. Kana irratti loogii narratti raawwatamu kana dandamadhee waanan turu miti. Aabbaa irraas kanan barbaadu kan inni naa kennuu hin dandeenye tokko jira. Dhugaa dubbachuuf Maargootiin inaafee miti. Yoomillee inaafeenii hin beeku. Dhaabbii ishee fi bareedina ishee osoo kiyya ta'ee jedhees guyyaan hawwe hin turre. Jaalala aabbaa argachuuf yaadee waanan dhabeef qofaadha. Kana irratti jaalalli dhugaan ani hawwe daa'ima waanan ta'eef qofa osoo hin taane, eenyummaa kootiin fi Aanaa ta'uu kootiin jedhee waanin amaneefi. Kanin aabbaa akkanatti itti cichuuf miirri akka maatiitti gammannee jiraachuu kan turuu danda'u gaggeessummaa isaatiini jadhee waanin amanuufi. Dhuguma aabbaan waantota naaf hin beekne baay'ee qaba. Voolkaanoo garaa koo keessaa, yaada dhiphinaa harmeetti darbee darbee kanan futtaafadhu yoo xiqqaate gubaatii isaa xinno lajab akka naa godhu naa beekuu qaba. Inni hanqinni Harmee matuma takkaallee akka ka'u hin fedhu. Yeroon ani rakkina harmee itti kaasu akkuma ta'u ta'ee mata duree na jalaa jijjiira. Garuu Kiitii tiyyaa, dubbiin cimaanii fi rakkisaan sammuu na nyaatu kanan baachuu dadhabe waa'ee harmeeti. Qofaa koos akkamitti akkan baachuu danda'u hin beeku. Ammas waanti biraan kan danda'amu jira. Ani fi harmeen raawwannee faallaa taaneerra. Waan ta'eefis yeroo hunda walitti bu'uun keenya waan hin hafnee dha. Kun amala harmeetti murteessuu miti. Sababiin isaas ani humna koon murteessuu waanan danda'u miti waan ta'eef. Ani haadha akka naa taatuufan barbaadan. Ishiin garuu ta'uuf fedhii hin qabdu. Kanaaf hangan danda'etti anumti mataan koo haadha ofiif ta'uuf nan yaala. Amma hunduma isaanii irraa adda of baaseen jira. Bidiruu jireenyaa ani yaabe kan oofus anuma. Deemsi qofummaa ani imalaa jiru garuu eessa akka na geessu fuula durattin ilaala. Kun hunduu kan ta'aa jiru irra caalaan sababa tokkoofi. Harmneen beektuun tokko daa'ima ishee duukaa walitti dhufeenya akkamii akka qabaachuu qabdu sammuun koo waan natti himu qaba. Harmee biratti garuu kan sammuun koo natti mul'ise kana bifa dimimmisaan illee arguu hin dandeenye. Hir'inoota harmee itti lakkaa'uu dhiisuuf yaaliin ani hin goone hin jiru. Waanin argu akka hin argineetti bira darbuuf yeroo baay'ee nan yaala. Gaarummaa ishee qofaa lakkaa'uuf waan isheen hin qabne illee of keessatti arguuf yaalii guddaa godheera. Garuu ta'uu dide. Tasuma hin hojjetu. Kunis waan harmee fi aabbaan hubachuu dadhabanii fi anis isaanitti murteessuuf dirqamuu kooti. Haa ta'u malee maatiin fedhii ijoollee isaanii guutummaa guutuutti guutuu kan danda'an addunyaa kana irra jiruu gaaffiin jedhus tibbana sammuu kiyya keessa deddeebi'uu eegaleera. Takka takka maal akkan yaadu beektaa kiitii? Waan Waaqayyo na qoraa jiru natti fakkaata. Kana duras na qoraa fi fuula durattis na qoruun waan itti fufu natti fakkaachaa jira. Kanaaf eenyuuniyyuu fakkeenya godhee osoo hin ta'iin yaalii mataa kootiin nama gaarii ta'uun qaba. Kana jechuun gargaarsa eenyuuyyuu malee miila koo lamaan isaan of danda'ee akkan dhaabadhuuf jabinan argadhe jechuudha. Waanin yaadannoo kana Irratti barreessu ana irraan kan hafe uumamni kan biraan akka hin argine jalqabuma waadaa ofiif seeneen ture. Kanaaf ofiidhama koo jabaadhu ofiinin jedha malee eenyutu dhufee jabaadhu naan jedha?. Gowwummaa haga kanaallee hin qabu. Maaliyyuu yoo ta'e garuu jabaadhuu eenyuuyyuu malee kophaa koo bahachuuf rakkoo cimaa akka natti ta'uu himuu barbaadeeni. Gita nama ta'uu kootiin hanqina hin qabu jechuu koos miti. Hanqinoota safara hin qabne akkan qabus nan beeka. Kanaafis of fooyyessuuf yaalii nan godha. Irra deddeebisees nan yaala. Safuu.... Waantonni hagam keessa koo guutanii summuugee akkan jiraachisaa jiru osoo naa beektee maal qaba kiitii? Eenyummaa koo isa sirrii ifa baasuuf jedhee namoota ala nama buusuuf yaalan wajjin deemuun hagam dadhabsiisaa akka ta'e ni beekta jedheen yaada. Kanaafi hirmaattuun miira koo yaadannoo koo qofa kanin jedheef. Sababiin isaas Obsa daangaa hin qabne kan qabu si qofa waan ta'eef. Haadha oolmaa koo waan taateefis waadaa tokkon siif gala. Maalis haa ta'u maal, imimmaan koo liqimsee hangan karaa rakkoo kana keessaa ittiin bahu argadhutti, matuma iyyuu abdii hin kutu. Kun waadaa dha. Akkan si hin qaanessines siifan mirkaneessa. Kanan hawwu yeroo dhiyootti akkan argadhu fi nama dhugaatti na jaalatu utuun qabaadhee isa jedhuudha. Baay'ee aarteetti yoo siin jedhan natti hin murteessiin kiitii. Inumaayyuu yeroo sana waan tokko yaadadhu. Takka takka anumti iyyuu akka rasaasaa dho'uuf tuqaa dhumaarra nan gaha ta'a. Aanaa kee irraa

KIBXATA SADAASA 10/1942[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Oduu ajaa'ibaa sitti haa himu. Mana icciitii keenya kanatti namni biraan kan wajjin burjaajofnu saddeettaffaan nutti dabalamuufi. Eeyyee amantees amanuu baattes kun ta'uufi. Namni tokko dabalamuun rakkoo guddaa qabaachuu isaa wallaallee miti. Waan hunda waliin geessisuu isa jedhutti waan amanneefi. As dhiyoo kana immoo oduuwwan waa'ee lammiilee keenya yihuudotaa suukkaneessaa dhagahuun keenya akka nuti hin didne nu dirqisiiseera. Akkasumas kan nu dirqamsiise hanqina soorata yihuudotaa bakkee kana jiruuti. Torbanuma keenya iyyuu sirriitti keessummeessuu kan hin dandeenye mana keenya bakka dhoksaa kanatti, keessummaan keenya dhufu Alberti Duusel kan jedhamu haakima ilkaaniiti. Haati warraa isaa carroomtuun rakkoon yihuudota argate kun osoo akkanatti hin babal'atiin dura, erga biyyaa baatee uumama kophaa isaa jiraatudha. Obbo Duuseliin, aabbaanfaas obbo Faandaan fa'is ijaan argaas ta'u ni beeku. Nama callisaa fi waajjin jiraachuufis kan rakkisu miti. Bakka ciisicha obbo Duuseliif erga irratti baay'ee marii'annee booddee bakka ciisicha Maargoot akka kennamuuf, Maargoot immoo kutaa aabbaa fi harmee akka raftu irratti walii galle. Aanaa kee irraa

KIBXATA SADAASA 17/1942[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Kutaa waloo keenya keessatti hunduu walitti dhufnee guyyaa rakkoof kan keenye hulaa xiqqoo bannee obbo Duuseliin simachuuf osoo eegnuu Obbo Kireleriin durfamee karaa dhiphoo icciitii sanaan ol bahe. Waa'ee maatii keenyaa yookaan waa'ee aabbaa nama beeku fakkaata. Yerooma aabbaa argu akka waan bakakkaan itti bu'ee qorre. Obbo Duusel miiruma qorre sanaan ol seenee erga taa'ee booda, Yeroo xoqqoof hunda keenya calliinsaan hubatee nu ilaale. "Ani ka je'u, isin gara beeljiyeemitti godaantaniittu hin jedhamneeyii?" Jedhe, arrabni isaa yeroo jalqabaaf dubbate. Waan hunda tartiibaan itti himne. Gowwoomsaaf, abdii akka kutataniif yaadannoowwan sobaa fi xalayaalee sobaa gara beeljiyeem deemuu keenya kan ibsu manatti akka gannee baane itti himne. Gamnummaa keenya kanatti baay'ee kan ajaa'ibame obbo Duusel gaaffii biraa darbachuu dhiisee haala jireenyaa isatti keessummaa ta'ee fi mana icciitii keenyaa keessa deemee daawwate. Waan arge akka amanuu dadhabe irraa beekama. Aanaa kee irraa.

KAMISA SADAASA 19/1942[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Akkuma tilmaamne obbo Duusel baayyee nama gaariidha. Kutaa xiqqoos na duukaa qooddachuu isaa hin jibbine. Ani garuu nama hin beekne waliin waan mana keessaa fayyadamuun natti hin tolu. Garuu maal goota kiitii? Namni tokko hojiin kun sirriidha jedhee itti amanee yoo fudhate aarsaa barbaachisu kaffaluufis qophii ta'uu qaba. Kanaafis mormii tokko malee ture murticha kanin fudhe. "Inni guddaan lammii keenya tokko oolchuu danda'uu keenya dha. Rakkinni kanaan dhufu kamuu lakkoofsa keessa galuu hin qabu" Jedha aabbaan. Dhugumatti jechama sirrii dha. Obbo Duusel akkuma kutaa keenya galleen ture kan gaaffii natti roobse. Dhaqna dhiqachuun kan danda'amu eessatti akka ta'ee fi yoom akka ta'e, mana fincaanii sa'aa kam akka fayyadaman fi Kkf. Dura ka'uun isaanii si kofalchiisuu danda'a kiitii. Garuu namoonni mana dhokannaa keessatti namoota dhiphinaan jiraataniif waan baayyee yaaddessaa dha. Gaaffii obbo Duusel tokko tokkoon ergan deebisee booda waantota gochuun isa irra hin jirre seera manichaa sirriitti ibseef. Waan tokko garuu na ajaa'ibe. Dandeetti obbo Duusel xinnoo ishee gadii bu'aadha. Waan tokko irra deddeebi'ee gafachuu isaa irratti osoon hin nuffiin irra deddeebi'ee ibsuun koo hanqatee, isumayyuu hin yaadatu. Maal qaba jijjiiramnumti wayii osoo sammuu isaa argatee? Akkasumas isa xinno nu qaana'u immoo suuta suuta yeroo nu baraa deemu ni dhiisa jedheen abdadha. Kana irraan kan hafe waan ala kanatti ta'aa jiru kan nuun hin dhageenye waan haaraa baayyee nuu hime. Baay'ee oduu gaddisiisu nuu fidee dhufe. Safaraa fi lakkkoofsa kan hin qabne hiriyyoonni keenya, olloonni keenya, firoonni keenya fi naannoo keenyatti namoonni beeknu gara carraa isaanii isa dhiphisaa sanaatti deemaniiru. Galgalli hunduu uffata danbii poolisoota naazii namoota uffatanii fi iyya namootaan kan guutame ture. Ganamnis kanumaan gaha. Mana namoota tokko tokkorras naanna'uun akka yihuudonni jiranii fi hin jirre adda baafatu. Arginaan atattamaan maatii isaa waliin fe'anii sokku. Yoo dhaban ni darbu. Akka keenya bakka hin shakkamne kan tolfate yoo ta'e malee eenyullee gamnummaa isaatiin sakatta'insa Naazii jalaa bahuu hin danda'u. Sakattaatonni kun yeroo tokko tokko Waan qara waan baatanii deemaniif mana yihuudonni jiran yoo mirkaneeffatan malee bansiisanii ol hin seenan. Darbee darbee immoo yihuudota harka isaanii galan matta'aan yeroo gadhiisantu jira. Qarshiin yihuudonni kafalan Kunis warra qabanii fi haala irratti hundaa'a. Isa bara durii garboota luba baasan duukaa wal fakkaata. Sadarkaan gochaa badaa sunis eenyullee kan gadduu danda'uun ol akka ta'e dha. Gara galgalaa hanga dimismisutti golgaa foddaa xinnoo saaqee asii gad ija koo nan erga ture. Namoonni qulqulluun kan waan isaa hin beekne iyya gurraaf nama jibbisiisuun, ijoollee of jala naqanii dheerinni isaa ijaaf dadhabsiisaa hiriira ta'een, garaa laafina tokko malee daddarbachaa, tuffachaa fi reebaa, namoota naazii muraasaan ajajamaa, boquu isaanii buusanii gara gaannaba namtolchee isaan eeggatu sanaatti otuu deemanii nan arga. Reebicha isaan irra gahu dandamachuu dadhabuun warri kufan akkuma fe'e ta'anii ka'uun deemsa itti fufuun dirqama ture. Deemsi kun kan itti tolu yihuudonni tokkollee hin jiraatan. Manguddoowwan, daa'imman, kan garaatti baatan, dhukkubsatoonni fi kkf afaan bananii gara jireenya dukkanaa sanaatti deemu. Nuti warri as keessa jiraannu carraa qabeessa akkamii akka taane sitti mul'ataa kiitii? Waallee gochuufii kan hin dandeenye lammiilee keenya hammaaranii kan guuran osoo beekuu baannee baay'ee kan nama dhiphisu hin turre. Qaalii keessaa iyyuu qaalii kan ta'an hiriyoonni koo walakkaan harka naazotaatti wayita gidirfaman walakkaan immoo godaansuma kana illee, halkan qorra lafee nama nyaatu kana keessa yeroo deeman, maaltu akka natti dhagahamu beektaa kiitii? Maalan siin jedha? Onneen koo gogduu fi gantuu akkan ta'e natti hima. Uumama jalqabaa jalqabee hanga har'aatti gara jabummaa isaaniin dorgomaa kan hin qabne abaarsa lafa kana kan ta'an harkatti hiriyoota koo kufan lakkoofsuman yaadadheen sodaan tulluu fakkaatu natti dhagahama. Gowi sagalee isaaniis dhufee dhufee dabaree dabareen natti dhagahama. Kana hundaaf kan isaan geessise yakki isaanii maal seete kiitii? Yakki isaanii,... Yakki isaanii inni guddaan yihuudota ta'anii uumamuu isaaniiti. Aanaa kee irraa!

JIMAATA SADAASA 20/1942[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Wanta ala kanaa raawwatamaa jiru miira kamiin akka keessummeessinu hundi keenya iyyuu waan seraan hubanne natti hin fakkaatu. Waa'ee yihuudota wajjin kan wal qabatu oduu haaraa ta'uu baatus, Akka isa miilanaa kana eenyuummaa keenya isa dhiiga keenya keessa jirutti inaafamee fi irratti hojjetamee hin beeku. Haa ta'us malee dhimma waa tokko gochuu hin dandeenye itti dhiphachuun akka hin barbaachifne hundumni keenya irratti walii gallee oduu biraa hoo'isna. Meeppeen dhuftee kana dura michuu dhiyoo kan turre namni wayii Naazotaan fudhatamuu yeroo dubbattu uu'uu jedhee kan mana jeeqe Harmee fi aadde Faandaan turan. Haalli kun kan ishee yaaddesse Meeppeen gidduutti dhaabde. Obbo Duuseliin garuu itti fufnee gaaffiwwaniin mudduu jalqabne. Egaa oduuwwan obbo Duusel irraa dhaga'aman baayyee qorrisiisoo fi sodaachisoo ta'uu irraan kan ka'e waan sammuu namaa keessaa baduu danda'u hin turre. Haa ta'u malee ammas waa gochuuf yaaliin guddaan gochuu qabnu jira. Innis dhiphina amma keessa seenne dhiisnee hanga dandeenyetti of tasgabbeessinee gara jireenya maatii keenyaatti deebi'uu qabna. Sababbiin isaas amma gaddi hunda keenya irratti mul'ataa jiru, akkasumas kan obboloota keenyaa diida jiranii kasaaraa malee bu'aa sharfee tokko hin qabu. Dabalees "Bakka jireenyaa dhokataa" keenya kana harkuma keenyaan "bakka dhiphinaa dhokataa" gochuun keenya bu'aa maalii qaba?. Dhugaa haa dubbannuutii kiitii, yeroon nyaadhus, yeroon dhugus, dhabadhes, taa'es, yookaan immoo daqiidaa tokko tokkoon waa'ee lammiilee koo gidiraa keessa jiranii yaaduu fi dhiphachuun qabaa? Yeroo takka takka waantonni nama kofalchiisan yeroo dhufan keessa koo ukkaamsee ajaa'ibamuu kiyyatti qaana'uun qabaa? Carraa badaa lammiilee koo mudate yaadee halkanii guyyaa immimmaan dhangalaasuun qabaa? Hin godhu kiitii!. Tasuma gochuu hin danda'u. Gochuunis kan narra jiraatus natti hin fakkaatu. Asirratti dhimma yeroo ta'eeti malee gidiraan kun gaaftokko ni darba. "Cittoo irratti fanxoo" jedhama kiitii! Rakkoon biraas jira. Kun garuu ana qofa waan ilaaluu fi isa dura sitti himeen waliin wal bira qabamee yoo ilaalame of tuulummaa wal hanqattee na jalaa fakkaachuu danda'a. Yoo ta'es sitti himuuf fedhiin qabu dhaabsisuu hin danda'u. Amma amma miirri addaa tokko natti dhagahamaa dhufeera. Of irraa adda bahee gammoojjii calliinsaan guutamte keessa akkan waan an jirutti keessi koo natti hima. Fafni hanga walaabu bal'atu namarsee waan jirus natti fakkaata. Miirri kunis kana dura kanin beeku waan hin taaneef itti baruu hin dandeenye. Amma hin ta'iin malee sammuun koo guutamee kan ture, oduuwwan hiriyoota koo mana baruumsaa waa'ee hin baasne sanaan ture. Amma garuu kanin yaadu waa'ee wanta namatti hin tolleeti. Yookaan immoo waa'ee kooti. Kana hundaa keessaa waa'ee aabbaa naa galaa kan dhufe siif haa himu kiitii. Aabbaan nama gaarii fi abbaa gaarii fakkaataa hin qabne ta'uu shakkii hin qabu. Ta'us garuu jireenya mana baruumsaa fi jireenya gammachuu daa'imummaa sana naa fiduu hin danda'u. Aanaa kee irraa

ROOBII AMAJJI 13/1943[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Har'a ganamaan irra deebiin waan hundaaf of nyaachaan oole. Waan tokkoyyuu seeraan raawwachuu hin dandeenye jechuun ni danda'ama. Gidiraa fi mankaraarriin ala kanaa jabaateera. Hojiin fokkisaan lammiilee keenya fe'uu fi geejibsiisuu bal'inaan itti fufeera. Maatiin baay'eenis akka callee citetti faffacca'aa jira. Abbaa fi haadha akkasumas ijoolleen bara baraaf akka wal hin arginetti addaan bahaniiru. Ijoolleen mana baruumsaatii yeroo galan warra isaanii manatti hin argan. Dubartoonni gabaatii galanis maatii isaanii manatti hin argan. Manni isaaniis saamsamee isaan eega. Yihuudota kan hin taane lammiileen Hoolandis shororkaa keessa jiru. Ijoollee dhiiraa isaaniis dirqiin leenjii loltummaaf gara Jarmanitti ergamu. Namni hunduu sodaan weerarameera. Halkan halkan immoo xiyyaarri waraanaa dhibbootaan lakka'aman boombii garaa jalatti hidhatanii samii gurraacha Hoolaandi faalaa gara magaalota jarmanitti barrisu. Yeroo nurra darban sagaleen isaanii akkam akka nama sodaachisu sitti himuu hin danda'u. Uummanni Boonbiin isaanii itti roobu gochaa gaannabaa akkamii akka arguu danda'an atumti tilmaami. Afrikaa fi Ruusiyaa keessatti qofaa guyyaa guyyaatti dhibbaatamaa fi kumaatamaatti kan lakkaa'aman namoonni du'aa oolu. Addunyaan qarqaraa hanga qarqaraatti waraanaan raafamaa jirti. Waraanni sabdaneessaa ol aantummaa waan argachaa jiru fakkaata. Haa ta'u malee ammas taanaan dhumni isaa maal akka ta'uu danda'u tilmaamuun nama rakkisa. Kan hafe waa'ee keenya kan ilaaleen waanan siin jedhu yoo jiraate. Baayyee baayyee carraa qabna. Namoota kitila baayyee dhaan lakkaa'aman keessaa warra carroomnedha. Dhugaa dubbachuuf nuun maal dhabne. Yoo xiqqaate haalli keessa jirru kun kan tuffatamu miti! Magaalaa Amisterdaam kana keessatti ijoolleen baay'een maqaaf uffata ofirra buusanii daandii gubbaarratti gatamaniiru. Uffata dabalataa hin qaban, Uffata mataa irraa hin qaban, uffata miilaas hin qaban, gargaarsa kan isaanii godhus eenyullee hin jiru. Qoonqoon isaaniis duwwaa dha. Mar'immaan isaanii hidhameera. Of sossobuufis kaarota dheedhii alanfachaa oolu. Mana isaanii qorraa keessaa bahanii daandii diilallaa'aa irra otoo kirkiranii fi ilkaan isaanii walitti rukutaanii mana baruumsaa wayita gahan kan isaan eeggatu ittumayyuu kutaalee barnootaa onaa ture. Eeyyee Amisterdaamis ta'ee guutummaa Hoolaanditti rakkoon kun hammaatee babal'achuu irraan kan ka'e, ijoolleen bakkee keessa naanna'anii nama darbu hunda hambaa daabboo kadhachuu jalqabaniiru. Maaltuyyu si dhamaase kiitii? Yoon rakkoo waraanni kun hordofsiise hunda siin hima jedhe sa'aatileen na hin gahan. Garuu faayidaan isaa maali? Bu'aan isaa of dhiphisuu fi siinis dadhabsiisuu ta'a. Guyyaan dhiphuu kun hanga darbutti of tasgabbeessinee taa'uu malee waanti gochuu dandeenyu tokko hin jiru. Eeyyee! Eeguu qofa. Egaa nuti yihuudonni hundi xumura keenya eegaa jirra. Addunyaan guutuunis eegaa jira. Baay'een namootaas du'a keenya eegaa jiru. Aanaa kee irraa!

SANBATDURAA AMAJJII 30/1943[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Miirri xiiqii qabiyyeen isaa guddaa ta'e keessa koo burraaqaa jira. Iyyi iyyi, badi badi, barrisi barrisi naan jechaa jira. Garuu miira kiyya kana ukkaamsuu akkan qabu natti dhagahama. Maal abbaa koo akkan godhu mooji kooti. Yookaan uu'uu jedhee iyyuu, yookaan harmee dubbiitiin yaabuu, yookaan ammoo hanga miirri kun narraa galutti of gadhiisee biiwuun qaba. Namoota koo kana hin dandeenye tuffii isaanii, oriisaa isaanii, arrabsoo fi abaarsa hundee hin qabne fi cabsi isaanii na maraachuufi. Xiyyi dubbii isaanii hundi anarratti kan aggaamame. Waanti nama ajaa'ibu immoo maniin xiyya dubbii isaanii guyyaa tokko galma isaanii sokanii hin beekan. Dhukkubbiin guddaan garuu xiyyi sun yeroo si waraanu osoo hin taane, wayita of irraa buqqisuuf yaaltu dha. Tasuma ka'ee keessa koo hunda isaanii irratti bulgaafachuuf murteesseera. Maargoot irratti, obbo Faandaan irratti, Obbo Duusel irratti inni kaan haa hafuutii aabbaa irratti "Maaliif nagaa naaf hin kennitan? Mee halkanuma tokkoof, immimmaan koon osoo maddii koo hin dhiqiin, osoo boraatiin koo imimmaaniin hin jiidhiin, osoo iji koo hin diimatiin, guyyaama tokko boqonnaa naa kennaa!. Maali isin irraa osoo na boqochiisee! Isin qofa osoo hin taane addunyaa rakkinaa kana irraa odoo na obbaafachiisee!" Jedhee otoon itti iyyee baay'ee natti salphata ture. Garuu hin danda'u kiitii. Cabinsa miira koo akka naa argan hin barbaadu. Madaawwan sababbii isaaniin madaa'e akka argan hin eeyyamu. Amma immoo balleessaa isaaniif beenyaa akka ta'uuf sossobbi rukuttaarra hin jirreen kan kana caalu akka na hin madeessine. Akkam yoon ta'ee akka na dhiisan naaf hin galle qofa. Gochaa koo tokko tokkof maqaa naa baasu. Xiqqo yoon dubbadhe na argaa na argaa hin jedhiin naan jedhu. Yeroon callisu immoo maali ni fajajje naan jedhu. Yoon deebii deebiseef uggituu kan ija namaa nama keessaa fudhattu. Yoon yaada isaan irra caalu dhiyeesse, qancarbuudee mucaa! Dadhabee yoon aara galfadhe dhibooftuu, hojii dhabduu!, yoon daddafee nyaadhe ofittoo, isaan maal naan hin jenne?. Dadhabduu, sodaattuu, fokkiftuu fi kkf. Akkasumas mucayyoo baayyee rakkistuu akkan ta'e. Kanammoo hagamillee waattuu akka hin lakkoofnetti yoon bira darbe iyyuu hammam keessa koo akka gube ana qofatu beeka. Ajaa'ibuma wayiin waaqayyoon osoon fuula kiyya duratti argadhee maal akkan gaafadhu beektaa kiitii?. Hundumaa duukaa walii galuu akkan danda'uuf uumama haaraa akka na godhun gaafadha. Garuu akka hin taane sirriittan beeka. Kun akkuma jirutti ta'ee!... Karaa koo isaan kan tilmaamanii ol nama gaarii ta'ee isaan hundumaa wajjin walii galee jiraachuuf nan yaala. Aanaa kee irraa

SANBATDURAA GURAANDHALA 27/1943[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Muddamni dabalaa jira. Waraanni Naazii osoo hin dursiin waraanni tokkummaa saboota Addunyaa dursee weeraruuf guyyaa jedhan sana aabbaan hawwiin eegaa jira. Waraanni Weinstein Churchill biyya Niimooniyaa qabatee tures akka dandamachaa jiru himame. Nagaa jaalataan namaa, Mahatama Gaandiin qabsoo dhuunfaatti godhuun nyaata lagannaa isaa itti fufee jira. Carraattin amana kan jettu aadde Faandaan "Nuti namoonni dhiphannes, dhiphachuu baannes waanti tokko ta'uurraa xinnoo illee mixxiq hin jedhu" jettee lafa dhiitti. Lakkoofsuma waa kosh jedheen ammoo tokkoffaa kan hoollatu ishuma mataa ishee aadde Faandaan dha. Amma immoo raajiin ati tasa tilmaamuu hin dandeenye dhufeera kiitii!. Akkuman kana dura sitti hime kutaa kana kan beeku obbo Kirelerfaa fi Meeppee qofa. Maaltu mudateree naan hin jettuu kiitii? Edaa namni gamoo kana itti kireesse, Obbo Kireler fa'iin waan tokkollee osoo gurra hin buusiin gamoo sana nama biraatti dabarsee gurgureera. Abbaan qabeenyaa inni haaraan kun gamoo isaaf suphinsa gochuuf Maandisa qabatee hin dhufu seetaa!?. Gaarummmaan isaa sa'aa hojiin ala Obbo Kireler biiroo galee jira. Namichas kutaa kutaa gamoo sana keessa galchee hunda daawwachiise. Kutaa icciitii keenya irraan kan hafe jechuu kooti. Kutaa nuti keessa jirrutti balbala dabarsitu sana garuu akka waan furtuun harka isaarra hin jirreetti dhiifama erga gaafatee booddee mahaandisichaa fi namicha gaggeesse. Egaa abbaan manaa sun deebi'ee dhufuu yoo baate fi deebi'ee kutaa hafe nan ilaala jechuu yoo baate, ammaaf balaa sana jalaa oolleerra. Amma amma anii fi harmeen walii galaa jirra. Garuu baayyee nu hafa. Aabbaanis keessa isaatti dhoksee summuugee waanta inni qabe akka jiru irraa mul'ata. Haa ta'u malee garuu abbaa gaarii isuma dur beeknudha. Nyaataa fi dhadhaan haaraa nuu dhufe dhiyaana keenya irraa fal'aanaan qodaa nyaataa keenya irra nuu bu'e. Akka ilaacha kootti aadde Faandaan faa loogii ifa ta'e hojjetaniiru. Harmeen fa'i garuu dubbii jibbaniitu natti fakkaata garaama isaanii keessatti taajjabanii dhiisan. Baay'ee nama gaddisiisa kiitii. Namoota gosa akkanaaf dawaan maal naan jedhuun dhiisuu osoo hin taane, achumatti qaanessuudha. Aanaa kee irraa!

JIMAATA BITOOTESSA 12/1943[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Hanga har'aatti gosti kotoree nuti hin nyeenne jira sitti hin fakkaatiin. Tibba tokko tokkommoo ganamas galgalas kotoreedhuma nyaanna. Baay'ina maqaa isaamoo baay'ina gosa isaa!. Kotoreema waan jedhan ijaan arguu na jibbisiiseera. Amma immoo yerooman waa'ee isaa yaaduu jalqabu ol na jedha. Gara galgalaa yeroo hunda bifa ebellesoo/tursituutiin daabboo nuu kennamu dhabnee addaan kunneerra. Kitaaban gidduu kana qabadhe irraa immoo maaltu akka gargar na baasu garuu mooji. Kan "Ayinaa Budi Beeker" yeroo ta'u, mata dureen kitaaba isaa "Ze nook aat the door" Jedha. Asirratti mata duree isaa onneetti naaf qabadhu. Kana irraan kan hafe, Kitaabni kun baay'inaan waa'ee waraanaa, waa'ee barreessitootaa, akkasumas karaalee dubartoonni ittiin bilisa bahani dha. Garuu... Baay'ees natti hin tolle. Obbo Faandaan tibbana amala dhabaa jira. Sababa hir'ina tanboo fi Nyaatota kuufanne nyaachuu itti haa fufnu moo guyyaa rakkisaaf haa keenyu isa jedhu irratti marii maatii gaggeessineen injifannoo keenyaan xumurameera. Waan harkaa qabnu nyaannee boru akka dhufa isaatti eegna. Kopheen koo baay'eenis natti dhiphachaa dhufaniiru. Bootisoota koo irraan kan hafe jechuu kooti. Mana tokko keessa nama ukkaamamee taa'uuf bootisiin maal fayyada? Aabbaafaa dhiphiseen kophee tokko naa bitani. Innis torban tokko keessatti ciccite. Egaa akkuma itti fuudhetti Meeppeen akkuma feete naa gootu malee..... Aabbaaf immoo rifeensa sirreessituu ta'eera. Aabbaanis haala sirreessuu koo baay'ee jaalateera. Isayyuu takka takkaa meeshaan ani ittiin sirreessu dogoggortee otoo gurra isaa qimmiidduu. Akka jedhutti kana booda waraanichi darbee gara jireenya keenya isa duraatti iyyuu osoo deebinee mana warra rifeensa sirreessanii akka hin dhaqne boonee natti dubbata. Ani immoo salphaan gammade seetee kiitii too? Aanaa kee irraa!

SANBATDURAA BITOOTESSA 27/1943[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Baruumsa Aabbaan koo yeroof nu barsiisu xumurre. Amma immoo ariitii keenya fooyyessuuf shaakallii jalqabuufi. Nama gaarii mitii nuun? Yeroo keenya akkataa itti dabarsinu fi maaliin akka dabarsinu yoon sii ibse gaarii natti fakkaata! Eeyyee kan itti yeroo dabarfatani siinan jedha. Sababiin isaas bakka kanatti waan hojjennu waan hin jirreef akka nutti hin dhagahamneef mala ittiin of irraanfachiifnu dhahachuu waan qabnuufi. Kanaaf yeroo koo irra caalaa kitaabolee dubbisuu yeroo ta'u, as dhiyoo kana immoo kitaabota seendurii (Mythology's) irrattan dhahameera. Addumatti immoo dhimma waan warra Roomaa fi Giriikiin. Filannoon koo hin aadeffatamne kun hundumaaf gaaffii ta'e. Haa ta'u malee yeroo isaatti akka na dhiisuu danda'u amantaa hunda isaaniiti. Umurii kanaan akka koo mythology dhaan kan dhahame arganiis dhagahaniis akka hin beekne dubbatu. Akka isaan jedhanis yoo ta'e rakkoo malii qaba? Ani ishee jalqabaan ta'a malee!... Obbo Faandaan qufaan cimaan isa qabeera. Garuu akka jecha isaa taanaan qufaas ta'uu dhiisuu danda'a. Qoonqoo koo na hooqa jedha. Waca inni uumaa jirus na hin gaafatiin!. Na baqaqseedha, na muree dha, nan boba'eedha. Takkaa qullubbii adiin, takkammoo baala baargamootiin, takkaa qolee isaa, takka immoo dugda isaa sukkuumna. Meeqa isaan sitti hima qofa? Kana irratti dhiphinni isaa fi jeequmsi isaa nama hin teessisu! Na dhiisimee? Jira kan jedhaman keessaa tajaajilli oduu Jarman guddichi Rooyitersi ibsa haaraa sodaachisaa tokko dabarse. Biyyoota to'annaa Jarman jala jiran keessa yihuudonni jiraatan hanga Adoolessa tokkootti akka gadi lakkisanii bahan ni dirqisiifamu!. Eebila tokkoo hanga Caamsaa tokkootti yuutireeshin yihuudota irraa bilisa ta'uu qabdi. Sitti haa agarsiisu kiitii, akka waan yihuudonni akka allaattiitti balali'anii!. Caamsaa tokko hanga waxabajjii tokkoo immoo naannolee Kaaba Hoolaandi fi naannoo kibbaa Hoolaandi yihuudota irraa akka bilisa ta'an. Hojii jinnummaa yihuudota irraa bilisa guchuu jedhu kana, akkuma jedhanitti achitti haa godhan malee ani sii ibsuu hin danda'u kiitii!. Aanaa kee irraa

JIMAATA EEBILA 1/1943[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Maaluma naa wayya kiitii? Rakkoo tasa hin eegne keessan seenee jira. Sa'aatii kutaa kiyya keessatti aabbaa waliin kadhannaa godhachuudhaan nagaan buli waliin jennutti osoo isa eegaan jiruu harmeen dhuftee Callistee siree kiyya irra teesse!. Haala hin baramne kanaan erga turtee booda bifa kadhaa fakkaatu kanaan "Aanaa tiyyaa, aabbaan kee hojii qabatee jiru waan hin fixiniif har'a dhufuu hin danda'u. Har'aaf anaa waliin osoo kadhata goonee hoo? Karaa mataa koo gammachuun qaba" naan jette. Deebiin tiyya garuu ariifattuu, gabaabduu fi ifa turte. "Hin ta'u Harmee" "Maaliif Aanaa too" jettee irra deebiin na gaafatte. "Hagasuma! Waanan hin barbaanneefi harmee" Harmeenis calliinsaan kaatee Yeroo xiqqoof kutaa ciisicha koo keessa dhaabattee achii booda miilli ishee osoo sagalee hin dhageessisiin suuta jettee gara hulaa balbalaatti qajeelte. Miirri haaraan tokko yeroo qaama koo keessa faca'u natti dhagahame. Harmeenis akkuma balbala irra geesseen gara kiyyatti fuula deeffatte, ijoonni ishee odoo imimmaaniin dhiibamanii "Dhiifama si dhiphisuu hin barbaanne Aanaa. Jaalalli dirqiin hin jiru" naan jette. Ni deemtes, ijoonni ishee imimmaan hudhanis fuula koo duratti hafa. Akkuman boraatii kootti hirkadhee jirutti miirri gaabbii hanga tulluu gahu na guute. Garaa jabeettii akkamii ta'eeni yeroo isheen haga kana na kadhattu haala akkanaa kanaan kanan gaggeessu. Ishee diduun koo anaafis isheefis faayidaa maalii qaba. Raawwatee faayidaa hin qabu. Kanas ta'ee sana harmeef gaddeera kiitii. Baay'een gaddeef!. Sababbiin isaas yeroo jalqabaaf miirri dilallaa'aan ani isheef qabu hangam akka ishee miidhu guyyaa itti mul'ate dha. Keessumaa jaalalli dirqiin hin jiru wayita jettutti duumessi gurraachi fuula ishee irraa ifu dura kootii bada jedhee hin yaadu. Miira ofii osoo hin dhoksiin dhugaa baasanii dubbachuun baayyee ulfaata. Yoo ta'es haqadha kanan itti hime. Anii fi isheen akka bantii kaabaa fi kibbaa ilaalchaan akka wal irraa fagaannus beeka. Ammoo isheedhumadha dhiibdee dhiibdee kanaan kan na geesse. Dubbii cabsaa wal hanqattee ishee daddarbachaa turtetu kanaaf sababa ta'e. Akka ani ol jedhee hin deemne kan na gochaa turan oriisaa ishee sanatu yeroo jalqabaaf jaalala keenya gidduu qilleensa galche. Otuu boossuu waariin darbe. Sana boodas irriba waan jedhan ija isheetti hin dhufne. Har'a ijoonni aabbaa akka na mil'atanitti oolan. Ammoo yeroo akka carraa ijji koo irra bu'u ijoota isaa keessaa gaabbii fi gaaffiin sirriitti dubbifama. "Akkam akkas garaa jabaatta Aanaa, akkam haadha tee haala kanaan aarsita Aanaa?" Jechoota hadhaa'oo akkasii! Harmee dhiifama gaafachuu qabda jedhanii isaan waan amananiif qofa amma dhiifama gaafatti jedhanii eegaa jiru. Karaa koo dhiifama kan na Gaafachiisu balleessaa hojjedheera jedhee hin amanu. Haqa onnee kiyya keessa jirun itti hime. Ni oola ni bula malee immoo harmeen gaaf tokko dhugaa isaa dubbachuun hin hafu. Imimmaan harmees ta'ee dhiphinni aabbaa hagasmara waan na dhiphisu miti. Dhugaa dubbachuuf keessa keessa natti toleyyuu. Sababbiin isaas isa miira ani umurii guutuu itti gubadhe, isa isaan guyyaa tokkotti waan samiin itti kufe fakkeessan kana. Rakkoo kanas guyyaa tokko akka hubataniifi akka naa baran abdiin qaba. Kana booda maalis haa ta'u maal dhugaa onnee tiyya keessa jirtu dubbachuu irraa duubatti hin deebi'u. Sababiin isaa jala jalaan afuura baafachiisuu isaatu anaafis isaanif wayya. Waanti ati yeroo dheeraaf ukkaamsitee keessu gaaftokko yoo dhowe, isa fudhatuttis ni ulfaata. Aanaa kee irraa

SANBATDURAA CAAMSAA 1/1943[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Takka takkaa yihuudota carraa dhokachuu hin arganne yeroon yaadadhu nuun jannata keessa jirran jedha. Kunis ta'ee wanti ala kana jiru xiqqoo ishee yeroo boqonnaa argatu immoo waanan abjuu keessa jiru hanga natti fakkaatuttin gaha. Umurii keenya guutuu namoonni miiliyeenara turan (Aabbaanis Obbo Faandaanis) kitiltoota turan. Akkamiin yeroo hamma kanaa keessatti kufanii? Tokko tokkoon keenya tilmaamni kabajaa guddaa waliif qabnu sun hoo eessa seene? Fakkeenyota xixiqqoo:- Minjaalli iddoo tokkotti hundi keenya itti fayyadamnu afata balbalaa ta'uuf illee kan hin geenye dha. Yeroo ijaan ilaaluun na jibbisiisee iddoon dhaqu dhabu moofaa qodaa ittiin qoorsannuunin haxaa'a. Miinjaalichis akka waan kosiin irratti gatamuutti daddafee xuraa'a. Kan biraa Faandaanonni lamaan isaaniituu bona guutuu akka waan uumamee bishaan aergee hin beekneetti ittiin taphachaa bahan. Uumama akkasii asitti dhiquun ni ulfaata. Sababbiin isaas Oomoon gargaarsaan nu gahu hir'ina qofa osoo hin taane qulqullinni isaas gadi bu'aa dha. Aabbaan uffanni isaa yoo suntuure, yoo ciccite akkasumas yoo xuraa'e garagalee ilaaluu dhiiseera. Harmee fi Maargoot wandaboo sadii waljijijjiiraa uffachaa bona guutuu dabarsan. Animmoo uffata natti gabaabbatan wandaboowwan jilbaa ol ta'an qaanii tokko malee offadheen asii fi achi deema. Dhugaa himuuf waantota kanaa waliin wal baruun rakkisaa dha. Haa ta'u malee.... Takka takkaa yeroon yaadu wanti na naassisu maal seete kiitii? Eeyyee rakkoo hammaataa foon keenya fixee lafee nu dhaabetti barreerra, garuu akkam taanee jireenya keessa turre sanatti deebinee barraa? Osoo rabbi jedhee asii nagaan baanee eenyummaa keenya isa duraa sanatti deebi'uu waan dandeenyu natti hin fakkaatu. Aanaa kee irraa

KIBXATA WAXABAJJII 15/1943[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Tibba kana ana si hin godhiin kiitii! Gadda cimaa keessan jira. Dhukkuba qaroo dhiyoo (Short site) jedhamuun hubamaan jira. Osoo hin bariinin ture malee kanin (site glass) godhachuu qabu amma hin turre. Hangan (eye Glass) (site glass) sanaan ilaalutti baayyee ariifadheera. Garuu akkuma beektu nama bakka dhoksaa jiraatuuf site glass argachuun ni ulfaata. Kaleessa guyyaa guutuu waa'ee ija kiyyaan alatti matadureen biraa hin kaane. Harmeen Meeppee wajjin gara mana yaalaa ijaa wayiitti akka na ergitu erga dubbatteen booda miseensi mana icciitii hunduu yaada mataa mataa isaa daddarbachaa oole. Ani mataan koo yaadicha yeroo isheen dhiyeessitu hangam akka natti dhagahame sitti himuu hin danda'u. Gammachuu baayyee guddaa fi sodaa guddaa bifa wal gita ta'een na guutan. Sitti haa agarsiisu kiitii,... Namni yeroo haganaaf osoo bakkee hin argiin as keessa ture yeroo bahee bakkee argu... Waaw~ kun lammaffaa dhalachuudha. Otoon gammachuu guddaa kana dhamdhamee hin quufiin balaan inni qabu dhufee fuula koo dura dhaabate. Dandii irra osoo jirruu wawmaan yihuudaa ta'uun koo yoo narratti beekame hoo? Jedhee yeroon yaadu qaamni koo guutummaan akka tokko hoollachuu jalqabe. Maalan siin jedha? Miironni waliif faallaa dabareen kuffisanii na kaasaa jiru. Garuu hojiirra oolmaa isaa rabbit beeka malee yaanni harmeen dhiyeessite yaada eebbifamaa ture. Yaadicharrattis hunduu walii galuu qaba. Walii galtee irra gahuufis aarsaan salphaa ta'e hin kafalamu. Jalqaba balaan dhufuu danda'u safaramee fi lakkaa'amee of eeggannoon raawwatamuu qaba. Malee akka ejjennoo Meeppee osoo ta'ee hoo yerosuma na fuutee baati. Gootummaan Meeppee garuu si hin raajuu kiitii? Kan koo haa hafu ofiif hin sodaattuu? Meeppeen hojii waajjira isaanii baayyee fiddee anaa fi Maargootiif kennuu jalqabdeetti. Itti gaafatamummaan kun nuu kennamuu isaa anii fi Maargoot kabaja nutti dhagahame sitti himuu hin danda'u. Meeppeenis ba'aa baay'ee akka salphifneef dubbatti. Hojichi eenyuyyuu kan hojjechuu danda'u, akkasumas salphaadha. Anii fi Maargoot itti gaafatamummaa isaa waan jaalanneef qofa of eeggannoon nuti goonu hojii baay'ee ulfaataa fakkeesseera. Kan biraa waa'ee Meeppee kan si ajaa'ibu!? Nama ba'aa baachuun ishee hin nuffisiifnedha. Gaangeema kanatu hir'ate hin jedhamne dha. Nu bira osoo hin dhufiin hin ooltu. Guyyaa tokkos harka qullaa nutti dhuftee hin beektu. Mosee, kuduraa fi fuduraa, shukkaara, daakuu fi sanbata xiqqaa immoo kitaabota gara garaa baattee dhufti. Akka itti nuti sanbata xiqqaa eegnutti ijoolleen kennaa guyyaa ayyaana killee hin eegan. Jaalala nuun kitaabaaf qabnuuf jecha haala keessa jirru isa hin argine hubachiisuun ni rakkisa. Gabaabumatti bakki bashannanaa as jiru isa qofa. Aanaa kee irraa

KIBXATA HAGAYYA 3/1943[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Haleellaan qilleensa irraa akka cabbii samii nutti roobaa jira. Amma daqiiqaawwan muraasa dura waan ture diinattuu hin dhufiin. Erguma barii'ee si'a sadaffaa ta'uu isaati dhoyinsi fi deebiin dhukaasaa. Sagaleen dhoyiinsa sanaas waan itti baramu sitti hin fakkaatiin. Ilkaan koo ofiidhuma koo ciniineen gurra koo duuchadhee of tasgabbeessuf wal'aansoorran jira. "wanta dhuma hin qabnerra wanta gadhee dafee dhumutu harka meeqa wayya" kan jettu aadde Faandaan kun dhumashee itti fakkaachuu hin oolle. Waan qabdu waan gadhiistu wallaaltee akka baala mukaa asii fi achi raafamaa jirti. Sagaleen ishee durii akka gootaa qulqulluun yeroo hoollatu, yeroo jalqabaaf onnee na naashite. Baay'ee baay'ee na gaddisiifte. Keessumaa amalashee dadhabee ishii oodaa kan ture abbaan manaa ishee har'a isheetti araaramee ishee jajjabeessuuf yeroo ishee hooksu dhiphinni fuula ishee irraa mul'atu imimmaan kiyya osoo hin hafiin na qoraa ture. Kiitii hadurree Piiter moshee beekta. Jiraachuu moshee kan jaalannus kan jibbinus akka jirrus beekta. Tibbana immoo hunda keenya walii galchuu kan danda'u haalli haaraan mudate. Edaa hadurreen tokko yoo sibira jiraate akkuma faay'daa qabu miidhaas qaba. Mana keenya tafkiitu dhuunfate. Ittuu haa caaluu guyyaatii gara guyyaatti dabalaa deeme. Obbo Kireler faa guyyaa guyyaan dawaa tafkii fiduun kutaa hunda keessa firfirsu. Tafkiin sunis baduu mitii xinno illee waan tasgabbaa'an sitti hin fakkaatiin. Inumaayyuu akka waan nyaanni kennameefii wal horan. Yeroo nama ciniinan ammoo akkamitti akka nagaa namaa nyaatan nan gaafatiin!. Morma kee osoo hin hooqqatiin isa dugda kee, isa osoo jettuu miilla kee, miilla osoo jettuu gurra kee keessaa si nyaata. Hooqqachuuf harka kee yeroo diriirsitu immoo iddoon harki kee dhaqqabuu hin dandeenye ni baay'atu. Qaamuma kee keessaa harki kee kan hin qaqqabne jiraachuun si hin dhibuu kiitii? Keessumaa nuti taa'uu keenya irraan kan ka'e qaamni keenya walitti akka hidhameeru kanin bare erga tafkiin kun dhufee booda. Kana booda garuu guyyuu daqiiqaa muraasaafis taatu jiminaastikii hojjechuuf muteesseera. Uumamni xiqqoon kun nama isa guddaa kana akkasitti akka maraatu gochuu danda'uun, dhugumattuu uumamni waan kolfaati. Aanaa kee irraa

ROOBII HAGAYYA 18/1943[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Har'a mata dureen hangafaa gamtaan mosee qoncisuu jedha. Mosee irraa gamtaan qola irraa kaasuun hojii keenya guutuu ta'eera. Walumaa galatti suura isaa ani yoon siif himuu baadhe tasa tilmaamuu iyyuu hin dandeessu. Nu keessaa tokko gaazexaawwan qola Mosee itti kuufnu dhiyeessa. Namni lammaffaan immoo haaduuwwan dhiyeessa. Haaduu ishee gaarii immoo ofii filata. Namni sadaffaan ammoo Mosee dhiyeessa. Namni arfaffaan qodaa moseen qunca'e itti kuufamu bishaan waliin dhiyeessa. Amma kutaa waliinii keessa miinjaalatti naannoofnee mosee quncisuuf teenyee jirra. Mosee ishee jalqabaa quncisuu kan jalqabu Obbo Duuselidha. Haalli Inni itti soofus akka inni yaadu baay'ee gaarii yoo ta'uu baates hamlee qaba. Haala sooffii nama hundumaa tilmaamuuf jecha si'a sagal bitaa fi mirga ilaala. Akka inni soofutti yoo soofamuu baate, waan hojjetamaa jiru isatti hin fakkaatu. Kanaaf hunduma keenya dabareen haala qabannaa keenyaa ilaala. Haalli sooffii nama kamiyyuu garuu kan isaa waliin wal hin fakkaatu. Kan Namaa fakkaachuufis of dadhabsa. "Elaa Aanaa akka ani itti soofu sirriitti ilaali. Haaduu kanin qabadhu akkasiini, sana booda akkasitti irraatii gara gadiittin soofa. A'aa akkas miti ilaa akkasitti" "Ana kan natti tolu akkasitti obbo Duusel"n jedheen afaan tasgabbaa'aan. "Maal qaba kanuma illee osoo tole jettee? Waan hin beekne namarraa baruun bar suma fayyadaa" naan jedhe. Amma waan tokkoyyuu hin deebifneef!. Hundi keenya hojii mataa keenyaa itti fufneerra. Qabannaa keenyaa fi haala sooffaa mata mataa keenyaan. Suuta jedheen osoo boquu koo hin naannessiin ija tiyyaan shaffaxa bitaa kootti isa ilaale. Miira taajjabbiin mataa raasee nyaara guuraa jira. Haala qabannaa keenyaan yookiin haala sooffaa ta'uu yoon beekuu baadhes anumatti dallaneera jedheen amana. Obbo Duulesitti toles toluu baates Mosee quncisuun itti fufeera. Amma immoo gara mirga kootti ija koo yeroon naannessu, aabbaatu jira. Mosee soofuun aabbaaf hojii akkasumaanii hin turre. Akka hojii of eeggannoo guddaa barbaaduutti yaada. Aabbaan kan inni irratti of eeggatu baruuf sararoonni Yeroo inni kitaaba dubbisu dacha'insa addasaa waliin walqabatanii uumaman jiru. Yeroo inni Mosee soofu garuu sararoota fuula isaa gubbaa irratti bahan otoo argitee kiitii? Nyaara guuruun isaa, dadacha'insi fuula isaa, xiyyeeffannaan isaa, liqimfamuun isaa nama Mosee quncisu osoo hin taane, nama yaalii baqaqsanii hodhuu wal xaxaa ta'e gaggeessaa jiru fakkaata. Miskiintichi aabbaan erga soofee booda sana irratti fafa tokko akka hin godhanne meeqa garagalchee ilaala. Akka tasaa qolli Mosee xiqqoon illee yoo hafteetti ta'e, of eeggannoon fiixee haaduun yeroo inni kaasu otoo argitee?!. Dhuguman siin jedha kiitii!.. Of eeggannoo kanaan rifeensa ija kee gubbaa fiixee haaduu sanaan irraa osoo sii kaasee waan si dhukkubu sitti hin fakkaatiin. Mosee aabbaan soofee kaa'e osoo fuutee ilaaltee killee sitti fakkaachuu danda'a. Qola Mosee isa fuuldura jiru immoo fuutee haphina isaa yoo ilaalte Mosee affeelamaa malee dheedhii quncise hin jettu. Hahaha miskiinticha aabbaa!.. Hojichi itti fufe. Quncifamuuf moseewwan dhufan hir'achaa jiru. Baay'inni warra quncifamanii qodaatti nam'anii immoo dabalaa jira. Akka tasaa mosee quncisuu irraa olan jedhe. Fuuldura koo teessee kan qunciftu aadde Faandaan turte. Hojii kiyya irratti boquu gadi cabsee iyyuu tilmaamaa akkuman ture, qalbii obbo Duusel hatuuf carraaqaa jirti. Jalqaburraa gara isaa ilaaluu baay'ifte. Obbo Duules garuu yaadaan hin qabne. Yeroo inni ol jedhu nyaaraan tuqxe. Obbo Duules mosee quncisuu itti fufe. Waanti nama kofalchiisu waanti tokkollee osoo hin jiraatiin qofaashee basaq gootee kolfite. Namichi ol jechuufiiyyuu dide. Yeroo kana harmeef haalli isaa gale fakkaata ni seeqxe. Obbo Duules amma iyyuu xiyyeeffannaan isaa mosee isaarra jira. Aadde Faandaan mosee baattee jirtu irratti aarii baate. Calliinsi akkasii mana keenya keessatti aadeffatamuu irra iyyuu keessumaa aadde Faandaaniif qilleensa dhabuudha. Akka ajaa'ibaa ishee cinqa. Kanaaf filannoo biraa barbaaduun ishee dirqiidha. Yeroo xiqqoof mosee callistee sooftee gara abbaa manaa isheetti gara galtee (yeroo waamtu piitii jetti) akkas jette. "Maaloo piitii uffata wayii mudhii gaditti maradhu. Uffata noormaaliin mosee soofuu? Boru coba tokko tokko ishee irraa gadhiissisuun anaan eeggata. "Waanan of xureessaa jiru natti hin fakkaatu" jedhe mosee soofaa jiru irraa otuma boquu isaa illee ol hin qabatiin. Irra deebiin calliinsa yeroo muraasaa..... "Ani kaniin jedhu Piitii, yoo xiqqaate maaliif teessee hin sooftu?" "Dhaabadhee soofuutu natti tole kaa!" Ammas calliinsa.... "Ilaa kunoo odoon sitti himuu, mee waan kootii kee irratti cobsite ilaali" "Argeera. Garuu osoon of eeggadhuuti. Ammas hangan danda'e of eeggannoo nan godha" Aadde Faandaan mataduree biraa fiduuf akka yaadaa jirtu irraa beekama. "Ani kanin jedhu piitii, Ingilizoonni har'a maaliif haleellaa qilleesa irraa sana addaan kutanii?" "Haalli qilleensaa har'aa halleellaa qelleensaaf kan mijatu miti" "Tole inni har'aa haala qilleensaa haa jennu kaleessa aduu baasaa oole. Garuu xiyyaarri tokko odoo as hin bahiin oole" "Maal qaba amma waa'ee kanaa osoo dubbachuu baattee?" "Waanti kanaa olii maaltu jira? Ammoo waan natti fakkaate dubbachuu fi gaafachuu hin danda'uu?" "Hin dandeessu" "maaliif hin danda'u Piitii?" "Maaloo waaqa si uumeef jedhii nu hin jeeqiin!" "Maaltu akkas si godha? Maaliif gaaffii na gaafattee dha dubbiin? Maaliif Obbo Firaanki irraa hin barattu? Obbo Firaanki waan haati manaa isaa isa gaafattu deebisuurraa duubatti jedhee hin beeku" Obbo Faandaaniin ilaaluun yeroo kana. Miira isaa to'achuuf yeroo carraaqutti. Sababiin isaas waan amma jaartiin isaa itti kaafte dandamachuu kan hin dandeenye fi bakka laafinoo isaa irratti kan aggaamame ture. Haleellaa kanaan miidhamuu isaa kan hubatte aadde Faandaan salphaatti kan irraa deebitus hin fakkaattu. "Amma weerara jalqaba jedhemee kan eegamu waraanni saboota gamtoomanii baraafuu waan jalqabu natti hin fakkaatu" jetteen. Takka isa, takkaa mosee ilaalaa. Obbo Faandaan afaan isaa akka cufatetti ilkaan walitti qaruu fi illee isaa sochoosuu eegale. Haalli mosee quncisuu isaas akka nama dhagaa bocuu foonsaa duukaa qixxeetti gatuu ta'e. Aadde Faandaan wayita kana agartu fuulli ishee ni ife. Kunis ta'ee namicha hin gadhiifne. "Ingilizoonni fakkarsa waa'ee hin baafne afuufu malee waan fidan hin qaban" ittiin jette. Obbo Faandaanis boombii wal'aansoon summuugee qabee ture dhoose. "Niitii nana afaan kee qabi siin jedheera" Harmeen kolfa ishee to'achuu hin dandeenye. Ani garuu akkataa isaanii quba akka waan hin qabne fakkaachuuf haala gaariin, kanan soofe mosee mudaa hin qabne gaggaragalchee ilaalaaluu fi fiixee haaduu koon babbaqaqsuun jalqabe. Aanaa kee irraa

KAMISA FULBAANA 26/1943[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Walitti dhufeenyi namoota mana icciitii laafaa dhufeera. Yerooma dhiyaana nyaataaf minjaalatti naannofnee teenyu illee namni ija jabaatee afaan saaqqatu hin jiru. Sagalee afaan kaawwachuuf yeroo jedhu irraan kan hafe. Sababni isaas jechi tokko afaan kee keessaa bahe jechuun yookiin nama tokko gaddisiisa, yookaan gara ati hin yaannetti hiikama. Dhiphinaa fi mukaa'uuf dawaa gita hin qabne kan jedhamu qoricha valeriyaa fudhachuu ergan eegale guyyoota lakkoofsiseera. Rakkinaaf malee garuu faayidaa hin qabu. Har'aaf dhiphina koo naa dagachuusu malee, bor dhiphina caalu irraa na hin baraaru. Waantan gaarii godhee ittiin kolfu tokko osoon argadhee hidhamaa qoricha Valeria ta'uu irraa bilisa akka na baasu nan beeka. Gatii maalii qabaree hundi keenya kolfa daganneerra jedhamuu ni danda'ama. Aanaa kee irraa

DILBATA ONKOLOOLESSA 17/1943[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Yeroo darbe keessa miseensi mana kanaa hunduu jecha dalgaan isa wal tuttuqaa ture tokko tokkoon Yeroon yaadadhu, yaaduu hangan dadhabutti sammuun koo hadooda. Hundu gubaa mata mataasaa ukkaamsee of keessaa akka qabu beekamaadha. Aabbaan wayita hojii hojjetus ta'ee wayita asiif achi socho'u hidhii isaa walitti qadaadee qola ija isaas walitti dhiphisa. Harmeen yaanni ishee jeeqamuu irraan kan ka'e fuulli ishee gubachaa jira. Maargoot waa'ee mataa bowwuu isheef hadheeffattee jirti. Obbo Duusel maaloo irribni eessa jira jechaa jira. Aadde Faandaan isa guddaattis isa xiqqaattis osuma gungumtuu oolti. Kan koo si hin dhiphisiin haa dhiisu. Dhuguman siin jedha, takka takkaa eenyu duukaa akkan wal oodu fi eenyu duukaa akkan araarame wal na jalaa rukuta. Egaa kana hundarra karaan ittiin of tasgabbeessan tokko qofa. Eeyyee falli isaa tokko. Innis "Dubbisuu"...... Mi'aayes bushaayes waan argite hunda dubbisuu. Karaa mataa koo na baases, na nyaates kanuman godha. Aanaa kee irraa

JIMAATA ONKOLOOLESSA 29/1943[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Tibbana Obbo Faandaan fi aadde Faandaan lola iddoo qabaa hin qabne keessa seenaniiru. Manicha miila tokkoon dhaabaa jirun siin jedhe. Maaltu uumame seete kiitii? Akka natti fakkaatutti qarshiin isaanii jalaa dhumuu hin oolle. Sababiin isaa guyyaa isaa hin yaadadhu malee Obbo Kireler Obbo Faandaaniitti waa'ee walitti dhufeenya daldalaa uffata gogaa re'ee irraa hojjetamuu tokkoo itti himuu isaa nan yaadadha. Obbo Faandaan kana yaadatee akka ta'e ofitti amanamummaan nan dubbadha. Lafaa ka'ee uffata gogaa re'ee irraa hojjetame kan aadde faandaan ni gurgurra hin jedhu. Aadde Faandaaniif uffata sana jechuun kan isheen ganna kudha torba guutuu uffattee fi ammallee ija mararteen ilaaltudha. Yoo ati gurra kenniteef waa'ee isaa odeessitee hin dadhabdu. Kennaa abbaa ishii ta'uu isaa, gatiin isaa baayyee qaalii ta'uu isaa, waa'ee qulqullina isaa fi jabina isaa odeessiti. Qofa fafa malee akka ta'e dhagahaan yoo dadhabuu baate isheen hin dadhabdu. Walumaa galatti uffatichi jireenya isheeti. Egaa ka'umsi waraana Faandaanota lamaanii kana ture. Kutaa obbo Faandaanfaa keessatti cookni gaafsana uumame tilmaamuuf nama rakkisa. Baayyee baayyee nama sodaachisa ture. Warri koos qarqara dhaabatanii afuura ukkaamsatanii gara kutaa ol aanuutti ba'uuf qajeelan. Barbaachisaa ta'ee yoo argame walirraa qabuuf qophaa'anii. Dhuma irrattis Obbo Faandaan mo'ee uffata sana gurgursiise. Hir'ina tamboos dhabamsiise. Aadde Faandaan yoo xiqqaate haftee qarshii sanaan uffata kabiraa bitachuuf gaafatte. Obbo Faandaanis funyaan kee arraabi jedheen. Kiitii ani garuu baay'ee isaanii irra waan xiqqoon fooyyeen qaba siin jechuu nan danda'a. Nyaata na jibbisiisuu irraan kan hafe. Dhangaa foolii isaa iyyuu jibbeera. Kunimmoo ana qofa osoo hin taane hunduma keenya baay'ee sodaachiseera. Hunduu fedhii nyaataa koo kakaasuuf yaalaa jira. Kutaa ciisa koo keessa gosi nyaataa hin jirre hin jiru. Anaan kan na dhiphisu garuu fedhii nyaataa kiyya osoo hin taane guyyaa gara guyyaatti afuurri koo dhiphachaa deemuu isaati. Keessumaa dilbata dilbata du'a na hawwisiisa. Walumaa galatti haalichi baay'ee rafi rafi kan nama godhuu fi kan namarra rafudha. Bakkeetii sagaleen dhagahamu tokko hin jiru. Magaalli guutuun calliinsaan liqinfameera. Calliinsi fokkataan kun anaanis na liqimsuuf, hallayyaattis na gatuuf na harkisaa jira. Egaa Kiitii, miira akkasiin osoon liqimfeen jiruu aabbaa, Harmee fi Maargoot inumaayyuu narraa fagaatu. Yeroo sana ana si hin godhii. waanin godhutu na jalaa bada. Akkuma tokkoon ta'a. Kutaa isa tokkoo gara kutaa isa tokkootti asii fi achi deemeen aada. Sababa tokko malee irraangadee bu'een, irraan olee Baha. Walumaa galatti sinbirroo dukkana duudaa keessa wixxifattu, akkasumas kiyyoo qabamte sanaan wal'aansoo kan qabdu fi kan baalleen irraa cabe akkan ta'etti natti dhagahama. "Iyyi iyyi, barrisi barrisi, kolfi kolfi, utaali utaali, afuura haaraa galfadhu galfadhu" sagaleen jedhu keessa kootii iyyaa jira. Aanaa kee irraa

DAFINOO GALGALA SADAASA 18/1943[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Waanan guyyaa guyyaatti barreessu osoo gaggaragalchitee argitee, miira waldha'aa garaagaraa akkamiin akkan barreesse sidhibee si hin dhiisu. Haalli ani keessa jiru dhiibbaa hanga kana narratti qabaachuu isaa yeroon yaadu, dadhabduu ta'uu kootti nan aare. Dhugaadha dhiibbaa sana jala kan jiru ana qofa akka hin taane gaarii godheen beeka. Rakkoo hunda keenyaati. Akkuma atiyyuu beektu yeroo ammaa ujummoo dhiphinaa fi mukaa'uu keessan jira. Kun kanaaf akkas ta'a kanan siin jedhu garuu hin qabu. Deebii dhabuurra, sababni kanaa sodaattuu fi naatuu ta'uu kooti jedheen yaada. Guyyaa dhiphachuu koo irra kan caalu immoo maanaaba halkaniiti. Takka takkaa abjuutti boolla gadi fagoo keessatti gatamee karaan bahu dhabee osoon jaabbaruu nan arga. Takka takkaa immoo warab/lafa onaa keessa kophaa koo osoon deemuu, akkasumas manni icciitii keenyaa abiddaan yeroo barbadaa'u fi naazonni osoo nu fudhatanii natti mul'ata. Kan si dhibu gidiraan ani argaa jiru kun dhugaa malee kan abjuu natti fakkaachaa hin jiru. Qulqullina inni ittiin natti mul'atu nan gaafatiin. Kaanaaf dhiyootti qabatamatti jijjiiramuun isaa natti dhagahama. Addunyaan unuuf deebitee akka duraa taati abjuu jedhu hin qabu. Yeroo tokko tokko osoo hin yaadiin tasa mammaaksa keenya "Garbummaa sana booda" jedhun fayyadama. Haa ta'u malee kun tasumaa kan ta'uu hin dandeenye fakkaatee natti mul'ata. Yaadaan gara jiruu keenya isa duraatti yeroon deebi'u, manan keessatti guddadhe, hiriyoota koo, mana baruumsaa koo Walumaa gala jireenyan dabarse ana osoo hin taane nama biraa natti fakkaata. Nuti saddeettan keenya kutaa icciitii keenya waliin duumessa gurraacha keessa jannata xiqqoo dhuunfaa keenya keessa waan jirru fakkaatees natti mul'ata. Eeyyee jannata kana keessatti ammas waanti nama sodaachisu jira jedhee hin yaadu. Garuu duumessi nu marsee jiru nutti siqaa, nutti siiqaa, nuu fi diina keenya gidduu osuma jiruu bal'inni geengoo isaa dhiphachaa deemuun na sodaachiseera. Balaa dhufaa jiru jalaas waan oollu natti hin fakkaatu. Kanaaf keessi koo maal akka naan jechaa jiru sitti himuu kiitii!? Maaloo duumessi gurraachi nu marsee jiru kun karaa tokko nuuf banamee karaa furamnu osoo nu kennee? Aanaa kee irraa

SANBATDURAA SADAASA 27/1943[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Kaleessa galgala siree koorra ciisee irriba barbaacha yaadaan liqimfameen osoon jiruu eenyu dhufee fuula koo dura akka dhaabate sitti himuu hin danda'u. Hiriyaa too qaalii Liizaa dha. Hiriyaa mana barnootaa. Akkuma qaamaan dhufteettin fudhadhe, mataatii hanga miillaatti sirriitti waan natti mul'atteef. Uffanni ishee irratti ciccitee, fuulli ishee huuqqatee dhuftee fuula koo dura dhaabbatte. Fuula lafeen keessa ol babba'eeru irraa ija ishee gurguddaan xiyyeeffattee na ilaalte. Rakkina ishee, ija ishee keessatti barreeffame dubbisuunis na hin rakkifne. "Aanaa akkamitti? akkamitti asitti na dhiistee deemta? Maaloo na gargaari! Gaannaba kana keessaa na baasi!" Yaa anaa! Maal abbaa koo gochuufiin danda'a. Waa'ee namoota gidirfamanii asitti cuqqaalamee yaaduu irraan kan hafe maal gochuun danda'a? Waaqayyo liizaa gara Keenya akka fidu kadhachuun alatti.... "Sadarkaan gaddi sun irra jiru miira gaddaa eenyu illee qabaachuu danda'uun olitti" Sa'aatii dheeraaf fuulli Liizaa ija koo dura deddeebi'ee irriba na dhowwe. Waan biraa yaaduufis nan dadhabe. Eeyyee amma waa'ee walitti dhufeenya anaa fi ishee waan tokko naa ifaa dhufe. Jalqaba kan ishee oodee fi of irraa fageesse ana ture. Waan ijoollummaa ta'ee rakkina ishee hubachuufii hin dandeenye. Kanin itti murteesses sirrii malee ture. Hiriyaa homnaa ol itti siiqxu qabdi. Ishee na jalaa fudhatti jettee baay'ee sodaatti turte. Liizaa giiftii too, hangam akka mankaraarte amma reefu naa gale. Miirri Yeroo sanaa anaan amma reefu na haleela. Liizaa malaaka taate kana hangana gaddisiisuun hammeenya hammeenyotaati. Ammammoo kunoo na fuuldura dhaabattee ija ishee dhiifamaan na ilaalaa jirti. Akkam akka nama gaddisiistu osoo argitee kiitii! Maal qaba osoon ishee gargaaruu danda'ee? Yaa Waaqayyo waan ati gochaa jirtu kun maali? Ani mana ho'aa keessa jiraachaa, isheen gidiraa fi dhiphinaaf alatti gatamuun maaliifi? Waanan ishee irraa ittiin fooyya'e akkan hin qabne nan beeka. Isheen sirriidha jettee waan itti amante qofa gochuuf nama yaaltu dha. Isheen akka mankaraartu kan godhe sababiin isaa maali? Maalidha garaagarummaan anaa fi ishee gidduu jiru. Maaliifis haga kana akka wal irraa fagaannu nu goote?. Liizaa too, Waaqayyo jedhee lubbuun yoo turree fi yoo wal argine, akkamitti akka si beenyu ni argita. Maalii olitti kanin hawwu isa kana. Maaloo yaa Waaqayyo ogummaa keen ishee eegi. Yoo xiqqaate kophummaan akka itti hin dhagahamne ishee gargaari. Yoo eeyyama kee ta'e immoo akkan bifa gaddaan ishee yaadaa jiru naa beeksisi. Jajjabina isheef ishee gargaaruu danda'a waan ta'eef. Keessa keessammoo maaltu akka natti dhagahamu beektaa? Waa'een Liizaa duruma bade, wal arguus hin dandeenyu, balleessaan itti balleesse hundumaafis otoon beenyaa hin kaffaliinan hafa, isa jedhuudha. Kan ta'e haa ta'uu fuula kee duratti Liizaaf waadaan seenu nan qaba. Hangan lubbuun jirutti sammuu koo keessaa yoomillee akka hin baafne waanan danda'u hunda nan godha. Lakkoofsuma waa'ee koo yaaduun ishees yaadadha. Lakkoofsuma ofiif kadhadhuun isheefis kadhadha!. Aanaa kee irraa

ROOBII MUDDEE 22/1943[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Ergan sii barreessee guyyoota hedduu lakkoofsisee mitii? Dhiifama naa godhi, qufaan cimaan na qabee boqonnaa waan na dhorkeefi. As keessatti dhukkubsachuu kan caalu abaarsi gadheen hin jiru. Addatti immoo waajjira obbo Kireler faa keessa hojjettoonni yeroo jiran, rakkinichi harka kudhaniin dabala. Na haxxiffachiisuuf jedhee yerooma inni funyaan koo nyaachuu jalqabu waan ani godhu osoo argitee kolfitee hin deeffattu. Hhhhhh... Tokko lama Sadii.. Akka ajaa'ibaatti fiigee kefaa siree koo irratti fuula koo gadi ukkaamseen.... Hhhhh maal abbaa koon godha kiitii? Yoo na haxxifachiises, yoo na haxxiffachiisuu baates akka kutaa gadiitti hin dhagahamneef filannoon kanarra wayyaa ta'e hin argamu. Adaduma ati ofirraa ittisaa deemtuun immoo sitti hammaata. Maalumaafuu qufichi amma guutuu guutuutti na gadhiiseera. Kan biraa hojjaan koo seentii meetirii tokkoon, ulfaatinni koo immoo paawundii lamaan dabaleera. Fuulli koo ifa aduu dhabuun daalachaa'eera. Fedhiin dubbisuu fi beekuu Koos guyyaatii gara guyyaatti guddachaa dhufeera. Gidduu kana maaltu akka dhalate hin beeku miseensonni mana icciitii kanaa walii galaa jiru. Ishoo yoo xiqqaate wal mormii fi wal dhabuun dhaabateera. Ji'oota darban keessa nageenyi akkasii mana kanatti argamee hin beeku. Kan hafe haalli qilleensaa isaa callanboo wayiiti. Garaa baayyee keenyaa keessaas ni iyya. Hawwii guddaan kan eegnu weerarri Sabdanuu ittumayyuu callise. Hamleen keenyas laafeera. Aanaa kee irraa

DILBATA AMAJJI 2/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Har'a ganamaan ka'ee yaadannoo koo osoon gaggaragalchuu isa hammeenya harmee akka malee ol kaasee barreesseeru argee naasuu guddaan guutame. Dubbisuus dhaabeen gaaffii of gaafadhe. "Afaanuma kee keessaa dubbiin jibbiinsaa kun bahee? Oo.. Aanaa kun akkamiin ta'e?" Achuma iddoon taa'utti hadoodeen waan darbe xiinxaluun eegale. Gidiraa hagamiitu narra gahee, akkasitti kanin hammeenyaan guutame? Jibbiinsi hagas gahus eessaa madde? Waanta waa'ee hin baafne kana akkamiinin gatii itti kennee sitti himee kiitii? Maalumaafuu Aanaa ganna tokko dura turteef Aanaan isheen amma balleessaa isheef dhiifama gootee; fuula duraafis balleessaa ishee irraa barachaa jirti. Inni biraan, dhiphinaa fi aarii ragaa qabatama hin qabne kanan sii barreesse hundumaa qulqulleessee hangan sii barreessutti sammuun kiyya waan boqotu natti hin fakkaatu. Itti miidhamaa kanan turee fi ammayyuu itti miidhamaa kanan jiru sitti himuu kiitii? Waantota ilaalcha koo qofaan ilaaluufi ilaalcha karaa biraan yookiin gartuu biraa osoo ta'ee maal murteessa jedhee tilmaamuu dhiisuun Yeroo hundaa miidhamtuu godheen of fudhadha. Kunimmoo miidhuun koo akka natti hin mul'anne godha. Harmee waliinis, wal irraa nu fageessee kan walitti nu hammeesses kanuma malee waan biraa akka hin taane amma naa gale. Dhugaa koo qofa ilaalee kan harmee natti mul'achuu dhiisuu isaati. Miira itti gaafatamummaa hin qabnee fi dubbii luugama dhableen gaggeeffamee gammachuu harmee kan fageesse anuma mataa kooti. Akka qocaan qola ishee keessa galtutti uffata siree kiyya keessa galee qaxabuun natti hir'atee, gammachuu koo, gadda koo, dhiphina koo cinaatti goree sirrattin barreessa. Dhugaadha, waanan yaadannoo too qaalii irratti barreessu, maalis haa ta'uu maal yaadannoo qabaachuun kiyya qofti gammachuu naa kennu jechaan ibsuu hin danda'u. Guyyoota darban tokko tokkoof gaariis ta'ee hamaa miira guyyichaa fi yaadannoo guyyichaa akka fuulleetti kanin ilaalu yaadannoon too qabeenya ani ittiin boonudha. Kun akkuma jirutti ta'ee garuu amma yeroon gaggaragalchee ilaalu, rakkoowwan asirratti barreesseeru baayyeen isaanii kan furamaniidha. Harmeef ani yoom illee ilmoo qeerransaa ittan fakkaadha. Ammas darbee darbee akkasuma ittin fakkaadha. Dhugaa dha harmeen guyyaa tokko naa hubattee hin beektu. Anis garuu guutummaatti isheef hubadheera kanin jedhu hin qabu. Amma Ofitti amanamuummaan waanan dubbadhus nan qaba. Harmeen baay'ee na jaalatti. Baay'ees na mararsiifatti. Kun kanaan osoo jiruu sababa koon waantota hin barbaachiifne keessa galaa fi bahaa akka yoona geesse naa gala. Kana irratti halli waliigala nuti itti jirru rakkoon guutamaa ta'uun dhiphina itti fe'u, faca'uun yaadaa yeroo irratti ida'amu, ana irratti oriisaa ishee jiksuun na ajaa'ibuu fi akkan isheetti murteessu na dirquu hin qabu. Gorsas haa ta'u dunna harmee irraa dhufu kan na ilaallatu hunda xiyyeeffannoo ittan kenna. Jechoota sanaan miirri kiyya ni miidhama. Dafee na danfisa. Xiiqii caaluu fi dubbii oriisaatiin deebiin kenna. Yoom illee baruu kan dadhabde yeroo hunda sammuu ishee kan tuqu, Haalli koo kun gama isaan harmee baay'ee miidheera. Baay'ee natti gadditeetti. Walumaagala haadha dubbii naan jedhi. Gabaabumatti natti himi yoo naan jette, Kubbaa gaabbii fi aarii darbachaa akkasuma isa sitti darbatame sooraa kan ittiin wal dorgomtu, jibbisiisaa fi nuffisiisaa kan ta'e tapha jireenyaati. Anaafis isheefis gaarii hin turre. Lamman keenya iyyuu itti miidhamneerra. Gaarummaan isaa Rabbi galanni haa gahu, kun hunduu waan darbe fakkaata. Harmeen sababa kiyyaan immimmaan ishee yeroon itti dhangalaastu asirratt gaha. Amma ani bishaachaa akkasuma gaarii fi gadhees adda baasaan jira. Harmeenis waan xiqqoof aaruu dhiisteetti natti fakkaata. Amma waanti nama aarsu yeroo na mudatu illee miira koo to'achuu fi afuura osoo hin baafatiin afaan koo cufachuu danda'eera. Harmeenis akkasuma. Waan ta'eefis rakkoon nu gidduu jiru dhiphachaa, "haadha fi mucummaa"n uumamni nuu kennite toora qabachaa dhufeera. Aanaa kee irraa

ROOBII AMAJJI 5/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Har'a icciitiiwwaan laman sitti hima. Dirqama michuu natti dhiyaatutti akkan himuu qabu waan natti dhagahameefi. Michuun si caalaa natti dhiyaatu immoo hin jiru kiitii. Waan fedhe haa dhufu malee ati icciitii dabarsitee hin kennitu. Inni tokkoffaan waa'ee harmeeti. Qooddattuu icciitii koo si qofaa ergan godhee jalqabee, waa'ee harmee hagam akkan hadheeffadhe ni beekta. Sana boodas gaarii ta'uufiif akkan baay'ee yaales ni beekta. Si dhiba kiitii! Harmeen hir'inni ishee maal akka ta'e amma naa ife. Harmeen anaa fi Maargoot akka ijoollee isheetti osoo hin ta'iin akka hiriyoota isiitti nu ilaalti. Kun kan ani tilmaame osoo hin taane Harmeen afaan isheen kan dubbattedha. Eeyyee akkas ta'uun isaa waan namatti tolu tokko qaba. Rakkoon guddaan garuu michuu bakka haadhaa bu'utu hin jiru malee. Akka ilaalcha kiyyatti garuu haati too gaggeessituu too akka naa taatu fi kan naan jettuu fi na ajajju hundumaa fudhachuunis fedhii kooti. Maargoot waantota akkas jiraniif ilaalchi isiin qabdu adda akka ta'ee fi keessumaa waan amma itti jirru kun tasa waan isheef galu miti. Aabbaan akkuma beektu harmee waliin waan wal qabatu keessa galuu hin fedhu. Ani haadha sirrii jedhee kanin yaadu, haadha gamna taate, itti dabaluun ammoo yeroo ijoolleen ishee sadarkaa keenya irra gahan haala kamiin akka itti siiquu qabdu kan beektuu fi yoon tasa booye, akka daa'imaatti yookaan akka gowwaatti natti kofaltee kan na hin dhiisne, dubartii beektuu dha. Eeyyee haati tokko yoo xiqqaate waantota kana guutuu qabdi. Harmeen garuu yoo xiqqaate tokkoyyuu kan hin guunne ta'uu isheeti. Fakkeenyaaf harmeef waantan dhiifama gochuufii hin dandeenye sitti haa himu. Sitti garuu waan waa'ee hin baafne fakkaachuu danda'a. Itti qabamuu koo gaafsanaa garuu of keessaa baasuuf hangam akkan rakkadhe ana qofatu beeka. Waantichi kan ta'e, gara mana icciitii kanaa osoo hin dhufiin dura ture. Bu'uura beellama doktara ilkaanii biraa naa kennameen guyyaa itti ani mana yaalaa deemu ture. Egaa guyyaa sana naa waliin deemuuf kan ka'an Maargoot fi harmeen biskileeta tiyya qabadhee osoon deemee garii akka ta'e natti himan. Akkan jaalala biskileetii qabuuf akkas jedhameera "haa turuu..." Akkuman kana dhaga'een biskileetii tiyyarra baheen fuuldura isaanii oofaa takka itti deebi'aa deemsa keenya jalqabne. Maargoot fi harmeen wayi bituuf gara magaalaa akka bahan natti himan. Anis isaanii waliin deemuu akkan fedhu ittan hime. "Lakki hin ta'u ati biskileetii qabattee waan jirtuuf, magaala keessa deemuun siif hin ta'u" naan jedhan. Yerooma sana naa gale. Duras biskileetii fudhuu ba'i kan naan jedhan duruma daba kana yaadaniiti. Akkam akka na aarse sitti himuu hin danda'u kiitii!. Imimmaan kiyya dhangalasuu wayitan jalqabu inumaayyuu Maargoot fi harmeen natti kolfuu jalqaban. Gaaf Sana ana sin godhiin kiitii. Sirumaa waanin godhu na wallaalchise. Lamaan isaaniitti arraba tiyya baaseen utaalee biskileetii tiyya irra bu'e. Dubartiin nu bira darbaa jirtu tokko hojii koo kana yeroo argitu akka ija ishee babaaftetti hafte. Dhugaa qabdi, intalli haadhatti arraba baaftu kan barame miti. Guyyaa gaaf Sanaa ariitii akkamiin akkan galee fi galees sa'aa dheeraa akkan booye nan yaadadha. Mudannoo sanaan harmeen hagam akka na madeedeessite maal jedheen namatti hima? Sitti himachuun koo qofti bu'aa tokko. Icciitiin koo inni lammaffaan ammoo maal seete? Nama biraattii dhiisii sumattuu himuuf kan na rakkisu dha. Sababiin isaas dhimmichi guutummaa guutuutti waa'ee koo waan ta'eef!. Kaleessa wayita dargaggummaa of kuuluu fi amaloota mul'atan kan jedhu irratti keeyyata Siis Heeyisteriin barreeffamen dubbise. Baay'ee baay'ee keeyyata ajaa'ibaati. Anaaf waan barreeffame hanga natti fakkaatutti kanan ittiin liqimfame. Of kuuluu inni jedhu hagas mara narratti yoo argamuu baatellee qabiyyeen hafe hunduu guutummaatti kan na ibsuudha. Keeyyatichi waa'ee maalii akka ibsu mataa mataa isaa irraa siif haa himu. "Shamarreen tokko umrii ijoollummaa irraa gara dargaggummaatti bara ceetu keessa calliinsi hin baramne ishee irratti mul'ata. Yeroo kanatti kan ishee yaachisuu fi yeroo hunda xiinxaltu jijjirama qaama ishee irratti dhufu dha" jedha. Narratti kan mul'achaa jirus kanuma. Jijjiirama ajaa'ibaati kiitii!. Dhugaa dubbachuuf waan ta'e kana himuun namatti ulfaata. Waan namatti tolus immoo qaba. Jijjiirama yeroon siin jedhu qaama kiyya irratti alaan kan mul'atu qofa osoo hin ta'iin, walii gala keessa koo guutummaatti jijjiirama natti dhagahame dabalata. Waa'ee koo immoo nama mariissisuuf barsiifata isaa hin qabu. Kanaafi yoo xiqqaate sii waliin dubbachuuf kanan murteesse kiitii tiyya. Lakkoofsuman laguu ji'aa koo arguun (reefu si'a sadii qofan argee) walumaa gala dhukkubbii isaa, dadhabbii isaa, jibbisiisummaa isaa, amala nama dhabsiisuun isaa akkuma jirutti ta'ee, kennaa uumamni naa kennite icciitii uwwaa ta'uu isaa wayitan yaadu, gammachuun inni naa kennu xiqqoo miti. Adafiin ji'aa koo dhufee na cinqaa oolee na cinqaa buluu irraan kan hafe, kan biraa bu'aa dhabus, inni yoo hin jiraannes jiini isaa gahee kennaa icciitii uumamni na badhaaste kana arguuf akkam akkan yaadu nan gaafatiin. Itti dabaluun Siis Heyister keeyyata kana keessatti kan barreessite "Yeroo kana shamarree kanatti miirri sirrii ta'uu itti hin dhagahamu. Sababiin isaas amala dhuunfaa isaanii ta'e fi barsiifata mataa isaanii akk qaban yeroo itti ifa ta'aafii deemu dha" jetti. Si dhiba kiitii, waan Siis Heeyister jettu kun baay'een isaa anatti osoo umuriin kiyya hin qaqqabiin mul'ate. Gara mana icciitii kana dhufnee waggaatti jechuun umriin kiyya ganna kudha afur wayita guutu ture, ani nama gahaa dha jechuu fi akka nama guddaatti of lakkaa'uu kanin jalqabe. Takka takkaa sa'aan ciisichaa gahee gara mana ciisichaa kiyya deemee siree kiyya irra ciisee harma koo sukkuumuu fi dhahannaa onnee koo dhaggeeffachuuf fedhiin guddaan na keessa bula. Fedhiin sunis fedhii akkasumaanii akka sitti hin fakkaanne kiitii. Fedhii to'annaa ala bahedha. Aanaa kee irraa

KAMISA AMAJJI 6/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Icciitii koo kanin mariissisu namtokko otoo jiraatee kan jedhu hawwii koo yeroo maraa ta'us argachuu dhabee yoona gaheera. Amma garuu itti yaadee, buusee baasees dirqama jiraachuu akka qabu ergan amenee Piiteritti dhiyaachuun akka na baasu murteesse. Guyyaa tokko tokko darbee darbee gara kutaa Piiter deemuun yeroo koo muraasa achitti dabarsuun jalqabe. Egaa guyyaa sana akka itti natti salphatu osoo argitee kiitii, Yeroo koo darban of miidhuu kiyyas gabbiin na yaadachiisa. Garuu Piiter nama jibbu illee yoo ta'e ija jabaatee narraa bahi jechuu akka hin dandeenye waanan beekuuf isa bira hin turu. Sababiin isaas yoon isa nuffisiise hoo jedheen sodaadha. Kutaa isaa seenee odeessuuf mata duree dheeraa barbaadaan ture. Sababa fedhe argachuun natti ulfaatee miti. Kaayyoon koo akka narratti dammaqan kan hin goone jedheen malee. Carraan eegaa ture kaleessan argadhe. Piiter gaaffiiwwan gabatee keessaa guutuuf araada guddaa qaba. Egaa gidduu kana waan biraa osoo dalaguu hin mul'atu. Anis Kaleessa isa gargaaruuf isa bira taa'een guutuu jalqabe. Baay'ees osoo hin turiin gabatee sana guunnee fixnee, minjaala ishee xiqqoo cina teenyee oduu jalqabne. Inni dombii irra ture kan taa'eeru. Animmoo siree dacha'u sana qarqara isaa irra. Gidduu gidduun ol jedhee lakkoofsuma ija isa cuquliisa fi keessa galaa ilaaluun miirri kanadha jedhamuu hin dandeenye tokko natti dhagahama. Innis bifa ergaan isaa wal nama jalaa rukutuun hidhii isaa takkaa walirraa banaa takkammoo cufaa seeqa keessa ija ija koo keessa ilaala. Haa ta'u malee miira keessa isaa dubbisee akkan jiru mirkaneeffadheera. Yeroosaatti maal gochuu akka qabu wallaalee akka dhiphatu fuullisaa natti hima. Kabaja namaaf iddoo kenna. Waan hundi isa ija laafina ta'uu hubadheen anis ifin qusadhe. Kunis ta'ee ijoota isaa akka diyaamendii tulloota keessaa ifan ilaaluu dhiisuu hin dandeenye. Ija koo mirmirsuu fi of kenninsa qaama koon keessa koo waanan ibseefiis natti fakkaata. Kana Malee kiitii too; afaaniin "maaloo maaloo Piiter wanti onnee kee keessa deddeebi'u kun maal akka ta'e natti himi, waan amma badda sagal haasofneen alatti waanti sitti mul'atu hin jiruu? Mee waaqa si uumeef jedhii natti himi" jechuu malee waanti na hafe hin jiru. Sanas ta'ee kana waanti haaraan osoo hin mudatiin galgalli sun darbe. Waa'ee ijoolleen bara dargaggummaatti wayita ce'an jijjiirama amalaa isaan fidan waanan dubbiserraa isaaf qooduu koo irraan kan hafe waa'ee kiyyas ta'ee waa'ee Piiter wanni irraa haasofne hin jiru. Halkan ciisee hunduma isaa duubatti deebisee yeroon yaadu waantin ani jalqabe hunduu itti deemuuf kan nama kakaasan miti. Kanarratti hanga gargaarsa Piiter barbaaduutti gadi bu'uun koo miira namatti hin tolle tokko na keessatti uume. Haa ta'u malee namtokko waan barbaadu tokko argachuuf dhagaan inni hin buqqaafne hin jiru. Egaa ani of tuulinsa wal hanqattee kana dhiiseen guyyuu kutaa Piiter dhaqee isa cina taa'ee waan garaa isaa akka natti himu irra deebi'ee yaalii gochuu koo ittan fufa. Dubbii keenya irratti garuu kiitii; Aanaa; Piiter irraa jaalalli qabeera jettee akka hin yaanne. Dubbichi akkas miti. Osoo obbo Faandaanfaa bakka mucaa dhiiraa godhatan kana mucaa durbaa qabu ta'ees walitti dhufeenya Piiter duukaa gochuuf yaalii gochaa jiru kana nan godha ture. Amma ani kanin akka bishaan gammoojjiitti dheebochaa jiru, kan garaa isaa kan natti odeessuu fi kan garaa koo kanin itti odeessu hiriyaa umriin walitti dhiyaannu argachuu qofa. Dhiiras ta'e durba. Inni kan biraan jaalatamtuu Kiitiif ani himu!, har'a ganama naannoo sa'aa tokko ta'uu shan hir'uutti abjuu koo halkanii waldhayii tokko malee tokko tokkoonan yaadadhe. Isa yeroo kaanii baay'ee isaa hin yaadadhu. Bifa ciccitaa ta'een yoon yaadadheen alatti. Kan har'aa kun garuu adda kiitii, sirumaa abjuu kan hin fakkaannee fi qulqulleessee kanan yaadadhu. Maal argite naan hin jettuu? Kanin arge - ani barcuma wayiirran taa'eera, fuundura koo immoo Piitertu taa'eera, (Piiter yeroon jedhu Piiter Faandaan akka sitti hin fakkaanne, Hiriyaa ijoollummaa koo Piiter Weesel jechuu kooti) Anaa fi Piiter teenyee kitaabota suuraa manni maxxansaa Meerii Boos maxxanse ilaalla. Qulqullaa'ee mul'achuu abjichaa irraan kan ka'e suuraawwan kitaabicha irra jiran ammallee tokko tokkoon nan yaadadha. Kana qofa hin se'iin kiitii - ajbichi itti fufe, tasa ijji koo fi ijji Piiter walirra bu'e. Kunoo ijoota carii bifa diimgurraa qaban hubadheen ilaale. Sana booda Piiter afaan lallaaffifatee "yaa anaa.... Aanaa otoon akkas se'eera ta'ee kana dura barrisee siin dhufa ture" naan jedhee gara kootti akka dhiyaachuu wayita ta'u, bifa buttuu wayiin fula koo irraan garagalche. Sababiin isaas yeroo sanatti miira garagaraa akka hurka lafa keessaa na guban baay'een isan baachuu danda'u ol waan ta'eef. Akka jirbii hiddamee fi akka killee reefu lukkuu keessaa bu'uu maddiin lallaafu maddii koo duukaa yeroo wal tuqu natti dhagahame. Ooo.. Kiitii, miira akkam namatti tolu seete? Baay'ee baay'ee namatti tola.... Eeyyee baay'ee baay'ee.... Haa... Kanarratti ture kanan dammaqe. Nama hin gaddisuusuu kiitii? Akkuma maddiin keenya wal tuqeen, akkuman ho'a isaa fi lallafina isaa dhamdhamuu eegaleen, addunyaa haaraa keessa anumaa galuuf jedhu, ture kanan dammaqe. Sidhiba kiitii ergan dammaqee boodas hoo'i maddii Piiter maddii koo irraa hin banne ture. Akka bakakka lafa tarsaasuu ijoonni bifa diimgurraa qaban yeroo qaama koo weeraran hubatanii maal akkan ta'e yeroo narratti baran (Dhiifama - yeroo naa baran jechuu kooti) gaarii godhee natti dhagahama ture. Eessaa dhufeen isaa kan hin beekamne Imimmaan ija koo guute. Yeroo haga kana gahu booda Piiter bifa raajiin argadhe baay'ee osoo na bira hin turiin, tasa akka dhayichaa fuula kooti yeroo badu gaddi natti dhagahame. "Buddeena Abjuu" jechamni jedhu akka kanaatti ifa naa ta'ee hin beeku. Faallaa isaatiin garuu filannoon koo ammas Piiter Waales isa duraa ta'uu isaa mirkaneeffachuun koo gammachuu inni naa kenne daangaa hin qabu ture. Aanaa kee irraa

ROOBII AMAJJI 7/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Ani dadhabduu gosa kamiiti. Yeroo haga kanaaf waanuma allee sii himaa turee garuu waa'ee koo darbe yookaan saayiboota koo dhiiraa siif hin barreessine. Dhuguman siin jedha, baay'een ofitti qaana'e. Maalumaafuu dhiifamni kee narraa hin fagaatiin malee xiqqoollee haa taatu sittan hima. Ijoollummaa kootti ture - jechuun koo kindargaarten keessa yeroon jiru ture, mucaa xiqqaa Keriil Saamsoon jedhamuu waliin walitti dhufeenya cimaa keessa kanin seene. Keriin jechuun abbaan isaa erga jalaa du'ee booda adaadaa isaa tokko duukaa kan jiraatu yeroo ta'u. Ijoollee adaadaa isaa keessaa immoo inni tokko Roobiin jedhama. Bareedaa dhaabbii tolaa fi buufata ija shamarran mana baruumsaa sanaa kan ta'e Roobiin uumamuu isaa dabalee otoo natti hin mil'atiin, gabaabaa faati dhabeessa kan ta'e Keriil qalbii koo fudhate. Sababiin isaa maal seete kiitii? Dhaabbiin bareedaan ulaagaa koo ta'ee hin beeku. Kanaaf baay'ee kanan jaalladhu hiriyaa koo keriil wajjin bara dheeraaf michuu garaa turre. Yeroo keenya baay'ee waliin dabarsina ture. Keessumaa kellaa mana baruumsaa keessatti yeroon qofaa keenya waliin dabarsine waan lakkaa'amu hin turre. Haa ta'u malee yeroon hiriyummaan waliin dabarsine kun jaalala ani keriilif qabuuf deebii sirrii ta'e hin arganne. Hangan isa jaalladhu na jaallachuu dhiisiitii, Hangan isa jaalladhu illee hin barre. Kana booda ture Piiter Waales duukaa kan wal barre. Ijoollummaama ta'ee hiikaa isaa sirriin yoon beekuu baadhes miirri ani Piiteriif qabu kan keriil irraa xiqqoo adda ture. Jechuunis Piiter irraa jaalala isa dhugumaatu na qabe jechuun ni danda'ama. Innis baay'ee na jaallata. Wal irraa odoo adda hin bahiin bona guutuu dabarsine. Addatti guyyaa harka wal keessa dabarsinee karaa guddaarra waliin bashannanne hin dagadhu. Inni uffannaa guutuu adii ture kan inni uffate. Animmoo wandaboo haphii fi gabaabduu!. Ani kutaa shanii gara ja'atti waanan darbuuf achuma mana barnoota sadarkaa tokkoffaatti yeroon galmaa'u inni immoo kutaa torbatti waan darbuuf sadarkaa lammaffaatti galmaa'e. Kanaaf yookiin inni na bira dhufuu, yookaan immoo ani dhaqee wal arguu malee wal arguun ulfaataa ta'e. Piiter mucaa akkam bareedu seete kiitii? Hojjaa dheeraa, qaamni isaa qal'aa, bareedinni bifa isaa duroo leemmanii, rifeensi isa gurraachaa fi calaqqisaa, ijoota ija wayinii fakkaatan fi bifa diimgurraa qaban, funyaan qara, maalan siinjedha qofa? Walumaa gala waan onnee namaa hatu qaba. Ammoo addatti wanti isa duukaa na roraasu maal akka ta'e sitti himuu kiitii? Kolfasaa, addatti ammoo daba wayii yeroo yaadu, yookaan baacoof kolfa inni kulfu. Bonni darbee baruumsi dhumee ani gara firoota keenya baadiyaan deeme. Boqonnaa koo fixee yeroon deebi'u Piiter iddoo jijjiirratee na eege. Piiter barbaacha gara mana isaa yeroon deemutti bakka isaa kanan arge mucaa umriin isaa Piiteriin baay'ee caalu mana isaattin arge. Boodarra waanan dhagaherraa akkan hubadhetti mucaan kun Piiteriin ishee akka koo (hancufa ishee hin liqimsine) duukaa yeroo isaa balleessuu akka hin qabne ganna guutuu yaalaa kan bahedha. Maaliin mirkaneeffatte naan hin jettuu? Halkanaa'ee adda baanee, bari'ee hanga wal'arginutti halkanicha kan hin amanne Piiter, tasa lafaa ka'ee ijaan si arguun jibbee kan naan jedhe. Garuu humnaa ol isa jaalachaa waanan tureef dhugaa sana fudhachuu hin barbaanne. Akka narraa hin fagaanne yaalii garagaraa godheera. Boodarra garuu waan tokko na yaachisaa dhufe. Akkas akkan Piiteriin barbaadutti yoon itti fufe maqaa masoo 'diboo Piiter' jedhu naa moggaasuu hin oolan jedheen sodaadhe. Kanaaf osoo hin jaalatiin waa'ee isaa hunduma dhiise. Baroonnis tokko lama jedhanii darbuu jalqaban. Piiter ijoollee durbaa umriin isa gitan duukaa mul'achuu itti fufe. Anaan nagaa illee na gaafachuu hanga irraanfachuutti gahe. Si dhiba kiitii, ani garuu matumaa isa dagachuu hin dandeenye. Mana baruumsaa itti barachaan ture gadhiisee gara mana baruumsaa yihuudotaa sadarkaa lammaffaatti yeroon jijjiirradhu mana baruumsicha keessa dargaggoonni jiran ijji isaanii akka narra jiru nan arga. Ijoollee durbaa baay'ee keessaa xiyyeeffannoo argachuun koo baay'ee na gammachiisaa ture. Gammachuu qofa osoo hin ta'iin kabajnis natti dhagahamaa ture. Kana irraan kan hafe dhiirri akka na tuquuf carraa isaa kenneef garuu hin turre. Gara dhumaa kanarra mucaan Haarii jedhamu baay'ee akka na jaalatee ture nan yaadadha. Garuu akkuman sitti hime Piiteriin booda jaalalli na qabee hin beeku. Jechamni tokko jira, "Madaan yeroon hin fayyifne hin jiru" jedhama. Anarratti waanti mul'ates kanuma kan mirkaneessu ture. Piiteriin kanan irraanfadhee fi jaalalli isaas guutummaa guutuutti kan na gadhiise natti fakkaatee ture. Edaa qaxabiin isaa gola sammuu koo keessa turee takka takkaa osoon hin yaadiin hanga anaaf illee gaaffii ta'uutti, Piiter duukaa ijoollee durbaan argu inaafuun koo yeroo dheeraaf ture. Kanaafi Piiteriin jaalachuu kanan dhaabe. Faallaa isaatiin garuu kan ta'e maal seete kiitii? Ani guddachaa fi bishaachaa adaduman deemuun edaa jaalalli ani Piiteriif qabu ture, naa waliin guddachaa akkasumas bilchaachaa ture. Waanti haaraan uumame akka hin jirres har'a ganaman hubadhe. Umriin abjuu koof. Yeroo sana Piiter akka daa'imaatti na lakkaa'uun isaa fi ijoollee durbaa umrii isaatti siquun isaa akka balleessaatti isatti lakkaa'uu akkan hin qabne amma reefu naa galaa dhufe. Kunis ta'ee garuu akkasitti guutummaa guutuutti onnee isaa keessaa na baasuu fi uumamuu kiyya dabalee na irraanfachuu danda'uun isaa waan nama dhukkubsu wayii qaba. Fuulli Piiter ani har'a ganama arge isa qaamaan argee beekurra itti dhiyeenya fooyya'aa ta'een ture. Eeyyee dhugaa dha. Piiter Waales mucaa ani irraanfachuu danda'uu miti. Isa osoo ta'uu baatee waggaa hamma kana onnee koo keessa namni biraa jiraachuu waan danda'u natti hin fakkaatu. Abjuun koo Hagam akka na jeeqe baaktaa kiitii? Aabbaan galgala galgala yeroo rafuuf jedhu akkuma na dhungatu ganama yeroon hirribaa ka'us na dhungata. Egaa ganama har'aa yeroo na dhungatu, "uu... Maal ta'a osoo Piiter naa taatee" jechuuf waa malee na hin hafne. Ganamaa jalqabee waan biraa yaaduu dadhabeen ture. Garaa kootti Piiter Piiter osoon jedhuu dhihe. Egaa maaltu naaf maala? Maalidha fallisaa? Karaa koo filannoon jiru garuu tokko qofa. Innis karaa naa danda'ameen le'ii koo tursiisuuf dhama'uu fi yeroon abaaramaan kun darbee iddoo kanaa wayitan bahu, Piiter duukaa lammaffaa akka wal nu argisiisu Waaqayyoon kadhachuu qofa osoo hin ta'iin, hanga ammaa isa jaalachuu koo fi yeroo wal arginutti akkuma abjuu koon dubbate "Aanaa Osoon kana se'eera ta'ee durin sii dhufa ture" dhugaadhumaan akkan argu nan kadhadha. Fuula koo fuulleetiinan ilaale. Baay'ee jijjiirameera. Ijoonni koo qulqulluu ta'uu isaanii irraatti dabalataan boolla'aniiru. Maddiin koo dhiilga'aniiru. Diiminni isaanii gara diimadiitti kan duufedha. Hidhii koo dabalatee naannoo afaan kootti lallaafinaa fi bareedinni ni mul'ata. Walumaagala mucayyoo rakkoo tokkoyyuu hin qabne fakkaadheera. Kunis ta'ee garuu fuula koo irraa duumessi gaddaa narra gaadiddaa'ee akka dubbifamu natti dhagahama. Gammachuun koo xiqqoo balaq yoo jedhe osoo hin turii achumatti deebi'ee dhaama. Kanas ta'ee sana ani gammadduu miti. Sababiin isaa onnees ta'ee sammuu Piiter keessaa kanin bahe jalqabuma akka ta'e nan beeka. Yoo ta'es abjuu koo har'aan akka xiyyoota lakkuutti, narratti kan aggaamaman ijoonni Piiter fi maddiin lamaan Piiter maddii lallaafaa kana duukaa kan wal hooksan gammachuun naa kennan ammayyuu naa waliin jira. Oo... Piiter yoon maal godhe suuraa kee fuuldura koo deemu irraa obbaafachuu danda'aa? Yoom onnee koo keessaa naa baataa? Yeroon nama biraatiin bakka si buusu ni dhufaa laata? Sin jaaladha Piiter!. Maaliyyuu caalaa sin jaaladha. Barootaaf na keessatti guddachaa kan jiraate jaalalli kee iddoon inni itti guddatu hanga isa hanqatutti kan inni guddachaa jiru. Amma kan hafe onnee koo dhoosee bahuu fi biyya lafaa hundumatti akkasumas lafa mataa isheetti beeksisuudha. Guyyaa kun ta'e immoo raajiin koo danfe. Nama hin dhibuu? Torban kana keessa, Namtokko "Hiriyoota dhiiraa baay'ee keessaa inni kum abbaa manaa akka siif ta'u feeta' jedhee otoo si gaafatee isa kam jetta?" osoo naan jedhanii deebiin koo "Mooji" jecha jedhu ta'a jedheen yaada. Amma garuu iyyee maal akkan deebisu sitti himuu kiitii!, "Piiter" sababiin isaas afuura koonis, foon koonis kanin jaaladhu isa. Yoom akka ta'e sirriitti hin yaadadhu. Guyyaa tokko akka carraa aabbaa duukaa osoo haasofnuu waa'ee "hiikkaa" kaasnee gaaffii dhaabbii hin qabneen yeroon isa gubu maal naan jedhe seete "Ammaaf waantonni akka sii maaliif si dhiphisu? Yeroo umuriin kee gahu argita mitii? Isaafimmoo gaafuma achi geessu sii gala" ani garuu yerooma sana iyyuu haga ta'e naa galaa ture. Ammammoo guutummaa guutuutti naa galeera jedheen yaada. Aanaa kee irraa

ROOBII AMAJJI 12/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Gidduu kana immoo araada ragaduu osoo as hin dhufiin dura qabu natti kaasee na shubbisiisa jira. Jaalalli ani shubbisaaf qabu salphaatti waan himamu miti. Eessaa dhufee isaa osoo hin beekiin tasuma narra bahee wanta kanbiraa na dagachiisaa jira. Halkan tokko tokkoo isaa gulantaalee shubbisaa shaakalaan dabarsa. Uffata (kootii) harmee keessaa bifa garsamii tokko eeyyamsiisee fudhee uffadhee, iddoo hodhaa hodhaa isaatti adda addan baase, kukkutee, deebisee hodhee, saxaxa garaa garaa fi faaya garaa garaa itti baasee, uffata shubbisaa maal hin fakkaanne godhadheera. Shaakallii koo yerooman jalqabu qaamni koo yeroo haga kanaaf hidhamee taa'e inumaa dacha'uu didee na rakkisaa ture. Amma garuu akkatti diriiree naa dacha'u osoo argite kiitii too! Qaama koo akka garaa kootti ajajuuf waanti na hafe hin jiru. Qaama kee akka barbaadde ajajuuf kan si gargaaru sochiin ajaa'ibaa tokko jira. Maal goota seete?, Jalqaba lafa diriiraa irra teessa. Sana booda harka kee tokkoon koomee kee tokko, harka kee tokkoon immoo koomee kee isa tokko qabattee miilla kee lamaan isaayyuu ol kaastee qilleensa irra tursita. Ani sochii kana yeroon godhu dirqama boraatii wayii of jala gochuun qaba. Kana ta'uu baannaan hojii hiikuu irraa kan ka'e, hojiin itti guddatee kan ture, taa'aan koo hojii ala ta'uu isaati. Tokko tokkoon miseensa mana kanaa kitaaba "Cloudless Morn" jadhu wal harkaa fuudhee dubbisaa jira. Keessumaa harmeen baay'ee kitaaba addaati jette. Baay'ee isaa waa'ee dargaggootaa fi rakkoo isaanii haasa'a. Afaan koon yoon dubbachuu baadhes gara kootti maalin jedhe seete?, "Maal qaba, jalqaba akkuma seera isaatti ijoollee keessaniif osoo yaaduu dandeessan?" Harmeen, anaa fi Maargootiin akkamiin akka nu ilaaltu beektaa kiitii? Maatiin kamiyyuu walitti dhufeenya ijoollee isaa duukaa qabaachuu danda'uu olitti akka nutti siqxuutti yaaddi jedhee ofitti amanamummaa guutuun sitti himuu nan danda'a. Haa ta'u malee harmeen xiyyeeffannoo kennite osoo jedhamees Maargootiif qofa kenniti. Dhugaa dha Maargootiifis xiyyeeffannoon maatii ishee barbaachisa. Garuu Maargoot hamma koo rakkoo keessoo waan qabdu natti hin fakkaatu. Kanaaf Maargoot xiyyeeffannoon naa ol ishee barbaachisa jedhees hin yaadu. Dubbii keenya irratti Maargoot mucaayyoo akkam mi'ooftuu akka ta'aa dhufte hin gaafatiin. Isa dura turte irraa baay'ee adda taatee jirti. Of qusachuun ishee nama dhiphisu hunduu badee michuu natti dhiyaattu taatee jirti. Anaan akka daa'imaatti na ilaaluus dhiisteetti. Kanumaan haafullaafachiisuufii malee!. Kiitii si dhiba, gidduu kana ija nama biraatiin of ilaaluu waan jedhu aadeffadheera. Jechuun ala dhaabbadhee gara koo ilaaluu. Sana booda jireenya Aanaa mucaa durbaa sanaa otoon daaquu ilaalaa, fuula jireenya ishee gaggaragalchee of gadhiiseen dubbisa. Akka waanan tasa ishee hin beekneetti. Otoo gara manaa kanaa hin dhufiin dura fi waantota hunda akka kanaatti ilaaluu hin jalqabiin. Kan harmees, kan aabbaas, kan Maargootis akka hin taane miirri natti dhagahamu yeroo dheeraaf turre. Inumaayyuu takkaa takkaa immoo maatii dhableen ofitti fakkaadha. Booda boodarra garuu ofitti ori'ee, ofii of adabee miira dhiphisaa kanarraa of bilisoomseera. Jechuunis, akkuma isa dhugaa isaa mucayyoo waayyuu natti hin hir'anne fi kanan carroome ta'ee osoon jiruu, amala of sossobuutiin qabamuun koo balleessaa mataa koo akka ta'e ofii koo ofumattin hime. Ofan qaanesse, qulqulleessee ofin arrabse. Sana booda immoo hunda duukaa walii galuuf ofin dirqisiise. Mana baruumsaa dhaquuf qophii gochuuf mana keenya namni hunda dura obborfatee ka'u ana ture. Yeroo kamiyyuu kutaa waliinii godaa keessaa yeroon jaabbaru, (kutaa ciisaa keenyi hunduu darbii olii irra) sadarkaa irra namni yeroo gadi bu'u, lakkoofsuma faana namaan dhagahuun osoo harmee taateen jedha. Maaliif seete? Akkam bulte naan jechuun ishee hin oolu waan ta'eef, anis nagaa hoo'isee deebiseefii carraa kanaan ofitti dhiyeessuuf. Sababiin isaa harmeen ija jaalalaan na ilaaluutti nan gammada waan ta'eef. Garuu faayidaa maalii qaba kiitii koo? Harmeen dadhabbiin koo kun hundi isheef hin gallee waan ta'eef muqaxxaayii dubbii isheen na rukuttee gara kutaa itti nyaata qopheessinuutti darbiti. Akkuman bare miira koo miidhame barruulee kiyya waliin rarraafadhee gara mana baruumsaa koo!. Wanna Garaa kee irraa barbaaddu gochuuf waanti ati hin gone jira sitti hin fakkaatiin. Yeroo hunda mana baruumsaatii yeroon deebi'u waa'ee harmee xiinxalaa akkasumas waan isheen natti balleessite hundaaf bakka ishee ta'een sababa kennafiin karaarra deema. Hangan danda'etti itti mufachuu waanan hin barbaanneef jechuudha. Akka nama mufii ganamaa irraanfateettis fuula gammachuu qabuun galee daduu barruulee koo lafa kaa'ee har'a waantota nama gammachiisan kan na mudatan keessaa ittan hima. Yeroo oduun na jalaa dhumudha barruulee koo gara kutaa koo kanan geessuyyuu. Takka takkaa immoo dhimma isheeti jedhee akkuman oodetti turuuf nan murteessa. Garuu yerooman balbala keenya irra gahu garaan na didee yogguman ol seenu fuundura ishee asii fi achi darbee akka qamalee godhadheen isa baddaa fi gammoojjii osoon lallabuun argama. Egaa yeroon kunis darbee gara mukaa'uu koottin deebi'e. Sagalee Faana nama sadarkaa irra gad deemuu dhaggeeffachuus nan dhiise. Halkan halkan Imimmaan kiyyaan boraatii koo miiccuus ittan fufe!. Maalan siin jedha kiitii!? Yeroo kana ture waanti hunduu ittumayyuu natti hammaataa kan deeme. Yeroo sanaa kaasee "Achi abbaa koo" akkuman jedhetti hanga har'aatti isheen sitti himaa ture "Aanaa" sana ta'een hafen siin jedha. Amma Waaqayyo rakkoo koo arge fakkaata Piiteriin gargaaraa naa kenne. Amaanaan siin jedha kiitii. Piiter isa kam jettee na hin gaafatiin. Tilmaama mataa kee fudhadhu. Faaya mormaa/tasbee caalaa natti dhiyaateera waan ta'eef ofittin isa hammadha. Isa dhagahuun fedha. Waan jedhan yoo jedhanis haajaa koo miti. Amma Piiter kan kooti. Kun ta'uu isaa immoo kan beeku ana qofa jedheen yaada. Karaa kanaan qofa natti fakkaata kanan dhiibbaa jireenya narra jiru kana jalaa bahu. Hhhh.. Kiitii shamarree umurii kudha afurillee sirriitti hin fixne kana keessa lolli akkasii jira jedhee namni yaadu eenyutu jiraree?. Aanaa kee irraa

SANBATDURAA AMAJJI 15/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Waldhabdee mana kana keessatti ta'u hunda siif himuun barbaachisaa ta'ee waan natti hin mul'atiniif Waan tokko qofa siif hima. Isa hafe atumti tilmaami. Dhadhaa fi zayitni osoo hin hafiin hanga addaan hirachuu geenyee jirra. Soora mata mataa keenyaa bilcheeffachuu jalqabneerra. Nuti kan mataa keenyaa, Faandaanonni kan mataa isaanii, Obbo Duusel kan mataa isaa jechuu kooti. Walii galli suuraa isaa sitti mul'atee mitii kiitii?. Guyyaan dhaloota harmee immoo dhiyaachaa jira. Obbo Kireleris hanga sukkaara duraan fidu irratti dabalee fideefiira. Faandaanonni lamaan immoo kana arganii inaaffaa isaanii dhokfachuu hin dandeenye. Sababni isaas obbo Kireler yeroo kan aadde Faandaan akkas hin goone. Haa ta'uutii, Garuu waan hundumaaf wal kiyyeessuu fi wal tuttuquu kanarraa maaltu argamaa? Ofitti amanamummaan kanan sitti himu tokko jira. Faandaanonni yeroo kamiyyuu caalaa nu nuffaniiru. Dhugaa yoo ta'uufii baates harmeenis hawwiishee himatteetti. Kana booda Faandaanota duukaa guyyaa kudha shan illee turuu akka hin feene. Amma amma deddeebisee kanan of gaafadhu tokko jira. Eenyuuniyyuu wajjin haa ta'uu mana tokko nama duukaa hirmaatanii keessa jiraachuun booda booda keessa rakkoo akkasiif nama saaxiliun hin hafu jechuudhaa? Moo numatu warra carraa hin qabne taaneetu? Moo nuuf haaraa ta'e malee jireenyi nama hundaa akkanuma warra dubbii fi wal idduutiin kan guutameedha? Maalumaafuu waa'ee namaa qorachuu fi waa'ee amaloota namaa irratti hubannoo argachuu akka barbaachisu hubadheera. Ani karaa mataa koo qorannaa na gahu godheera, akkasumas beekumsa na gahu argadheera jedheen yaada. Nuti wal qoccolles dhiisnes, bilisummaa hawwines dhiisnes, waan jijjiirru hin qabnu. Waraanni alaa garuu akkuma duraa akkuma qorreetti jira. Otoo beeknee garuu weerarri kun jalqabee waraanni hanga xumuramutti turtii bakka kanaa fooyya'aa gochuuf osoo yaallee hunda keenyaaf waan toludha. Kun egaa fedhii fi lallaba koo ta'uu isaati kiitii too!. Kana booda haala kanaan mana kana yoon ture akka oyiruu caamsaan rukutee umuriin koo mataan isaa gadi guddata jedheen amana. Hawwii koo umrii guutuu immoo atuu beekta kiitii tiyya. "Boquu ishee olqabattee addunyaa guutuu ija isheen kan ilaaluu dandeessu, Waan deemtuuf kan beektuu fi ofitti amantee kan ejjettu, bakakkaafis ta'ee qaqawweessaaf kan hin naane, waliigala kan ittiin jedhan uwwaa hin qabne ta'uun barbaada. Aanaa kee irraa

SANBATDURAA AMAJJI 22/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Maaliif laata kiitii namoonni miira isaanii isa dhugaa dhoksuuf kufanii kan ka'an? Ani mataan koo maaliif nama yeroon argu amala isan qabu dhiisee amala biraa kanin qabaadhu?. Nama yeroo jedhamnu maliif amantiin nuti wal irratti qabnu akkas haphatti? Kun sababa malee akka hin taane beeka. Kanas ta'ee sana takka takkaa maal akkan yaadu beektaa?. Namoota kan koo jettu biratti illee amantummaa yeroo wal irratti dhabdu waan baay'ee nama sodaachisu qaba. Erga abjuu koo isa darbe sanaa baay'ee hin guddatiinin hafa jettee yaaddaa kiitii?. Anatti hin fakkaanne taanaan miira eenyu iyyuu maal naan jedhuuf jedhee fakkeessuus dhiisaan jira. Fakkeenyaaf ilaalchan Faandaanotaaf qabu jijjiirameera. Wal qoccollaa keenya hunda ilaalcha eessaa akka naa dhufe hin beekamneen ilaalaan jira. Walumaa gala yeroon sitti himu akka duraa dunuunfadhee namatti murteessuu dhaabeera. Jijjiiramni akkasii akkamiin akka narra dhufe na dhibe. Qofa maaltu balaq naa jedhe seete. Harmeen amala irra namaa darbuu osoo qabaattee walitti dhufeenyi Faandaanota waliin qabdu akkas hin laafu ture. Dhugaadha aadde Faandaan nama gaariidha sababii ittiin siin jedhu hin qabu. Haa ta'u malee amalli harmees xiqqoo rakkisaa waan ta'eef qoccolloo kanaaf sababa jedheen yaada. Yeroon siin jedhu osoo harmeen amala qabbanaa'aa qabaattee yoo xiqqaate qoccolloo kana walakkaan hir'isuun ni danda'ama ture. Dubbii keenya irratti aadde Faandaan roga gaarii tokko qabdi. Innis maal seete? Itti odeessuu dandeessa. Of jaalachuun ishee, qoccolloon ishee fi kkf hunduu akkuma jirutti ta'ee garuu salphaatti walii galuu fi amansiisuu dandeessa. Jechuunis hanga ishee hin aarsineetti fi hanga ta'e jettee ishee mormuuf hin kaanetti. Malli kun yeroo hunda hojjeta hin se'iin immoo. Garuu obsa isaa qabaannaan irra deddeebitee yaaluu dandeessa. Faandaanota duukaa waantota irratti walii galuu dadhabnu kanan sitti himaa ture osoo nuti yaada hubatu qabaannee akkas hin ta'u ture. Na amani kiitii walitti dhufeenya addaa qabaanna ture. Iddoo kanatti waa'ee koo maal yaadaa akka jirtuu fi maaltu akka sitti mul'atu naa gala. Yoo feete fuulaa fuulatti sittan hima. "Aanaa haa ta'u malee jechoonni hammi kun afaanuma kee keessaa bahanii? Si'i ishee waa'ee namoota kanaa jechoota hadhaawaa akkasii tarreessaa baate keessaa moo? Umrii kanaan miidhamni hanga kanaa ishee sirra ga'e keessaa moo?" Eeyyee kiitii afaanuma koo keessaa ba'aa jira. Eeyyee waan hunda jalqabarraa kaasee qorachuun barbaada. "Dargaggoonni yoomillee karaa gadhee hordofu" akka jedhamu akka hin taaneef. Ofii qoradhee isa kamtu sirrii, isa kamtu dogoggora kan jedhu adda baasuun barbaada. Sana booda haalli walii galaa Faandaanotaa yoo na aarse anis ejjennoo harmee fi aabbaan qabadha. Sana irraan kan hafe garu ilaalcha isaanii jijjiiruuf yaaluu fi walii galuuf yaaliin godhu hin dhaabu. Yoo kun naaf dadhabames murtii madaalawaa fi waltawaa ta'e itti yaadeen murteessa malee, kana booda junuunfadhee eenyuufiyyuu loogee hin murteessu. Carraan argadhuunis waantota kana dura aadde Faandaan duukaa irratti wal dhabnu irratti walii galuuf yaaluu akkasumas ilaalcha haaraa kiyya itti himuu. Asirratti maatii kiyya irratti mormii kaasuu akka hin taane na hubadhu. Dhimma kamirratti iyyuu ejjennoo fedhan fudhachuuf mirga qabu. Karaa koo garuu guyyaa har'aa irraa eegalee, hamii haqummaa hin qabne kan natti fakkaate hunda irratti hamaamota akka hin taane murtee jala sararamaa tokko dabarseera. Aanaa kee irraa

WIIXATA AMAJJI 24/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Waanin ta'e tokko hoo qaba. Maal taate yoo naan jette deebiin deebisu hin qabu malee, waan tokko akkan ta'e natti dhagahama. Hangan guyyaa jechootaan siif himuu danda'uutti ammaaf duuchaadhumaan "Waan ta'e tokko" yoon siin jedhe si ga'a. Anis kanan beeku kanuma waan ta'eef. Kanarra maaf waan na ajaa'ibe tokko sitti hin himu?. Waan Mana keenyaa fi mana baruumsaa keenyatti na mudataa ture dha. Namni tokko waa'ee hiikkaa rakkatee illee yoo odeesse akka nama safuu hin beekneetti fudhatama. Jecha waliikkaa duukaa hidhata xiqqooshee qabu ususanii dubbatu. Waan kana namni osoo hin beekin dubbate muka kolfaa ta'a. Waanti kun na dhibee yeroo tokko tokko immoo na yaachisa. Ani akkan yaadutti hikkaan uumamtootaaf badhaasa uumaati. Namoota malee uumamni warri kaan yeroo golguuf yaalan hin argine. Egaa namoonni maaliif waa'ee kanaa yeroo dubbatan icciitii godhuree? Gaaffiin jedhus keessa koo deddeebi'eera. Addatti waanti na ajaa'ibu immoo namoonni hunduu odeessuu jibbu malee dhagahuu baay'ee jaalatu. Dhuguma waan nama ajaa'ibuu mitii kiitii? Kophaa koo waa jijjiiruu akka hin dandeenye naa galee afaan koo banuun dura of eeggannoon ani godhe salphaa hin turre. Odeeffannoowwan baruun qabu yoo jiraatan darbee darbee hiriyyota koo ijoollee durbaa gaafachuu irraan kan hafe. Booda boodarra garuu waa'ee waanta icciitii ta'e kana baruuf yaaliin godheen waan baay'ee baruurra darbee mata duree kana irratti warra koo duukaa dubbachuurra gaheen ture yoon siin jedhe na amantaa kiitii? Gaaftokko harmeen maal jette seete? "Aanaa koo gorsa gaarii tokkoon si gorsa, yoomillee yoo ta'e, waan kana dhiirotaa waliin hin dubbatiin. Isaan sababuma kamiinuu yoo kaasan wajjin hin haasa'iin. Tasumaayyuu" maal jedhee akkan deebisee nan yaadadha. "Harmee maal rakkatte? Akkamittin akkas godha? Sitti haa agarsiisu, yeroon nama biraa waliin haasa'u" Akkuma gara mana kanaa dhufneen aabbaa waliin waa'ee kanaa darbee darbee ni haasofna ture. (Dhugaa dubbachuuf isa irraa dhagahuurra harmee irraa dhagahuutu namatti tola) oduuwwan biroo immoo kitaabotaa fi oduu oduu keessa funaannadhe. Dubbbii keenya keessatti kiitii, Piiter Faandaan akkuma dhiirota ani mana barnootaatti beeku sanaa waa'ee kanaa baay'ees dhagahuu hin barbaadu. Tarii gara jalqabaa xiyyoo xiyyoo qabee natti dubbateera ta'a. Kanarraan kan hafe garuu kan inni dubbate hin yaadadhu. Aadde Faandaan waa'ee kanaa Piiteriin duukaa hasa'uu ishee akka hin yaadannee fi aabbaa isaa wajji immoo akka tasuma haasa'ee hin beekne ofitti amanamummaan akka dubbatte nan yaadadha. Inni kaan hafee Piiter dhamaatii isaatiin hubannoo inni qabullee akka isheen quba hin qabnen hubadhe. Aanaa kee irraa

KAMISA GURAANDHALA 3/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Waraanni sabdaneessaa kan inni Hitler irratti weerara jalqabu yoomi oduun jettu ho'itee jirti. Osoo haala keessa jirru ilaaltee weeraraaf qophii godhamu waliin wal qabatee tarii miira natti uume kana si keessatti uuma ta'a. Karaa biraa immoo waan tokkoyyuu fiduu akka hin dandeenye hubattee nutti kolfita ta'a. Gaazexoonni hunduu barreeffamoota weeraraan guutaniiru. Keessumaa oduun tokko tokko uummata maraachaa jira. Fakkeenyaaf tokko siifan hima. "Wayita waraanni sabdaneessaa weerara jalqabu Hoolaandi qabachuuf yaalii inni godhu ofirraa ittisuuf waan danda'an hunda ni godhu. Barbaachisaa ta'ee yoo argames Hidha jigsanii biyyashee hunda lolaan guutuu akka danda'nis ni himama" sanaan wal qabatee hoolandi keessatti bakkeewwan bishaaniin fudhatamuu danda'an jedhamee kaartaan isaa agarsiisus baay'inaan maxxanfamuu eegalan. Bu'uura kaartaa sanaan kutaan Amisterdam baay'een qaama bishaaniin haguugama. Daandiiwwan gurguddoonillee bishaan ol ka'insa meetira tokko gad hin taaneen uwwifamu. Nuti hoo wayita kun ta'uutti maal gochuu qabna isa jedhuuf deebiin miseensa mana icciitii kanaa halluu garaagaraa qaba jedhamuuf ni danda'ama. Tarii xiqqoo illee yoo ta'e si bohaarsuu danda'a waan ta'eef muraasa siif haa himu. Miilaanis ta'ee biskileetiin deemuun tasuma hin yaadamu, akka hantuuta bishaan ciisaa keessa wixxifattuu dhidhiittachaa du'uu dha. Kan dandeenyuu olitti yaaluu qabna. Kanarratti bishaan keessatti namni yihuudaa ta'uu keenya baru hin jiru. "....boo.. waan hin fakkaanne dha. Natti mul'ate, yeroo dubartoonni keenya bishaan daakan" "Qoosaan qoosaadha bidiruu xiqqaasaa karaa argachuu dandeenyu nuu barbaadaa" "Dhiphinni hagasii maali? Ani fala tokko nan beeka. Tokko tokkoon keenya sanduuqa uffataa gadi baasnee erga irra quphannee booda fal'aana ittiin aajjaa sochoofnuun bishaanicha duubatti darbachaa fuulduratti deemna,...kkkk" kiitii too amma waan walii galaa nuti keessa jirru hubattee mitii? Yaadota mana kana keessa daddarbatamu osoo dhageessee waan akkam nama bashannansiisan seete. Guyyaan isaa gahee, waanti jedhame osoo dhugaa ta'ee garuu faallaa isaa arguun hin hafu. Weerara kanaan wal qabatee gaaffiin kan biraa ka'e, Jarmanoonni osoo Amisterdaamiin guutummaa guutuutti gadhiisanii ba'aniihoo isa jedhuudha. "Nutis baanee yihuudummaa keenya dhoksinee uummatatti makamuudha." "Eessayyuu deemuun hin jiru!, waan dhufu haa dhufu malee asii mixxiq jechuun hin jiru. Filannoon tokkichi nuti qabnu as taa'uu dha. Waanti Jarmanootaa hin beekamu waan ta'eef. Yoo dhumnes walii wajjin dhumna jedhanii nama hunda sassaabanii Jarmaniin geessuu danda'u. Humna isaas qabu" "eeyyee isa keessa jirru kanarra bakka hanga amansiisaa argannutti asuma turuutu filatama. Inumaayyuu Obbo Kireler fa'i maatii isaanii wajjin osoo dhufanii nu bira turanii isaaniif wayya. Bakka ciisichaaf yoo ta'e, walakkaan keenya lafa rafuu dandeenya. "Gaariidha egaa, paawondii jaha qabnuun Meeppeen fa'i akkaayii nuuf fidan irratti dabalanii akka nuu fidan itti himna. Atarii fi Baaqelaas akkasuma dabalataan ni barbaanna. Yeroof Baaqelaa paawondii ja'aa fi Atara paawundii kudhan ta'u qabna. Kanaratti ashuugii akka waancaa shantamaa ta'us akka qabnu hin dagatinaa. "Aadde Faandaan, maaloo Sooranni warri kaan hagam akka harka keenya irra jiran nuu lakkaa'uu dandeessa?" "Qurxummii waancaa kudhan, Aannan waancaa afurtama, Daakuu aannanii kiiloo kudhan, zayita salaaxaa shuggee sadii, dhadhaa wullee afur, Foon samsamaa xaasaa afur, Istiroobarrii qaruuraa lama, raaspibarrii qaruura lama, Timaatima qaruuraa digdama. Ruuzii paawondii digdamaa - kanuma kan mana kana jiru" "Galaan keenyi kan hammaatan miti. Garuu akkan jedhe keessummaa dabalataa yoo qabaanne nu gahuun isaa shakkii keessa jira. Kan kana irraa hafe cilee fi qoraan bobeeffannu inni qabnu iyyuu gahaadhan jedha. Egaa inni biraan immoo, hundi keenya ammarraa jalqabnee daduu xixiqqoo dhoksaan qarshii keessa kaawwannu osoo qopheeffannee gaarii dha. Sababni isaas akka carraa ta'ee yoo gargar facaane kan ittiin lubbuu keenya tursiisnu qarshii xiqqoo qabachuun gamnummaadha" "Karaa koo kanin jedhu, booda rakkinni erga mudatee raafamuurra ammuma waantota nu barbaachisan listii isaa baasnee daduu keenyatti naqnee qophaa'uu qabna. Dhiifama naa godhaa malee waanti naa hin galle tokko, Amsterdam bishaaniin liqimfamte jechuun elektirikiis ta'ee bishaan dirqama cita jechuudha. Kanaaf waa'ee kuufama soorataa odeessuun gatii maalii qabaree?" "Haa citu kaa, soorata keenya qoraaniin bilcheeffanna, bishaanis yoo ta'e, qodaa bishaanii qabnu hunda, qaruura qabnu hunda, gaanii qabnu hunda, okkotee qabnu hunda fi waanuma bishaan baachuu danda'u hundatti naqannee achii booda qusannaan itti fayyadamna" Kiitii mudaa hin qabne, oduun ani gidduu kana dhagahu oduuwwan gosa kana qofa. Waa'ee weerarichaa fi rakkoo inni fiduu danda'u qofa. Maalumaafiyyuu fakkeenya dabalataa waan si barbaachisu natti hin fakkaatuutii kanumaan si haa gahu. Ani mataan koo jeequmsa hin barbaachifne kana dhagahuu irra jedheen kophaa baheen oolee bula. Dhuguman siin jedha kiitii too, yoon jiraadhes, yoon du'es hagas mara dantaa kanan itti qabu miti. Kan na dhiphisu maaltu jira? Addunyaan Aanaan miidhamteetti jettee deemsa ishee addaan hin kuttu. Jaallannes jibbines waanti ta'uuf jiru inuma ta'a. Inumaayyuu dhaabsisuuf yaaluutu dadhabbii akkasumaaniiti. Aanaa kee irraa

SANBATDURAA GURAANDHALA 12/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Akkuman darbee darbee godhu qinaaxxii manaatti ol bahee foddaa tokkicha jiruun gara samii wayitan ol ilaalu garaa samii garba bishaanii fakkaatun arge. Guyyaa baay'ee natti toluudha. Guyyaa calleensi itti guddatu. Qilleensa qulqulluu dhufee qajjisa koo hafarsee darbu argachaan jira. Maal abbaa koo naa wayya? Waan hundumaa yaadeera. Eeyyee kiitii akka garaa koo odeessuu, hiriyoota koo, bilisummaa koo, Addunyaa kophummaa koo, isa kam himee isa kam dhiisa? Waan hunduu ija koo dura jira, ija koo dura!. Wanti na hawwiisiisaa jiru tokkommoo maal seete? Iyyuudha, hanga laagaan koo baqaqutti, uu'uu'uu jedhee iyyuu. Diwu jedhee dhowuuf waanan jedhe natti fakkaachaa jira. Kanaaf osoon iyyee narraa gala jedheen yaada. Garuu iddoo iyyuun danda'u hin jiru. Qofa baay'ee baay'ee dhiphachaan jira. Waanan godhu na dhabsiisaa jira. Isa yeroo kamiiyyuu caalaa na soofachiisa. Kutaa tokkootii gara kutaa tokkootti na melemelsiisa. Baqaqaan argadhu hundaan funyaan koo suuqee qilleensa qulqulluu fudhachuuf wal'aansoon godha. Ka'uu dha, taa'uu dha, ammas ammas harka koo laphee koo irra kaa'ee rukuttaa onnee koon dhaggeeffadha. Dhiphachuu dha. Falli isaa naaf dhibeeran siin jedha. Keessi koo birraan guutameera siin jechuu nan danda'a. Hadaan tokko keessa kootii yeroo dammaqu natti dhagahame. Qaama koottis ta'ee, afuura koottis natti dhagahama. Amala koo isa duraatti deebi'uufillee na rakkisaa jira. Natti naanna'eera. Kanin dubbisu, kanin barreessu, akkasumas kanin hojjedhu hunduu na jalaa badeera. Amma sirriitti kanin beeku waan tokko qofa. Innis yaaduu koo ta'uu isaati. Baay'ee kanin yaade ta'uu isaa!... Aanaa kee irraa

DILBATA GURAANDHALA 13/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Kaleessa irraa jalqabee waanti baay'een jijjiirameera. Maal argatte naan hin jettuu? Akkam ta'e seete, waan hunda yaadaan jira jedhee sitti himeen ture mitii? Eeyyee ammayyuu yaadaan jira. Garuu amma harka xiqqoonis ta'u waanti dharraa koo narraa hir'isu tokko argameera. Akka ganama har'aatti onneen koo gammadee hin beeku. Kana dura ta'ee kan hin beekne waan haaraa tokkon hubadhe. Ijoonni Piiter osoo narraa hin buqqa'iin gara ani deemu hundatti naa waliin jooraa turan. Mil'uun isaa hundi sirrii hin turre. Jechuun, isa yeroo kaanirraa adda ture. Kana jedhee sii ibsuuf na rakkisa, haalli inni keessa jiru namaa hin galu. Qofa, gosa mil'uu ani kanaan dura argee hin beekne dha. Ani kanin yaadaa ture Piiter Maargoot duukaa jaalala jalqabeera jedheen ture. Akkas ta'uu dhiisuu isaa har'a akka tasaa naa ife. Kanaaf gara Piiter ilaaluu dhiisuuf carraaqqii ani hin goone jiraaree? Sababiin isaas lakkoofsuma isan mil'adhuun iji keenya wal kipha waan ta'eef. Na hin amantu kiitii ija koo yeroon gara kallattii biraatti dabsu illee akka waan Piiter na ilaalaa jiruutti natti dhagahama. Sana booda miirri qaama koo guutuutti dhagahamu tokko gammachuun na guuta. Jechuun miira keessumma wayii!... Egaaree kiitii too! Guyyaa guutuu nama dhokachaan oole. Maaliif akka ta'e hin beeku qofaa ta'uun filadha. Hagasi, qofaa koo ta'ee yaaduun barbaade. Waan si dhibu immoo aabbaan Aanaa durii akkan hin taane bareera. Maal godha garuu isatti waan hundumaa himuu hin danda'u. Sittis si taanaanan dubbadhe malee filannoon koo callisuu dha ture. Guyyaa guutuu "Maaloo nagaa naa kennaa, ani kanin barbaadu waa tokko, innis qophaa ta'uu dha" jedhee isaanirratti dheekkamsa koo dhangalaasuuf jedhee si'a meeqa seete kanin afaan koo irraa deebise. Raajiin akkanatti qophummaa nama hawwisiisu kuni maaluma laata? Kanin barbaaduu olitti kophaa osoon ta'ee waanin danda'u hunda godhee rakkoo kana caalaa, maaloo namni eessa jira jedhees akkan hin watwaanne yaadda'aan jira. Aanaa kee irraa

WIIXATA GURAANDHALA 14/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Kaleessa ganama Piiter fi obbo Duusel ulee malee waanti isaan hafe hin jiru. Ka'umsi qoccolloo isaaniis waan waa'ee baasu hin turre. Piiter garuu isa yaannee ol hadheeffateera. Karaa koo xiqqoo gurra guddiseera jedheen yaada. Kanas ta'ee sana har'a ganama osoon bakka tartiiba kitaabotaa dhaabadhee kitaaba tokko fuula gaggaragalchee ilaaluu Piiter dhufee waa'ee taatee kaleessaa natti odeessuutti ka'e. Isa dhaggeeffachuuf akkan ariifadhe hubatee bilisummaa fi of gadhiisee natti himuutti ka'e. "Eeyyee, laal akkam ta'e seete" naan jedhe, ka'umsa qoccolloo kaleessaa irraa erga waa na himee booda. Waan tokko illee dubbachuu hin danda'u, sababni isaas osoo hin jalqabiin qaata dubbii walakkaatti afaan koo akka na hidhamu natti dhagahama. Jechuun koo yerooman jalqabu sagaleen koo qaata cabe. Hidhiin koo na dadhaba. Sagaleedhuma kiyya cabuu yeroon dhagahu na qaanessa. Dhiphina keessa galeen isan dubbachuuf yaade dhiiseen waan biraan dubbadha. Sana booda hunda isaa addaan kuteen dhiisa. Sababiin isaas waanan dubbadhu xaf jedhee na harkaa bada. Kaleessas kan ta'e kanuma. Isan yaade dhiiseen kan biraan dubbadhe. Akkuman jalqabeen waan hunduu na harkaa bade. Egaa akkuma argitu waca sana hundan uume. Dur amala tokkon qaba ture. Maal qaba ammas osoo akkas ta'ee. Namni tokko yoo na aarse haasaa baay'isuun hin jiru. Utaalee funyaan isaan dhaha ture. Eeyyee, Hagasi akkasi ture amalli koo!. Dhuguma garuu, amma amma yeroon yaadu waanti akkasii eessayyu na hin geessisu. Kanaafidha siinis baay'ee kanin si dinqisiifadhu. Ati yoomuu yoomuu jechoonni si jalaa badee hin beeku. Waan jechuu barbaadde karaa salphaa bilisummaatiin dubbatta. Kana irratti saalfachuu fi ofitti qaanawuu waan jedhan hin beektu. "Piiter akka hin dogoggorre"n jedheen. " Jechuun koo waa'ee koof tilmaamni ati qabdu baay'ee dogoggora jechuu nan danda'a. Tokkoffaa.... Anis yoon ta'e baay'ee isaa akkan yaadetti dubbachaa hin jiru. Inni lammaffaan miira koo to'achuu hin danda'u. Daangaan darba. Miira namootaas karaa maleen miidha. Kanaaf rakkoon kiyyas kan kee gadi sitti hin fakkaatiin"n jedheen. Piiter waa'ee isaa isa natti odeessaa jiru dhaggeeffachuuf akkan fedhii guddaa qabu agarsiisuuf lafa taa'ee ol ilaalaan ture. Karaa naratti beekamuun qummaaddii simannaatiin ofitti isa hawwachaan ture. Dhuguman siin jedha Kiitii too, Ana malee namni tokko mana kana keessa, oriisaa keessoo fi aarii tasaan kan raafamaa jiru jiraachuu isaa yeroon baru gammachuu inni naa kenne xiqqoo sitti hin fakkaatiin. Waa'ee obbo duules akka inni itti natti hime maal qaba osoo naa wajjin jiraattee argiteetta ta'ee?. Jecha tokko akkan dabarsee jalaa hin odeessine waan beekuuf obbo Duuseliin akkam ol gadi, akkanni godhee fi abaarree gadhee akkamii akka dubbate sitti himuu hin danda'u. iim... Maalan siin jedha?, waan garaa isaa keessaa tokko osoo hin hambisiin erga gad jigsee booda waan tokko akka itti salphate irraa beekama ture. Kan hafe anatti maaltu akka natti dhagahame beekuu yoo barbaadde. Baay'ee baay'ee ture kanin gammade. Sababiin isaas anaa fi Piiter gidduutti walitti dhufeenyi gaariin urgaawuu jalqabeera. Yeroon siin jedhu hiriyummaa dhugaa jechuu kooti. Akkuma hiriyoota koo dubaraa duraaniitti. Aanaa kee irraa!

ROOBII GURAANDHALA 16/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Har'a guyyaa dhaloota Maargoot tureeyyuu akkuma akkasaatti kabajneef. Sa'aa ja'aa fi walakkaa irratti Piiter kennaa Maargoot ilaaluuf kutaa isaatii gara kutaa waliiniitti bahee Maargoot waliin baay'ee odeessaa ture. Tasuma kan hin baramnee fi godhee kan hin beeknedha. Waaree boodas nyaata dhiyeessuu fi qodaa kan soneessu ana qofa ture. Kun yeroo hunda hojii Maargoot ture. Garuu guyyaa dhaloota ishee illee mee haa boqottu jedheeni bakka ishee kanin uwwiseef. Kan isaan barbaachisu hunda ergan dhiyeesseefii booda gara kutaa Piiterin deeme!. Balbala banee wayitan ol seenu Piiter qo'achaa jira ture. Maal akka qo'atu wayitan gaafadhu afaan Firaansi ture. Eeyyama isaa yoo ta'e isaa wajjin akkan qo'achuu barbaadu gaaffii ani dhiyeesse fudhatee naa eeyyamnaan, isa cina siree dachaatu sanarran taa'e. Qo'annaa isaa ilaalee waan tokko tokko ibseefii osoo xiqqoo hin turiin addunyaa Afaan Faransaayi keessaa baanee oduu biraa keessa galle. Waaqi nuu dubbatee iddoo kanaa nagaan osoo baanee gara biyya "Dutch East Indies" jedhamuu deemee hojii qonnaa irratti akka bobba'uu barbaadu natti hime. As dhufuu isaan duras jireenyi isaa akkam akka ture tokko tokkoon naa hime. Dhuma irratti garuu "Kanas ta'ee sanas ani nama waattuu hin galledha" jedhe. Baayyee hundee kan gadi fageeffate fi miira gad aantummaa ifatti mul'atu isarratti akkan arge baaseen itti hime. Sana booda immoo waa'ee Yihuudotaa fi yihudummaa wayita natti odeessu, osoo Yihudizimii ta'uu baatee kiristaana ta'eera ta'ee rakkinni haga kanaa nan qunnamu ture jedhee tilmaama. Fuula durattis gaafa bakka kanaa bahu kiristaana ta'uu akka barbaadu natti odeesse. "Kana yeroo jettu cuuphamuun barbaada jechuu keetii?" Jedhee yeroon gaafadhu, maali osoon gaafachuu dhiiseera ta'ee deebii jechisiisu naa deebise. "Cuuphamuu maalii barbaachisa? Waraanicha booda waan hunduu akka haaraatti jalqaba. Yihuudaa akkan ta'e eenyu beekuu danda'a? Ani ofiin yihuudiidha yoon jechuu baadhe" jedhee taa'e. Jechi isaa kun akkam akka na naassise na hin gaafatin. Baay'ee kan nama gaddisiisu mitii kiitii? Garuu amala isaa kanan itti miidhamaa ture duras waanan beekuuf baay'ees itti hin dhiphanne. Yeroon siin jedhu haphatees yoo tae miirri gantummaa irraa mulata. Kan hafe waa'ee aabbaa, waa'ee harmee, waa'ee namoota amala adda addaa qabanii fi kkf inni haasofne kan namatti tolu ture. Naannoo sa'aa kudhanii fi walakkaatti ture kanin kutaa Piiter gadhiisee bahe. Gara galgalaa immoo wanti nama gammachiisu tokko ni jira. Waa'ee Poosterii Filmii ani waggaa tokko dura itti kennee keenyan kutaa isaa irratti maxxansee ture irratti haasa'aa turre. Poosteroota baay'ee akka jaalatu dubbii isaa irraa waanan hubadheef, poosteroota biraa lamaan tokko akkan dabaluufii waadaan seeneef. "A'aa warra kanarratti osoon ka biraa dabaluu baadhee naa wayya. Maaliif seete, guyyuu ilaalaan jiraadhe. Kanaaf hiriyoota koo natti fakkaachaa dhufaniiru. Osoon Poosterii haaraa fidee isaan kana gidduu kaaee akka waan nama keessummaa duukaa wal baruu natti ta'a" naan jedhe onneerraa akka dubbate karaa hin shakkisiisneen fi qooqa mar'immaan namaa nyaatuun. Si dhiba kiitii Piiter Moshee (hadurree) isaa yeroo hunda kan inni hammatee taa'uuf sababni isaa yeroo kamirra iyyuu amma ifa naa ta'e. Eeyyee Piiter nama kophummaadhaan miidhamee fi mucaa jaalala dheebote dha. Aanaa kee irraa

JIMAATA GURAANDHALA 18/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Amma amma immoo ganama kutaa ciisicha kootii yeroon bahu waanti ani dharra'u Piiteriin arguu taeera. Onnee too irraayyi kiitii too, waanan eegu tokko akkan qabu yeroo natti dhagahamu, ani hin beeku qofa jireenyi koo akka hiika godhatu naa godheera. Dabalees yeroo jalqabaaf dhandhamni jireenyaa naa dhufe. Kan si dhibu! yeroo na carroomsu miira koo to'annaa isaa jala oolchaa kan jiru mucaan kun, inni kaan kaan isaa hunduu hafee yoo xiqqaate ija koo duraa sababni ittiin deemuu danda'u karaan gosa kamiillee hin jiru. Akka tasaa koochoo baasee karaa qinaaxxii uraa tokkicha jiruun yoo bahee barrisee badeen alatti. kanarratti kan na morkatu hin qabu(dhiifama Maargootiin akka morkattuutti lakkaa'uu waanin hin barbaadiniifi) Dubbii keenya irratti kiitii jaalalli na qabee akka sitti hin fakkaanne, matumaa akkas miti dubbichi. Garuu anaa fi Piiter gidduutti walitti dhufeenyi cimaan tokko uumameera tilmaama jedhun qaba. Yeroon siin jedhu hiriyummaa wal amanuun keessa jiru tokko. Sababii kanaafis wanta gara kutaa isaa na geessu xiqqo yoon argadhe dhaquuf duubatti hin jedhu. Immoo micichis akka duraa akka sitti hin fakkaanne. Mucaan akkamitti akka dubbii jalqabu wallaalee dhiphachaa ture oduun jalaa kan hin dhumne ta'eera. Nagaatti ergan jedhee booda illee hangan balbala bahutti oduu kan hin dhabne ta'eera. Piiteriin duukaa hariiroo haaraa ani uumaa jiru kana harmeen baay'ees hin jaalanne. Wanni isheen irra deddeebitee natti himtu akkan mucicha jeeqaa jiru fi boqonnaa akkan kennuufii qabu. Si hin dhibuu kiitii!? Harmeen akkan waan ani qocaa sammuu hin qabneetti na yaaduun ishee sirriidhaa? Haa xiqqaatu, haa guddatu sammuu ittiin waa madaalu akkan qabu akkamiin dagatti? Lakkoofsuma kutaa Piiter ani seenuun akkatti moloqqoqa na ilaaltu sitti himuu hin danda'u. Yeroon isa bira turee gara kutaa waliiniitti bahummoo hanga ammaa eessa turte jettee gaaffii gatii hin qabne na gaafachuun ija natti babaasti. Gabaabaamatti kiitii, harmeen dhiphina ani hin dandeenye narratti fe'aa jirti. Aanaa kee irraa

SANBATDURAA GURAANDHALA 19/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Waaree dura calliinsatu buufatee ture. Harmeefaa miiccuu fi qulqulleessuu osoon gargaaruun guyyeeffadhe. Isa duukaas osoo waluma bira daddabarruu jechootuma tokko tokko walitti daddarbachuu malee takkaa walitti dhiyaannee hin haasofne. Guyyaa keessaa sa'aa saddeetiif walakkaa irratti ciisuuf, dubbisuuf, boqochuuf yookaan waan isa barbaachise gochuuf hunduu kutaa waliinii gadhiisee gara kutaa mataa isaatti galu animmoo uffata halkanii koo fi boraatii koo fudhee kutaa waliinii kanatti bahee mimmijaayee teessuma irran taa'e. Yookaan dubbisuuf yookaan barreessuuf jechuudha. Garuu akkan yaade naa hin taane. Barreessuunis dubbisuunis na didee taaee yaaduu qofa tae. Kanumaan osoon jiruu waci yaadaa sammuu koo keessa ture osoo ani hin se'iin tasa humna kiyyaa ol ta'aa dhufe. Minjaala afoo koo jiru irratti gombifamee hirqinfadhee boo'uun jalqabe. Imimmaan koos akka lolaa yaa'ee minjaala colleesse. Duumessa gaddaa eessaa dhufeen isaa hin beekamneenan liqimfame. Aa... kiitii too, inni har'aallee ajaa'ibaaf ture siinan jedha. Maal qaba innillee dhufee osoo na jajjabeessee jedhee kanin hawwes hawwii ta'ee hafe. Naannoo sa'aa kudhanii irratti ture kanin ka'ee gara kutaa koo gale. Kutaan koo akkam akka na jibbisiise sitti himuu hin danda'u. Baay'ees osoo hin turiin achii bahee kutaa gidduu sana keessa asii fi achi jechaan ture. Tarii tasa bahee yoo walitti dhufne jedheeni. Yoree xiqqoof mana fincaanii seenee martii koo sisirreessee fuula koo susukkuumee yeroo gadi bahu, yeroo xiqqoo sana keessatti bahee hadurree isaaf bishaan buusee deebi'uusaa dugda isaan arge. Imimmaan koo lammaffaa na huunaan gara mana fincaanii akkuman seeneen fuullee dura dhaabbadhee fakkiidhuma koo irrattin ija babaase. Maddii koo lamaan irra irraa gadee imimmaan koo konkolaatee laphee koo irratti cophu, qoloo koo isa diimaa halluu diimgurraatiin burreesse. Sa'a sanatti hagam akkan gadde tilmaamuuf hin yaaliin. Sababiin isaas hin dandeessu. Gurmuu yaadotaa akka billaachaa keessa kootii barrisan anumti tokko lama siif haa himu. "A'aa... karaa kana tasumayyuu onnee Piiter itti dhiyaachuu hin danda'u. Ammoo maaltu beeka, sirumayyuu na hin jaalatu ta'a. Inni akka koo nama waan garaa isaa itti himatu isaaf rakkina miti ta'a. Tarii waa'ee koo waan adda tae waan tokko iyyuu hin qabu ta'a. Eeyyee jaaladhes, jibbes gara kophummaa kootti deebi'uu fi gubachuu kooti. Michuu kamiyyuu malee (Akkasumas Piiteriin malee) of dand'ee dhabbachuu danda'uun qaba. Amma akka natti mul'atutti yoo tae abdii fi jajjabina kan naaf ta'u, qaba kanin jedhuu fi dhihee hamma barii'utti fedhiitiin kanin eegu yeroon ani irraa fagaadhu fagoo miti. Aa... Maal qaba sammuu koo yaadni dadhabsiise kana osoon takkaa gateettii isaarratti hirkisee, qophummaa fi kan garaa ofii dhabuun kanin gubachaa jiru kana yeroofillee taatu takkaa utuun uffee jedhee? Garuu maaltu beeka inumaayyuu narraa dantaa iyyuu hin qabu ta'a. Jechuun koo akkuma nama mana kana keessa jiruu kamiitti na ilaala ta'a. Tarii akka inni anaaf ilaalcha addaa qabuutti kan natti fakkeesse abjuu koo ciismalee yoo tae hoo?" Aa... Piiter maal qaba akkamitti akkan jiru osoo naa argitee? Maal qaba iyya koo sagalee dhablee kana osoo naa dhageessee? Kan tae taee kiitii too gara galgalaa keessa tasgabbaa'aa fi abdiin koo cooliges suuta suutaan naa sirraa'aa dhufe. Ammmas garuu dagaggama imimmaan ija na guutuuf falli argame tokkoyyuu hin jiru. Aanaa kee irraa

ROOBII GURAANDHALA 23/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaallatamtuu Kiitiif Baay'ee guyyaa namatti toluu dha. Haalli qilleensa bakkee jiru kan quufamu miti. Anis kaleessa irraa jalqabee afuurri koo baay'ee dadammaqeera siin jechuu nan danda'a. Ganama ganama karaan sitti hime sana karaa uraa baaxii sana ol baheen irra keessa baaxii naannaee golgameeru garuu irraan banaa ta'ee diida bal'aa kana ilaalaan aduu qaammadha. Kiitii waantan ani sitti hin himne bakki kun bakka itti Piiter hojii humnaa itti hojjetu yeroo ta'u, yeroo tokko tokko anii fi Maargoot uffata kan miiccinu fi kan afnu asitti. Bakka kana iddoon ani jaalladhu tokko jirti. Yeroo baayee achi dhaabadhee yookaan taaee asii ol ija babaasaa samii qulqulluu taeef tooftaa mataa isaaniin, baallee isaaniin qilleensicha duubatti darbachaa shubbisa waloo itti yaadamee qindaaye akka fakkaatutti, Sinbirroota fi Allaattiiwwan balalii'an bifa inaaffiin isaanin xiinxala. Maarree har'a ganamas bakka koo sana taa'een ture kanan waaresiise. Piiter keenyan na cinaa jirutti hirkatee dhaabateera. Qilleensa qulqulluu harganaa jirruu fi samii bal'aa ilaalaa jirrun dhamdhama gaarii jiru dudubbiin akka hin cabsine, akka waan irratti walii galleerruu yeroo dheeraaf calliinsaan liqimfamne. Sana booda Piiter sababa ittiin gara kanaa dhufe yaadate natti fakkaata, gara qoraan kuufamee taa'ee dhaqee qottoo fuudhee qirixaa keessaa luqqisee falaxuu jalqabe. Miira ho'aa fi mi'aahaa akkasii cabsee socho'uun isaa xiqqo na mufachiisus, itti gaafatamummaa isaa dagachuu dhabuu isaa baayee jaaladheefiira. Nuusa sa'aatii gadi waan hin taane ture qoraan falatuun sun kan adeemsifame. Kun hunduu yeroo ta'u ana keessaas taee isa keessaa jechi tokko hin baane. Egaa calliinsaan baayee odeessuun ni danda'ama kiitii too. Achuma bakkaan taae taa'ee sochii isaa tokko tokkoo ishee hordofaan ture. Ammoo waan tokkon hubadhe. Dhiirummaa isaa fi jabina qaamaa isaa natti argisiisuuf yaaliin inni hin goone hin jiru. Si hin sobu kiitii gocha isaa kanas jaaladheefiira. Bakkan taa'uu ka'een baaxii irraan magaalaa Amisterdaam bal'oo asii gad daawwadhe. Baaxiiwwan dullooman, Baaxiiwwan haaraa, akkasumas darbee darbee mukoota keessaa dheeratan, fi daandiiwwan akka hojii xibiraa wal keessa xaxaman. Fagootti ammoo sararoota daangaa samii xuqanii fi giraaba dimimmisaan mul'atan. Achuma dhaabadhee maal akkan yaade beektaa kiitii? "kun hunduu hanga jirutti"n jedhe. "Ifti aduu kun, Samiin bishaan irraa car jedhe. Qilleensi cariin hin quufamne kun, wanti qulqulluun kennaa uumamaa kun hanga jirutti. Sababiin gammachuun narraa itti fagaatu tokkoyyuu hin jiru" Eeyyee kiitii! Kan sodaan isaan guute, Kophummaan kan isaan haleele fi gammachuun kan isaan irraa fagaate hundumaaf qoricha isa adda dureedha jedhee kanan amanu maal seete? Gara alaatti bahuu, Waaqa bal'aa kana keessaa icciitiin ishee ifa bahee dhumuu kan hin dandeenye uumamaa fi hojjetaa raajii kana hundumaa uumaa kan ta'e Waaqayyo wajjin wal harkaa fuudhinsa hafuuraa callinsaa gochuu iddoo danda'an gara alaatti bahuudha; Sababni isaas kana yeroo godhu qofaadha namni tokko icciitii addunyaa kanaa, jechuunis waanti ta'aa jiru hunduu ta'uu waan qabuuf akka ta'e fi nutti, ilmaan namaatti isa nutti mul'atu irrayyuu maniin Waaqayyoo inni baal'aa fi gaariin hojjetamaa jiraachuu hubachuun kan danda'amu. Eeyyee gochaan guddaanii fi qulqulluun kun otoo jiruu (haalli qabatamaan biyya lafaa maalis haa ta'uu maal) gaddi tokko tokkoon isaa yoomillee jajjabina mataa isaa argachuuf akka hin dandeenye kan godhu akka hin jirre ofitti amanamummaatiinin dubbadha. Karaa biraas uumamni rakkinoota hundaa karaa ittiin sirreessitu dha'icha dhokataa kan mataa ishee qabdi kan jedhu amantii cimaan qaba. Garuummoo eenyutu beeka kiitii too? Hafuura keessoo koo akka tokko gochaa kan jiru kana nama akkuma koo kana itti dhaga'amu duukaa hirmaachaa addanyaa too kanin jiraadhu yeroon isaa fagoo miti ta'a. Aanaa kee iraa Yaada xiqqoo waa'ee Piiter "Kan nuti hin yaadneen, kan nuti hin eegneen, tasumaa sababa nu hin ilaallanneen of dhoksuuf gara iddoo kanaa erga dhufnee kaasee anaa fi ati waan dhabne baay'ee qabna Piiter. Yeroo dheeraa haga kana waantota barbaannu hunda irraa fagaanneetu kan turre. yeroon siin jedhu ejjaan hanqinaa jireenyaa kee keessa jiru jireenya koo keessas jira. Kanan sitti odeessaa jiru waantota alaan mul'atan miti. Waantota alaan mul'atan kan ilaaleen hoo warri keenya waan isaaniif danda'ame nuu gochaa jiru. Ani kanin sitti himuu barbaade rakkinoota keessoo, qaawwota keessoo dha. Eeyyee piiter, anis akkuma kee nama yaa jaalalaa eessa jirta! Yaa bilisummaa eessa jirta. Yaa qilleensa qulqulluu eessa jirta! Yaa nama kan garaa koo itti baafadhuu eessa jirta jechaa kanin jiraadheedha. Egaa waantoota dhabne kanaaf beenyaa gahaa kan nuu ta'u qabna jedhee yaaduu eegaleera. Har'a ganama foddittii fuuldura osoon taa'uu ture yaadni kun kan naa dhufe. Beenyaa yeroon siin jedhu. Beenyaa keessoo ykn beenyaa afuura keessoo jechuu kooti. Ijoota koo qaarisiisee gara alaatti ergee uumamaa fi uumaa ishee icciitii gadi fagoo yeroon ilaalu gammachuu adda ta'e tokkotu natti dhagahamaa ture. Gammachuu gosa safartuu kamiinuu safaramuu hin dandeenye. Kanaaf Piiter gammachuun kun hanga keessa koo jirutti, ajaa'iba uumamaa gadi fagoo kana raajeffachuu hangan danda'etti, fayyaa guutuus hangan qabutti, yeroon jedhu namni tokko warra kana hanga qabaatetti gammachuun isaa irraa fagaatee ture akka deebii'uuf kan isa hin dandeessisne waan jiru natti hin fakkaatu. Qabeenyi kee, soorommaan kee otoo badee deebitee argachuu keef waan wabeeffattu hin qabdu. Akka badetti hafuus waan danda'uudha. Gammachuun kee garuu badee hafuu waan danda'u miti. Golgaa yeroof qofa gollamuu danda'a. Kanaaf lubbuun jiraannaan carraa golgaa sana ittiin saaqtu qabda. Ofitti qaana'uu tokko malee Walaabu kana ol jettee ilaaluu yoo dandeesse, keessi kee guutummaa guutuutti qulqulluu hanga ta'etti, na amani Piiter asittillee osoo hin hafiin gammaduu dandeessa." Aanaa kee irraa


DILBATA GURAANDHALA 27-1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Har'a ganamaa hanga galgalaatti waa'ee Piiter qofaa sii yaadaan oole. Dhaaphees, taa'ees, yeroon ciisu, yeroon ka'u, qofa walumaagalatti abjuunis ta'ee osoon ilaaluu suuraan Piiter takkaa ija koo duraa osoo hin deemiin guuyyaan kun kan darbe. Amma amma anaa fi Piiter yeroo bakkeedhaan ilaalamnu garaagarummaan keenya isa bakkeedhaan mul'atu osoo hin taane, addaa addummaan keenya dhiphataa dhufeera. Inumaayyuu takka takkaa immoo iddoo baay'eetti nuti gosa tokko ilaalchi jedhu na mo'achaa dhufeera. Sababiin koo maal seete kiitii?, Fakkeenyaaf anis, Innis hanqina haadhaa qabna. Haati isaa; keessi duwwaa, fakkeessituu, waan wal hanqattee kan jaalattu, waan inni yaadus ta'ee kan inni dhiphatuuf dhimma kan hin qabne, Walumaagala dubartii irruma irra keessa fokkisaa jiraattu dha. Ishiin kan koo dhugaaf taanaan waa'ee koof ni dhiphatti, inumaayyuu kan maluuf olitti jedhamuun ni danda'ama. Haa ta'u malee rakkoo haalota qixsirriin hubachuu dhabuu fi haadha dhugaa dha jedhamuuf bilchinni ishee baay'ee kan ishee hafu dha. Anaa fi Piiteriin kan wal nu fakkeessan waantota biroo sitti haa himu. Lamaan keenya iyyuu miira keessoo keenyaa waliin wal'aansoo gochaa warra jiraanne dha. Lamaan keenya iyyuu waantota baayee irratti sirrii ta'uu keenya amanuu kan dadhabnee dha. Lamaan keenya iyyuu namoota walakkaa osoo jirruu qobummaan kan nutti dhagahamuudha. Lamaan keenya iyyuu miirri keenya baay'ee haphii ta'uu irraan kan ka'e, xiqqoo yeroo tuqamnu amala dafee danfuu qabna. Qofa waan baayeen keenya wal fakkaata. Dhuguma mudannoowwaniif deebiin nuti kenninu kan mata mataa keenyaa dha. Fakkeenyaaf na aarsuu fi natti ga'isuuf yoo yaalan kanin godhu maal seete? Baqachuu, irraa fagaachuu, baduu na hawwisiisa. Kana gochuunis akka naaf hin danda'amne waanan beekuufis tooftaa biraan fayyadama. Miira koo miidhame dhokseen waan tokkollee nama hin taanen fakkeessa. Sana booda akkuma mar'immaan koo guban anis hanga mar'immaan isaanii ciinca'utti osoo wal irraa hin kutiin nan isaan jeeqa. Ija koo ilaaluun hanga isaan jibbisiisutti Isaan jiilcheera. Inni garuu faallaa kanaan maal godha seete? Kutittii isaa keessa maadheffata. Eenyuuniyyuu duukaa dubbachuu ni dhaaba. Kophaa isaa mataatii caba. Addunyaa abjuu mataa isaa kan ta'e keessa oolee bula. Yeroo kana godhu miira isaa dhugaas ta'ee eenyummaa isaa dhugaa ni dhoksa. Garuu akkamittii fi yoom ta'a anaa fi inni gara dhumaatti onneerraa kan walitti dhiyaannu? Dhugaa dubbachuuf hawwii too tana, kanin yaadu kana, arguuf ariifachuu koo kana, haanga yoomiitti to'adhee akkan fullaasu hin beeku Kiitii too. Boqonnaa baay'ee rakkisaarran jira. Aanaa kee irraa

WIIXATA GURAANDHALA 28/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Kabajamtuu Kiitiif Maal abbaa koo akka naa wayyu mooji kooti. Natti caalaa jira. Akka abjuu hamaa boqonnaa na dhowwaa jira mucichi. Guyyaas ta'ee halkan waa'ee waan biraa yaaduu dadhabaan jira. Kana irratti haalli ani keessa jiru akka narratti hin beekamne dirqiidhaan gammadduu fakkaachuun qaba. Sitti haa agarsiisu mee Kiitii too! Keessaan osoon boba'uu alaan kolfuun yeroo narra jiraatu. Dubbii keenya irratti waanta si ajaa'ibu tokkon sitti hima. Piiteroonni lamman(Piiter Wales(ischiif) fi Piiter inni kun) onnee koo keessatti wal dhuganii Piiter guddaa tokko ta'aniiru. Nama baay'ee gaarii tokko, nama qulqulluu tokko fi waan hundumaan kanin abdadhu Piiter sirrii tokko. Akkuma duraanii baaxii manaa bakka bal'aa sana irratti ni dhufa jedhee dura isaa ol ba'een eegaa ture. Inni garuu qooda gara koo dhufuu gara gadiitti bu'ee teessumoota caccaban supha. Amma moo amma hojii isaa fixa jedheen baay'ee isa eege. Inni yoom hojii dhabe? Fagoorraa bilbila bataskaanaa isa (Be pure in heart, be pure in mind) sagalee jedhu qillisaan dhagahuu jalqabe. Waan hundi koo shororkaa'aa jira. Egaa waaqi tokkichi na faana haa ta'u malee. Aanaa kee irraa

KAMISA BITOOTESSA 2/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Kabajamtuu Kiitiif Har'a anaa fi Maargoot baaxii sana irratti yeroo gabaabduu dabarsineerra. Turtiin keenya hagan eege kan nama gammachiisu hin turre siin jechuu nan danda'a. Haa ta'u malee Maargoot miira koo baay'ee isaa akka naa waliin hin hirmaanne shakkii hin qabu. Osoo harmee, Maargoot fi aadde faandaan ta'anii uffata miiccaa odeessanii Maargoot "jireenyi amma keessa jirru kan ishee ga'uutii olitti harka harka akka itti jedhee fi maalis haa ta'uu maal xumurri keenya dafee osoo gahee jettee hadheeffattee afaan abdii kuteen dubbatte" egaa dhiphinni ishee kun waan dhimma kenneefii sittin fakkaatiin. Sirumaa harmee aayyoon gorsa gosa kamii kenniteef seete! "Ofitti qaana'uu qabda Maargoot. Galata kee jechuu kan qabdu sirumaa ni hadheeffattaa? Maaliif firoota keenya guyyaa guyyaatti akka baalaa harcaafamaa jiran hin yaaddu" jetteen ture. Mee sitti haa garsiisu kiitii! Gidiraa keessa osoo jiranii waa'ee gidiraa biraa yaaduun maalidha faayidaan isaa!? Eeyyee isaanitti kanuma ture kanin dubbadhe. Maal naan jedhan seeteree!? "Ati afaan kee qabi, akka titiisa okolee si hin gidhiin. Maaltu haasaa nama guddaa keessa si buuse? Argitee doofummaa beektota keenyaa!? Akka yaada isaaniitti ani, Maargoot fi Piiter ijoollee hootuu hoonudha. Egaa haadhonni kun lamaan ijoolleema mataa isaanii miira isaan agarsiisan hangana erga hubachuu dadhabani isa kaansaa atumti.... atumti tilmaami. Harmeerra immoo aadde Vaandaaniyyuu wayya. Yoo xoqqaate xiqqoo xiqqoollee ta'e yaalii ni gooti. Dhuguma koon jedha kiitii!. Hagamiyyuu umuriin yoo nu caalan yoo xeqqaate ilaalcha keenya argisiisuu akkamiin nu dhorku. Ammoo dhama'aa isaaniin jedheetu malee homaa waan jijjiiranillee hin qaban. Eeyyee namni wayii afaan kee qabi jedhee yeroof afaan si cufuu danda'a ta'a. Garuu hanga fedhe ka'ee osoo of tumee ilaalcha kan mataa kee ta'e tokko akka ati hin qabaanne si gochuu hin danda'u. A'aa, kanallee osoo hawwanii hafu. Kanaaf eenyuunillee daa'ima jedhamee yaada isatti fakkaate akka hin ibsine gochuuf yaaluun dogooggora dogooggoroota hundaa natti fakkaata. Ana, Maargootis ta'ee Piiteriin hubachuun kan danda'amu yaada dhalaaf yaaduu tuffii hin qabneen qofa. Kanammoo eenyuun keenyayyuu argachaa waan jirru miti. Beektonni maatiin keenyas waa'ee keenya waantokkoyyuu hin beekan. Sababiin isaas raawwatee kan isaan nu tilmaamuu hin dandeenyeen sadarkaa yaada yaannuun isaan caallee jirra. Harmeen gidduu kana dallanuu fi nyaara guuruu baay'isteetti. Tibba kana keessa waanan ishee caalaa aadde Faandaan waliin haasa'eef inaaffaan ishee gale fakkaata. Akkuma feete ta'ee diboo Piiter qabachuuf yaaliin ani godhu har'a sa'aa booddee naa milkaa'eera. Sa'aa tokkoo gadi waan hin taanes waliin turre. Piiter waa'ee isaa irraan kan hafe odeessuuf rakkoo guddaa qaba. Qarqara qarqara labee dhamaatii hagamiin seete kanin oduu jalqabsiise? Matiin isaa falmii siyaasaa, baasii tamboo fi dhimmoota gara garaa irratti yeroo baay'ee akka isaan xabii keessa galaa turan naa kaase. Maatii isaatti hammam akka qaana'u na hin gaafatiin. Anis waa'ee maatii koo ifa godhee ittin haasa'e. Aabbaaf garuu mudhii hidhatee falmeef. Aabban "abbaa gaarii dorgomaa hin qabne lakkoofsa tokko" jedhee akka amanu natti hime. Maatii koo fi maatii isaa gidduu walitti dhufeenya jirus baayee odeessine. Ejjennoo maatii kiyyaas waan tokko osoo hin dhoksiin ittan hime. Addatti maatiin isaa guyyaa tokko nutti mi'aawanii akka hin beekne yeroon itti himu isan eegee olitti ture kan inni ajaa'ibsiifate. Umrii koo guutuu immoo maal akkan haawwaa ture atuu beekta kiitii too. <<Uwwaa boquu ishee ol qabattee addunyaa guutuu ija ishiin ilaaltu, gara itti deemtu dubartii beektuu fi tarkaanfii isheetti amantu, akkasumas qaqawweessaa fi bakakkaaf kan hin naane, qofa maal siin haa jedhu? Dubartii kan ittiin jedhan hin qabne ta'uun barbaada>>; "Piiterin" jedheen. "ani yoomiyyuu wal dhokannaa akkan hin beekne ni beekta. Namoonni kun maatii kees yoo ta'an waa'ee walii gala miidhaa isaanii fi miira nu keessatti uuman dubbachuuf dhimmi anaaf hin galle jira natti hin fakkaatu " jedhee ergan ifa godhee isaa waliin haasa'ee "Piiter waan humni koo danda'u hundaan si gargaaruun barbaada. Gargaarsi akka si barbaachisu sirriitti naaf gala. Maaliif seete!? Haala rakkisaa keessa akka jirtu nan beeka. Waa'ee rakkoo kee haasa'uuf fedha hin qabdu jechuunis rakkoo keef hin dhiphattu jechuu akka hin taanes naa gala. Kanaafi kanin danda'e hundaan sin gargaara kanin jedhe." "Karaa" koo naan jedhe afaanuma isaa hidhamaa sanaan, "Gargaarsa kee fudhachuuf yoomillee qophaa'aadha" "Dabalataanis aabbaa osoo mariissistee irra caalaa si gargaaruu akka danda'u sirriittin beeka. Aabbaan rakkoon kamiyyuu isoo hin babal'atiin kichuutti kutuu akka danda'u quba kiyya kurnansaan siin mallatteessa. Sanarratti kan garaa kee nama itti himuu dandeessu akkamii seete!?" Nan beeka Abbaan kee baayyee nama gaariidha. Nama itti dhiyaachuuf nama rakkisu akka hin taanes nan beeka. "Aabbaa ni jaalatta mitii?" Piiter mataa isaa raasee eeyyee jechuu isaa naa ibse. "Innis baay'ee si jaalata. Yeroon siin jedhu, kan ati tilmaamtuu olitti si jaalata." Si dhiba kiitii, jichoonni jajjabinaa xiqqoon kunillee miira gaarii hagam akka irra bulchite osoo argitee. Bifa ofitti qaanu'uu qabuun seeqaa ol jedhee ija ija koo keessa na ilaalaa "Sirriitti amantaa?, jechuun koo imm... abbaan kee kana hunda..." "eeyyeen Piiter, waanan si dhaabsiseef dhiifama, yoon kallattiin waan kana waliin haasa'uu baadhe illee yeroo tokko tokko jechoota miliqanii afaan isaa keessaa ba'an irraa baay'ee akka si jaalatu hubachuun ni danda'ama" Piiter irra deebiin gammade!. Kana arguu kootti anas irra deebiin natti tole. Waan tokkon sitti hima kiitii too, Piiteris nama baay'ee nama gaarii dha. Yeroon jedhu akkuma aabbaa!. Aanaa kee irraa

JIMAATA BITOOTESSA 3/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Har'a galgala akkuma barame dungoo keenya Jimaata galgala qabsiifame fuuldura taa'een jira. Nuti yihuudonni barsiifata jimaata jimaata galgala dungoo qabsiisuu qabna. Fiixee dungoo sanaa irraa hurka labooba ibiddaa citee ol bahuuf fakkaatu xiyyeeffadhee yeroon ilaalu tasgabbii fi gammachuun tokko natti dhagahame. Labooba ibiddaa qarqarri isaa keelloo walakkaan isaa immoo adii fi bildimaa faakkaatuun kan guutame, achi keessattis akkoo tiyyan argee. Akkoo yeroo dhiphoo, bal'ina naaf taatuu fi kan balaa irraa na eegdu. Dabalees ammoo namni dhuunfaan jireenya koo hogganu tokko jira. Innis Piiteri, har'a waaree booda mosee fiduuf gara bakka nyaata kaawwannutti osoon gadi bu'aa jiruu sadarkaa irra deemanii gadi bu'an isa dhumaarra taa'ee Piiteriinin arge. Akkuma na argeenis "sa'aa laaqanaa irraa eegaltee maal dalagaa turte?" jechuun na gaafate. Qodaa dinnichaa akkuman qabadhee jiruun isa bira taa'een oduu keenya jalqabne. Waa'een mosees irraanfatame. Sa'aa kudha tokkoo fi ruubii irratti ture kanin dinnicha sana fuudhee deebi'e. (Oduu sa'aa tokkoon booda) Har'a Piiter waa'ee maatii isaa jecha tokkoyyu natti hin dubbanne. Baay'inaan waa'ee kitaabota fi waa'ee yeroo keenya dabarsinee irraa odeessine. <<Ijoonni mucichaa ho'aa fi ifa wayii facaasun siin jedha>> Dhugaa isaa natti himi yoo jette mucicha irraa jaalalli na qabeera. Inni mataan isaa waa'ee kanaa natti kaaseera yoon siin jedhe na amantaa? Moseewwan sana ergan qola irraa kaasee booda gara kutaa isaa deemeen ture. Akkuman ol galeen uffata koo hurgufeen ho'a jiru dandamachuuf yaaliin godhe. Sadarkaa ho'i kun irra jiru hubachuuf fuula koo fi fuula maargoot qofa ilaaluun gahaadha. Qorra yoo ta'e akka waraqaa addaata. Ho'aa yoo ta'e immoo akka Timaatimii dhiilga'a. "Dubbii keenya keessatti" jedhee yeroo muraasaaf erga qummaadee booda. "Jaalalli si qabeeraayii?" Jedhee taa'e. <<Akka bakakkaa tasa bu'eetti gaaffii onnee nama tarsaasu>> "Maaliif?, Akkamitti?, Maaliif jaalalli na qabaa?" Deebiin too deebii dibdaaba wayii akka ta'e yerosuma naa galee ture. Maal godha Kiitii jechi takkaa bahe haxooftuutiin hin badu. "Maaliif si hin qabatu?" Naan jedhe iddoo taa'uu akka ol ka'uu ta'ee. Kana gidduutti sa'aan itti dhiyaana nyaannu waan ga'eef kutaa piiterii ba'uutu nurra jira. Erga Piiter gaaffii kana na gaafatee booda Piiter gaaffii kana kan na gaafate dhugumatti maal jechuu akka barbaade xiinxaluu fi herreguutti yeroo kiyya fixaan jira. Dhiyaana sana booda hanga inni kophaa ta'utti eegee, gaaffiin isa gaafachuuf ture dhiisee yeroo hunda kutaa isaa dhufuu koos ta'ee oduu koo dhuma hin qabneen isa jeeqaan jira yoo ta'e ifatti akka natti himuu qabu sodaa koon ibseef. "Lakki tasumaa, yoo dandeesse yeroo hunda koottu" jechuun na tasgabbeesse. Haa ta'u malee Kiitii too, Deebiin isaa kun maal naan jettiif yoo ta'e hoo sodaa jedhuuf lakki miti kan jedhu mirkaneessaan hin argamne. Qofa maal siin jedhu Kiitii tiyya? Haalli koo hunduu nama jaalalli qabee fi akka durba waa'ee nama sanaa, nama jaalalli irraa qabee qofa malee, waan biraa yaaduu dadhabdee fakkaateera. Eeyyee Piiter sodaa akka natti ta'e si haaluu hin danda'u. Garuu yoomuma ta'a waan kana ifatti itti himee kanin obbaafadhu? Ammoo dubbachuu koon dura waanan mirkaneeffachuu qabu jira. Maal naan hin jettuu? Anis isaaf "Yaaddoo" ta'uu koo. Eeyyeen, hanga inni waan kana ifatti natti himutti yookaan karaa mataa koo hangan mirkaneeffadhutti miira mataa kiyyaa itti hin himu. Bu'es ba'es keessa keenya wal baraa akka dhufne shakkii hin qabu. Akka hawwii too osoo ta'ee garuu, jalqabuma waan garaa keenyaa walitti himnee, walii wajjin addunyaa mataa keenyaa keessatti, shubbisa mataa keenyaa shubbisna ture. Garuu ammoo maaltu beeka Kiitii? Yeroon ani hawwu kun fagoo ta'uu dhiisuu danda'a. Aanaa kee irraa.

Sanbata Bitootessa 4-1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Bakka kana erga dhufnee jalqabee guyyaan akka sanbataa fi dilbataa nu nuffisiisuu fi nu dhiphisu hin jiru. Addattimmoo guyyaan sanbataa biiroo kutaa keenyaa gaditti argamu keessa wacni jiru afuura ala jiru duukaa gutummaa guutuutti adda cituun keenya akka nutti hin dhagahamne gochuuf yaaliin guddaan ni godhama. Kanaratti guyyaa kaan Meeppee yookiin Obbo Kireeler yookaan ammoo lamaan isaanii amma amma ni dhufu hawwii jedhuun gurra keenya qarree sagalee bilbila kutaa icciitii keenyaa eeguun qoftiyyuu afuura jireenyaa nuu kennu tokko qaba. Sanbataa fi dilbata garuu kun hundi hin jiru. Sanbanni darbe garuu yeroo duraaf nuffii tokko malee, dhiphina tokko malee, mukii tokko malee kanin dabarse sanbata jalqabaa ture. Sababii isaa atis osoo hin tilmaamiin hafteetta natti hin fakkaatu. Piiteri dha. Har'a wayitan gara baaxiitti ol ba'ee marxoo hojii kiyyaa miiccee deebi'u aabbaan Piiteriin afaan Faransaayi qo'achiisaa jira. Akkan isa wajjin qo'adhu gaaffii aabbaan naa dhiyeesseef hi'ii tokko maleen fudhadhe. Jalqaba kanuma isaan eegalanii turan irratti marii'anne. Aabbaan beekumsa afaan Faransaayiin isa caalaa hubannoo akkan qabu waan beekuuf dhimma Piiteriin hubachiisuu yeroof naaf dhiiseera. Sana boodammoo gara afaan Ingilizii qo'achuutti darbinee xiqqoo erga qo'anneen booda, aabbaan akka lubbuu isaatti kan jaalatu kitaaba Chaarles Diikensi keessaa fuula tokko banee sagalee isaa ol kaasee nuu dubbisuu jalqabe. Kkk.... Miskiinticha aabbaa... Waan isa dhaggeeffannu se'eera. Dhuguman siin jedha Kiitii. Ani karaa koo samii torbaffaa keessan jira siin jechuu nan danda'a. Sababiin isaas osoo haala taa'umsa keenyaa argitee, anii fi Piiter baay'ee walitti siqnee taa'uu keenya irraan kan ka'e waltuttuquuf waanti nu hafe hin jiru. Sa'aa shanirratti gara biiroo obbo Kireelerfaatti gadi bu'een ture. (Sanbatduraa waan ta'eef hojjettoonni akka hin jirre hin dagatiin) achii ba'ee gara kutaa keenyaatti yeroon ol ba'uuf jedhu qaallichi sadarkaa irra taa'ee na eegaa jira. Hanga torba jechuu ruubii hir'uutti osoo haasofnuu waliin turre. Amma amma innis na barbaaduu jalqabeera natti fakkaata. Soorata booda gara kutaa isaatti yeroo galuuf jedhu anaa fi isa qofaatu jira yoo ta'e Aanaa booda wal argina jedhee ol gala. Oo.... Kiitii too miira namatti tolu akkamii keessa akkan jiru na hin gaafatiin. Mooji isas anarraa jaalalli qabeeraa laata? Maalumaafuu mucaa baay'ee gaarii ta'uusaa karaa adda addaan mirkaneeffachuu danda'eera. Eeyyee Piiter kanin eegee ol mucaa bayeessa ta'ee isa argeera. Kanarratti hanga ammaatti oduuwwan akkam akkam namatti tolan akka odeessine anaa fi isa qofatu beeka. Si hin sobu kiitii tiyyaa waan kana sittiyyuu hin himu. Garuu dhiifama naaf godhi sababii waanin qabuufi. Maaliif seete? Piiteris hanguma kee natti dhiyaachaa waan dhufeef icciitii isaa dabarsee kennuu hin barbaadu. Aanaa kee irraa

WIIXATA BITOOTESSA 6/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Piiter akkuma koo yaadaan dhidhimuun isaa fuula isaa qofa irraa dubbisuun ni danda'ama. Kaleessa gara galgalaa kutaa isa gidduu keessa boquu buusee otuu taa'aa jiruu haati isaa aadde Faandaan "falaasaa keenya" jechuun hidhii ishee gartokkotti jallistee ofitti akka inni qaana'u yaalte. Akkam akka na aarsite, Piiter mataan isaayyuu akkam akka ofitti qaana'e fi fuullisaa saffisa akkamiin akka jijijjiirame sitti himuu hin danda'u. Dhuguman siin jedha "Akka dhoyinsaatti dhowuuf waan xiqqoo malee na hin hafne" Obbobboshe "Namoonni kun maaliif afaan isanii hin cufan?" Mucaa kana hagam akka kophummaan miidhe fi yeroo inni miidhamu argaa waayyuu gochuufii dadhabuu kee caalaa waanti nama dhiphisu maaltu jira? Bakka isaa Of kaa'ee yeroon yaadu, takkaa qoccolloo keessa, takkaa immoo jaalala keessa, akka kibbaa fi kaabaatti miira wal faallessan lama gidduu, takkaa galaa takka immoo bahaa, dhukkubbiin isaa hagam akka ulfaatu sirriitti tilmaamuu nan danda'a. Miskiinticha Piiter, maalumaafuu mucicha jaalalli isa barbaachisa. Tibba dhufnee as galles tokko isa inni "Hiriyaa gosa kamiiyyuu hin barbaadu" jedhe sanatu gurra irraa na killisa. Wayita kana jedhus jechuumaaf malee dhuguma isaati jedhee hin tilmaamu. Onnee isaa irraa yoo ta'es baay'ee baay'ee dogoggoreera. Si dhiba kiitii, Piiter guyyaan isa bare irraa kaasee kophummaa isaatti nama cichu dha. Garuu kan hin qabne fakkeessuuf ni dhphata. Haalli isaa hunduu kan nama guddummaati. Garuu yaaliin kun hunduu dhugumaan osoo hin taane fakkeessuun waacila inni hojjetu ta'uu isaa ofitti amanamummaa guutuunin sitti hima. Ammas irra deebi'een jedha "miskiinticha Piiter." Gosa jireenyaa waacila fakkeessaa kanaan hangam deemuu danda'a laata? Waanta humna mucaa kanaa ol faakkatu kana booda kan dhufu maal jette naan jedhi Kiitii too, gaaf tokko dhoohinsi suukkaneessaan tokko ni dhufa. Oo... Piiter, maal qaba osoon si qarqaaruu danda'ee? Maal qaba akkan si gargaaruuf carraan osoo naa kennamee? Na amani anii fi ati osoo walii gallee rakkina kophummaa kees ta'ee kan koo hundeedhaa gogsuu dandeenya. Yeroo kamirrayyuu karaa adda ta'een gumbii yaadaa ta'een jira. Akka duraa baay'isee hin odeessu. Kan kana irraa hafe isa ilaaluun qofa gammadduu ta'uu danda'eera. Dubbii keenya keessatti kana dura isan "maal qaba bakkaa Piiter osoo durba taateetti ta'ee" jedhee sitti hime dhiifama guddaa waliin kaasuu koo siif ibsuun barbaada. Piiter bagayyu mucaa dhiiraa naaf ta'e. Aanaa kee irraa Dabalata Dhiifama Kiitii too, waan tokko waa'ee Piiter sitti himuuf waanan dirqameefi. Amantes amanuu baattes kana booda lubbuun jiraachuu kanin barbaaduuf waa'ee walitti dhufeenya keenya fuula duraaf jedheeni. Akkuma ani isa malee jechaa jiru kana, maal qaba innis ishee malee osoo jedhee jedheen hawwiin cinqamaan jira. Natti dhiyaachuuf yaaliin qaqal'oon inni taasisu ajaa'ibaaf na onnachiifti. Dandeettiin keessa koo baasee ibsachuu koo isa dhibee isa kan hin dhiisne mucaan kun, mirga galuufii didee isa rakkisaa jira malee waan baay'ee waan natti himuu barbaadu akka qabu naa gala. Miskiina kiyyaaaaa.... Maal isaarrayyu kan natti tolu, mukaa'uu isaa kana, hoollatinsa isaa fi arraba isaa giingee sana ta'uu eenyutu itti naaf hima?.. Aanaa kee irraa

KIPHXATA BITOOTESSA 7/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Amma waa'ee 1942 yaadaan jira. Waa'ee le'ii tiyya sana dura turte. Waan hunduu siruma dhugaa hin fakkaatu. Abjuus fakkaata. Aanaan isheen jireenya jannata lafarraa keessa jiraachaa turte, mana osoo hin taane, gaagura fakkii mana kana keessatti saamsamtee ganna lama guutuu, abidda siqiqiin akka giixxaa qas jettee gogdee kan bisĥaatte irraa baayyee adda turte. Eeyyee Kiitii, le'iin sun dhugumayyuu jannata lafarraa ture. Si dhiba waan tokko hagam qaalii akka ta'e kan bartu erga harka kee irraa bahee dha. Yeroo harka kee keessa jiru waayyuu sitti hin fakkaatu. Waggaa lama dura, (akkuma Yihuudota kamiiyyuu dhiibbaan narratti ta'u akkuma jirutti ta'ee) waan ani hin qabne hin jiru ture. Har'a hiriyaa dhiiraa argachuun kan akkas akka samii nattii fagaate, yeroo sana hanga nama suuqii karaa irraa buskuttii bitatuu natti hin ulfaatu ture. Umriin kan na gitan hiriyoota dhiiraa fi dubaraa baay'inaan digdamaa gad hin taanen qaba ture. Barsiisonni koos kan naan baannatanii fi akka ijoollee isaaniitti barattuu jaalatanin ture. Harmee fi aabbaan ba'ee hangan deebi'utti akka killeetti kan na sassatanii fi akkaa intala mootii gonfoof qophooftuu mucayyoo na kunuunsaniin ture. Qofa isa kam sitti himeen isa kam dhiisa. Chokkoleetiin sun hunduu, keekiin sun hunduu, Ayiskireemiin sun hunduu, kana irratti aabbaan faa kan naa ramadan qarshiin callaan gahaatii olii, obbobbosh na dhiisi Kiitii too. Dhugaaf taanaan mucayyoon tokko gammaduuf kanarra waanti ishee barbaachisu hin jiru. Kiitii du'ii kee of tuuluu koo miti. Dhuguma namni tokko tokkoon isaa sababii mataa mataa isaa qabaachuu danda'a. Garuu na baree fi natti dhiyaatee nama na hin jaalanne hin argine. Kana hundaaf sababa isaa sii kaa'uu nan danda'a. Mana baruumsaa yihuudotaa sadarkaa lammaffaa yeroo jirru anatu isa hin beeku malee inni sirriitti akka na beeku piiter natti himeera. Egaa mana baruumsaa sana keessatti icciitiin jaalatamuu koo inni akka jedhutti "Wanta nama harkisu fi nama booji'u tokko" waanan qabaadheef miti. Fakkeenyaaf barsiisonni koo na jaalachaa kan turan kutaa keessatti deebiiwwan koo ariifataa fi ajaa'ibsiisaa ta'aniin, yerooma yerootti jichamoota bashannansiisoo kiyya, fuula koo seequun irraa adda hin baane, hawwii baruuf ani qabu, waan tokko salphaatti hubachuuf kennaa ani qabu, fi kkf, kkf dha. Siin jechuu nan danda'a. Kanarraan addatti immoo sal'oo sal'isee kanan hin quufne, kolfee kanan hin quufne. Qoosaan kan na hin nuffisiisne fi yoom odeessiti mucayyoo jedhamtun ture. Hunduma keessaa haalota koo naa jaalataman sittan hima kiitii. Kan Mudhukuun bira hin jirre dammaqinsa koo, haqummaa koo, iftoomina koo, waan harka koo irra jiru nama hiruu irraa duubatti jechuu dhiisuu koo fi eenyuttuu boonuu dhiisuu koo!... Egaa waan koo kana hundumaan jaalatamuun natti baay'ataaree Kiitii too!?. Jaalalaa fi dinqisiifannaa kana walakkaa jiraadhee hagamiyyuu yoon ofitti amane waan nama ajaa'ibaa maaltu jira? Garuu ammoo maal goota. Dinqisiifannaa fi raajeffatamuu hanga kanaa qabaadhee osoon jiruu, guyyaa guyyaan guddachaa dhufee baaxii qaqqabee gammachuu jiruu koo dhamdhamaa osoon jiruu, fi dharraan guyyoota dhufan ani arguuf qabu halkan dafee hin bariine keessaan osoon yaadaa jiruu ture kanin akka tasaa dhugaa jireenya koo dhufee fuula dura koo dhaabate duukaa kanan wal kiphe. Haalli ani amma keessa jiru itti baruu fi abjuu osoo hin ta'iin dhugaa ta'uu isaa adda baafachuuf waggaa tokko duudaa isaa ol natti fudhate. Barataas ta'ee Barsiisaa waa'ee koof osoo gaaffii gaafatamee maal jedhee kan deebisu sitti fakkaata? "Aanaa jechuun qoosaan kan jalaa hin dhumne, carraa hundatti fayyadamtee kolfa kan maddisiisuu dandeessu, tapha kam keessattu shira fi daba isheen kan jaalatamtu, kolfitee kan kolfisiistu, mukoofte kan hin beekne, yoomillee seequun kan ishee irraa adda hin baane, nama ooduus kan hin beekne, kana fi kan kana fakkaatan" siin jedhu. Aanaa ishee yeroo sanaa gara duubatti deebi'ee yeroon ilaalu, yeroo ishee fi bakka isheetti cimtuu fi jaalatamtuu kan turtedha malee, Aanaa ishee ammaa duukaa walitti dhufeenya kan qabdu miti yoon jedhe gurra guddisuu hin ta'u. Piiter inni fagootti na beekullee waa'ee koo isa darbe yeroo natti himu baay'ee sirrii ture. "Yoomillee kophaa kee si argee hin beeku. Yoo xiqqaate ijoollee dhiiraa lama yookaan sadii akkasumas ijoollee dubaraa baay'een marfamteetu oolta. Yoomillee walakkaa saanii jirta. Yoomillee akkuma kolfitee fi isaan kolfisiistetti jirta. Kolfi isaaniis ta'ee haasaan isaanii kan gaggeeffamu giddugalummaa keetiini" jedhe. Egaa hafteen Aanaa durii kan Aanaa ammaa keessa jiru maaltu jiraree!? Uf.... Dubbii keenya keessatti hin yaadda'iin Kiitii. Ammas taanaan kolfuu hin irraanfanne. Ammas taanaan gaaffii kamiifiyyuu deebii ariifataa fi ajaa'ibsiisaa kennuun na jalaa hin banne. Yeros jaalatamtuu fi raajeffatamtuu kan na godhe dandeetti dogoggoroota namootaa fo'anii adda baasuu fi akka sirrataniif dubbachuu koo yoo ta'es ammas naa waliin jira. Waa'ee heerumaas yoo ta'e ammas heerumuu nan danda'a. Yeroon siin jedhu kana miti rakkinichi. Yaadaa fi dhiphina tokko malee gosti guyyaa akka garaa koo dhowwaa tokko malee fandalaluu fi biddiiqu sun halkan tokkoof yookaan guyyaa lama sadiif yookiin immoo torban tokkoof carraa arguu osoon argadhee gammachuu isaa hin danda'u. Dhuma torbanichaa irrattis nama oduu ija qabu natti odeessu barbaacha hagam akkan raafamu natti mul'ata. Amma akka yeroo sanaa hamaamotaa fi hordoftoota hin barbaadu. Amma hiriyootan barbaada. Amma kanin barbaadu qoosaa mucaa dubaraa, tapha, walumaa gala fedhii namummaa isheen qabdu kan dinqisiifataniif, michoota bilchaatoo dha. Dhugaadha, haala kanaan ulaagaa kiyya yoon cimse akka durii wacni naannoo kootti baay'atu hin jiru. Kana sirriittan beeka. Kanaaf rakkoon hin jiru. Xiqqoos yoo ta'an michuun si maadalanii fi haqummaa isaanii eeggatan argannaan maal barbaadda? Garuu waa'ee 1942 kanin sitti hime hunduu akkuma jirutti ta'ee yeroo sanattis taanaan gutummaa guutuutti gammadduu dha siin jechuu hin danda'u. Darbee darbees yoo ta'e guyyaan na mukeessuu fi of na jibbisiisu ni jira. Garuu guyyicha gutuu asii fi achi osoon utaaluu waanin ooluuf mukuu sana ofan dagachiisa. Takka takkaa ta'e jedhee takka takkaa immoo osoo hin yaadiin qoosaawwan, qirixxeewwaan, baacoowwan fi kkf niin ture miira duwwummaa natti dhagahamu kanin of keessaa ari'u. Amma garuu waa'ee jireenyaas ta'ee waanan gochuu qabu ilaalchisee of eeggannoo guddaanan itti yaada. Eeyyee kiitii, Dabareen jireenya koo xumurameera. karaa tokkoon xiyyoorra ga'eera. Yaaddoo tokko malee kanin itti gandhaalaa ture guyyoonni mana baruumsaa keessaa sun akka hin deebinetti sokkaniiru. Guyyoonni sun akka tibba duraa na yaachisuun haa turuutii dhamdhamni isaanii iyyuu maal akka ta'e dagachuu danda'eera. Amma eenyummaa koof jecha jireenya nyaarguuruu barsiifadhe waliin wal dhugee jiraachuunis na dhibaa jira. Jireenya koo waggaa lama dura ture leensii baay'ee guddisuun ilaalaan jira. Mana abbaa fi haadha kootti biiftuu ganamaa caalaa jireenya ifuu fi namattolu keessan ture. Sana booda immoo 1942tti gara bakka kanaan dhufe. Waantonni sun hundinuu akka tasaa jijjiiraman. Mukaa dhagaa duukaa walitti bu'uu, qoccolloo, oriisaa isaa, wal afaan darbuu isaa, qofa maal siin haa jedhu? hunduu hubannaa kiyyaan ol ta'e. Tasa kiyyoo hin yaadne keessatti kufeen of arge. Kanaaf tilmaamnin ofiikootiif qabu sababii dhiibbaa namoota biroon akka hin jeeqamne, mirgi kiyya hin dhiitamne, kabajni koo osoo hin uggamiin, akkasumas maaliyyuu caalaa kanan ittiin boonaa ture eenyummaan koo xiyyoon isaa illee osoo hin tuqamiin, jechuunis akkuma haala duran tureen itti fufuuf carraan tokkichi ani qabu ture maal seete? Kan ija natti babaasetti ija babaasuu. Kan natti iyyetti iyyuu. Kan na arrabse arrabsuu. Eeyyee, eenyuyyuu haa ta'u eenyu karaa malee dhiibbaa natti uumuuf yoo yaale yeresuma gochaa sanaan gitu deebisuufiidha. Waa'ee 1943 hirtee waggaa duraa mee xiqqoo si haa yaadachiisu. Guddinni miira kophummaa booyi booyi, iyyi iyyi, naan jechaa ture, na joonjessee na liqimsuuf kan ture akkuma jirutti ta'ee, garuu kana caalaatti guddatanii kan mul'atan balleessaawwan koo fi hir'ina koo walii galaa suuta suutaan ilaalaa dhufuu koo fi kan biraa kan biraas. Fakkeenyaaf guyyoota baay'ee kanin dabarsu waantota keessa kootti yaadu waliin walitti dhufeenya waan tokko illee kan hin qabne odeessuun ture. Aabbaa gara kiyyatti harkisuufis yaaliiin ani godhe salphaa hin turre. Akka hawwii kootti naa hin milkoofne malee. Waan hundayyu qophaa koo dhiibuun qaba ture Kiitii. Eenyummaa kiyya jijjiiruuf baay'ee hojii rakkisaa, sigiga jireenyaa nafudhatee deemuuf jedhu, dhiibbaa haga kanaa narraan gahe kophaa kiyya sirreessuuf gargaarsa namtokko malee dhiibeera. Baruma sana hirtee waggaa isa walakkaa booddee haalli jiru hagas mara yoo ta'uu baates waan foyya'e dha jedhamuu ni danda'a. Yoo xiqqaate anaan akka daa'imaatti na ilaaluu isaanii xinno naa hir'isaniiru. Hahaha...... si dhiba kiitii!, Walakkaa ganna tokkoo keessatti maali fi hagam akkan itti jijjiirame hin beeku, akka uwwaa guutuu tokkootti na ilaaluu jalqabanii turan. Waa'ee waantota baay'ee yaaduu fi asoosamoota tokko tokko barreessuus kanin jalqabe baruma kana. Sirumaa bara sana gara dhumaa immoo isin ofiin jechuun jalqabe. Eenyuun isaanii iyyuu akka duraa akka kubbaa Hindii olii gad na oofuun hin eeyyamamuuf kan jedhu murtii dhumaarran gahe. Of jijjiiruuf fedhii mataa koo qofa irratti hundaayen yaalii gochaa jira. Tibba sana maaltu akka na naassise beektaa kiitii? Dhugaa hadhooftuu tokko hubachuu kooti. Maal jettee na hin gaafattuu? Of caalaa kanin jaaladhu aabbaa kiyya icciitii hunda akkan itti himuu hin dandeenye dha. Eeyyee kiitii, ofii koo irraan kan hafe eenyuuniyyuu amanuun yeroo itti natti ulfaatedha. Waggaa isa lammaffoo (1944) jalqaba irra immoo jijjirama guddaa gara biraa tokkon arge. Maal akka ta'e tilmaamtee kiitii? Abjuu koo sana dha. Hiriyaa ijoollummaa koo Piiter Waseliin kanan ittiin arge. Hiriyaa koo dhiiraa ta'uu isaa yeroo duraaf kanan ittiin bare. Ana irraan kan hafe eenyutti iyyuu kan hin mul'annee gammachuu keessoo koo fi miirota keessoo koo dhugaa dhoksuuf akka maandhee jabaataa tokkootti itti fayyadamaa kanan ture ogummaa <<gammadduu fakkaadhee mul'achuu>> koo yeroo baay'een itti yaade. Kun hunduu yeroo ta'u guyyaatii gara guyyaatti callisummaan koo dabalaa deemuu fi keessa kootti guddachaa kan dhufan waantonni bareedoo ta'an hundaa fi gaarii ta'aniif fedhiin daangaa hin qabne na keessa jiraachuu natti beekamaa dhufan. Kanaaf Kiitii too, amma galgala galgala siree koorra ergan ciisee booda, yeroo kadhataa koorra yeroon gahu <<Yaa Waaqayyoo.... Waan mishaa ta'e hundumaaf, waan qaalii ta'e hundumaaf akkasumas waan bareedaa ta'e hundaaf onnee tiyya irraa sin galateeffadha>> jedhee yeroon ka'u waan hundi koo dharraa bayinsaan guutama. Jechi tokko tokkoon isaa hiika naaf kenna. Yeroofis yoo ta'e oriitoo hamummaa na fudhatee sokkuuf fooggolu jalaa dhokachuu danda'uun koo "Gaarii" ta'uu dha. Fayyaa koo fi qaalayinsa Piiter. Aniis ta'ee Piiter hanga ammaatti maqaa itti kennuu kan hin dandeenye miirri addaa nu gidduutti uumamaa jiru "Bareedina" dha. Amma kanin yaadaa jiru weerara hadoochaa addunyaa weeraraa jiru osoo hin ta'iin, cina adduunyaa bakka hadoochaan kun hin geenye dha. Anii fi harmeen guutummaa guutuutti waanti ittiin addaan baanu keessaa inni kun isa tokko dha. Fakkeenyaaf harmeen osoo ati teessee yaadaan dhidhimtuu fi cinqamtuu yoo si argite gorsi isii inni jalqabaas ta'ee jajjabeessuun ishii inni dhumaa "Yaadaan hin dhidhimiin, hin cinqamiinis, hin dhiphatiinis, inumaayyuu Lammiilee keenya akka baalaa harca'aa jiranii fi addunyaa waraanaan hunkuramaa jirtu kana ilaali. Waaqas galateeffadhu" kan jedhuu dha. Gorsi kiyya immoo "Dhaqii gara moocii bal'aa fi ol ka'aatti achi ba'i. Akka bakka hunda arguu dandeessuttis asii fi achi ilaali. Biiftuu ifa ishee xiqqaa guddaa, mukaa dhagaa, kan lubbuu qabanii fi hin qabne osoo hin jedhiin ibsitu daawwadhu. Ammas gara alaatti achi ba'i. Gara keessa kee fi gara uumaa kee ilaali. Eeyyee gara keessa kee gadi fageessii ilaali. Gara uumaa keettis ol fageessii ilaali. Keessa keetiis ta'ee naannoo keetii waantota fagaatan irraanfadhu. Waantota gaggaarii keessa kees ta'ee naannoo keetti hafan ilaalii gammadi. Kana gochuu yoo dandeesse gammachuun sirraa fagaatee ture siif deebi'uuf ni dirqama" Dhuguman siin jedha Kiitii too. Jechamni harmee akkamitti sirrii ta'uu akka danda'u naa galuu hin dandeenye. Turi akkamitti dha ati hiraara keessa osoo jirtuu waa'ee hiraara biraa yaaddee kan of jajjabeessitu. Kana yoo geete sirumaa sii dhume jechuu dhaam. Isarrawoo isa ani jedhe kana osoo gootee deebistee of argachuu dandeessa. Waaqayyoonis ni argatta. Kana yoo goote qofaa dha daddaaquun kee hafee madaallii kee eeggattee kan ati jiraattu. Asirratti haqni wal nama hin falmisiifne tokko jira. Ofii isaa kan gammadaa ta'e hunduu akka gammadan ni godha. Akkasumas onneen sabummaa isaa guutuu kan ta'ee fi amantiin afuura isaa cimee kan dhaabate yoomillee yoomillee essayyuu yoo jiraate coolagee hin hafu. Aanaa kee irraa

DILBATA BITOOTESSA 21/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Tibba kana immoo iddoo tokko adabadhee taa'uu iyyuu dadhabaan jira. Eeyyee sadarkicha bu'uu dha. Sadarkicha ba'uudha. Kutaa tokkoo gara kutaa tokkootti osoon raafamuu, baaxicha ba'uu dha. Ammas bu'uu dha. Obbobbosh na dhiisi Kiitii too. Piiter duukaa odeessuun akka tokko na hawwisiisaa jira. Garuu immoo gituma sanaan tarii isan jeeqe ta'inna kan jedhus na sodaachisa. Piiter waa'ee jireenya isaa darbee hanga takka natti himeera. Waa'ee maatii isaas ta'ee waa'ee mataa isaa jechuu kooti. Haa ta'u malee hangaan quufutti natti odeessee hin beeku siin jechuu nan danda'a. Yeroo mara maal qaba osoo dhaabuu baatee jedhee osoon yaaduu dhaaba. Sababii kanaatiif gaaffiin ani yeroo mara of gaafadhu guddichi tokko jira. <<Maaliif garuu kanin oduu Piiter akkas hawwuu fi maaliif akka dabalee odeessu dharra'u?>> Hanga inni dandamachuu dadhabuutti waccuu akkan ta'e carraa tokkoon natti himee ture. Anis waa'ee isaaf waan natti dhagahame itti himeen ture. Callisaa fi fajajaa akkanni ta'e jechuu kooti. Ani gama kootiin isa kana dhiiseera. Inni garuu Ilaalcha naaf qabu ture sana jijjiireere moo akkuma jirutti jira kan jedhu gaaffii kiyya ta'ee itti fufeera. Aanaa kee irraa

KIBXATA BITOOTESSA 14/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Har'a maal nyaachuuf akka jirru si haa himu. Akkasumatti itti buhaartaa laata jedheem malee odeessuu mitii yaaduu iyyuu hin barbaadun ture. Ammaa nyaata har'aa yeroon siif barreessullee afaan koo fi funyaan koo uffata urgooftuu dibataa dibameen ukkaamseeni. Urgooftuu dibataa as dhufuu keenyaan dura bitame jechuu kooti. Sababiin isaa maal sitti fakkaata? Dhiisi dhiisi Kiitii tasuma waan tilmaamuu dandeessu miti. Kanaaf ani ofii koo jalqabaa kaasee sitti haa himu. Namoonni kooppoonii soorataa nuu ergan naazotaan qabaman. Kanaaf amma harka keenya kan jiru kaardii reeshinii afurii qofa. Kaardii kana afran qofaan nama saddeet taanee jiraachuu kan dandeenye gargaarsa kooppoonii kanan ture. Mana kana zayitin hin jiru, ashaboon hin jiru. Dhadhaan hin jiru. Maaloon hin jiru, waan goonu dhabnee ija walitti sii babaasne kaa. Kana irratti Meeppees ta'ee obbo Kireeler waan dhukkubsataniif gara hojii isaaniis ta'ee gara keenya erga dhufuu dhiisanii guyyoonni darbaniiru. Obbo Kuubbeesis bakka Meeppee fa'is haguugee waan hojjetuuf yeroo dhabe ta'ee hin beeku baay'ees nu gargaaruu hin dandeenye. Egaa gabaabaatti natti himi yoo naan jette haalli walii galaa mana keenya keessa jiru baay'ee baay'ee nama jibbisiisa. Bor irraa jalqabee immoo ittuu nama hadoocha. Nyaannis akkasuma. Sababiin isaas dhadhaa jedhi, zayitii jedhi, akkasumas mi'eessituuwwan tokko tokko hudduu qodaa soofnee hurgufnee hunda isaa fixnee har'aaf hojjenne. Yeroo hunda ganama ganama daabboo qusachuuf jennee moseen nyaannus dhamdhama muka muka jedhuun bakka bu'eera. Aadde Faandaan rakkinaan akka nuun hin dhumneef aannan kireemii isaa wajji saamsameeru irraa xoqqoo itti cobsiti. Si dhiba inniyyuu jalaa dhumaa jira. Kanas ta'e sana gara ijoo keenyaatti siin deebi'aatii irbaanni keenya har'aa maal seete? Harmeenfaa guyyaa hammaateef jedhanii waggaa dura taanikaa keessatti saamsanii kan kaa'an shoorbaa raafuu dha. Afaan koo fi funyaan koo uffata urgooftuutiin marachuun koo maaliif akka ta'e amma siif galee? Raafuun taanikaa keessatti saamsamee waggaa tokko ture hagam akka ajaawuu fi dhangaggaawu qooqa kamiinuu ibsuun nama rakkisa. Hagasi maalan siin jedha?..... Hanqaaquu ajeessaa argitee beekta mitii? Isa yoo beekte inuma beekta. Sitti haa agarsiisu, raajii jibbisiisaa akkasii nyaanni qabu akkam akkanni ta'uu malu. Nyaachuu haa turuutii yeroon waa'ee isaa yeedu ol na jedha. Yeroon ol galee fidu immoo moseeleen keenya dhukkuba nuun kanaan dura hin beekneen kan hubamaniidha. Si dhiba, Mosee guuboo tokko guutuu keessaa walakkaa guuboo kan ta'u nyaataaf kan ooluu danda'u hin argamne. Kan hafe hoo naan hin jettuu? Inni hafehoo irbaata gemmii ta'eera. Isa gubuuniyyuu hojii dabalataa guddaa tokko dha. Kan hubamee fi hin hubamne adda baasuun hojiin waliinii garuu waanta nama bohaarsu tokko qaba. Fakkeenyaaf kan ati hubameera jettee gattu inni tokko immoo fuudhee hin hubamne jedhee kaa'a. Akkasuma atis dabaree keetti isa tokko hubameera jedhee gate fuutee hin hubamne jettee keessa. Hin duutaaree? Namni gate sun hubameera sababa ittiin jedhe dhiyeeffata. Sababa quubsaa yoo dhiyeesse ni gatama. Yoo ta'uudhaa baate garuu warra nyaataman keessa bu'a. Kanaaf takka takkaas sagalee caalmaatiin ni mirkaneessina. Egaa carraan fuulduree Moseewwanii veetoo Paaweriinis ni murtaa'a. Veetoo Paaweroonni eenyufaa akka ta'anis atumtuu ni tilmaamta. Harmee fi aadde Faandaani. Oo Kiitii..... Waggaa afraffaa isaa kan qabate waraanni addunyaa lammaffaa kun raafama dinagdee fiduun nama nagaan mana isaa jiru irratti iyyuu dhiibbaa guddaa yeroo fidaa jiru kanatti kutaa icciitii keessa haala kanaan jiraachuun qoosaa sitti hin fakkaatiin. Maal qaba akkuma godhu godhee osoo yeroo hiraarsaa kana irraa nu obbaafachiisee? Sirumaa hadhaba dandamachuu hin dandeenye keessa seennee jirra. Aanaa kee irraa

KAMISA BITOOTESSA 16/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Har'a haalli qilleensaa baay'ee baay'ee namatti tola. Dandeettii jechaan ibsuu koo irra daran bareeda. Kanaaf daqiiqaa keessatti gara baaxichaatti ol bahuufani. Maaliif akka Piiteritti akkan hin tasgabboofnee fi maaliif kan naa maluu olitti akkan dhiphadhu reefu naa ife. Inni akka barbaadetti kophaa isaa yoo barbaade keessa taa'ee kan yaadu, Kan tilmaamu, kan itti boqotu kutaa mataa isaa qaba. Ani garuu kutaa waliinii sana keessa takkaa cinaa tokko, takka cinaa takkatti osoon ingulaalamuun oola. Umriin obbo Duseeliif haa ta'u malee guyyaa guutuu kutaa koo keessa hudumamee yeroon ani kutaa tiyya kanatti dabarsu waattuu akka hin galle godheera. Haa ta'u malee kophaa kiyya kutaa too keessa yeroon itti taa'ee qaxabu baayyee na hawwisiiseera. Yeroo yeroon gara baaxiitti ol bahee kophaa kiyya taa'ee kanin qaxabuufis kanaaf. Baaxii calliinsa qabutti ol bahee si duukaa yeroon haasa'u dha kanin xiqqo shikifii argadhu. Yeroon siin jedhu, yeroo xiqqoo sana keessatti dha, kanan Aanaa ishee dhugaa sana ta'u. Ammas taanaan kan ta'e haa ta'u malee waa'ee koof gadduu fi boo'uu hin fedhu. Isarrawoo cimtuu, garaa bal'attuu fi kutattuu ta'uu dha kanin fedhu. Galata isaa miseensonni mana icciitii kan hafan waa'ee miira keessoo koo hin beekan. Beekuus hin danda'an. Walitti dhufeenyi ani harmee waliin qabu qabbanaa'aa deemuu isaatiin miira kiyyaa dhoksuu dadhabuu irraan kan hafe jechuu kooti. Garuu miirri ani aabbaafis qabu akka duraa sana gadi fagoodha siin jechuufis ija hin jabaadhu. Maargootis yoo taate waan keessoo koo jecha tokko itti hin dubbadhu. Gidaara mataa kiyyaa keessatti lammiilee kiyya wajji jiraachaan jira. Maaliyyuu caalaa kanin itti yaadaa jiru maal seete? Eenyummaa koo alaan mul'atu kana eegee tursiisuun qaba. Waraanni keessakootti deemaa jiru aammallee mo'ee itti fufeera. Eeyyee fedhii kiyyaa fi sammuu kiyya gidduuttii waraanni hamaanii fi walirraa hin cinnee adeemsifamaa jira. Kanas eenyu akka hin barre nan barbaada. Haga ammaattis wal waraansa sana irratti olaantummaa argatee kan jiru sammuu kooti. Garuu gara teellaa fedhiin koo olaantummaa isaa yerootti gonfatu ni dhufa ta'aa? Takka takkaa kun ta'uun hin hafu kan jedhu sodaan qaba. Takka takkaa immoo maal qaba osoo akkas ta'ee akka garaa koo osoon fandalalee jedheen hawwa. Oo.... Kiitii, haala akkam nama cinqu seete? Yoomi laata waan onnee koo Piiteritti buruksee himee kanin boqodhu. Garuummoo jalqaba karaa isaa dhufuu qaba amantii jedhuun hidhameen jira. Malee itti himuufis ta'ee gochuuf waanin barbaadu kun hagam keessoo kootti summuugamee akka jiru ana qofatu beeka. Fedhii tiyya tokkoon tokkoo isii abjuu kootiin jiraadheeraam Kiitii too. Garuu kunoo yeroon ni dhufaa, ni darbaa, barris akka fo'aatti taraaramee dheerata malee abjuuwwan koo keessaa tokkoyyuu dhugaa hin taane. Nama hin dhukkubuu Kiitii too. Carroomuu dhabuu hin fakkaatuu? Eeyyee, Aanaa jechuun mucayyoo durbaa maraattuu tokko dha. Kun tasuma dhugaa ani waakkachuu hin barbaannedha. Garuu immoo Aanaan maal haa gootu? Nama sammuu dhabde yoo taates maal nama ajaa'iba. Bara durbummaa qushuna kana kan dabarsite, bara sammuu darbaa kana keessadhaam. Jiraachaas kan jirtu asuma mana sammuu darbaa kana keessa, haala sammuu darbaa kana keessaam bar!. Kanas ta'e sana kiitii, cittoo sana kan naa kenne Waaqayyoo waan na hin dhowwanne tokko qaba. Innis qeensa adda ta'e tokko dha. Innis kan narakkises ta'ee kan na dhiphise hunda barreessuu danda'uu kooti, Malee yoona qaata naa dhumee ture. Waan kana hundaaf Piiter yoona maal yaada laata? Haa turu haa bulu malee guyyaa tokko waan hunda ifaa ifatti ni haasofna kan jedhu abdiin qaba. Dubbii keenya irratti Kiitii too, mucichi waa'ee koo waanti adda ta'e tokko galeefii waan jiru natti fakkaata. Sababiin isaas inni ammayyuu Aanaa ishee namoonni bakkeetiin beekan yaada natti fakkaata. Namni akkas naamusaa fi calliinsa qabu akkamiin intala akka koo waccuu kanaan qalbiin isaa butama. Uu'uu.... Kan natti mul'ate sunimmaa ta'uu qaba. Aanaa ishee dhugaa baruu qaba malee Aanaa ishee irra keessaan beeku qofa ilaaluu hin qabu. Dhuguma koon siin jedha Kiitii too. Aanaa ishee dhoksaa fi ishee dhugaa mil'uumaanillee argee yoo ta'e, of dhoksuuf keenyan yabbuu ani ijaare baqaqsee Aanaa ishee gadi fagoo fi dhugaa arguun Piiter nama jalqabaa ta'a. Amma gaaffiin guddichi maal seete? Aanaa ishee dhugaa arguuf keenyan sana tarsaasuu fi dandeettii gadi fageessee arguu horachuuf yeroo baay'ee itti fudhataa laata? Kan jedhu dha. Kan biraa waanni na yaachisu, <<Jaalalli namaa gadduu irraa kan Maddu dha, jaalalli fi namaa gadduun harka wal qabatanii kan adeemanii dha>> kan jedhu jechamni durii wayii tokko jira mitii? Kan koos akkas yoo ta'e hoo? Sababiin isaas yeroo hunda gituma ofiin gadduun Piiteriifis gadda. Ani immoo kiyya kun namaa gadduu osoo hin ta'iin jaalala akka ta'un barbaada. Ammas dhuguman siin jedha, ani nan jalqaba osuman jedhee iyyuu maal jedheen jalqaba? Isatti immoo hagam akka ulfaatu atumti tilmaami. Uuuyi wanna kana berreeffamaan isaa ibsuun osoo natti ulfaatuu baatee akkam natti tola ture? Afaaniin immoo tasumaayyuu hin yaadamu. Aanaa kee irraa

JIMAATA BITOOTESSA 17/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Mana icciitii kana keessatti aara galfii madaalawaan ni mul'ata. Meeppee fi obbo Kireeler faa dhukkuba isaanii irraa dandamatanii akkuma duraa gara keenyatti deddeebi'uu jalqabaniiru. Kanaaf wanni hunduu waan iddootti deebi'e fakkaata. Eeyyee anii fi Maargoot dhiibbaa maatii keenyaan hadheeffachuu irraan kan hafe iddoo duraatti deebi'eera. Gara biraatti na jalaa hin hiikkatiin malee Kiitii, haala amma jiruun harmee duukaa walitti dhufeenya waaraa irra akka gahuu hin dandeenye atuu ni tilmaamta. Wanti ati dagachuun irra hin jiraanne tokko jira. Aabbaatiin ammayyuu akkuma durii sanattin isa jaalladha. Maargootis yoo taate jaalalli aabbaa fi harmeef qabdu hin hir'anne. Rakkoon jiru garuu umrii koo fi umrii Maargoot yoo geesse, yoo xiqqaate waantota muraasa ofii keetii murteessuu fi karaa mataa kee deemuu qabda. Yoo xiqqaate waantota muraasa irratti dhiibbaa eenyuuyyuu malee murteessuu ni feeta. Bilisummaa kee kana yeroo si saaman hadheeffachuuf ni dirqamta. Fakkeenyumaaf jecha waan muraasa siif haa himu. Gara kutaa Piiter yookaan gara baaxiitti ol bahuuf akkan jedhu yoo dammaqan sababii maaliif akkan deemun gaafatama. Dhiyaana koo irratti ashaboo dabaluun naaf hin eeyyamamu. Yeroo hunda galgala galgala sa'aa lamaa fi kurmaana irratti uffata guyyaa baasee uffata halkanii koo akkan uffadhu harmeen na akeekkachiifti. Tokko tokkoon kitaabota ani dubbisuu qabiyyeen isaa ni sakatta'ama. Wa'ee isa kaanii egaa ati tilmaami. Dhugaa dubbachuuf to'annoonni hagas mara kan ciman jechuu barbaadeetiin miti. Kitaabota ani dubbisuun wal qabatee barsiifata isaanitti ta'ee malee keessumaa amma amma immoo kitaabonni ani dubbisuun naaf hin eeyyamamne baay'een hin jiran. Anaa fi Maargoot akka hadheeffannu kan nu godhe, hojii hojjenne hundaaf guyyaa guutuu ilaalchota kennamanii fi gaaffilee dhuma dhablee nutti darbatamanii dha. Kanaa addatti immoo keessumaa waan anaan ilaallateen. Maatiin keenya waan itti hin gammanne tokko jira. Maalidha naan hin jettuu? Yeroon rafuuf jedhus ta'ee yeroon hirriibaa ka'u kanin isaan dhungachaa ture barbaachisummaan isaa hagas mara ta'ee waan natti hin mul'anneef si'a baay'ee keessaa si'a tokko qofan godha. Sitti haa agarsiisu mee, mana icciitii mandhee sinbirroo kana keessatti saamsamtee oltee fi bultee al sagaltamii sagal wal dhungachuun gatii waan qabu miti. Inni biraan immoo wal maseessuu gosa kamii iyyuu haa ta'u, eenyuniyyuu masootiin waamuu dhiiseen jira. Otoo itti yaaddee dhugaatti kan nama ajaa'ibuudha. Maseessee waa'ee masoomaa sanaaf miirri jiru maseessuu sana duukaa kan wal madaaluu fi kan wajji deemu hanga hin taanetti maalidha hiikni maseessuu? Qofa gabaabaatti Kiitii, osoo haala ilaalanii akkan qobaa ta'uuf naa eeyyaman fedhii kooti. Dubbii keenya keessatti waanti amma haasa'aa jiru kun yoo sirra gahe malee guddinni haala keessa jirruu siif galuu dhiisuu danda'a. Garuu waan akkam qoraa seete? Obsishee hammaaramee kan hin dhumne Maargoot illee kaleessa galgala maal naan jette seete? "Namoota kana inuman dadhabe, maalidha akkas nama cinquun? Xinnooshee yoo hiixatte yookaan afuura dheeraa yoo baafatte 'nagaa mitimoo?' Obbobbosh, tokko tokkoon sochii keef sababaa fi ibsa kennuu qabdaa? Isĥee... amma hoo inuma baay'isan" Gara iddoo kanaa dhufuu keenyaan dura walii galteen sun hunduu fi walii yaaduun keenya maaliyyuu yoo dhufe qilleensa kan hin gashine fakkaachaa ture sun, suuta suutaan akka callee citee yeroo faffaca'ee badu arguun keenya, anaa fi Maargootiin baayyee kan nu naassisee dha. Kana hundaaf sababni osoo hin jaalatiin dirqamnee ajajaa fi to'annoo warra keenyaa jalaa finciluu dha. Kana yeroon jedhu maal jechuu koo seeta? Haalota bakkeetiin mul'ataniin nuti akka daa'imaatti ilaalamna. Garuu bilchina keessoo keenyaan nuti warra umriin baay'ee nu caalan iyyuu baay'ee bira dabarreerra. Fakkeenyaaf ani reefu waggaa kudha shanaffaa koodha. Garuu immoo waanin barbaadu sirriittin beeka. Eenyu akka dogoggoree fi eenyu akka sirrii jiru sirriittan beeka. Ilaalcha kan mataa koo nan qaba. Yaada fi qajeelfama jireenyaa mataa kiyyaa nan qaba. Eenyufiyyuu yoo liqimsamuu baate ani akka nama guddaa tokko fi nama guutuu tokkoottin of lakkaa'a. Eeyyee dhiibbaa eenyuun malee mataa kootiin akkan dhaabadheettan of lakkaa'a. Marii kam irratti haala harmee irra wayyee fi karaa amansiisaa ta'een dhiyeessuu akkan danda'u nan beeka. Akka ishee beekumsa wal hanqatteen akkan hin sakaalamnes nan beeka. Akkashee haalota gurra hin guddisu. Ishee wajjin iddoo ejjennoon adda baanuttis yeroo baay'ee ani sirrii akkan ta'e miira namoota nu bira jiranii fi ilaalcha isaan calaqqisiisan irraa hubachuun ni danda'ama. Egaa Kiitii yoo kolfites kolfi malee ani harmeetiin waan baay'een nan caala. Salphumatti kanan siin jechuu barbaade eenyuyyuu haa ta'u eenyu onnee koo irraa yoon jaaladhe, maalirrayyuu waantin barbaadu tokko jira. Innis maali yoo jette 'nama sanaa dinqisiifachuun qaba.' Waan tokkoonis ta'ee waan biraa isaatiin dinqisiifachuu fi kabajuun qaba. Waan hundafuu Piiter harka koo naaf haa galu malee hunduu gaarii ni ta'a amantii jedhun qaba. Sababiin isaas inni waantota isaaf dinqisiifadhu hedduu qaba. Eeyyee Kiitii Piiter mucaa amala qabuu fi mucaa baay'ee namatti toluu dha. Aanaa kee irraa

DILBATA BITOOTESSA 19/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Guyyaan kaleessaa guyyaa tiyya jechuu nan danda'a. Piiter duukaa ifatti haasa'uuf murteesseen tureeyyuu yeroo dhiyaanatti dhiyaachuuf jennu, "Har'a qo'annaa kitaabaa qabdamoo Piiter?" Jedheen gaafadhe. "Lakki hin qabuu" ture deebiin isaa. "Gara boodaarra yoon si dubbise sitti tolaa?" Jennaan innis itti walii galuu isaa naa ibse. Sa'aa afurirratti qodaa miiccuun akkuma raawwateen haala qorachuuf gara kutaa warra Piiter dhaqee foddaa irra dhaabadheen baay'ees osoo hin turiin gara kutaa Piiterin seene. Yeroon ol seenu Piiter gara handaaraatti siqee foddaa jala taa'ee na eegaa ture. Akkuman ol galeen anis gara mirgaa dhaabadheen oduu keenya jalqabne. Akkuma yeroo hunda goonu aduu keessa teenyee haasa'uurra, kutaa dukkanni dimismiseesseeru keessa teessee marii'achuun akkam namatti tola seete? Piiterittis akka tolu abdiin qaba. Egaa waan baay'ee natti odeesse, anis waan baay'ee ittan odeesse. Baay'ee baay'ee waan baay'ee haasofne. Amma waan haasofne hunda sitti himuu hin danda'u. Garuu kan ati tilmaamtuun oli kan namatti tolu ture. Akka edaa galgalli natti tole fi natti mi'aahe erga as dhufnee kaasee hin turre. Waan haasofne keessaa karaa si qabsiisuuf waan xiqqoo keessa keessaa sii haa tuttuqu. Jalqaba irratti, mana keenya keessatti wal mormuu yeroo dhiyoo as uumamee fi ani haalota karaa adda ta'een akkan ilaalu ittan haasa'e. Itti aansee immoo waa'ee walii galtee dhabuu nuhii fi maatii keenya gidduu jiru dha. Waa'ee koo, waa'ee harmee, waa'ee aabbaa fi waa'ee Maargoot bal'isee ittan hime. Osooma haasaa ho'aa keessa jirruu iddoo ta'erratti Piiter addaan kutee "Ani hangan beekutti galgala galgala yeroo gara mana ciisichaa keessan deemuuf adda baatan wal dhungattanii adda baatu mitii?" Jedhee na gaafate. "Salphaa wal dhungannaree? Ammoo Yeroo adda baanu qofaa seetee ganama yeroo wal arginus wal dhunganna, Guyyaa sa'aa laaqanaa irratti, guyyaa xiqqoo rafnee yeroo kaanu, yeroo yerootti walii galtee dhabuu uumamu lakkoofsuma hiiknun wal dhunganna, Yeroo nuti wal hin dhunganne maaltu jira?" Jedhee.... Tasa walakkaatti dhaabeen "Garuu maaliif na gaafatte?... Maatii keessan keessa waan akkasii hin turree?" Jedhee gaaffii isaaf gaaffiinin xumure. "Tasumaa ani karaa mataa koo eenyuniyyuu dhungadhee hin beeku" naan jedhe. "Kunimmaa ta'uu hin danda'u, guyyaa kabaja dhaloota kee illee maatii kee dhungattee hin beektuu?" Jedheen gaafadhe. "Dhugaa keeti, guyyaa kabaja dhaloota koo dhungadhee beeka" naan jedhe. Waanti nuun hin odeessine maaltu jira? Akka odeessine sanattin sitti himaa jiraam! Anis ta'e inni maatii keenyatti afuura baafachuuf rakkoo akka qabnu. Addatti immoo maatiin isaa inni waan garaa isaa akka mariissisu akka fedhan fi inni immoo fedhii akka hin qabne. Gama kiyyaan immoo hanga onneen koo diigamuu fi iji too haga baddutti halkanoota hirqinfadhee boowuun ani dabarsu. Inni baaxii sana irratti waa'ee uumamuu isaatiif yeroo itti of abaaru. Anii fi Maargoot reefu walii keenya baruu akka jalqabnee fi akkasis ta'ee ammas sadarkaa waa hunda walitti himuu irra akka hin geenye. Gabaabumatti Piiteriin akkuman isa yaade ta'een arge. Sana booda immoo waa'ee 1942 haasofne. Eenyummaan keenya yeroo sanaa fi inni ammaa hagam akkanni adda ta'e. Waqtii gara asii dhufnu ilaalchi walii keenyaaf qabnu akkam wal dhahaa akka ture. Jechuun koo anis akkaamitti isa tilmaamaa akkan ture fi innis akkamitti na tilmaamaa akka ture. Qerqeree ishee dhumaafii saballaqxuu akkan itti fakkaachaa ture. Innis yoomillee kan natti hin mi'oofnee fi walii galuuf abdii kanan irraa kute ta'uu koo. Maaliif akka dargaggeessa kamiiyyuu natti siiquu fi jaalalaaf na akka dhiise, amma amma garuu kana gochuu dhiisuu isaatti akkan gammade fi waanuma alle, waanuma alle. Garagarummaan nu gidduu jiru ani waccuu ta'uu koo fi inni callisaa ta'uu qofa haala nama jechisiisuun, anis taanaan tasgabbii fi nagaa kanin jaaladhu ta'uu koo, Yaadannoo tiyya irraan kan hafe maaliyyuu fi eenyu iyyuu kanan hin qabne ta'uu koo. Kkf ittan hime. Kan biraan immoo waa'ee walitti dhufeenya maatii isaas ta'ee waa'ee cinqama isaa isa gargaaruu akkan barbaadu ittan hime. "Yeroo hunda akka na gargaartetti jirtaam" naan jedhe. "Yeroo jettu, maaliini kan an si gargaaraa jiru?" Jedheen gaafadhe. "Maaliin siin haa jedhu?,... Kolfa kee booji'aa sanaan, Amala kee gammachiisaa sanaan" Dhugaa dubbachuuf jechoota Piiter waa'ee koof dubbate keessaa kan garaa na nyaate jecha kana. Hammuma kanaayyuu natti dhiyaachaa dhufuun isaa waan namatti tolu dha. Maalumaafuu Kiitii yeroof kunuu si gaha. Hagam akka natti tolee jiruu fi hangam akkan gammade salphaatti si ibsuu hin dandeenye. Dubbii keenya keessatti tooftaan haala barreeffama koo kan durii irraa gadi bu'aa akka ta'e natti dhagahama. Kanaaf dhiifama si gaafachuun naaf mala. Sammuu kiyya keessa waan naanna'u akkuma natti dhufettin sii barreesse. Akkaataa barreeffama koof sirna kennuuf yeroo hin arganne. Kan hafeen anaa fi Piiter icciitii tokko waliin hirmaachaa jirra miirri jedhu natti dhagahamaa dhufeera. Ijoota isaa mil'uu tokkoon qofa waan nama tuqan fakkaataniin yeroo na ilaalu ifti bareedaan tokko dugda koo baqaqsee onnee koo yeroo seenu natti dhagahama. Waan hunduu haala kanaan osoo itti naa fufee fadhii kooti. Waaqayyoo guyyoota akkanaa baay'ee waliin akka dabarsinu nu haa dandeessisu. Aanaa kee irraa

WIIXAT BITOOTESSA 20/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Har'a ganama Piiter galgala tokko irra deebiin gara kutaa isaa akkan dhufu na gaafate. Yaaddoon isan jeeqa laataa jedhu akka na hin galle natti hime. Ani garuu galgala hunda dhaquu akka hin dandeenye, sababbiin isaas kana yoo goone namoonni keenya akka hin jaalanne sodaa koon ibseef. Namoonni keenya jaalatanis jaalachuu baatanis dhimma koo ta'uu akka hin qabne fi dhimma isaanii akka ta'ee natti himee "Akkas taanaan anis galagala sanbataa tokko yoon dhufe gammachuu isaa hin danda'u" ergan jedhee booda keessumaa galgala jiini jirtu akka na yaadachiisu ittan hime. "Dhugaa keeti. Sana booda gara baaxiitti ol baanee baatii sana ilaalaa halkan gaarii dabarsina" naan jedhe. Kun kanaan osoo jiruu gammachuu koo kan dhuunfachaa jiru humni wayii akka jiru natti dhagahama. Maal sitti fakkaata kiitii? Yeroo dheeraaf akkan xiinxalee fi akkan qoradhetti Maargootis Piiteriin akka jaalattu mirkaneeffadheera. Hagam akka isheen jaalattu tilmaamuu yoon dadhabes baay'ee dhimma na dhiphisaa dhufedha. Lakkoofsumaan kutaa Piiter seenuu fi anaa fi Piiter lakkoofsuma baaxii irratti kophaa keenya wal arginuun dhukkubbii Maargoot dabalaan jira kan jedhu sodaan qaba. Baay'ee kan si ajaa'ibu garuu isheen miirri ishee kun akka irratti dammaqamu tasumayyuu hin gootu. Karaa mataa koo iddoo ishee odoon ta'ee inaaffaa dhaan akka dhandaggoo aareen dhuma. Maargoot garuu wanti kun gonkumaa akka na yaachisuu hin qabne fi isheef yaaduu akkan hin qabne qofa irra deddeebitee natti himte. "Mana kana keessatti kan qofaa hafe si qofa akka ta'e yeroon yaadu waatu na dhiphisa Maargoot" jedhee miira koo ibsuufiin yaale. "Hin yaadda'iin Aanaa kophummicha ergan baree tureeraam" naan jette afaan baay'ee hadheeffate ta'uun isaa osoo irraa beekamuu. Waan kana Piiter duukaa haasa'uuf yeroof ija jabinni isaa naaf hin dhufne. Egaa tarii gara fuula duraatti nan yaala ta'a. Sana dura garuu anii fi Piiter waan irratti dubbachuu qabnu baay'ee baay'ee qabna. Kaleessa galgala harmeen dheekkamsa ishee baratameen na cagadde. Kanuma harka koo naa kennite garuu. Ilaalchi ani waa'ee isheef dhimma dhabuu haga kana guddisuun narra hin turre. Kanaaf ani ilaalcha maalis ta'ee maal ilaalcha kiyyaan ejjennoo koo qabachuu akkuma itti fufetti ta'ee ilaalcha ishees kabajee, ammas irra deebiin itti dhiyaachuuf yaaliin godhu itti fufuun qaba. Amma amma aabbaan haga tokko jijjiirameeran siin jedha. Akka na hin ceephaane ana ta'e, akka na hin dhiisnes ana itti ta'e. Maal akka godhu akka isa rakkise irraa beekama. Kun immoo xonno walitti dhufeenyi keenya akka qabbanaa'u godheera. Raajii kiyya naa argitee kiitii tiyya. Maalumaafuu ammaaf nu haa gahu kiitii. Amma onnee koo fi qaama koo hundumaa keessa dhiiga koo duukaa kan deddeemaa jiru Oksijiinii osoo hin ta'iin Piiteri dha. Garuu gatii maalii qaba? Ija ija isaa keessa ilaaluu irraan kan hafe waan tokko gochuu hin dandeenye. Waa'ee maargoot waan gaggaarii akkuma sitti himutti ta'ee ragaa tokko siif haa dhiyeessu. Har'a Bitootessa 20 1944 xalayaan kun Maargoot biraa na dhaqqabe. "Aanaa kaleessa yeroo haasofnu sitti hin hinaafu kanan siin jedhe dhugummaan isaa harka shantama qofa ture. Ilaa dubbichi akkasi. Ammas irra deebiin kanin sitti himu sittis ta'ee Piiteritti hin Inaafu. Xiqqo waa'ee koof kanin gaddu, nama yaada koo fi miira koo wajjin marii'adhu dhabuu koo fi gara fuulduraattis argachuuf carraan jiru yoo xiqqaate yeroof akka hin fakkaanne waan natti dhagahamuufi dha. Kan ta'e ta'ee garuu sababiin kana sidha jedhee hin amanu. Tasumaa Aanaa, yoomillee yoomillee akkasitti yaadee hin beeku. Ammoo iyyuun faahidaa dhableedhaam. As ergan dhufee maal waanin dhabne qabaayyuu waan akka kanaa kanaaf sammuu of dhukkubsa? Namoonni bakkee irraa bilisummaan jiran waantota xixiqqoo homaattuu kan hin lakkaa'amne, salphaattis argatan, asitti garuu warqii fi meetii caalaa nutti qaala'an kana caalaatti waantonni na yaachisan baay'eetu jiru Aanaa. Kana irratti walitti dhufeenya osoo jalqabneerra ta'ees walitti dhufeenyi keenya eessayyuu gahuu akka hin dandeenye akka ta'uttiin beeka. Sababiin isaas nama tokko duukaa haasaa waa'ee baasu marii'achuu yoon barbaade sadarkaa duraa irratti nama sana waliin walii galtee gahaa ta'e qabaachuun qaba jedheen amana. Walii galtee gaafan siin jedhu waanan jechuu barbaade salphaatti kan naaf hubatu, jechoota baay'ee osoo na hin tarreessisiin, isa qinaaxxii fi baaxii osoo na hin buussisiin, yaada koo guutummaa guutuutti kan naa hubachuu danda'u osoo ta'eeti kan natti tolu. Kun ta'uuf immoo namni sun umriin, barumsaan, beekumsa isaan ta'ee sadarkaa ilaalcha isaan na caala jedhee kanin yaadu ta'uutu irra jiraata amantii jedhun qaba. Piiter immoo akkas akka hin taane nan beeka. Kanas ta'ee sana Aanaa too, waan kan koo ta'e kan koo akka hin taane waan ati gootes ta'ee waan gochaa jirtu hin qabdu. Waa'ee koof akka of dhiphistuuf sababiin xiqqollee akka hin jirre sii mirkaneessuun barbaada. Ati fi Piiter walitti dhufeenya keessan cimsitanii yoo itti fuftan nama miidha yaaddoo jedhu keessa tasumaa galuu hin qabdu" Obboleettii kee Maargoot Firaank Deebii ani deebiseef "Kabajamtuu Maargoot, xalayaa kee akkam damma damma osoo natti jedhuu dubbise seete. Baay'ee baay'ee kan mi'aawuu fi kan miira koo baay'ee tokko qore ture. Akkasis ta'ee gutummaaguutuutti itti gammadeera siin jechuu hin danda'u. Caalaatti sii ibsuun wanti narra jiraatu tokko waan jiru natti fakkaata. Anii fi Piiter akka ati tilmaamte kana walitti dhufeenyi keenya baay'ee kan keessa sokke miti. Piiterii wajjin kophaa keenya turtiilee nuti dabarsinus karaa biraatti akka nu jalaa hin hiikkanne. Jira mitii? dukkana sursurii keessa kutaa Piiter foddaa banaa jala teenyee oduu namatti tulo haasa'uufidha. Yeroon jedhu maaliif naan hin jedhiin malee ifa habanbane keessatti dubbachuuf dubbiin nama rakkisu dimismisa sana keessatti namatti salphata. Dabalataanis, miira keessa kee karaa sirriin wal jijjiiruuf, namoota wacan gidduu taatee wacuu irra adda baatee ususuutu irra salphata. Egaa walitti dhufeenyi koo fi Piiter kanarra kan darbe miti siin jechuu barbaadeeni. Piiteriin ija jaalala obbolummaan ilaaluu jalqabdeetta natti fakkaata. Akkuma ani isa gargaaruu barbaadu ati isa gargaaruuf carraa osoo argattee ni gammadda natti fakkaata. Ammoo carraa akkasii argachuudhaaf yeroon si dandeessisu waan dhufu natti hin fakkaatu. Ani fi ati kan yaadne walitti dhufeenya gosa kanaa hin turre. Walitti dhufeenya gaarii gochuufis ta'ee kan guddachuu danda'u gochuuf fedhii namoota lamaanii irratti yoo hundaa'edha. Kanaaf natti fakkaata walitti dhufeenyi koo fi aabbaa eessayyuu gahuu kan dadhabe. Kanaaf Maargoot tiyyaa, dhimma kana irratti kana booda maaliyyuu osoo dubbachuu baannee natti tola. Garuu ammas taanaan waanti narraa barbaaddu jiraannaan maaloo naa barreessi. Sababiin isaas anis taanaan jechuuf kanin barbaade hunda akka ta'utti ibsachuudhaaf barreeffamaan naa wayya. Maargoot hagam akkan si dinqisiifadhu hin beektu. Dhuguman siin jedha, amma filannoon na hafe gaarummaa sii fi aabbaa keessa jiru yeroo ana keessa jiraachuu danda'u sana eeguudha. Eeyyee gaarummaa waan ilaaleen sii fi aabbaa gidduu garaagarummaan baay'een hin jiru. Aanaa kee irraa

ROOBII BITOOTESSA 22/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Kaleessa galgala Xalayaa Maargoot irraa na gahe. "Kabajamtuu Aanaa, ani xalayaa kee kaleessaa ergan dubbisee booda miirri namatti tolu tokko na jeeqaa jira. Jechuun koo lakkoofsuma gara Piiter deemtuun waantonni sammuu kee haleelan akka jiran hubachuu kootiini. Garuu dhugaa waaqaan siin jedhaa waanti itti dhiphachuun siif malu hin jiru. Dhugaatti ammas taanaan waantin si dhoksuu hin feene tokko jira. Anis kan onnee koo keessaa hiruufii kanin danda'u, kanin yaada qooduufii danda'u nama tokko akka na barbaachisu natti dhagahama. Haa ta'u malee, Piiteriin dhimma kanarratti kana booda akkan hin yaanne irra deebiin sii mirkaneessuun barbaada. Dhugumattuu akkuma ati jette Piiteriif miira obbolummaan qaba. Obbolumma gaafan jedhu garuu obbolummaa obboleessa quxusuuti. Dhugaadha, namoonni walitti dhufeenya obboleessummaa fi obboleettummaan walitti dhiyaatan lama wal qaqqabbii yoo itti dabalan guddachuuf sababni isa hin dandeessisne waan jiru natti hin fakkaatu. Egaa yerootti wal qaqqaban gara fuula duraatti ni dhufa ta'a. Feetu immoo yoomillee hin dhufu ta'a. Maalumaafiyyuu ofitti amanamummaan sitti himuu kanin danda'u reefu sadarkaa sana irra kan hin geenye ta'uu isaati. Kanaaf waa'ee kootiif kan ati itti gadduu qabdu waan tokko iyyuu hin jiru. Carraan kee nama saayiba sii ta'u takkaa sii kenneera. Callisii waan sii danda'ame hundaan of gammachiisuu yaali. Obboleettii kee Maargoot irraa Kun hunduu yeroo ta'u garuu haalonni hunduu caalaatti kan wayyanii fi kan miidhagan ta'aa naa dhufan. Aanaan maal jette naan jedhi Kiitii too, manni icciitii kun agarsiisa jaalalaa ajaa'iba ta'e gidduu kana ni agarasiisa. Dubbii keenya keessatti yaanni akka si hin seenne. Piiter faana bultii ijaaruuf yaada hin qabu. Yeroo guddatu nama akkamii akka ta'u hin beeku. Jaalala hanga wal fuudhuutti wal jaalachuun keenyas mirkanoo miti. Ammaaf kanin beeku yoo jiraate Piiter na jaalachuu isaa qofa. Yeroon jedhu duunyaadhumatti akka na jaalatu malee hagam akka na jaalatu illee waanan adda baafadhe hin jiru. Piiter kan barbaadu michuu onnee qafa ta'uu mala. Kan na jaallachaa jiru akka hiriyaa jaalalaatti haa ta'uu, akka obboleettii isaatti haa ta'uu, Maalis haa ta'uu maal gara fuula duraatti waanin mirkaneeffadhu ta'a. Kaleessa haasaa keenya walakkaatti, "Bakka icciitii kana osoo Aanaa baayyeen jiru ta'ee fi akkuma ani gochaa jiru kana yeroo yerootti kutaa kee kan dhufan osoo ta'ee maaltu si liqimsa ?" Jedheen gaafadhe. Maal jedhee naa deebise seete? "Hunduu akka kee yoo ta'an rakkoo hin qabu!" Gara kutaa isaa lakkoofsuman deemuun simannaa naa taassisu sitti himuu hin danda'u. Kanaafi gara kutaa isaa deemuu koo akkanni gammadu kanin mirkaneeffadhe. Keessumaa isa sanbata galgalaa yeroon yaadadhu. Kan waliin jenne hundumaaf yeroon yaadadhu. Maal siin jedhu Kiitii too? Yeroo jalqabaaf hadhaayinsi jireenya koo osoo natti hin dhagahamiin galgalan dabarse ture. Intalli maal qaba osoo haalli kun darbee jedhee hadheeffachaa ture, maal qaba haalonni hunduu akkuma jiranitti itti fufanii jedheen hawwe yoon siin jedhe amantaa? Eeyyee Kiitii galgala waan haaraa fi addunyaa addaa itti arge ture. Aanaa kee irraa Deebiin Maargootiif barreesse Kabajamtuu Maargoot, ani karaa koo callisnee waan dhufu eeguu irraan kan hafe tarkaanfii xiqqoollee nuun fudhachuu dandeenyu hin jiru. Dhuguman siin jedha, ani fi Piiter murtee jala sararamaa irra yeroon geenyu fagoo miti. Itti fufuuf yookiin itti fufuu dhiisuuf jechuu dha. Inni kum akka ta'u tilmaamuuf anumtuu sadarkaa ofitti amanuu irra hin geenye. Garuu raajii kamiinuu gochuun koo kan hin hafne tokko jira. Maalidha naan jedhi. Ani fi Piiter haala amma jirruun yoo kan itti fufnu ta'e waan hunda ifan godhaaf. Jechuun bakka isa dhibe hundatti atis isa gargaaruu akka feetuu fi osoo dandeessee akka sitti tolu ittan hima. Kana fudhachuun akka sitti ulfaatu naa galuu dhabee miti. Garuu ammoo maal goota? Anis immoo jaaladheetan miti. Kana irratti Piiter waa'ee kee maal akka yaadu hin beeku.Yeroon isaa gahee hangan isa gaafadhutti jechuu kooti. Dhuguman siin jedha kun hin ta'u Maargoot. Inumaayyuu faallaa isaa akka hin taane Maargootii too. Anii fi Piiter yeroo baaxii irras baanu ta'ee kutaa Piiter yeroo teenyu osoo nu bira jiraattee haala jiru nuu mi'eessita. Karaa koo baay'ee dha kan natti tolu. Abshir bareedduu koo, guyyaan mankaraarsaan kun haga darbutti akkuma ani gochaa turee fi jiru abdiin kee akka hin cinneef qabsoo jajjabinaa gootu cimsii itti fufi. Salphaa akka hin taane nan beeka. Garuu ammoo maaltu beeka Maargii? Yeroon kee kan ati yaadde sun dursee dhufa ta'a. Aanaa kee irraa

KAMISA BITOOTESSA 23/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Amma haalonni mana hicciitii kana keessa jiran iddoo duraatti deebi'aniiru natti fakkaata. Waaqayyoon haa galatu namoonni kooppoonii nyaataa nuu ergaa turan hidhaadhaa ba'anii gargaarsa isaanii duraa sana jalqabaniiru. Kaleessa xiyyaarri tokko naannoo jirru kanatti kufee hunkutaaye. Balaliistonni garuu paaraa shuutiin utaaluu danda'anii turan. Waanti si ajaa'ibu xiyyaarichi mana baruumsaa tokko irratti ture kan inni kufee caccabe. Waaqayyoo oolchaa waan ta'eef garuu barattoonni yeroo sanatti kellaa mana baruumsaa sana keessa hin turre. Kanaaf balaan sun balaa ibidda giddu galeessa tokko fi lubbuu nama lamaa galaafachuu irraan kan hafe balaan hin geenye jedhamuu ni danda'ama. Loltoonni Naazii balaliistota lamaan Paaraashuutiin bu'aa turan osoo isaan qilleensa irra jiranii ture asii ol dhukaasa itti roobsanii kan isaan ajjeesan. Gochaa hammeenyaan guutame kana kan argan jiraattonni Amisterdaam aariin dhowuu malee waanti isaan hafeeru hin jiru. Kan keenya hin kaasiin. Kan "Keenya" gaafan siin jedhu kan dubartootaa jechuu kooti. Ana, Maargoot, harmee, aadde Faandaan. Dhiyeenya akkasiin dhukaasa akkas walirra dhuka'u arginee hin beeknu. Akkam akka pherepheramne akkamiinan sii Ibsa? Onneen teenna laphee keenya dhiittee bahuuf wanumti isii hafe hin turre. Kan hafeen atihoo akkam yoo naan jette, akkuma barame gara baaxii koo sanaatti ol bahuu itti fufeera. Isaa waliin wal cina taa'ee qilleensa qulqulluu galgalichaa akka garaa koo odoon fayyadamuu fi bakkee fagootti ilaalaa isa baddaa fi isa gammoojjii sonuun araada natti ta'eera. Yeroo ani kutaa Piiter seenu obbo Duules fi obbo Faandaan dubbii saballaqinsaa isaan wal harkaa fuffuudhan osoo dhageessee bakka isaanii qaanofta. Nama guddaa jechuun maal jechuu akka ta'e si jalaa balleessu. Kutaa Piiter "Godoo Aanaa" maqaa jedhu kennaniifiiru. "Waanti kun akkam?" waliin jedhu. "Dargaggoon bara kanaa shamarran kan keessummeessan Godoottii?, Dukkanaanii, hahaha, Sheshesheshe..." Kolfanii isaanitti hin hafne!. Kolfanii du'aniiru. Faatii dhabdoonni kun. Gaarummaan isaa garuu Piiter nama cimaa akkamii ta'eera seete? Ga'isa isaaniif jecha afaan qabachiisu itti deebisee afaan isaanii qadaada. Ofumaa kan isaaniin jedha malee kan harmee iyyuu haa caalu. Akka isaanii ifatti ga'isuu haadhiistu iyyuu malee anaa fi Piiter yeroo kophaa turru maal maal akka haasofne osoo itti himnee akka jaalattu haala ishee waliigalaa irraa hubachuun ni danda'ama. Ija jabaattee gaafachuu isaa qofaa dadhabde. "Itti hin murteessiin Aanaa" naan jedha Piiter. "Namoonni kun umriin isaanii waan dhumeefi kan akkas ta'an, kana irratti qoccolloo isaanii hunda dhimma irraa dhabuun keenya isaan aarsa. " Takka takkaa inni ofii isaa dhufee gara kutaa isaatti na fudhatee deebi'a. Garuu ol gallee osoo nuun hin taa'iin eessaa dhufeen isaa kan hin beekamne ija laafinni isaa isa irra qubata. Fuulli isaa biluu(Diimachuu), hidhiin isaa hoollachuu jalqaba. Dafquu eegala. Afaan isaa jechoota baasuun isa rakkisa. Dhuguman siin jedha Kiitii, ija laafetti godhee waan na hin uumneef waaqa koo baay'een galateeffadha. Ija laafinni baay'ee miira namatti hin tolle namatti uuma. Garuu immoo gituma sanaan anis rakkoo mataa isaa danda'e nan qaba. Eeyyee Kiitii, isayyuu rakkoo guddaa fi afaan banaa. Fakkeenyaaf haga ammaatti namni bareedduudha ati naan jedhee beeku hin jiru. Yeroon kolfu waan nama harkisu wayii akkan qabu mucaa natti himeen alatti. Egaa kaleessa yeroo jalqabaaf Piiter irraa waa'ee miidhaga koo jajuun na dhaqqabeera. Onneerraa akka tures ofittinamana. Tarii yoo si bashannansiiseef irruma keessa isaa sitti haa himu. "Aanaa mee kolfi" naan jedhe ija ija koo ilaalaa. "Oo.... Atimmoo yeroo baay'ee ture akkan kolfuuf kan na gaafatte." Xiqqoos yoo ta'e bitaa na galeera. "Maaloo takkaa qofa" "Obbobbosh, maaliifi yeroo hunda akkan kolfuuf kan ati feetu?" "Yeroo kolfitu waan natti toluufi. Dhooqa maddiilee kee irratti uumaman waanan jaaladhuufi. Garuu akkam gooteetu kan ati boollessitu? Adaraa isa si uumee natti himi" "Ammoo anatu jaallate boollessa sitti fakkaatamoo" "Akkamitti boollataree" "Hahaha, naa waliin kan uumamanii dha. Xisiqqee maddii hin beektuu? Akkamitti boolla'u jedhee na gaafataa? Hahaha...." "Ilaakaa!, ammayyuu dhooqaa jiru. Dhuguman siin jedha, baay'ee bareedu" "Kakaka... Yoo barbaadde immoo kan maddiilee koo qofa sitti hin fakkaatiin, areeda koo irraas boolla tokko qaba. Bareedinni ani qaba jedhus isaanuma kana qofa dha" "A'aa... Akkas jechuun sirra hin turre. Dogoggorteetta" "Waa takka hin dogoggorre. Miidhagduu akkan hin taanes nan beeka. Kana duras bareedduu hin turre. Ammas miti. Gara fuula duraattis ta'uu hin danda'u" "Sirumayyuu hin dhagahu, karaa koo ati bareedduudhuma" "Mitin siin jedhe, miti" "Ani immoo miidhagduudhan siin jedhe kaa!.. Dha yoon siin jedhe dha, filannoon biraa hin jiru, fudhachuu qofa" Sana booda anis dabaree koo faarsuu isaa faarsuutiinan deebiseef. Waa'ee miidhagina isaa qofa osoo hin taane waa'ee waantota inni qabuu, kanin jaalladhuufii tokko osoo hin hanbisiinan tarreesseef. Hiriyyummaan keenya boombii tasaa kan itti ta'e namoonni mana icciitii jechoota isaan waa'ee keenyaaf darbatan hunda ni dhageenya. Isaan jecha bishaan fuudhus waan hin dubbanneef nuti bakka itti hin laannu. Waanti tokko garuu na ajaa'iba. Maatiin koos ta'ee maatiin isaa yeroo dargaggummaa isaanii tasuma hin yaadatan jechuu dhaa? Maaliifidha kan koo fi kan Piiter akkas qushuna kan isaanitti ta'e? Dhuguma kootiim Kiitii too, baay'ee baay'ee bitaa isaanitti galeera. Nuti yeroo qoosnu isaan dhugaatti fudhatu. Nuun dhugaa dubbii gaafa haasofnu isaan nutti kolfu. Egaa hin fidiin malee maal jedhama Kiitii too? Hin fidiin qofaadha kan jedhamu. Aanaa kee irraa

KIBXATA BITOOTESSA 28/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Tibbana mana icciitii kana keessatti kan mo'e oduu siyaasaati. Ilaalchota tokkoon tokkoon isaanii osoon sii himee natti tola ture. Garuu natti fuudhee oduu siyaasaa na jibbisiise. Tarii oduu siyaasaa jaalatta yoo ta'e mirga kee dhiibuu koof dhiifama. Haa ta'u malee waantonni gara biroon ani sitti himu baay'een jiru. Kanaaf kallattii garuma sanatti siif haa galu. Tokkoffaa harmeen gara kutaa Piiter itti deddeebi'uu koo na dhowwaa jirti. Sababa isaa yeroon gaafadhu "Haati Piiter aadde Faandaan inaaffaa mucaa isheen haleelamaa jirti" naan jette. Egaa sitti haa agarsiisu Kiitii tiyyaa. Inni lammaffaan immoo Maargoot yeroo barbaaddetti anaa fi Piiter wajji kutaa Piiterittis ta'ee baaxii sana irratti nuu waliin akka argamtu Piiter ishee affeeree jira. Onnee isaa irraa ta'ee, afaanumaaf ta'ee garuu hin mirkaneeffanne. Sadaffaan kallattiin aabbaa bira deemeen "Aadde Faandaan mucaa isheetti inaafuun dhimma na yaaddessu dhaa?" jedheen isa gaafadhe. Waanan gochaa jirutti hangan amanetti aadde Faandaan inaaftee inaafuu baattee kun rakkoo isheeti malee rakkoo kee miti yaada jedhu naa kaase. Kan hafeen harmeen nyaara guuruu ishee itti fufteetti. Ishees dhukkubni inaaffaa aadde Faandaan ishee qabachuu hin hafne. Aabbaan walitti dhufeenya koo fi Piiteritti waan qabame natti hin fakkaatu. Inumaayyuu walii galuu danda'uu keenya baay'ee waan jaalate fakkaata. Kan Maargoot garuu xiqqo adda ta'a. Piiteriin isheenis ni jaalatti. Garuu isa nuun nu bira koottu jenne sana hin jaalanne. Lama ta'uun haasaaf, Sadii ta'uun qoosaaf isa jedhan sana yaaddi fakkaata. Harmeen Piiteriin narraa jaalalli akka qabe mirkaneeffatteetti. Maal naan jetti seete "Maali Aanaa ishee ishee akkasii illee nu hin gowwoomsiin. Mucichi jaalala keen qabameera." Maal qaba osoo akka afaan ishee naa ta'ee? Kan biraas waan naan jette tokko qabdi. "Akkuma ija sitti babaasetti oola mitimoo? Darbee darbees akka ijaan si tuqu waanin hin argine sitti hin fakkaatiin" Egaa maal jedhama Kiitii? Dhugaaf taanaan jechisee sirrii dha. Garuu Piiter akkas akka hin goone gochuun naaf hin danda'amu. Baay'ee hadhaba rakkisaa keessa seeneen jira. Harmeen ammas irra deebiin natti kaateetti. Anis hin rafneef malee garuu. Waraana sagalee dhabeessa nu gidduu kana ilaaluu jibbaaf jecha aabbaan ija isaa dunuunfateera. Harmeenis haala jirutti akka gaddite beeka. Sababiin isaas baay'ee waan na jaalattuufi dha!. Ani garuu gadduu dhiisii xinnoyyuu hin herregne. Kanas kanan godheef ka'umsa rakkoo akka bartuufi. Inni biraan immoo akkuma beekamu Piiter dha. Piiteriin sitti hamachuu hin barbaadu. Piiter kan gubate fi kan luqqa'e, akkasumas kan tumame dha. Dhuguman siin jedha baay'ee isa dinqisiifachuu jalqabeera. Anaa fi isa gidduutti waan gaarii uumamuu danda'u tokko dhiyeenyatti natti mul'achaa jira. Maal qaba namoonni gurguddoon kun waan isaan hin galchine keessa osoo borcuu baatanii? Gaarummaan isaa kennaa miira kiyya dhoksuu guddaan qaba. Jaalala gurbichaan akkan gubachaa jiru akka hin dammaqneef yaaliin ani gochaa jiru guutummaa guutuutti naa milkaa'eera jechuu nan danda'a. Amma rakkoon koo maal seete Kiitii? Piiter yoomidha ofii isaa afaan isaa hidhame kana hiikee (akka Piiter Waales abjuu kiyyaan naan jedhe sanatti) waa kan naan jedhu? Yoomi laata maddii koo maddii isaatiin kan naa tuqu? Namoonni kunis yoomi laata waa'ee koo fi waa'ee mucaa kanaa kan dhiisan? Osoo waan tokko illee hin dubbatiin yeroo kophaa keenya teenyu gammachuun akkam akka machoofnu hin beekanii? Baay'ee daran kan nama ajaa'iban mitii Kiitii? Inni kaan hafee anaa fi Piiter kan walitti fide ayyaana waaqa biraa fi carraan akka walitti nu fides waan yaadan waan jiru hin fakkaatan. Yoomuma laata, rakkoolee keenya kana hundumaa furannee tokko tokkoon keenya akkuma garaa keenyaa kan taanu? Garuu rakkoolee keessaa bahuuf qabsoo gedhamu keessatti qorumsi jiru waan gaarii tokko of keessaa qaba. Sababiin isaa, injifannoo kamiyyuu caalaatti ajaa'ibsiisaa fi dansaa kan godhu, baay'ina aarsaa kafalameefiidha. Eeyyee Kiitii too, "Hiyyaasee..... dhiyoo dha moo'ichi koo!. Hiyyaasee Piiteri moo'ichi koo" Kan hafeen amma anaaf sochiin Piiter tokko tokkoon ishee hiika naa kenniti. Siree isaa irra cinaachaan ciisee, harka isaa duubatti hidhee, ijoota isaa yeroo cufee banu yoon argu daa'ima natti fakkaata. Hadurree isaa duukaa wayita taphatu, gumbii jaalala dhugaa natti fakkaata. Mosee qalqalloo guutuu baatee yookiin hojii humnaa gara biraa wayita hojjetu ciminnisaa na ajaa'iba. Takka takkaa naannoon keenya dhukaasaa fi dhoyinsaan yeroo raafumu, inni akka keenya pherepheramuu dhiisuu, akkasumas waajjirri obbo Kireelerfaa yeroo hattuun uggamu halkan sanaan baheen ilaala jechuu isaa yeroon yaadu onnee jabina isaa tilmaamuun na rakkisa. Isa kaan dhiisiitii yeroo afaan isaa hidhamu, akka daa'ima afaan hin hiikkanneetti garaa na nyaata. Oo... Kiitii too, Piiter na keessatti mo'aa jira jechuun ni danda'ama. Kan biraa immoo maal seete? Yeroon isa hubachiisuu fi isa barsiisurra, wayita inni waa naa ibsu akka malee natti tola. Waan hunda irratti ajajaan koo isa osoo ta'ee fi yeroo hunda ani gaafattuu inni immoo deebisaa osoo ta'ee gammadduu akkamii akkan ta'u sitti himuu hin danda'u. Eeyyee Kiitii too, sababa isaa na hin gaafatiin malee, akkasuma natti fakkaata. Waan hundumaan ajajaa koo osoo ta'ee natti tola. Kan hafeen waa'ee haadholii cinqamtoota lamaanii nuun waanti dhiphusu maaltu jira. Rakkina isaanii ofii isaanii haa furatan. Amma kan nu yaachisu waa'ee rakkoo keenyaati. Maal qaba afaan isaa hiikee takkaa waa naan jedhee aara na galfachiisee? Siin gubadheem Kiitii too. Aanaa kee irraa

ROOBII BITOOTESSA 29/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Bilookistaayin ministeerri jedhamu tokko raadiyoo landaniin har'a afaan Dechiin waa'ee lola addunyaa lammaffaa odeessaa ture. Gidduutti maal jedhe seete? Waraanichi akkuma raawwateen hojiin jalqabaa diyaarii fi xalayoota wayita waraanaa barreeffaman bakka jiranii walitti qabuu ta'a jedhe. Maaltu akka natti dhagahame sitti himuun waan barbaachisu natti hin fakkaatu. Kan koo argitee ammoo kan miseensota mana icciitii kanaa osoo argitee!... Akkuma kana dhagahaniin ture kan gara yaadannoo kootti fiigan. Sitti hi mul'atuu Kiitii too, manni icciitii bakki dhokannaa roomansitti yeroo maxxanfamee bahu? Uffee, ammuma natti fakkaachaa jiraam!... Dhuguma garuu waraanichi darbee waggaa kurnan tokko booddee nuti yihuudonni waqxii abaaramaa kana akkamiin akka dabarre, akkamitti akka jiraanne, maal maal akka nyaanne. Waa'ee maalii odeessaa akka turre fi kkf osoo addunyaa hundatti himnee maaltu akka nu eeggatu beektaa? Kkkk..... Dhuguman siin jedha, lubbuu koo tokkittiin qotinyaan gala, namni tokko nu hin amanu. Isa kan biraa dhiisiitii, waan kana hundumaa kan ani sitti himaa ture atiyyuu jireenyaa asitti dabarsine keessaa kutaa muraasa qofa dhageesse. Amisterdaam irratti tokkoo tokkoon reebicha xiyyaaraa yeroo yerootti godhamu boolluma seennu nu dhabsiisa. Fakkeenyaaf, sanbata darbe xiyyaaronni waraanaa Ingiliz dhibba sadii fi shantama ta'an fi boombiin kumtaala kuma shanii ol yeroo itti roobu akka qalqalloo qilleensi fuudhee gamoowwan akkamitti akka hafarsaman, maaltu beeka naannoon kun weerara biraatiinis qabamteetti ta'a nama jechisiisa!. Kanaafuu waanti ta'a jiru hunduu hin beekamu. Waan hundas sitti hin himne. Sababiin isaas, hunda diddiriirsee sittan hima yoon jedhe, guyyaa guutuu barreessuu natti ta'a. Sababa waraanichaan hir'inni gama hundaan mudate itti caalaa deemuun wal qabatee gabaa nyaataas ta'ee waantota gara biraaf uummanni akka hiriiretti oola. Dookteroonni akka duraanii mana mana irra naanna'anii dhokkuboota weeraraan ka'an wal'aanuu hin dandeenye. Sababiin isaas konkolaataa isaanii dhaabanii xiqqoo irraa garagallaan konkolaataan isaanii qaata hatamte. Mana cabsanii saamuu fi gosa hannaa garagaraa haala amanuun nama rakkisuun babal'ateera. Hanga maali Hoolaandota maaltu xiqqaatii haga guddaatti akkanatti hattoota isaan godhe? jettee raajeffattutti gaheera. Ijoollee ganna saddeet sagalii osoo hin hafiin mana namaa cabsanii kan argatan hunda ni fudhatu. Daqiiqaa shaniifillee waardiyaa malee mana ofii dhiisanii deemuun haala nama hin dandeessisne keessa jirra. Irraa mixxiq jettee jennaan miini kees deeme jechuu dha. Yeroo hunda beeksisoota bahan keessaa beeksisni hin hafne, mi'a jalaa bade deebisiisuuf ni kaffalla isa namoonni jedhanii dha. Mi'ota garaagaraa, Taayippoota, afata mana keessaa garaagaraa, Sa'aatota elektiroonii garagaraa, vaayoliinota, meeshaalee faayaa, uffatootaa fi kkf. Daandiiwwan gurguddoo garagaraa irraatii sa'aatiiwwan elektiroonikii akka jiraniin bubuqqa'anii hatamaniiru. Bilbiloonni uummataa horii xiqqoo keessatti argamtuuf caccabanii karaadhuma irratti gatamanii argamu. Garuu uummatattis murteessuu hin dandeessu. Guddinni rakkichaa hamlee ofii eeganii turuuf kan nama dandeessisu miti. Fakkeenyaaf reeshinni torban tokkoof jedhamee kennamu guyyaa lama nama hin bulchu. Guyyaan loltoonni sabdaneessaa weerara itti jalqabanis waan fagoo jiru fakkaata. Dargaggoonni biyya kanaas dirqamsiisuu Naazotaatiin hojii humnaaf gara jarmanitti fe'amaa jiru. Kanaaf magaalatti keessatti kan hafan ijoollotaa fi dubartoota. Kan kana irraa hafeen dhiironni yoo jiraatan yookiin dhukkubsattoota yookaan immoo nyaata dhabanii warra baay'ee huuqqatanii dha. Hundi isaanii iyyuu uffata moofa'e fi kophee dhumeeni kan isaan asii fi achi socho'an. Kophee haaraa bituu mitii isuma dulloomaa haaressuunuu baay'ee ulfaataa dha. Kana irratti immoo kophee gosa kamii iyyuu, mana hodhaa kophee yoo geessitees sirraa hin fuudhu. Yoo fuudhes yookaan ji'a shan yookaan ji'a jaha si eegsiseetu sii deebisa. Kophee moofaa yeroo haga kana mana suphaa ture kana immoo argachuu isaarra dhabuu isaatu irra madaala kaasa. Isa kam himeen isa kam dhiisa? Himamee waan dhumu mitiwoo! Gaarummaan isaa uummata Hoolaandi keessaa muraasa qofatu gochaa sadarkaa hammeeffamuun geessisu hojjete. Kun yoo ta'es namoota Hoolaandi gaggaarii ta'an kan akka Meeppee fi obbo Kireeler faatiin badii fi gaarummaa isaanii wal madaalchisuun ni danda'ama. Aanaa kee irraa

JIMAATA BITOOTESSA 31/1944=[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Diilalli isaa ammallee kan lafee namaa cabsu dha. Kutaa hawaasaa irra caalaan garuu cilee erga ijaan argee baatii tokko guuteera. Itti Yaadi mee. Kan ta'e ta'ee garuu addi waraanaa Raashiyaa kutaa waraana sabdaneessaa keessaa suksukkiin inni fuulduratti godhu irra deebiin abdii namatti horeera. Dhugumattuu wanni kanaa ol nama gammachiisu maaltu jira. Siyaasni akka natti hin mi'oofnee fi waa'ee siyaasaa baay'ees odeessuu akkan hin jaalanne beekta. Garuu yoo xiqqaate waraanni Raashiyaa eessa akka qaqqabe sitti himuutu narra jiraata. Waraanni Raashiyaa kallattii garagaraan suksukkii fuulduratti godhuun amma baay'een isaa daangaa Poolaandi irratti argama. Baay'een isaa immoo bakka Rumaaniyaatti dhiyoo naannoo Pirut jedhamu gaheera. Odeessaa gahuufis baay'een isa hin hafu. Namoonni mana icciitii kanaas galgaluma dhufuun odeeffannoo dabalataa ofeeseliis ta'ee kan Istaaliin dhagahuuf rom'aan isa eegu. Magaalaa Moskoo keessatti injifannoo Raashiyaa kana hundee gadi fageessuuf dhukaasni gurguddaan dhuka'u magaalittii macheessaa jira jedhan. Waraanni guddichi dhiyaachaa dhufuu isaa hagas isaan gammachisee laata, yookiis immoo gammachuu isaanii ibsachuuf karaa kana irra wayyaa ta'e dhabanii haa ta'uu, waan isaa naa galuu hin dandeenye. Karaa gara biraa immoo Hangaariin harka Jarmanootaatti erga kuftee bubbulteetti. Kan baqate baqatee yoo xiqqaate Yihuudonni kitila tokko ta'an Hangaarii keessatti hafaniiru. Yoona kana isaanis sagantaa badii Naazotaan daaraa ta'aniiru. Anaa fi Piiteriin waan ilaalchiseen jette jetteen nurra ture yeroof nuu qabbanaa'eera. Kanaaf walitti dhufeenya keenya cimsuuf carraa gaarii nuu uumeera. Yeroo baay'ee isaa walumaan dabarsina. Waan nuun hin odeessine, mata duree nuun irratti hin mari'anne hin jiru siin jechuu nan danda'a. Hundumarra immoo waanti natti tolu maal seete Kiitii too? Kana dura dargaggota dhiiraa waliin kophaa koo yeroon ta'u, waanan dubbadhu hundaaf ofan eeggadha. Kan Piiter garuu akkas miti. Waan hundayyuu bilisummaanan odeessa. Innis akkasuma. Fakkeenyaaf yeroo darbe waa'ee dhiigaa haasa'aa turre. Yeroon jedhu waa'ee gosoota dhiigaa irratti jechuu kooti. Akkasumas waa'ee deddeebii dhiigaa. Egaa mata duree kanaan jalqabnee waa'ee maalii odeessuu akka eegalle beektaa? Ati amanuu baattes waa'ee adafii haasofne. Piiter waa'ee uumama keenyaa baay'ee dinqisiifate. "Ciminaa fi sabrii siniif kennetu na ajaa'iba" naan jedhe. Garuu maalsaatu akkas isa ajaa'ibe laata? Maalumaafuu Kiitii too, jireenyi koo kutaa icciitii kana keessaa fooyya'eera jedhamuu ni danda'ama. Baay'ee baay'ee foyya'eera. Akkan sodaadhe sana Waaqayyoo badhee walakkaa irratti kophaa koo na hin ganne. Gara fuula duraattis akka kophaa koo na hin ganne nan beeka. Aanaa kee irraa

SANBATDURAA EEBILA 1/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Ammayyuu jijjiiramni tokkoyyuu hin jiru. Baay'ee rakkachaan jira. Maal jechuu akkan barbaade tilmaamuu dandeessa jedheen amana. Hin dandeessuu? Guyyaan yeroo jalqabaaf itti dhungadhu dafee naa gahuu dideetu. Guyyaan itti hidhiin koo fi hidhiin isaa itti wal tuqu yaaduun akka nama waggaa kuma eegeetti na dadhabsiisa. Kana booda hanga obsi koo dhumutti eeguuf yeroo hammamii akkan dabaluu qabu hin beeku. Tasa akkan hin dhoone sodaan qaba. Kana hunda yeroon godhuu fi yeroon dadhabu maaltu deemaa akka jiru tilmaameeraa laata? Ammallee anaan akka sayiba isaa durbaraatti na lakkaa'aa hin jiru jechuudhaa? Ammallee akka obboleettii isatti na ilaalaa jira jechuu dhaa? Ani isaaf hiika kana bira darbe hin qabuuyii? Yeroo yerootti odeessuu, adda bahuu, odeessuu adda bahuu, odeessuu adda bahuu, hagasii? Kanumaa? Kanarraan kan hafe wanti biraa dhufu hin jiruu? Afuurri koo hagam cimaa akka ta'e nan beeka. Kana atis sirriitti beekta. Ba'aa koo hunda gargaarsa nam tokkoo malee kophaa koo baachuu danda'eera. Rakkina koo kamiyyuu eenyuufiyyuu qoodee hin beeku. Haadha koo irratti mataasaa yeroon baay'ee rarra'e hin qabu. Maaliyyuu haa ta'u maal walanee koo hunda matuma koonan bahachaa ture. Amma garuu maaltu akka na tuqe hin beeku, gargaarsa isaa baay'ee barbaadaan jira. Dhugaa kooti Kiitii too. Rakkoo koo isa ammaa kana garuu isa malee bahachuu waanan danda'u natti hin fakkaatu. Hawwiin kanan eegaa jiru harka koo gateettii isaa irra kaa'adhee rakkoo koo hunda isaaf qoodee yaada hamuummatee na liqimsuuf jedhu kana of irraa salphisuu dha. Kan biraa dagachuun kan naaf dadhabame, halkanii guyyaa kan na jeeqaa jiru maal seete? Abjuun ani Piiter Waasel itti arge abadan sammuu koo keessaa bahuu hin dandeenye. Eeyyee Kiitii too, abjuun kun akkuma manaaba kamiiyyuu dhugaa ta'uu yoo baates baay'ee baay'ee kan namatti toluu fi yeroo jalqabaaf icciitii uumamaa haaraa kan naa ibse, akkasumas addunyaa koo yeroo gabaabaaf ifee na duraa dhaame dha. Garuu Piiter Faandaanis abjuuma sana duukaa tokko natti ta'e. Osooma naa waliin jiruu dhugoomuu dadhabe. Si hin ajaa'ibu? Inni maaliif daran natti siquu fi na qaqqabuuf fedhuu dhiise? Dhugumaan ija laafummaan isaa dhiibbaa irraan gaheetuu jaalala isaa ibsachuuf kan yeroo haga kana fixu? Moo kan ani hin barreef rakkina addaa qaba laata? Maalifimmoo yeroo dheeraa wajjin turuuf fedhiin ana irratti mul'atu isa irratti kan hin mul'anneef? Tarii hamleen koo akka hin tuqamneef ta'innaa akkanatti kan naa waliin rakkatu? Hoo... Piiter, maal qaba afaan kee luugamame kana osoo hiiktee anaanis na furtee? Maalumaafuu Kiitii too, filannoon ani qabu tokko qofa. Qofaa koo dirree duwwaa keessaa hadheeffachuu fi dhiphachuu dhiisee isa eeguu qofa. Dhiphachuu fi raafamuun koo eenyuuf tola. Inumaa ilkaan kiyya ciniinnadhee, waan hunda haala amma jiru qabee, guyyaan hawwu sana hangan ga'utti turuu dha. Ammoo haa turu haa bulu malee, inni akkuma koo ammaa kana yeroon inni itti ta'u akka dhufu nan beeka. Dhiisees waanan hin dhiisne waan ta'eefis hanga dhumaatti nan eega. Aanaa kee irraa

WIIXATA EEBILA 3/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Har'a oduu wayita kaanii irraa adda ta'e sitti odeessuufi. Innis nyaanni bakka kanaa kan gidduu kanaa walii galaan maal akka fakkaatu dha. Yeroo baay'ee waa'ee soorataa kanan sitti himuu dhiiseef hagas mara barbaachisaa ta'ee waan natti hin mul'anneef. Amma garuu waanti barbaachisaanii fi rakkisaan isa waan ta'eef har'a sittin hima jedheen ka'e. Gaaffiin nyaataa haala mata duree ta'uun isa dandeessisuun gaddachaa dhufuun isaa mana icciitii kana qofaa keessatti hin se'iin. Gutummaa Hoolaandi keessaa, Awurooppaa, isaa alattisi. Haga ammaatti ji'oota digdamii tokko as turre keessatti guyyaa tokko qulqullinni soorata keenyaa eegamee hin beeku. Maal jechuu akkan barbaade daqiiqaa muraasa booda siif gala. Qulqullina nyaataa yeroon jedhu nyaata madaalamaa jechuu kooti. Fakkeenyaaf tibba tokko nyaanni keenya hunduu mosee ta'ee ture. Kalaankala Mosee, affeellii Mosee, ittoo Mosee fi waaddii Mosee guyyuun soorachaa turre. Tibba biraa immoo abbaan dabaree kotoree ta'a. Ganamas galgalas sanyiin kotoree qofaan akka jiru hanga sitti fakkaatutti si nuffisiisa. Kotoree saamsamaa, Kotoree hin saamsamne, Kotoree asheeta, Kotoree adii, Kotoree burree, Kotoree ija xixiqqaa, kotoree geengoo, kotoree qalawwee, Kotoree battee, Kotoree, Kotoree, Kotoree. Achiimmoo baaqelaa, baaqelaa, baaqelaa. Achiimmoo atara, atara, atara. Kanaa fi kan kana fakkaatan. Fakkeenyaaf, laaqana fi irbaata kee baay'ina sauer-krautiin yeroo dabarsitu nuffii akkamii akka sitti uumu na hin gaafatiin. Yoo beelofte garuu maal goota Kiitii too? Du'uu koo irra jettee nyaatta. Eeyyee waggaa lamaan dura waan hin goone yoo taates amma dirqamtee ni goota. Egaa kan tibba kanaa kan adda godhu maal seete? Guutummaa Amisterdaam keessa osoo naannoftee nyaanni yeroon hojiirra ooluu isaa irra hin darbine hin jiru. Kun kan keenya qofa otoo hin ta'iin kan uummata bakkee jiruutis. Egaa laaqanni keenya tibba kanaa maal akka ta'e sharafee, bittinsee akkan sitti himu yoo feete, Kotoree kokoraahee bifa garaagaraan, Baaqelaa daanayaahee bifa garagaraan, Timaatima of dadhabeen shoorbaa Ataraa hojjetame, Mosee gogaan isaa shuntuuree fi yeroo jabeessitee qabdu kan irraa muluqu irraa shoorbaa hojjetame. Marqaa, Giixxaa, Salaaxaa, Kaarotii coolage. Raafuu akka uffataa dadacha'e fi KKF. Qofa Kiitii, ashaboo irraan kan hafe waanti hojii ala hin ta'iin argamu hin jiru siin jechuu nan danda'a. Dubbii keenya keessatti torban dhufu hawwiin eegaa jirra. Maaliif naan hin jettuu? Meeppeen faa akkuma ta'an ta'anii nyaata yeroon isaa hin darbine barbaadanii nuu fiduuf waadaa nuu galanii waan jiraniif. Kan hafeen Rabbiin haa galatoomu kunoo lubbuun jirra. Eeyyee Kiitii, inni duraa "lubbuun jiraachuu dha" kan hafe dabalata waan ta'eef irraanfadhu. Aanaa kee irraa


KIBXATA EEBILA 4/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Ergan gara bakka kanaa dhufee kaasee barumsa koo akkan hin daganneef baayyee akkan qo'adhu, baay'ee akkan dubbisu, baay'ee akkan barreessu beekta. Amma amma garuu yaadni keessummaan tokko na jeeqaa jira. Dadhabbiin koo kun hunduu eenyuufi? Kan jedhu miirri abdii kutannaa na keessa deddeebi'uun guyyoota lakkoofsiseera. Sababiin isaas waraanni sabdaneessaa weerara jarmanoota irratti ni bana, gara qe'ee fi jiruu keenyaatti ni deebina jennee abdanne guyyaan achi hiiquun, duraan haalonni turan gaarii fakkaatanis gaaffii keessa galuun, inumaayyuu seenaa sheekkoo wayii fakkaachaa dhufuun, dukkana malee cilaancilli ifaa natti mul'achuu dhiisuu isaatin siin jedha. Miira abdii kutannaa akkasii keessa teessee waan borii yaaduun waan akkam rakkisaa sitti fakkaate. Dhugaa isaa natti himi yoo jette waraanichi dafee jalqabee fulbaana dhufutti xumuramee bilisa hin baanu taanaan barumsa koo itti fufuu hin fedhu. Mee sitti haa agarsiisu. Hiriyoota koo irraa waggaa lamaan boodatti hafee, nan isaan qaqqaba jechuu hin danda'u, dhaabatanii na hin eegan kaa!. Maaloo waraana nanaa fulbaana dhufu hin darbiin. Kan hafeen, qaawwa koo guyyaa guyyaan kan naa duuchaa jiru....... Eeyyee sirrii tilmaamte Kiitii too.... Piiteri dha. Yeroo waan marti harka harka natti jedhee jiru kanatti, anis namummaan koo namaa gad ta'ee jiru kanatti, yaanni guyyaas ta'e halkan na boqochiisu Piiter ture. Guyyaa sanbataa irraa eegalee garuu eessaa dhufe fi dhimmi mata dureen isaa hin beekamne garaa na wansheessee, mar'immaan na raasee uumamuu koo abaaraan jira. Waan ajaa'ibaatiim Kiitii tiyyaa, maaliif garuu yeroo tokko tokko akkasumaan lafaa ka'ee kan waa'ee hin baafnee fi baasuuf garaan si boora'u? Amma fakkeenyaaf guyyaa sana jechuunis sanbatduraa, Piiter akkuma yeroo kaanii naa waliin turus na bohaarsuu hin dandeenye. Piiter akkuma yeroo kaanii ture naa waliin odeessaa fi na haasofsiisaa kan ture. Ani garuu hidha imimmaan koo guutee dhangala'uuf jedhu ittisuuf wal'aansoo qabaan ture malee hagas mara isa hin dhaggeeffanne. Isarra, sana booda obbo Faandaan duukaa tapha darbannoo Loomii gooneen fuulli kiyya hiikame. Garuu akkuman kophaa ta'een yoosuu miira gaddaan waanan guutameef boo'ee baafachuu akkan qabu natti dhagahame. Kanaaf uffata halkanii koo fuula kootti akkuman haguugee jiruun gara kutaa bal'aa gara gadii jirutti bu'een jilba koo lafa tuqsiise. Achiin booda koomee koorra taa'een fuula koo jilba kiyya lamaan gidduu galchee iyya koon gara waaqa kootti bilbilchuun eegale. Taa'umsa koo odoo argitee mucaama garaa keessa jiru jetta. Dhuma irratti akka ta'utti hirqinfadhee wayitan boo'u ba'aan wayii narraa bu'e natti fakkaate. Gidduu gidduutti yeroo nam tokko akka tasaa gara kutaa kanaa seene, uffata koon dhokseen qoorsadhee nama nagaa fakkaadheen taa'e. Achii booda sagalee koo gadi qabeen ofiif jechoota jajjabinaan dubbadhe. "Abshiir, abshiir Aanaa, waan hunduu ni darba, Abshiir abshiir" Taa'umsa koo mijataa hin turre irratti dadhabbiin dabalame natti fakkaata otoon hin beekinin gara cinaatti kufe. Achumaanin ededa keenyanitti addaan kiphe. Yeroo kana akkuma isaatti ka'een kutaa ciisicha koo seenee ciise. Sa'aatiin magaalaa sa'aatii afuriif walakkaa bilbile. Hirribnis akkan sodaadhe baay'ees osoo na hin rakkisiin na fudhate. Sanbanni fokkataan sunis ni darbe. Egaa Kiitii, hima walii galaatiin ani "OK" dha jechuun ni danda'ama. Afuurri koo ammaas akka cimina fi obsa koo duraatti naa deebi'eera. Kanaaf waantan jalqabe hunda xumuruun qaban jedha. Beekumsa koo caalaatti guddifachuu fi nama akkasumaanii ta'uu koorra, hawwii gaazixeessaa ta'uu koo dhugoomsuuf, akkasumas waan gaarii hundaafuu caalchisee hojjechuun qaba. Eeyyee Kiitii, maalirrayyuu caalaa ani gaazixeessaa ta'uun barbaada. Dandeettii ogummaa barreeffamaa akkan qabu nan beeka. Asoosamootan barreesse keessaa yoo xiqqaate muraasni isaanii gaarii jedhamuu akka danda'an nan amana. Diyaarii koo irrattis yaanni ani jireenya mana icciitii kanaa barreesse keeyyanni ibsu bareedina ogommaa barreeffamaa qaba. Sanas ta'e kana garuu ogummaa barreeffamaa itti fufiinsa qabu nan qaba inni jedhu garuu adeemsa keessa waan ilaalamu ta'a. Hanga har'atti asoosamoota ani barreesse keessaa "Abjuu Hewaan" matadureen jedhu hunda caalaa baay'ee kan natti tolu dha. Kan si ajaa'ibu immoo seenessi asoosama sanaa eessaa akka naa dhufe anaafillee haala hibboo ta'etu jira. Dubbii keenya keessatti Kiitii, hojii koo baay'ee keessattis taatoo cimtuun anuma mataa kooti. Akkamittiin akkan isaan bittinsu sitti himuu hin danda'u. Barruu koo hunduma isaa takkaa qofa dubbisuun inni kun hojii gaarii kun immoo hojii gadhee jechuu nan danda'a. Barruu harka isaan barreesse deebisee gamaggamuun akkam akka nama gammachiisu namni barreessaa hin taane baruu hin danda'u. Dur dur ijoollee ta'ee xiqqo xiqqollee taatu fakkii kaasuu dadhabuun kiyya baayyee na aarsaa ture. Amma garuu yoo xiqqaate barreessuu akkan danda'u ergan baree gammachuu koo sii ibsuuf jecha hin qabu. Kennaan ogbarruu ani qaba jedhu kun ani akkan yaadutti barruulee fudhatama qaban yookaan keeyyattoota gaazetaa barreessuuf kan na dandeessisan yoo ta'uu baatanis anaaf dhimma koo miti. Kan barbaade yoo hafe, ofii koo ofiidhuma koof barreessuu eenyu abbaa isaatu na dhowwa? Guyyaa tokko tokkoon isaa ga'umsa koo tarkaanfii tokko dabaluun qaba. Gosa jireenya akka harmee, Kan aadde Faandaan, akkasumas kan dubartoota addunyaa kanaa baay'ee isaanii, jiraadhee darbuu hin barbaadu. Sitti haa garsiisu Kiitii, akkuma gorroo duuba daaddistee fi boroo duuba naannoftetti hafta jechuu dha. Heerumuu, ijoollee godhachuu, guddisuu, kana qofaa isaatti jireenya jedhee hin amanu. Hojii qabatamaa kana bira tare hojjedhee darbuun barbaada. Waan kan kootin jedhu tokko umrii koo guutuu kan maqaa na waamsisu qabaachuun narra jiraata. Foon koon yoon du'e illee afuuraan jiraachuun qaba. Maqaan koo naa waliin akka awwaalamu hin fedhu. Kanaaf kennaa ogbarruu koo kanaaf Waaqayyoon nan galateeffadha. Ofii koo of guddisuu akkan danda'u, waa'ee waanta kamiiyyuu sirrii godhee akkan barreessuu danda'u, rakkoolee keessa koo jiran hunda rakkoo tokko malee akkan ibsachuu danda'utti Waaqa na uume onneerraa galateeffachuun barbaada. Rakkinni kamiyyuu yoo narratti fe'ame, hagamillee yoo ulfaate yeroon barreessu narraa lafa bu'a. Gaddi koo hunduu na baqatee bada. Abdiin koo waan du'e yeroo natti fakkaatuttis deebi'ee lubbuu horatee lalisa. Garuu waanti guddaan addunyaa barreeffamaa keessatti waan fudhatama qabu irratti barreessuu danda'aa isa jedhuudha. Anoo akkan yaadetti baarreessituu gaarii yookaan gaazixeessituu gaarii ta'uu nan danda'aa? Ani hangan of beekutti hawwii koo kana galmaan gahuu nan danda'a jedheen amana. Baay'ee baay'een abdadha. Sababiin isaas waa'ee waan tokkoo barreessuu yaadee tartiibni gaarraa fi gajjallaa na jalaa badee hin beeku. Jechuun koo jechoonni na hin hanqatan. Yaadni koos na jalaa hin bittinna'u. Qalbiin koo na hin ganu. Dhugicha malee miirri koo na hin oofu. Jechuun kan narra jiraatu hunda akkan barbaadetti nan jedha. Walakkaatti kanin dhaabe "Le'iin Keedii" ammas xumuruun na rakkisaa jira. Isa xumuraa ergan jalqabee illee yeroo dheeraa natti fudhateera. Seenessa isaa akkam godhee akkan itti fufuu fi akkamitti akkan xumuru ammallee sammuu kiyya keessaa jira. Garuu maaliif akka ta'e hin beeku kobbee fi waraqaa koo wal simsiisuu hin dandeenye. Karaa tokkommoo, hojiin xumuruu hin qabne dha yaadni jedhu baay'ee na qoraa jira. Kanaaf xumurri "Le'ii Keedii" sanduuqa kosii itti gatan keessa ta'uu danda'a. Yookiin immoo gemmii keessa. Dhugaa dubbachuudhaaf, yaadni gosa kanaa raajii kamiinuu libiin isaa iyyuu yaada koo keessa darbuu hin qabu. Garuu maalan godha? Gaaffiin tokko sammuu koo keessa deddeebi'ee waan na rakkiseefi. "Reefu waggaa kudha arfaffaa keetiim, Osoo waan tokkoo isaa hin beekin akkamitti waa'ee falaasamaa barreessuuf ija jabaatta?" Dhugumattuu garuu "Le'ii Keedii"n seenessa isaa irra falaasama isaatu baay'ata. Waanumti ta'e ta'ee Kiitii too, Abdii kuttee ni dhiisti sodaan jedhu garuu akka si hin seenne. Inumaayyuu onnee haaraan irra deebiin ka'aan jira. Akkan xumurus hin shakkiin. Sababiin isaas barreessuun barbaada waan ta'eef. Eeyyee, baayyee baayyeen barbaada. Aanaa kee irraa

KAMISA EEBILA 6/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Maal maal akkan jaaladhu, jechuunis hoobiin koo fi fedhiin koo maal akka ta'e na gaafataa turte. Isaaf deebii sii kennuun barbaada. Garuu ammumarraa waanti ani si akeekkachiisu maal seete? Heddummina hoobii kiyyaaf akka hin ajaa'ibsiifamne. Inni jalqabaa barreessuu dha. Garuu immoo barreessuun illee hoobiitti waan lakkaa'amu natti hin fakkaatu. Barreessuun jireenya waan ta'eef. Inni lammaffaan immoo "Hidda dhalataa lakkaa'uu" dha. Hidda dhalata bulchitoota garaagaraa lakkaa'uu ergan jalqabee yeroo dheeraa ta'eera. Hanga ammaatti hidda dhaloota maatiiwwan moototaa lakkaa'aan jira. Keessaa muraasa naa himi yoo jette, kan Faransaayi, kan Jarman, kam Ingiliz, kan Ispeen, kan Ostiriyaa, kan Ruusiyaa, kan NoorWeyi, kan Hoolaandi, kkf. Odeeffannoowwan kanan funaanu haalota garaagaraan yeroo garaagaraatti kitaabota harka koo galan, barruuleewwan, gaazexaa fi darbee darbee immoo raadiyoo irraati. Sababii kamiinuu odeeffannoo waa'ee hidda dhalata maatiiwwanii, mootii biyya kamiiyyuu yoon argadhe gara yaadannoo koottin fiiga. Kanaaf odeeffannoowwan sanyii mootota baay'ee humnaa ol na bira akka jiru sittan hima. Hoobiin koo inni sadaffaan immoo "Seenaa" dha. Jechuun seenaa waliigalaa addunyaa. Umriin aabbaaf, kitaabota seenaa baay'ee inni bitee naa kenne amma harka koo irra jiru. Dubbii keenya irratti Kiitii, waantin ani baay'ee hawwiin eegaa jiru maal seete? Bakka kanaa nagaa fi ariitiin karaan ittiin bahuu danda'uu fi akkan baheen immoo mana kitaabaa jiran hunda guyyaan itti mincirsee ilaalu dha. Inni arfaffaan immoo afoolota Giriikii fi Roomaa durii iratti qorannaa gochuu dha. Kanaafis kan na ga'an kitaabotaa fi barruu garagaraa of harkaa qaba. Hoobiiwwan hafan egaa addunyaa siniimaa keessatti taatota urjii ta'an irratti hordoffii ol aanaa godheera. Isan sitti himuu danda'uun olitti dhayicha dubbisuun qaba. Ogummaa gosa kamiifuu jaalala adda ta'en qaba. Kanaaf tokko tokkoon seenaa ogummaa gosa hundaa tartiibaan beekuun fedha. Yeroon jedhu, Namoota cigoo yeroo darbanii (Mikkiirtuuwwan), Fakki Kaastota, Boctoota(Kistaanotaa fi Siidaawwan namoota bocan), Barreessitoota, Qindeessitoota muuziqaa fi kkf dubbisee hin quufu. Addatti qorannoon ani muuziqaa irratti godhe gahaa fakkaatee waan natti hin mul'anneef gara fuula duraatti sirriitti gadi fageenyaan qorachuun barbaada. Wantin ani osoo sii hin tuqiin darbuu hin barbaanne tokko immoo, Aljebiraa, Ji'omeetirii fi waantota herreega qaban hin jaaladhu. Kan hafeen barnoota mana baruumsaatti kennamanis ta'ee waantotan ofii dubbisee bira gahe hunda akka ajaa'ibaattan jaaladha. Baay'ee na gammachiisu. Addatti garuu seenaa.. Eeyyee Kiitii, namni konkolaataa oofu fuullee cinaa fi duuba isa argisiisu akkuma barbaadu, fuunduratti suksukuuf seenaan kaleessaa maal akka ta'e beekuun murteessaa dha. Seenaaf bakka addaa kanin kenneefis kanaafi . Aanaa kee irraa

KIBXATA EEBILA 11/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Waantota baay'ee dha kan sammuu koo keessa naanna'aa jiran. Dhugaa dubbachuuf eessaa akkan sii jalqabu hin beeku. Jimaata darbe, guyyaa fannoo jechuudhaa, irra caalaatti gosa tapha kaartaa isa monoppoolii jedhamu taphachaa oolle. Sanbata sa'aa boodas akkasuma. Sababii kanaatiif guyyoonni lamaan kun osoo natti hin beekamiin darban. Dilbata sa'aa booda Piiter affeerraa mataa kootiin kutaa isaa daawwate. Sa'aa kudha tokkoof ruubii irratti immoo wal qabannee gara baaxiitti ol baanee hanga sa'aa kudha lamaatti achuma turre. Sana booda ani raadiyoo dhageeffachuuf gara kutaa obbo Kireeler fa'itti gadin bu'e. Sa'aa kudha lamaa haga sa'aa tokkoof ruubiitti konsertii Mozarti baay'ee namatti tolu tokkotu darbaa ture. Sirboota achirratti sirbaman hunda baayyeen jaaladhe. Addatti immoo "Kileine Nuchtmusik" isa jedhu. Irbaata booda anaa fi Piiter irra deebiin akka taa'umsaaf nuu mijatutti yeroo dhiyoo keessa kan arganne kefaa soofaa fudhannee gara baaxii keenyaatti ol baane. Sanduuqota meeshaan ittiin saamsaman baaxii sanarra jiran fuunee kefaa soofaa waliin wal qabsiisnee taa'umsaaf tolfannee keessa teenye. Sanduuqichi dhiphaa waan tureef baayyee walitti maxxannee teenyee turre. Hadurreen Piiter Mosheenis nuu waliin turte. Kanaaf waan gaarii ture jechuu dha. Sadii ta'uu ruubii hir'uu yeroo ta'u obbo Faandaan sagalee siiksuu wayii dhageessisanii "hirkoo soofaa obbo Dusel keessaa wayi tokko fuutanii?" jedhee nu gaafate. Lachan keenya iyyuu sallaq jennee kaanee kefaa soofaa sanaa fi Moshee qabannee gadi buune. Akka carraa kefoota sana obbo Dules akka boraatiitti fayyadama waan ta'eef akkam akka inni maraate sitti himuu hin danda'u. Dhukkee kaasen siin jedha. Injiraan na ficcisiisuufii kan boraatii koo baaxii gubbaa geessitan jechuun manicha luka tokkoon dhaaban. Qabaa gad na dhiisaa jechaa turee rakkoo meeqaan adaba bitate. Kanaaf anaa fi Piiter bokoka isaa kana hundaaf deebii gitu kennuufii waan barbaanneef, akka mutaa buruushota nama waraanan bakka ciisichaa isaa keessa suuqne. Rafuuf dhaqee gaafa buruushonni isa waraanan akkam akkam akkanni ta'u yaadnee ajaa'ibaaf kolfine. Egaa gammachuun keenya kun nu waliin baay'ees hin turre. Sa'aatii sadii fi walakkaa irratti Piiter gara aabbaatti siqee, keeyyanni Ingiliffaa galuufii didee isa rakkisu waan jiruuf, akka isa qo'achiisu osoo gaafatuu, anii fi Maargoot waa'ee koo haasa'aa turre. Gidduutti "sagaleen wayii natti dhagahama Maargoot"n jedhe. Gara biiroo godaatii sagaleen rurrukuttaa wayii natti dhagahame. Sirriin ture, kutaa kuusaa meeshaa hattoonni cabsaa turan. Yerosuma Aabbaa, obbo Faandaan, obbo Dules fi Piiter sadarkicha irraa suuta jedhanii bu'an. Harmee, aadde Faandaan, Maargoot fi ani immoo kutaa waliinii sanatti nam'inee waan ta'u eegne. Dubartoonni sodaan isaan guute afur mana tokko keessa afaan isaanii cufanii turuu hin danda'an. Kanaaf ususuu yookaan waan hin taane fi ta'u xeebuu qabu. Nutis akkasuma goone. Baay'ees osoo hin turiin sagaleen wayii dhagahame, achumarraan deebinee cal jenne. Sa'aatiin magaalaa sa'aa afur ta'uu ruubii hir'uu ta'uusaa bilbile. Sekendii tokko tokkoon isheef sodaan keenyi dabalaa deemaa jira. Garuu gidduu keenyaa afuura raafuu kan baafate hin jiru. Dhiirota maaltu isaan liqimse? Gogogiin sunoo maal ture? Hattoota duukaa wal reebu ta'innaa!. Za'aa afur irratti faanni namaa sadarkicha osoo ol ba'uu dhageenye. Gaafa nu bira ga'u aabbaa dha. Akka baayyee na'eeru irraa beekama. Hedduu dafqee fuula amoolee fakkaatu tokkoon as nutti ba'e. Isatti aanee immoo obbo Faandaan. Akkuma dhufaniin shororkaa nutti gadhiisan. "Daddafaatii ibsaa hunda dhaamsaa" nuun jedhan sagalee isaanii gadi qabanii sadarkichaa gaditti akka hin dhagahamne yaalii gochaa. "Ariifadhaa, mana kana ifti kamiyyuu akka hin jiraanne godhaa, poolisoonni naazii ammasammaa dhufuu danda'u, ariitii, ariitii, ifti kamiyyuu, shokokiin kamiyyuu akka mana kana hin jiraanne" jedhan. Deemsa hadurreen suuta jennee ariitiin ibsaa hunda dhaamsinee booda gara dhiirota lamaaniitti deebinee gaaffiin isaan sardine. "Dhimmichi maali?, Maaltu uumame?, nutti himaa, amma nutti himaa" gafa jennu, isaan garuu gaaffii keenya lakkoofsa keessa osoo hin galchiin sagalee dhoksatanii osoo hin shokoksiin irraagadee sadarkichaa bu'an. Ija walitti babaasuun ala waanti nuun gochuu dandeenyu hin turre. Ittumayyuu ni shororkoofne. Za'aa afuriif daqiiqaa kudhan irratti dhiironni afranuu sadarkichaan ol nutti dhufan. Lamaan isaanii gara kutaa Piiter seenanii karaa foddaa sochii ala jiru hordofuu dhaqan. Gara keenya kan seensisu hulaan icciitii sirriitti cufame. Baqaqaan balbalaas ta'ee qaawwi ifa dabarsuu danda'u hunduu moofaan hudumamanii duudan. Kana booda ture waanta mudate kan nutti himan. Gaggabaabsee waan isaan nutti himan sitti haa himu. Jalqaba Piiter ture kakakii godaa kan dhagahe. Akkuma dhagaheen sadarkicha gadi bu'ee biiroo irra naanna'ee yeroo addaan baafatu balballi mana kuusaa walakkaan karaa biraa jigee arge. Achii fiigee dhufee aabbaatti hime. Afaan Ingilizii akka isa hubachiisuuf fakkeessee kan inni waamee itti hime kana ture. Sana booda dhiironni afran isaanii iyyuu wal hordofuun gadi bu'an. Yeroo achi gahan hattoonni hulaa sana bal'isuuf dhama'aa turan. Obbo Faandaan hattoota sana naassisuu malee nurratti balaa maalii akka fiduu danda'u osoo hin tilmaamiin dingata "Pooliis" jedhee iyye. Gidduutti gara bakkeetii faanni namaa dhagahamnaan ammas calliinsi mudate. Tarii poolisoota Naazii haala qo'achuuf ba'an yoo ta'an, hulaa icciitii sana akka tasaa yoo argan wacabbarinsi akka hin uumamneef xaawulaa hulaa sanaan gitu barbaaduun cufan. Garuu yoosuu namni wayii dhufee duubaan yeroo dhiitu xaawulaan sun ni kufe. Sa'aa sanatti dhiirota keenya si hin godhiin kiitii, bakkuma jiranitti akka kistaanaa goganii hafan. Sa'aan dhumaa gahuu ishee hubatanii yaalii dhumaa gochuuf murteessu. Addatti Piiterii fi obbo Faandaan eenyus haa ta'u eenyu nama hulaa kana darbee seene ajjeesuuf qophaa'an. Obbo Faandaan maancaa harka isaa irra jiru mimmijeeffatee handaara qabatee eeguutti jira. Haa ta'uutii eeganis eeganis namni seenu hin argamne. Irra deebiin guutummaa guutuutti calliinsi ta'e. Kanaaf aabbaan faa xaawulaa sana deebisuuf barbaadan. Socho'uuf wayita yaalan immoo rakkoo biraa, Rakkoo maalii naan hin jettuu? Daandii guddichaa kellaa biiroo kanaa fuuldura irra tirika ibsachaa dhiirri tokkoo fi uwwaan tokko darban. Tirika isaaniis qaawwa mana keenyaa irratti akeekaa darban. Deebi'anii gara balbala keenyaattis siquu barbaadan. Balballi kuusaa meeshaa sunis ifaan guutame. "Raajiin danfe" jedhe dhiirota keenya keessaa tokko. "Nii nyaatamne dhiiroo" Haga ammaatti shoora poolisii taphachaa kan turan dhiirotni keenya, Shoora poolisummaa sana dhiisanii ammammoo shoora hattootaa taphachuu jalqaban. Faanni isaanii akka hin dhagahamneef quba miilla isaaniin ejjechaa, sobanii gadi fiiganii akka irratti hin dammaqamne karaa kuusaa meeshaa sana bahanii as nutti deebi'anii of darbachaa sadarkaa sana irra ol nutti aseenan. Seenaan kun har'aaf kanuma irratti gahan siin jedha. Kutaa lammaffoo immoo itti siif haa fufu. Warri abbaa Tirikaa sun cabuu balbala mana kuusaa sanaa arganii waan jiraniif hundi keenya poolisiitti nii himu kan jedhu tilmaamne. Akkuman sitti hime kun kan ta'e dilbata halkani. Dilbata faasigaati. Bulees Wiixata faasigaa waantureef eenyu iyyuu gara Biiroo akka hin dufne beekamaadha. Kanaaf hanga Kibxataatti sochii gosa kamiiyyuu gochuun hin danda'amu jechuu dha. Mee yaadi Kiitii, sodaa guddaa kana waliin halkan lamaa fi guyyaa tokko guutuu eeguu. Waanti mudate maal akka ta'ee fi kana gochuu qabna jedhee namni nu keessaa jecha tokko dubbate hin jiru. Kanaaf kutaa waliinii dukkana limixiin liqimfametti walitti qabamnee waan ta'u eeguu eegalle. Dubbiin keenya martuu ususaan ture. Walakkaa keenyaa namni ta'e shokokii wayii yoo dhageessise "Us" jechuun wal akeekkachiifna. Afuriif walakkaa ta'e.... Irra darbee sa'aa shanis ta'e.... Amma godaa sagalee dhagahamu wayitu hin jiru. Naannoo shaniif ruubiitti gagagiin wayii fi sagalee namootaa kallattii mana kuusaa tii dhagahame, Afuura takka takkaa keenyaa daawullaa daawullaa gahuun mana guunne. Kana irraan kan hafe bakka jiruu namni mixxiq jedhe hin jiru. Sagalee faanaa Mankuusaa darbee nutti dhiyaachaa jiru dhageenye. Eeyyee ammas naannoo Waajjira waloo Meeppeefaa dha. Ammammoo naannoo waajjira Kireeler fa'i. Amma Kushinaa Biiroo bira. Achimmoo hulaa icciitii keenya fuula dura. Mudannoo gaafsanaa jechootaan ibsuun dadhabbii akkasumaaniiti Kiitii too. "Ammaree nuu dhumeera"n jedhe yaada kootti. Sa'aa sanatti tokko tokkoon keenya poolisoota Naaziin yeroo harkifamnu natti mul'ate. Balbala gara keenyatti galchu si'a lama sadii humnaan sochoosan. Amma immoo deebisee calliinsa yeroo gabaabduu booda kotteen namootaa fagaachaa deemuu isaa dhageenye. Uf.... Yeroof boqonneerra. Yeroo murtaayeef afuura baafachuu dhaabneerra jedhamuu ni danda'a. Nama hoollatu, nama kirkiru, kan ilkaan wal reebu, kan wargamu, of dadhabee kan kufu atumti tilmaamuu yaali malee ani siif ibsuun naaf hin danda'amu. Amma sagaleen godaa dhufu hin jiru. Garuu Ambuuliin sibsaabii qixa balbala mana icciitii keenyaa poolisoonni ibsanii turan ammallee ifaa jira. Sababni isaa maal ta'inna? Balbala mana icciitii ta'uusaa baraniituu laata? Suuta suuta tokko lama jedhee arrabni keenya hiikamuu jalqabe. Amma biiroo keessas ta'ee mankuusaa keessa waan tokko illee akka hin jirre ni beeksisa. Garuu immoo maaltu beeka? Eegduu tokko ramadanii deeman ta'a. Jechuun koo humna dabalatanii deebi'uuf.... Sana booda waantota sadii qofaa goona ture. Tokko, waanta mudate tilmaama mataa mataa keenyaa kennuu. Lama sodaan pherepheramuu, sadii dabaree dabareen fiffignee qulqullaa'uu. Qulqullaa'uu gaafan siin jedhu waanta baay'ee keessummaa ta'e tokkon sitti hima. Tarii biiroo godaa keessa maandheffataniiru shakkii jedhurraa kan ka'e mana fincaanii isa gajjallaa hin fayyadamnu. Ujummoon mana fincaanii keenyaas keenyan Biiroo keessa darba waan ta'eef ni dhagahu jennee waan yaadneef fayyafamuuf garaa hin jabaanne. Guyyuu hojjettoonni biiroo jiru waan ta'eef meeshaan itti fayyadamu illee, Sanbataa fi Dilbata nu hin barbaachisan jennee qilleensi haa rukutuuf gara baaxiitti ol baasnee keenyeerra. Sa'aatii kanatti immoo gara baaxiichaatti ol ba'uun balaa qabaachuu danda'a. Kanaaf filannoo tokkichi nuti qabnu Piiter kutaa isaa keessatti kuusaa kosii qorqoorroo irraa hojjetame fayyadamuu qofa. Jalqaba obbo Faandaantu fayyadame. Achiimmoo aabbaa, harmeen haallisaa baay'ee itti toluu waan dideef fayyadamuu hin dandeenye. Maargoot, aadde Faandaan, itti aansee ana, fayyadamnee kan garaa keenyaa salphifanne. Xumurarratti garuu harmeenis dirqiin gaafa ishee qabu fayyadamte. Fooliin kuusaa kosii sunis lafa seennu nu dhabsiisaa jira. Halkan keessaa sa'aa ja'a ta'eera. Hunda keenya dadhabbiin nurra buufateera. "Hundi keenya kutaa bal'aa kana lafa rafuu qabna" ajajni jedhu darbe. Anaa fi Maargootif boraatii fi awsaan mata mataatti nuu kenname. Isheen sanduuqa dhaabbii jala, ani immoo miila teessotaa jala ciciifne. Calliinsa, ususa, foolii badaa, sodaa, humna irribaarra darbuun sagalee qilleensaa bakkeetii dhagahamu, Daqiiqaa daqiiqaan ka'ee kottee nama gara kuusaa kosii sanaatti fiiguu fi Kkf. Kan ta'e ta'ee naannoo saddeetiif walakkaatti irriibni na fudhate. Aadde Faandaan luka koo yeroo boraafattu ture kanin deebi'ee dammaqe. Baay'ee immoo otoo hin turiin aadde Faandaan kaatee soofaa irra teesse. Achumarraan obbo Faandaan bakka ishee bu'ee miilla koo boraafatee rafe. Hanga sa'aa sagalii fi walakkaatti ciisee yaadaan isa baddaa fi gammoojjii buusee baasaan ture. Darbee darbee miilonni koo waan hoollataniif obbo Faandaan irriba isa dhorkuun koo hin hafne. Poolisoonni deebi'anii dhufanii yoo tarii nu argan waan ta'u hundaaf afuuraan of qopheessuun jalqabe. "Maalumaafuu raadiyoo kana mana kanaa osoo dhabamsiisnee hin wayyuu? Raadiyoo kanaa waliin qabamuurra" jettee aadde Faandaan iddoo teessetti hudduu tottolchatte. "Eeyyee eeyyee gemmii keessatti darbadhaatii gubaa" jedhe jaarsi ishee. "Achi Abbaa koo! Nuun argannaan raadiyichas haa argatan, jijjiirama fidu hin qabu" sagalee aabbaa ture. "Isin raadiyicha jettu" jedhee aabbaan itti fufe. "Diyaariin Aanaas jira" "Edaa innis jiraa? Innis haa gubatu" jette odeessituun tokkoffaan mana kanaa. Mudannoon kuni uumamuu fi diirama yeroo hulaa mana icciitii sochoosan sana uumamuu koo abaareen ture. "Diyaarii koo hoo hin gadhiisu. Gara inni deeme hundatti wajjinin deema. Gara saamaawaraas yoo ta'e. (Gara gemmii gubinsaa)" gaarummaan isaa deebiin gosa kamiiyyuu afaan aabbaa keessaa hin baane. Sa'aa tokkoo oliif miila koo irra kan ciisaa ture obbo Faandaan fi haati warraa isaa deebisanii iddoo wal jijjiiran. Aabbaanis dhufee na cinaa lafuma taa'e. Dhiironni osoo addaan hin kutiin sijaara xuuxu. Takkaa immoo inni tokko afuura dheeraa baafate. Itti aanee immoo isa tokko. Halkan keessaa za'aa kudhan, kudha tokkoo, kudha tokkoof walakkaa. Irribni gaafa na didu ka'een gara kutaa Piiter deeme. Foddaa cina teenyee sagalee alaa dhufu eegaa turre. Baay'ee walitti maxxannee taa'uu keenya irraan kan ka'e, sodaa nutti dhagahameen dhahannaa onnee walii keenyaa ni dhageenya. Jechoota tokko lama walitti ususnee irra deebiin gurra keenya gara alaatti ergina. Aabbaan faa halkanichi nagaan yoo bari'e gara Obbo Kireeleritti bilbilanii beeksisuu fi nama nu xuwwaarsu akka nuu ergan itti himuu irratti walii galan. Yerosuma maal akka jedhan barreeffamaan lafa kaawwatan. Sodaan jiru garuu poolisiin kuusaa meeshaa keessa yookiin Biiroo keessa dhokatee jiru akka hin dhageenye isa jedhuudha. Garuu dabalees obbo Kireeler faa dhufanii haalota hunda mijeessuu isaaniin dura poolisoonni yoo dhufan hoo sodaan jedhu shakkii fi hookkara uume. Ergaawwan bilbilaan darbuu barbaadan isaan kana turan. "Hattoonni cabsanii galanii turan. Achii boodas poolisoonni Naazii dhufanii Biiroo keessa naanna'aa turaniiti kan deeman. Hulaa mana icciitii bira hanga gahanitti ture. Ammaaf sana hin darbine. Hattoonni nahanii balbala mana kuusaa meeshaa erga cabsaniin booda karaa lafa biqiltuulee miliqanii bahan. Balballi guddichi ammayyuu keessaan akkuma loofametti jira. Tarii Obbo Kireeler jimaata yeroo bahu karaa balbala isa kaanii bahuu hin hafne. Meeppeen ariitiin furtuu fiddee dhuftee haalota akka hordoftu itti nuu dhaamaa!" Haaluma waliigaltichaan bilbilli bilbilame. Sana booda minjaala jala seenuun hundi keenya waan ol seenu eegne. Meeppee faa yookaan poolisoota. Piiteriin irribni fudhateera. Anii fi obbo Faandaan lafa bal'aa sanarra ciifne. Akka tasaa godaa sagalee faana namaa dhiyaachaa deemu dhageenye. Suuta jedheen ol ka'e. Meeppee faa ta'uu qabu "ususa". " A'a poolisoota dha" ususa biraa. Balballi keenya ni rurrukutame. Balballi icciitii keenyaa ni rurrukutame. Inni kun addatti aadde Faandaaniif humna ishee ol ture. Fuullishee achumaa achitti akka waraqaa addaate. Of dandeessee dhaabachuun isheef dadhabame. Lallaaftee soofaa cina ishee jiru irratti kufte. Dhugaa sanan sitti hima Kiitii. Dhiphinni sun daqiiqaa dabalataa tokko osoo umrii dheeratee jiraatee aadde Faandaan maal ta'uu akka dandeessu ani hin beeku. Tarii ni duuti. Amma immoo dhiimma jeequmsa galgalaa irratti oduu haaraa obbo Kireeler nuu fidee dhufen sii hima. Obbo Kireeler mana obbo Silaagiter yeroo gahu obbo Silaagiter irribaa hin kaane ture. Haadha warraa isaati, abbaan manaa ishee akkuma duraan aadeffate osoo naannoo sonuu Balballi mankuusaa walakkaa irra caalaan cabuu isaa argee poolisoota bilbilee waamee akka agarsiise, kan Obbo Kireeleritti himte. Kan hafe abbaa manaan ishee Kibxata ganama dhufee, akka bal'ina isaa isaaniif ibsu obbo Kireeleritti himtee isa gaggeessite. Mana obbo Silaagiterii erga daabi'anii booda Obbo Kireeler qixa gamoo keenyaan daandii gama abbaa qabeenyaa shagaxa nyaataa fi mana dhugaatii namicha ta'e tokko arge. Dubbii keenya keessatti Kiitii, shagaxoonni nyaataa baay'een isaanii nuu bitaman mana dhugaatii fi nyaataa namicha kanaati. "Halkan mankuusaa hattaanni cabsanii galuu isaanii dhageessee?" jedhee yeroo Obbo Kireeler gaafatu, "Eeyyee nan beeka" jedhe sagalee qabbanaa'aan. "Eeyyee sa'aa sanatti haadha manaa koo waliin balbala sanarra osoo darbinuu ture kan balballi sun cabuu isaa argine. Jaartiin tiyya callisnee deemsa keenya akka itti fufnu ture kan isheen barbaadde. Ani garuu adda baafachuu waanan fedheef buttujjii koo akkan qabadhetti gara balbalichaatti siqeen yeroon keessa ol ilaalu hattoonni naasuun mankuusicha gadi dhiisanii badan. Garuu walanee isaa waanan sodaadheef bilbilee poolisii beeksisuu hin feene. Sis yoo ta'e bilbiluu dhiisuu koo hin jibbitu. Laal akkam seete Obbo Kireeler? Gamoo kana keessatti icciitiin maalii akka adeemsifamaa jiru waantan ani ofitti amanamummaatiin beeku hin jiru. Garuu dhiifama naa godhi malee waantonni ani shakku baay'een jiru. Kanaafi poolisootaaf bilbiluu kan ani hin barbaanne. Obbo Kireeler namicha galateeffatee karaasaa itti fufe. Namichi kun as keessa jiraachuu keenya shakkuun isaa hin oolu. Sababni isaas obbo Kireeler shagaxoota nyaataa kan gara biiroo nuu fidu yeroo hunda sa'aatii laaqanaa wayita hejjettoonni faca'an eegeetu. Ilaali Kiitii, namni gaariin gosa akkasiis jira. Obbo Kireeler nagaatti nuun jedhee yeroo deemu fi qodaa nyaataa dhiqnee wayita raawwannu naannoo sa'aa torbaa dha. Hundi keenya iyyuu irribni nu dadhabsiisaa waan jiruuf yoosuu gara gara kutaa ciisicha keenyaa deemnee rafne. Ani sagal ta'uu ruubii hir'uu yeroo ta'un dammaqe. Ijoota koo dunquqquu sukkuummachaa qulqullinaaf gara mana fincaanii deemee yeroon ol seenuuf jedhu Piiter duukaa wal kiphne. Achiin akka kutaa isaatti wal arginu mari'anne. Dhiqqadhee fi dibadhee akkan xumureen gara kutaa Piiteriin deeme. Achis osoo hin turiin gara "baaxii sanaa deemuuf amma garajabina qabdaa?" jedhee na gaafate. Boquu koo olii fi gadi sochoosuun "Eeyyee" koo isa beeksiseen wal qabannee gara baaxii keenyaa deemne. Qilleensi isaa jiidhaa fi kan hin quufamne ture. Piiter harka isaa salgii kiyya irra buusee garasaatti na siiqse. Anis dugda isaan hammadhe. Fagoorraa Makiinaan poolisootaa iyyaa deeman ni dhagahamu. Dhimma kan itti kennine siitti hin fakkaatiin. Akka wal hammannetti calliinsaan turre. Sa'aa kudhan irratti maargoot bunaaf yeroo nu waamtu ture kan wal gadhiifne. Namoonni miseensa mana icciitii kutaa waliinii keessatti walitti qabamne hagas maras yoo ta'uudhaa baate walitti qoosnee kolfine. Isa haa galatu lammaffaa kanaaf geenye. Waan hunduu akka duraaniitti deebi'e. Galgala keessa galata koo fi dinqisiifannaa koon ibseef. Dhugumatti halkan guutuu kutannaa fi murannaa Piiter argisiise hunda keenyaaf gootummaa kan nuu galaasu ture. As keessaa eenyuun keenya iyyuu haala sodaachisaa akka Dilbata galgalaa keessa darbinee hin beeknu. Dhuguma koon siin jedha Kiitii too, gaaf sana Waaqayyo gaachana ajaa'ibsiisaa nuu ta'e. Mee yaadi! Poolisoonni Naazii hanga balbala icciitii keenyaa sochoosuutti gahanii, ammas lubbuun jirra. Harka isaaniittis hin kufne. Akka Awwaannisaa arifatanii kan nama weeraran, xiyyaarota waraanaa Naazii mataa keenya irraa bookkisani fi boombii akka bokkaa rooban kanamee kan sodaannu, lubbuu keenya tokkittiifiim. Dhiphinni dilbata galgalaa garuu isa kana irra harka dachaa kudhan hammaata. Sababiin isaas nuti qabamne jechuun namoota as keessa nu dhoksuun lubbuu keenya tursiisuuf yaalan kanaaf dhumate jechuu dha. Kana dha dhiphina keenya dachaa fi dirribii kan godhu. Maalumaafuu uumaan keenya salphina jalaa nu baasteetta ammas kanumaan itti fufi. Balaa sana teelaa mana keenyatti geeddaramsi baay'een godhameera. Obbo Duusel akka duraanii isa galgala galgala biiroo Obbo Kireeler keessa turu ni dhaabe. Kophaa isaa ta'uu wayita barbaadu gara mana fincaanii deema. Piiter galgala yeroo hunda bahee Biiroo fi mankuusaa akka xuwwaarsu itti gaafatamummaan itti kenname. Umriin balaa Dilbata galgalaa sanaaf, jiraattonni "mana icciitii" yeroo jalqabaaf dhimma dhabuu keenyaaf gargaartota keenya biraa oriisaan nu qaqqabeera. Obbo Kireeler of eeguu dhabuu keenyaaf nutti dheekkame. Meeppeenis akkasuma. Goda biirootii gogogii dhageenye jedhamee mitii osoo ibiddi ka'ee iyyuu asii akka mixxiq hin jenne nu akeekkachiisan. Nuti dafee dhaqqabdoota balaa tasaa osoo hin taane Yihuudota du'a dhokannee as jirru akka taane nu yaadachiisan. Waanti ta'e yoo ta'e iyyuu namoota cancala hin mul'annen mana icciitii kana keessatti hidhamne akka taane nuu himan. Dirqama kuma tokko malee mirga tokko iyyuu akka hin qabne dubbatan. Yaanni garaa keenyaa fi afuurri keenya osoo hin mudhukiin akka eeguu qabnu, lubbuu keenya tursuuf hanga dandeenye qofa qulqulleeffachuu fi isa irra kan darbe Waaqayyotti kenninee akka dhiifnu nu gorsan. Guyyaa tokko kun hunduu ni darba. Duuchaamatti yihuudota qofa osoo hin taane namoota jedhamnee guyyaan waamamnu ni dhufa. Garuu eenyu ta'a walanee kana hundaaf kan nu saaxile? Eenyu dha, nu yihuudota saboota warra biraa irraa adda kan nu godhe? Eenyu dha, gidiraa fi dararaa hofotii kana hunda akka hofotnu kan eeyyame? Eeyyee kan ta'e hunduu akka ta'u kan godhe Waaqayyo dha. Ammas garuu qiliilee keessa galle keessaa kan nu baasus Waaqayyo dha. Nan amana, mankaraarrii, dararaa, gidiraa kana hundumaa obsaan dandamannee haleellaa nurra jiru oollee Yihuudonni muraasni yoo hafne, fakkeenya kufanii ka'uu guddaa addunyaaf taana. Jajjabinni nurraa hin fagaatiin. Hadheeffachuu dhiisnee le'ii keenya tursiisuuf dirqama nurraa eegamu qofa bahachuu qabna. Kan hafeen furmaannisaa yeroo isaatti ni dhufa. Kan ta'uuf ka'es inuma ta'a. Dhugaa tokko garuu dagachuu hin qabnu. Waaqayyo uummattoota keenya ganee hin beeku. Barri lakkaa'amuu erga eegalee kaasee Yihuudonni turani. Baruma baraanis gidiraa fi baqattummaaf saaxilamaa jiraataniiru. Garuu immoo jabinni isaanii kan dhufe kanarraayi. Si dhiba Kiitii too, maaliif akka ta'e mooji, Dilbata galgala du'uu akkan qabu natti dhagahame. Dhufaatii poolisoota ture kanan eegu. Yeroon siin jedhu sirriitti of qopheesseen ture. Akkuma loltuu waraana ho'e keessa jirutti. Amma garuu balaa sana irraa nan oole mitii? Waanta biraa hawwaan jira. Waraanni kun akkuma xumurameen lammii Hoolaandi ta'uu dha. Hoolandota baay'een jaaladhe. Qooqa saaniis baayyee waanan jaaladhuuf asuma jiraachuu fi asumaa hojjechuun fedha. Waaqni nama guyyaa sanaa naan haa jedhu malee, kaayyoo koo kana hangan galmaan gahee argutti samiin ani hin daakne hin jiru. Mootittii mataashee xalayaatiin gaafachuu irraa waanti na hanqisu hin jiru. Dhiibbaa maatii koo irraa bilisa of gochuuf yaaliin ani godhu guyyaa irraa gara guyyaatti foyyee fidaa jira. Dhuguman siin jedha Kiitii too, Jireenyaa koo kanan wal'aansoo qabaa jiru karaa harmeerra foyya'aa ta'eeni. Haqarratti ejjennoon ani qabus eenyumaanuu kan hin sharafamnee fi kan hidda gadi fageeffate ta'eera. Kanin barbaadu beeka. Ilaalcha mataa koo fi galma mataa koon qaba. Amantaa qaba. Jaalala nan qaba. Of ta'uuf fedhii guddaan qaba. Amma dubbii walii galaan ani uwwaa guutuu dha. Durba Cimina afuura keessoo fi onnee hin dachaane qabdu dha. Waaqayyo akkan jiraadhu yoo naa eeyyame bakka harmeen geesserra namummaa wayyu akkan qabaadhu nan godha. Eeyyee Kiitii, osoo hin beekamiin akkasumaan jiraadhee darbuu hin barbaadu. Hangan danda'etti dhala namaa hundaaf nan hojjedha. Aanaa kee irraa JIMAATA EEBILA 14/1944 Jaalatamtuu Kiitiif Erga jeequmsa dheengaddaatii haalli jiru kan namatti ulfaatu dha. Aabbaan inni cimaa jedhamullee ho'ee danfuuf waanti isa hafe hin jiru. Aadde Faandaan qufaa cimaan ishee qabee siree qabattee jirti. Hanga hojjettoonni hunduu asii deemanitti afaanshee siree gubbaatti qadaaddee akkuma qufaatetti oolti. Obbo Faandaan guyyaatii gara guyyaatti huuqqatee huuqatee lilmoo fakkaateera. Obbo Duusel mijuu isaa eeggachuuf yaaliin inni gochaa ture isaaf dadhabamuu irraan kan ka'e iddoo tokko taa'ee areeda isaa osoo sukkuumuu bariissisee dhiissisa. Warri hafnes akkasumatti karaa mataa keenyaa miira walii galaa manichaa agarsiisaa jirra. Qofa garuu Kiitii, tibbana carraan nuun duukaa akka hin jirre waan wal nama gaafachiisu miti. Kanarratti ujummoon bishaanii mana fincaanii keenyaa cabee bishaan dhangalaasaa jira. Gara kutaa isa gad aanuutti cobuu jalqabeera. Gaarummaan isaa waan akkasii kana gargaartonni keenya nuu sirreessuu waan danda'anii dha. Rakkoon jiru garuu nuun mataa keenya sirreessee gara miira keenya duraatti akka deebinu kan nu godhu eenyu akka ta'e mooji malee. Si ajaa'iba Kiitii, Sammuun koo hadhaba kana gidduutti afuura baafannaa dhabee osoo jiruullee, darbee darbee illee taatu miira gammachuu balaq jettee hillim jettu si'a baayyee nan arga. Akka carraas ta'ee hadhaba sanaa bahuu fi afuura baafannaa argachuuf waan xiqqootu na gaha. Fakkeenyaaf Piiter wajji gatiittii wal hammannee, walitti siqnee, harka isaa tokkoon immoo simala rifeensa mataa koo lama sadii qabee yeroo quba isaatti maru, Sagalee sinbirroota bilisummaan bakkeetii burraaqan yeroon dhagahu, biqiloota baala isaanii guutummaa guutuutti harcaasanii lammaffaa deebisanii magariisa uffachaa jiran yeroon argu, gara baaxiitti ol bahee Aduu ho'i ishees ta'ee ifti ishee kan hin quufamne fuula dura yeroon dhaabadhu, samii qulqulluu ol jedhee yeroon ilaalu, Meeqa sitti himeen danda'a? Dubbii keenya keessatti akkuma waantota xixiqqoo fakkaataniif sammuun koo dhiphinaan waadamu, waantotuma xixiqqoo fakkaataniin gammachuun koo ni deebi'a. Jechama walii galaan haalli mana icciitii keenyaa maal fakkaata jettee yoo na gaafatte, Afuura watwaannaa dheeraa baafachuu, ammas ammas quboota isaanii qaqaqsu, daqiiqaa sadi sadiin hamuummachuu fi hihiixachuu, gogaa adda isaanii walitti guuruu, oduus ta'e dubbii jibbuu, fi walumaa gala namoota surraa fi gammachuun irraa fagaateen kan guutamedha. Hunduu akka waan jireenya kana ganna lama guutuu hin jiraannee fakkaateera. Karaa koo gurra hin guddisiin hafneerra natti hin fakkaatu. Dhugaa dubbanna taanaan rakkoo nu mudate ol kaasna taanaan hanguma nuti ol kaasne nutti ulfaata. Gidduu keenyaa haalota qabbaneessee nu tasgabbeessuuf kan yaale, akkasumas kan fakkeenya nuu ta'e hin jiru. Aabbaan mataan isaa abshiir jabaadhaa jedha malee inniyyuu jabaadhuu akka barbaadu haala isaa irraa ni hubatama. Hunduu qooda miira isaa tasgabbeessuu qabu matuma mataa isaatiin yeroo hadheeffatu mul'ata. "Achi abbattii koo, osoo kan ta'e ta'ee nu obbaafachiisee gaariidha" jechi kun hanga gurri kee dhagahuuf nuffutti irra deddebiin dhagahama. Ammas dhugaa isaa natti himi yoo naan jette. Har'a callisee aari aari naan jedha. Garuu sababa isaa natti himi yoo jette hin beeku. Waanti hunduu najalaa wal makeera. Mudannoo isa tokko mudannoo isa biraa wajjin daandiin ittiin wal qabsiisu illee dhabaan jira. Ammoo barreeffama guyyaa guyyaan ani barreessu eenyu iyyuu iddoo itti kennuu dhiisuu mala, yaadni jedhu dhufee fuula koo dhaabatee hamlee barreessuu koo gadi buusaa jira. Waraanichi gaafa raawwatu jalqaba Diyaarota walitti qabna kan jedhan Obbo Baalkestaayin fa'ittis Diyaariin too waan dhama hin qabne taatee itti mul'atti yanni jedhus natti dhagahame. Haa ta'u malee Kiitii too, laftii fi samiin illee osoo bakka wal jijjiiranii barreessuu akkan hin dhaabne waadaan sii seena. Aanaa kee irraa

SANBATDURAA EEBILA 15/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Walanee irratti walanee, dararaa irratti gidiraa, xumurrisaa yoomuma laata? Gaaffii kana amma osoo of gaafannee dhugaa qabna. Amma immoo maaltu uumame naan hin jettuu? Piiter loosaa balbaba karaa guddicha irraa gara biiroo geessu osoo hin baniin dagate. Guyyaa hunda nageenya keenyaaf jennee galgala galgala balbala sana keessaan loosaa loosnee cufna. Garuu obborfannee kaanee osoo hojjettoonni hin dhufiin loosaa sana keessaa baafna. Kun yeroo hunda itti gaafatamummaan isaa kan Piiter ture. Maarree akkuma yeroo hunda godhu Obbo Kireeler dura hojjettootaa dhufee furtuu banee yeroo ol seenuuf jedhu balballi keessaan loofameera. Sitti haa agarsiisu Kiitii tiyya, akka tasaa osoo Obbo Kireeler barfatanii dhufaniiru ta'ee yookaan otoo hojjettoonni warri kaan dura dhufaniiru ta'ee maal jedhama? Balbalichi keessaan cufameera jechun namni keessa jira jechuudhaam!...... Dogongora dadhabootaa jiraattota mana icciitii kanaan raawwateen obbo Kireeler akkam akka nutti ori'e sitti hin himu. Dhugaa dubbachuuf garuu aaruunuu itti ni xiqqaata. Egaa yeroo sana Piiteriin si hin godhiin Kiitii tiyya, Akkam ofitti akka saalfate osoo argitee garaa si nyaata. Haala Piiter kana kan hubatte harmeen dhiyaana irratti maaliyyuu caalaa kan ishee gaddisiise Piiter akka ta'e dubbatte. Boo'uuf waa malee isa hin hafne. Dhugaatti balleessaan isaa kan Piiter qofa osoo hin taane kan hunduma keenyaati. Yeroo kaan hundi keenya gara barii balbalichi loosaan isaa osoo hin kaafamiin akka hin hafne jechoota akeekkachiisaa darbanna ture. Akka carraa ta'ee har'a tokkoon keenya iyyuu hin yaadanne. Maalumaafuu gara boodaarra hangan danda'e isa jajjabeessuu nan yaala. Miira hadhaawaa inni keessa gale keessaa baasuuf dirqaman qaba. Piiteriin hubachuurra waanti na gammachiisu akka hin jirre atiyyuu beekta. Aanaa kee irraa

DILBATA EEBILA 16/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Jaalatamtootaa Kiitiif Guyyicha kaleessaa yoomillee akka ati yaadattun barbaada. Sababiin isaas jireenya kiyya keessatti iddoo guddaa kennuufii guyyaan qabu dha. Dhugumatti mucayyoo tokkoof guyyaan isheen yeroo jalqabaatiif dhungatamte isheef guyyaa addaati. Sirrii mitii Kiitii?, kanaaf anaafis guyyaan kaleessaa guyyaa angafadha. Eeyyee dur obbo Biraam maddii koo mirgaa inni na dhungates ta'ee inni michuun aabbaa obbo Waakir harka koo mirgaa na dhungate hin lakkaa'amu. Garuu akkamitti dha, carraa dansa kana argachuu kanin danda'e? Yeroo hamma kana booda akka tasaa carraa dhungatamuu akkamiinan argadhe seeta? Gaarii, jalqabarraa kaasee anumti tokko lamaan siif haa himu. Kaleessa galgala keessa sa'aa lama irratti kutaa Piiter akkuman seeneen isa cinaa sireesaa dachaatu irran taa'e. Baay'ees osoo hin turiin Piiter harka isaa tokko gatiittii koo irra kaa'e. Akkasumas ofitti na qabee caalaatti ofitti na maxxanse. Ani kanin taa'e karaa saanduqa dhaabbii waan ta'eef irra deddeebiin waan na dhaheef xiqqoo osoo ol siqnee hin wayyuu jedheen isa gaafadhe. Piiter yoosuu gara keenyanitti siqe. Inumaayyuu cabsaa keenyan keessa ruuqame jedhamuuf ni danda'ama. Anis isa hordofee itti siqee irree isaa jalaan harka koo loosee mudhii isaan hammadhe. Innis harka isaa lamaan gatiittii kiyyarra jiru walitti gudunfee yeroo ofitti na jabeessu lapheesaa irratti na maxxanse. Dubbii keenya keessatti Kiitii, kana duras taa'umsa gosa kanaa teenyee beekna. Akka isa kaleessaa garuu walitti maxxannee hin beeknu. Yeroo kamirrayyuu caalaa jabeessee ofitti na qabee ture. Salgiin koo biraa bo'ii laphee isaa keessa ruuqameera. Ani immoo karaa koo itti caalchiseen itti of maxxanse. Innis bifa of keessa na galchuu fakkaatuun hudhee ofitti na qabe. Achumarraan dafqa, hargansuu qilleensa daawullaa isaatiin baasuu jalqabne. Qolee koo rifeensa koo waliin walitti hammaaree mataa koo morma jala hanga na galchutti, jechuunis Guutummaa guutuutti hanga na haammatutti harki isaa takkaa hin boqonne siin jechuu nan danda'a. Ho'i keenya suuta suuta dabalaa deeme. Hargansuun keenya ciccituu eegale. Akkuma jirru kanatti osoo bara baraan jiraannee jedheen hawwe. Akka nama hirribaa dammaqee gidduuttin wareere. Maaliif akka ta'e osoon hin beekiin laphee isaa irraa olan jedhe. Isa cina osoon taa'aa jiruu akka tasaa ol jedhee ofitti na qabee oddoon duraan turetti na deebise. Anis akka duraatti itti maxxanuuf wal'aansoon eegale. Isa ammaahoo na hin gaafatiin Kiitii, fuulli keenya baay'een isaa wal tuxxuqaa ture. Afuurri keenyas akka giimii gubuu jalqabe. Miira mijuu akkamii keessa akka turre sitti himuuf yaaluun dadhabbii akkasumaaniiti. Osoo hin argiin tilmaamuu tasayyuu hin dandeessu. Jecha tokkittii waliin dubbachuu hin dandeenye yoon siin jedhe na amantaa? Edaa gammachuun yeroo baay'atu dubbachuu mara nama dhowwa jechuudhaa? Kan si ajaa'ibu immoo miirri sitti dhagahamu miira oduu wal irraa hin cinne fakkaatu wayiiti. Baay'ee waan waliin dubbatte sitti fakkaata. Takkaa maddii koo, takkaa morma koo, takkaa irree koo lamaan na hooksa ture. Eeyyee, hooksi isaa akkan siniimaatti arge sana suutaa fi tooftaan kan guutame hin turre. Akkas ta'uu dhiisuu isaafis baay'een jaaladheef. Dagaggama immoo shimala qajjisa koo sukkuumee adda baasaa ture. Qofa gabaabumatti Kiitii tiyya, samii torbaffaatti olan bahe yoon siin jedhe waanan gurra guddise sitti hin fakkaatiin. Innis waan garaa isaa otoo dubbatee kan kanaa gadii hin ta'u. Maalumaafuu Kiitii too, Akka sa'aa walakkaa erga turree booda, jechuunis galgala sa'aa lamaa fi walakkaatti laamshaa'aan keenya wal gadhiisne. Wal gadhiisuun sun immoo hagam ulfaataa seete? Waan qaamni kee wayii citee hafe sitti fakkaata. Ani qajjisa koo sisirreeffachuu yeroon jalqabu, inni immoo kophee siniikerii isaa dirate. Kophee isaa sinikerii kan kaawwateef immoo yeroo hunda sa'aa kanatti gadi bahee waan jiru mirkaneessee balbala guddicha keessaan cufuun itti gaafatamummaa isaa waan ta'eef, akka faanni isaa hin dhagahamneef kophee kana fayyadama. Addunyaa keenya kana yeroo xumurru dursee kan siree irraa ka'e Piiter ture. Anis garuu yoosuu ka'een isa bira dhaabadhe. Yaa raajii keenyaa Kiitii too, irra deebiin wal ilaalle. Ammas akka haaraatti ija keessa na ilaalaa, fuula koo qaqqabuu fi martuu kiyya sukkuumuu jalqabe. Anis waanan godhu akka na jalaa bade ifatti karaa narraa beekamuu danda'uu fi hiituu shaamiza isaa fuula duraa qaqqabaa ija kiyya olii gad dhahuun jalqabe. Achii akkam akka tahe mooji, akka tasaa afaan isaa afaan kiyyatti qadaadee ichimee na dhungate. Eeyyee Kiitii too, hidhii isaa qajjisa koo gidduu loosee, maddiin isaa fi mormi koo iddoo wal qunnaman irra silliq godhee na dhungate. Yeroo tokkotti bakka sadii akka na dhungate naa hubattee Kiitii tiyya? Takkaatti maddii koo, gurra koo fi afaan koo na na dhungate. Ol jedhee illee osoo isa hin ilaaliin balbala banadheen bahee sokke. Namoonni kutaa waloo sana keessa taa'anii haasa'aa jiran uumamuun isaanii illee osoo hin hafiin waan qaxab na jedhe sitti hin fakkaatiin. Ganamni yoom naa barihee isaa wajjin wal arga jedhee osoon yaaduu kutaa kiyya galee uffata keessa lixee rafe. Aanaa kee irraa

WIIXATA EEBILA 17/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Kutaa dargaggeessa tokkoo seenee siree gulummaa isaa irratti qabdoo gochuu koo osoo dhagahanii waan amananii fudhatan sitti fakkaataa? Dargaggeessa ganna kudha torbaa fi mucayyoo waggaa kudha shan seeraan hin fixnee? Karaa koo raajii kamiinuu ni fudhatu amantii jedhu hin qabu. Kanas ta'ee sana dhimma kanarratti ofitti amanuun qaba. Harka isaa bitaa fi mirgaan naa afee qolee koon irra ciisee abjoochuun boqonnaa hin safaramne naa kenna. Yeruma maddiin koo fi maddiin isaa wal tuqan qaama koo keessaa gaarraatii hanga gajjallaatti waanti hollatu tokko jira. Isa kaan dhiisiitii namni hawwiin na eegaa jiru tokko jiraachuu isaa beekuun koo qofti gammachuu inni naa kennu kana jedhamee kan himamuu danda'amuu miti. Garuu immoo wanti yaaddoo natti ta'aa dhufe tokko jira. Piiter waliin dubbii irra darbee, walitti dhufeenya keenya haga yoonaan gammachuun itti fufuu danda'aa laata? Yeroon inni haasaa arrabaarra waan darbe na gaafatu ni dhufaa laata? Dhuguma waadaa inni naa seene dagadheetiis miti. Yeroon siin jedhu hanga bakka kana jirutti waan kana irra darbe akka hin raawwanne irra deddeebiin naa mirkaneesseera. Garuu waan tokko akka hin daganne Kiitii. Maalis haa ta'u maal "Piiter dhiira dha" dhiirri miirri isaa yeroo itti ka'u yaadsammuun isaa isa dhiisee deema jedhama. Kanaaf malee Piiter dhimma kam irratti iyyuu yoo amante kan si qaanessu akka hin taane anaa ol ragaan hin jiru. Dubbii keenya keessatti Kiitii, anis umrii koo malee akkan eegale naa gala. Eeyyee reefu waggaa kudha shan illee hin fixne. Garuu waa hunda ofii kootii gochuu fi murteessuu jalqabeera. Kun namoota birootti waanta keessummaa yookaan kan amanuuf nama rakkisu ta'uu danda'a. Sababiin isaas kun waan baratamaa miti. Fakkeenyaaf Maargootiin osoo fudhattee, waadaa gaa'ilaa yookiin walii galtee barreeffamaa yoo qabaatte malee raajii kamiinuu akka hin dhunganne ofitti amanamummaa guutuutiinan sitti hima. Tasayyu hin tuqsiistu. Gita sanaan garuu anii fi Piiter waan kun jiraachuu isaa iyyuu sirumaa waan quba qabnu hin fakkaannu. Harmees yoo taate aabbaa dura dhiira gara biraa akka hin beekne nan amana. Hiriyoonni koo ijoolleen dubaraa kan mana barnootaa raajii koo kana osoo dhahanii maal naan jedhu laata!? Dhugaan jedhaam!, Piiter duukaa akka wal sukkuumnu, akka wal dhungannu osoo beekanii maal naan jedhu. <<Yaa Aanaa Firaanki!, saballaqamtuu akkasii taatee teessee?>> Garuu, garuu, garuu saballaqamummaan koo eessatti? Dhugaa haa dubbannu osoo jennee anis ta'ee Piiter balleessan keenya maali? O'o, nuti yeroo kana hunda lafa raajii kana keessa kan turredhaam!, Addunyaa guutuu irraa cinnee, akka hiriyoota keenyaa bilisummaa argachuu qabnu dhorkamnee, carraa abaaramaa nu mudateen dargaggoota barbadaa gidduutti ugguramnee jirrudha. Kanaaf maaliif walirraa fagaachuun nu barbaachisaree?. Maaliifis umrii keenya eeguun nu barbaachisa? Ammoo ilaalcha warra kaaniifis dhiphachuun nu hin barbaachisu. Hinyinyiin yeroo nama sheeqqatudhaam! Waanuma fedheefuu dogoggora hin babaachifnee fi rakkoo hin taane keessa akkan hin buune akka na eeguuf itti gaafatamummaa isaa isarratti gatee dhiiseera. Isas yoo ta'e haala rakkoo keessa na buusuu danda'u irraa sirriitti akka of eeggatu dhibbaa dhibbatti ittin amana. Kanaaf onneen koo gara na oofte hundatti akkan hin deemne wanti na dhorku maaltu jira? Yeroon siin jedhu, anis innis wanti ittiin gammachuu argannu isa erga ta'ee. Waanumti ta'e ta'ee Kiitii too, ammas waantin ani mirkaneeffachuu barbaadu akka jiru, akka ati tilmaamtu shakkii hin qabu. Jechuun, wanta wal dhokachuu of keessaa qabu kan gosa kamiiyyuu ani hin barre, akkasumas jireenyin ani hanga har'aatti jiraachaa dhufe, amalli haqummaa koo keessa kootii na qoraa jira. Kanaaf maal naan jetta Kiitii tiyya? Waa'ee waantan gochaa jiruu kanaa aabbaatti himuun waan na barbaachisu sitti fakkaataa? Anis ta'ee Piiter icciitii keenya qaalii kana nama sadaffaaf hiruu qabnaa? Mooji kooti malee Kiitii too, ani karaa gama koo icciitii keenya kana ifa baasuun gammachuu keenya ni dimimmiseessa yaaddoo jedhun qaba. Karaa biraa immoo walitti dhufeenya icciitii kana aabbaatti himuun ceephoo yaadsammuu koo irraa bilisan ba'a yaanni jedhus natti dhufeera. Maalumaafuu murtii gosa kamiirrayyuu gahuukoon dura Piiteriin mariissisuun qaba. Eeyyee Kiitii tiyya, isa duukaa waantan marii'achuu qabu hedduun qaba. Wal hooksuu fi wal dhungachuun qofti gahaa ta'ee natti mul'achaa hin jiru. <<Yaada wal jijjiiruu, fi inni tokko isa tokkoratti amantii guutuu qabaachuu qaba>> kana gochuun keenya immoo lamaan keenyaafuu bu'aa malee kasaaraa hin qabu. Aanaa kee irraa

KIBXATA EEBILA 18/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Waanti hunduu gaarii fakkaata. Waraanni sabdaneessaa hoggansa Xaaliyaanii fi Ruusiyaatti akkasumas waraana Naazii gama lixaan jiru irraatti opireeshinii weeraraa bal'aa caamsaa digdama dura ni gaggeessa jedhee ofitti amantii guutuun eegaa jira. Ani garuu bakka kanaa haala itti bahuu dandeenyu yaaduunuu natti ulfaataa jira. Dhugaa ta'uun isaa natti mul'achaa hin jiru. Kaleessa anaa fi Piiter gara barsiifata keenya duraatti deebineerra. Jechuun koo akkuman sitti hime gidduu kana, yoo xiqqaate guyyoota kudhanif waanta oduu jedhamu dhiisnee, wal hooksuu, wal dhungachuu, yookaan immoo wal hammannee calliinsaan turuu qofa ture. Har'a ammoo waa'ee ijoollee durbaa sirriitti akka ta'uttin isa hubachiise. Baay'ee icciitii waantonni jedhaman osoo hin hafiin tokko tokkoon gadi fuudheen isa haasofsiise. Galgala kana akkuma baranne kan ittiin xumurre wal dhungachuuni. Jalqaba irratti kan maddii isaa dhungate ana ture. Itti aanee immoo inni na dhungate. Akka durii maddii koo walakkaa osoo hin taane baay'ee gara afaan kootti siqeeran siin jedha. Fokkuun ta'e malee otoon boquu koo gara isaatti naannesseera ta'ee? Piiter duukaa marii bal'aa gaggeessuuf dagaggama Diyaarii koo fuudhee deemuun tarii na barbaachisuu hin hafne. Galgalas ganamas wal sukkuummii qofaan adda bahuun gahaa ta'ee natti hin argamne. Innis tarii yaaduma akka kanaa osoo qabaatees baay'ee natti tola. Kan hafeen amma waqtiin itti jirru waqtii bareedaa waqtii Birraa dha. Addatti jiini kun qilleensi isaa baay'ee kan namatti tolu dha. Baay'ees osoo hin ho'iin, baay'ees osoo hin qorriin gita barbaadamuuni dha. Darbee darbee immoo qilleensa haphii qilleensa'a. Biqiltuun Cheestineetii guutummaatti magariisa uffataniiru. Akkasumas ililliiwwan xixiqqoon bakka bakkatti ni mul'atu. Garuu guyyaa muraasa booda magariisummaan isaa hanga dhokachuun gahutti habaabonni ni uwwisu. Dubbii keenya keessatti waa'ee ilillii erga kaasnee waanan sitti hin himne tokkon qaba. Namoonni mana icciitii kanaa hiree garaa garaa miirri isaanii akka hin miidhamnee fi akka hin jeeqamneef Meeppeen darbitee darbitee waantota tokko tokko nuu gooti. Walanee torban dura keessa seennee turre immoo atiyyuu ni beekta. Kanaaf Meeppeen qodaa ilillii afur qabu Sanbata darbe nuu fiddee dhufte. Inni tokko anaaf kophaatti kan naa dhufe ture. Jedhi egaa Kiitii too, Har'a baay'ees si wajjin hin haasofne. Sababiin isaas qo'annoo hirregaa wayii gochuu waanan qabuufi. Aanaa kee irraa

ROOBII EEBILA 19/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Obbobbosh,.... Haa ta'uyyuu malee addunyaa kana irratti baaxii karaa sadiin keenyaniin golgamee karaa tokkoon qofa banaa ta'e irra taa'anii icciitii uumamaa dhamdhamuun, Sinbirroota asiif achi daddarban sagalee kiilolee isaanii dhaggeeffachuu, ifa aadde biiftuu ho'ifachuu, eebba kana hunda mucaa baay'ee jaalatte wajji qooddachuu caalaa maaltu nama gammachiisa? Oo... Kiitii too!... Harkoonni isaa natti maramanii mudhii koo na qaban ho'i isaa yeroo natti dhagahamu, yeroofis ta'u na cina jiraachuu isaa yemmuun yaadadhu, tasgabbii akkamii fi gammachuu akkamii akkan argadhu sitti himuu hin danda'u. Eeyyee Kiitii, jecha kamiinuu kan cabuu hin qabne, dudubbii kamiinuu kan cabuu hin qabne. Callistee waliin dubbii dhiisuun dhamdhama mi'eeffattu fi miira si bashannansiisu ni fayyadamta. Dhuguman siin jedha, osoon jeeqamuu baadhee miirri jedhu si seena. Aanaa kee irraa

JIMAATA EEBILA 21/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Kaleessa sa'aa booda na dhukkubee ciiseen ture. Garuu akkuman ciiseen ciisichi waan na nuffisiiseef kan dhohe haa dhohuuf ittumaanan ka'e. Dhugumatti akkan sodaadhe miti. Inumaayyuu har'a kan akkasitti natti wayyeef waanan of jajjabeesseef ta'uu hin oolu. Har'a kabaja guyyaa dhaloota Kabajamtuu intala mootii "Elsaabeex" waggaa kudha saddeettaffaa dha. Bareedduu kana ilmi mootii kam fi eenyu akka ishee fuudhu irratti wal falmaa turree dhuma irratti gita ishee dhabnee dhiisne. Obboleettiin ishee Maargaareet Reez yoomillee yoo ta'e yoom ilma mootii Beeljiyeem Bawudowwii harka isheen qabdee akka fuussistu tilmaama hunda keenyaa ta'eera. Waan tokko immoo yaadaan jira Kiitii, gaazexoota murtaa'aniif xalayaa barreessuu fi asoosamoota koo keessaa tokko maxxansa isaanii irratti akka naa baasan eeyyamamaa ta'uu fi dhiisuu isaanii adda baafachuun barbaada. Abshiir yoon barreesses maqaa kobbeetiinan barreessa. Hahaha.... Yeroo itti aanutti hanga wal arginutti nagaatti naa turi. Aanaa kee irraa

KAMISA EEBILA 27/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Tibba kana kitaaba "mootii moototaa Chaarles shanaffaa" Yuniversitii Getiningenitti piroofeesera kan ta'aniin kan barreeffame dubbisaan jira. Piroofeeserri kun kitaaba kana katabee xumuruuf waggaa afurtama itti fudhate. Guyyoota shanan darban keessatti kanan dubbisuu danda'e fuula shantama qofa. Haalli barreeffama isaa manshii waan ta'eef ariitii kanaa oliin waan dandeessee dubbistu miti. Kitaabichi fuula dhibba shanii fi sagaltamii saddeet qaba. Egaa dubbisee fixuuf guyyoota hagamii akka natti fudhachuu danda'u atumti herreguu dandeessa. Kana irratti kutaa lammaffaas qaba. Garuu waanuma fe'e yoo ta'e iyyuu kitaaba hin fixiin dhiisuu dandeessu miti. Mucaan durbaa beekumsa dheebotte tokko yaalii guyyaa tokkoon beekumsa hagamii gonfachuu dandeessi jettee yaadda. Fakkeenyaaf, kan koo har'aa qofa osoon sitti himee guyyaa tokko jechuun yeroo dheeraa hojii baay'ee guddaa akkamii kan itti hojjechuu dandeenyu akka ta'e sirriitti siif gala. Har'a hojii koo kanan jalqabe, waa'ee seenaa wal'aansoo murteessaa fi xumuraa Neelsen, afaan Hoolaandii irraa gara afaan Ingiliziitti hiikuun ture. Sana booda kanan kanaan dura jalqabee ture (peter the great's war against Norway (1700-1721)' ytsß mA¼F únB öyhù"" K² dGä) - (Charles the 12th') (Augustus the Strong') (Stanislav leczinský) (Mazeppá) - (Von Gorz) - (Brandenburg) fi (Pomerania fi Denmark)-iin tuqaaleen barbaabaadu qofaa gaggaragalchee dubbisaan ture. Sana booda immoo kitaaba waa'ee Biraaziil odeessu fuudheen achuma Biraaziil waanan deeme haga natti fakkaatutti Biraaziliin keessa biddiiqaan ture. Oomisha Tamboo "Bihiyaa" jedhamuun beekamu, Omisha bunaa Biraaziil, Waa'ee magaala guddittii Riyoo Dijeneeroo jiraattota naannoo miliyoona tokko fi walakkaa ta'an kan qabdu, waa'ee Perenaambukoo fi Sawwaa Paaloo, waa'ee laga Amaazoon, Baay'een jiraattota ishee Negroota(Gurraachota), Mulaatota, Meestisoota fi Warra adii ta'uu, Lammiilee ishee keessaa kuma dhibbootaan kan lakkaa'aman kan hin baranne ta'uu isaanii. Weerarri busaa yeroo yerootti lammilee ishee irratti miidhaa geessisuu fi kanaa fi kan kana fakkaatan. Bu'uura qo'annaa koo har'aan ammas yeroon xiqqoon waan na hafteef akkuman aadeffadhe waa'ee seenaa moototaatti deebi'een (Jan the Elder) - (Willcm Lodewijk) - (Ernst Casimir I) - akkasumas waa'ee xiqqittii (Margreite Firansiska) ergan muraasa caccagadee booda xiqqoo aaran galfadhe. Guyyaa keessaa sa'aa jaha wayita ta'u gara baaxiitti ol baheen qo'annaa koo ittan fufe. Waa'ee seenaa dhuftee mana lubummaa ture. Waawu Kiitii, akkam akka na sheeqachaan dubbise sitti himuu hin danda'u. Hanga sa'aa torbaatti akka itillee dhisee na qabe. Sa'aa saddeet irratti immoo ammas kitaaba biraa qabadheen sii taa'e. Inni kun immoo waa'ee sanyii jaldeessota funyaan isaanii dhaabatuu fi warra funyaan isaanii godeessaa kan seenessu dha. Waa'ee bineensotaa beekuun waan akkam nama gammachiisu of keessaa qaba seete? Mee hadaraa isa si uumee Kiitii too, gaaffii tokko sin gaafadhaatii ariitiin naa deebisi. Roobiin quboota meeqa qaba. Kakakakaka.... Kitaabni dhimma bineensotaa haasa'u akka quubsuu gaafa na godhu ammammoo Kitaaba qulqulluun kaase. Waa'ee Nohii fi markaba isaa, waa'ee Kaam, waa'ee Yaafeet fi Seemin Dubbise. Kitaabni qulqulluun yeroo na gahu immoo kitaaba biraa fuudheen waa'ee "Chaarles Shanaffaan" dubbise. Sana booda immoo kitaaba Namicha Zekeraayi jedhamuun barreeffame kan mata dureen isaa "The Colonel" kan afaan Ingilizii Piiteriin duukaa wal harkaa fuudhuun dubbifne. Dhuma irrattis lageewwan gurguddoo Amerikaa lama (Mississippi fi Missouri) jedhamuun beekaman qabiyyee isaanii wal dorgomsiisuun qo'annaa koo har'aa goolabe. Ammas qufaan koo na hin dhiisne. Kana irratti Maargoot, Aabbaa fi Harmeetti dabarseen haxxiffachaa fi maarrabii isaanii baay'ee fayyadamaa jiru. Piiteriin baga qabachuu dhiise malee kan isaanii na hin yaachisu. Piiter garuu "mee naa koottu Albuuda tiyya" jedhee - ofitti na harkisee booda, akka wal hin dhunganne barbaadee ture. Akka utaalloon na qabe fi akka isatti darbu osoon beekuu yeroon dhungadhu sitti hin mul'atuu? Qirixxee bashannansiisaa akkamii akka ta'e yaadi!... Maalumaafuu Kiitii too, kan har'aa asuma irratti nu haa gahuutii kanumaan adda haa baanu. Kan hafeen yeroo itti aanutti hanga wal arginutti waaqayyo nuu waliin haa ta'u. Aanaa kee irraa

ROOBII EEBILA 28/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Abjuu koo Piiter Waseliin itti arge yoom akkan irraanfadhu mooji kooti. Yaadattee? Ji'a amajjii jalqaba irratti kanan sitti hime jechuu dha. Lakkoofsuman yaadadhuun ho'i maddii isaa amalle natti dhagahama osoon siin jedhee na amantaa? Yeroo sana natti dhagahamee kan turee fi sana boodas waantonni gaggaariin ta'an hundaaf sababa kan ta'e miirri gaariin sun ammayyuu mar'immaan koo keessaa hin baane. Miirri gosa sanaa ammallee Piiter duukaa yeroo turru na mudatee beeka. Garuu hanga kaleessaatti miirri wal fakkaataan natti dhagahamaa ture, sadarkaa jabina isaatiin hanga isa durii sanaa ol ka'ee hin beeku ture. Kaleessa akkuma aadeffanne Piiter wajjin siree dachaatu isaa irra wal hammannee osoo jirruu raajii uumame akkam abbaa kootti akkan sii ibsuu mooji kooti. Mudannoo haaraa ati amanuu hin dandeenye ture kan mudate. Deebisee yaadachuuf illee kan na rakkise dha. Qofa, akka tasaa Aanaan akkasumaanii sunii fi Aanaan dhibooftuuf fakkeessituun sun yeroo na keessaa baatu, akkasumas bakkashee Aanaan isheen dhugaan yeroo bakka buutun arge. Aanaa ishee dhugaa jechuun gowwoomsituu fi ga'iftuu kan hin taane fi jaalala dhugaaf immoo bakka guddaa kennituudha. Akkasumas guutummaa guutuutti iftoomina kan qabduu fi madaaloftuu kan taate dha. Cina isaa itti maxxanee akkan taa'ee jirutti danbaliin wayii na weerare. Imimmaan eessaa dhufeen isaa hin beekamne ija na guute. Imimmaan ija koo bitaa keessaa yaa'u maddii koo irra konkolaatee kottee Piiter irratti cobuu jalqabe. Inni ija mirga koo keessaa yaa'us funyaan koo cinaan dhankaayee kootii Piiter irratti cobuu itti fufe. Boo'aa jiraachuu koo Piiter quba qabaachuu isaa waanan mirkaneeffadhe hin jiru. Sababiin isaa sochiis ta'ee mallattoo tokkollee isa irratti hin argine. Egaa miirri ana bira jiru isas seeneera ta'innaa? Garuu jecha gosa kamiiyyuu afaan isaa keessaa akka hin baane nan yaadadha. Isa cina Aanaan gosa lama jiraachuus hubateeraa laata? Eeyyee gaaffileen kun yoo xiqqaate yeroof osoo deebii hin argatii turuun isaanii dirqama dha. Sa'aa lama irratti ol ka'een gara foddaa yeroo hunda cinatti wal gaggeessinuuttin siqe. Danbalichis sirriitti na hin gadhiifne ture. Ammallee Aanaa ishee lammataa dha. Yoosuu innis taraf jedhee gara kootti hiiqe. Tasuma harka koo lamaan kaaseen gateettii isaa irra kaa'ee maddii isaa mirgaa dhungadhee gara isa kaaniitti yeroon darbuuf jedhu akka tasaa hidhiin koo fi hidhiin isaa wal qunname. Oo... Kiitii tiyya,.... Hidhiiwwan keenya akka walitti qabatanitti hafan. Itti caalchifnee wal haammachuun, itti caalchifnee ofitti wal harkisuun itti fufe. "Wal hudhuu jedhiin" Ammoo walirraa adda bahuun keenya waan hin jirre wayii hanga fakkaatutti walitti marmine. Waawu Kiitii tiyya, dhugumatti Piiter dheebuu jaalala dhugaan mucaa ashaaraye dha. Egaan jireenya isaa keessatti yeroo jalqabaaf mucaa dubaraa jaalala dhugaa beektu argate. Jireenya isaa keessatti yeroo jalqabaaf ga'iftoota sadarkaa duraa fi ijoollee dubaraa siruma namatti hin tolle jedhaman illee roga gaarii dhokataa tokko akka qabanii fi yeroo isaaniitti onnee qulqulluu qaban mul'isuu akka danda'an isaaf gale. Jireenya isaa keessatti yeroo jalqabaaf guutummaa guutuutti dabarsee ofkenne. Kana dura gita hiriyaa durbaa qabaachuu dhabuu isaatiinis dabarsee ofkennuun isaa adda ture. Amma akka malutti na argateera. Anis akka ta'utti isa argadheera. Akka ta'uttis wal barreerra. Kan ta'e ta'ee ammas gaaffiin keessa kootii na quuqu tokko jira. "Waantin ani raawwachaa jiru sirriidhaa? Dafee akkasitti of kennuun koo, haga kana ariifachiisuun koo, jechuun ariitii Piiteriin deemuun koo sirriidhaa? Inni illee ilma dhiiraati ani umrii kanaan hagas sarduun koo sirriidhaa?" Karaa koo deebiin gaaffii kanaaf qabu tokko qofa. Waantan ani hawwaa fi fedhaan bara baay'ee eegaa ture dha. Kophummaa osoo na doorsisuu fi natti roorrisuu mucayyoon jiraadhedha. Egaan mankaraarrii kana hunda booda jajjabina kana argadheera. Kan hafeen, waa'ee isa kaanii waanti na galchu hin jiru. Akkan qabaadhus hin barbaadu. Walitti dhufeenyi keenya obboroo obboroo baay'inaan walitti dhufeenya miseensa mana icciitii kana kamiyyuu duukaa wal fakkaata. Inni sa'aatii boodaas irra caalaan isaa sanuma. Yeroon siin jedhu akka tasaa yoo mudannoon addaa uumamuu baateen alatti. Isa galgala galgalaa garuu na hin gaafatiin. Isa guyyaa guutuu nu keessatti ukkaamamee oole reefu akkuma wal argineen akka qawwee nu keessaa dhuka'a. Uumamni biraan uumamuu isaaniiyyuu hanga dagannuutti nu geessisa. Dhuma irrattis nagaatti jennee wayita wal gaggeessinu, wal dhungannee yeroo kaanu akkattan utaalee bahu otoo na argitee Kiitii, maaliif beektaa? Lammaffaa nagaatti jechuunii waanan hin barbaanneef, lammaffaa ija walitti cololiisuu waanan hin barbaanneef, dafee galee kutaa koo dukkana sana keessa of dhoksuu waanan barbaaduufi. Kutaa Piiterii baatee kutaa kiyya seenuuf dirqama kutaa guddicha waloo qaxxaamuruu qabda. Egaan yeroon kutaa waloo kana qaxxaamuru maaltu akka na mudatu beektaa? Ibsaa danbooban, gaaffiiwwan hin barbaachifne, kolfa sobaa, ijaan wal tuquu wal hanqattee, fi kan kana fakkaatan. Maal goota Kiitii tiyya,.... Akka maaliitti iyyuu xiqii koo gad afuuffadhee, nama homaa iyyuu hin taane fakkaadheen darba. Kan hafeen mudannoo kaleessa anaa fi Piiter gidduutti uumameen onneen koo miidhamuun ammallee keessi koo jeeqamaa jira. Bitaa galuu wayii sitti hin fakkaatiin. Naasuus hin jettu, gammachuus hin jettu, gaddas hin jettuun, qofa, miira kana jettee maqaa itti kennuun hin danda'amneen keessi koo jeeqamaa jira. Gosti miira booressuu kaleessa Piiter miira koo booresse sirumaa waan addunyaa irra jiru natti hin fakkaatu. Abjuu kootti yoo ta'een alatti. Eeyyee Piiter akka fe'isa midhaaniittidha kan natti fe'amaa jiru. Duuba koo cumaa fakkaatu gara keessaatti, keessa koo immoo gara bakkeetti hanga garagalchuttidha. Egaan, namni miira akka volkaanoo isa keessaa dhowe tokko qabbaneeffachuuf baqonnaa barbaaduun isaa dirqama. Oo.. Piiter, hadaraa isa si uumee maaluma na gootee? Ajaa'ibuma maaliin na tuqxee? Maalidha narraa kan ati barbaaddu? Oo... Rakkoon Meeppee reefu naa gale!. Yeroo isheen waa'ee saayiba ishee natti odeessitu kun haajaadha iyyuu jedhee hin beeku. Sodaan ishee sun hunduu amma reefu naa gale. Amma reefu ujommoo isheen keessa darbite keessa yeroon seenu gaaffileen ishee gaaffii koo ta'uun natti beekame. Fakkeenyaaf odoo umriin kiyya gaheera ta'ee, Piiter immoo sin fuudha naan jedhee maalan deebisaaf ture? Aanaa mee otoo hin sobiin dhuguma natti himi. Isatti heerumuu akka hin dandeenyetu sitti dhagahamaa jira mitii? Garuu immoo kutattee dhiisuunis si rakkisa mitii? Walitti dhiyaachuu, wal jaalachuu, wal dhungachuun iyyuu waan tokko dha. Gaa'ila dhaabbachuun ammoo waan biraa dha. Piiter mucaa of hin barree fi hin bilchaannedha. Ciminni hafuura isaas gahaa miti. Amalli isaa akka qaama isaa kan gabbateefii miti. Ijoollummaanis irraa dubbifama. Anumaafillee umrii fi qaamaan yoo ta'e malee yaada bilchaataan na angafa jechuun na rakkisa. Abjuu amma gammaduu irra darbe hin qabu. Ani ka jedhu, amma ani dhuguma mucayyoo waggaa kudha afuriitii? Dhuguma mocayyoo cuucii mana baruumsaa keessaatii? Akkuma durboonni umrii koon jiran jedhaman sana, kan hamaa fi gaarii adda hin baafne, kan gororashee hin liqimsanne, daa'ima jedhamuufan jira jechuudhaa? Kakaka... Mee sitti haa agarsiisu kiitii tiyyaa, anaa kan waa adda hin baafanne? Innoo haa ta'utii, adda maalinni? Umrii koo kanatti dhiibbaa fi rakkoo eenyu iyyuu keessa hin darbine keessan daebeeraam! Kanaaf, umrii koo kanatti eenyu iyyuu umrii kanaan kan hin argine baay'ee argeera. Amma amma immoo sadarkaan bilchina koo anumaaniyyuu na raajeffachiisaa dhufeera. Yeroon siin jedhu, hiriyoota koos haa ta'anii angafoota koo qooqa maaliin akkan walii galu naaf hin galu. Yaa <<ganna kudha afurii!>>.... Dhugaa isaa natti himi yoo jette akkan waggaa dhibba guuteetti natti dhagahamaa jira. Onnee kee sammuudhuma keen waldhaansoo qabuun baay'ee ulfaata. Maalumaafuu amma gaaffiin guddichi, waanan keessa gale keessa galuuf yeroo sirriin filadhe jedhee afaan guutee dubbachuu nan danda'aa isa jedhuudha. Aanaa kee irraa

KIBXATA CAAMSAA 2/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Sanbata galagala anaa fi Piiter teenyee wanuma alle osoo haasofnuu "Ani kanin jedhu, anaa fi ati haala itti jirru kana waa xiqqo irraa aabbaatti himuu?" Jedheen isa gaafadhe. Erga baay'ee irratti haasofnee, innis itti amanee akkan aabbaatti himu walii galle. Ejjennoo inni fudhatetti baay'een gammade. Sababiin isaas kun kan agarsiisu gaarummaa Piiter qabuudha. Kutaa Piiterii akkuman baheen bishaan fiduuf aabbaa duukaa gara kutaa gadiittin bu'e. Reefu akkuma sadarkicha gadi bu'uu eegalleen "Ani kanan siin jedhu aabbaa"n jedheen. " Ani fi Piiter qofaa keenya yeroo haga kanaa kutaa Piiter keessa teenyu dhumdhuma afurtama walirra fagaanne akka hin teenye si jalaa waan dhokate natti hin fakkaatu, kanaaf, si gaafachuu kanin barbaade, 'Waanta kana akka ilaalcha keetti maal jetta?' Dogoggoraa?" Aabbaan dafee deebii na hin kennine. Xiqqoo erga qummaadee booda, "Karaa koo dogoggorri isaa maal irratti akka ta'e natti hin mul'atu. Garuu ofeeggannoo guddaa gochuu qabda Aanaa. Bakka akkas rakkisaatti walitti dhufeenyi akkasii balaafamaa ta'uu mala" naan jedhe. Bishaan buddusinee sadarkicha yeroo ol yaabuu eegallu immoo jechoota mimmiidhagoon gorsa adda ta'e naa himuu jalqabe. Na gorse. Bulee jechuun Dilbata ganama immoo na fudhatee gara baatii sanaatti ol bahee "Aanaa waan kaleessa natti himte sana sirriitti itti yaadeera" jechuun dubbii isaa jalqabe. Yeruman isa argu bishaan agartuu isaa natti hin tolle ture. "Dhugaa dubbachuuf atii fi Piiter waan gootan sirriidha jechuun nama rakkisa. Mee atumti ofii keetii itti yaadii godhi. Kana keessattii? Haala wal muddaa kana keessa osoo jirruu moo? Ani hanga ammaatti walitti dhufeenya keessan michummaa obbolummaa qofaa jedheen yaadaam! Piiteriin jaalalli qabeera jechuudhaa?" "Aabbaa Piiteriin jaalalli qabeera jechi jedhu afaan koo keessaa waan bahe natti hin fakkaatu" "Elaa Aanaa too, sis ta'ee Piiteriin hubachuuf rakkoo akka ani hin qabne atiyyuu beekta. Garuu ammas yoo ta'e haalota qabbaneessuu kan qabu siidha. Eeyyee isa yeroo baay'ee kutaa isaa deemtu hir'isi. Jechuun koo, gochuu kan dandeessuu olitti gochuufii hin qabdu. Waan akkasii irratti taatoon urjiin yoomillee dhiirota dha. Haa ta'u malees dubartoonni uumamaan waan kana irratti aangoon isaan qofti muudaman jira. Dhayicha ishee kanatti fayyadamuun qabbaneessuu dandeessi. Rakkoon guddichi maal seete Aanaa? Nuti iddoo kana kan jiraannu bilisummaa Keenyaan miti. Argitee, osoo mirgaa fi bilisummaa kan qabnu taatee, bakkee kana keessaa waan barbaannu arganna. Asitti garuu, innis ta'ee ati saamsamtanii haala jirtan keessatti walitti siqxan waan ta'eef walanee baayyee fidee dhufuu danda'a. Yaada kee jijjiiruu yookaan immoo isa dhiisuu otoo barbaaddee illee hin dandeessu. Maaloo Aanaa mucicha duukaa waan jalqabde kana hanga barbaadamuu ol iddoo itti hin kenniin" "Hanga barbaadamuu ol iddoo itti hin kannine aabbaa. Tarii hanga isaaf malu bakka hin kennineef yoo ta'e jedheen yaada. Piiter mucaa gaariidhaam. Sis ta'ee miseensonni mana icciitii kana kan yaadaniin olitti nama gaarii dha" "Mucaa gaarii miti hin jenneem Aanaa, garuu dargaggeessa dha, qeerroo dha, kanaaf obsas ta'ee jabina guutummaatti of isa to'achiisu qaba jedhee hin yaadu. Otoo adda baatanii miirri isaa salphaatti miidhamuu danda'a. Gaariifis hamaafis salphumatti saaxilama. Karaa koo bakka isaa bu'ee kanan isaaf hawwu roga gaarummaa isaa qabatee akka turu dha. Sababiin isaas Piiter uumama isaan mucaa gaarii dha" erga waliin jennee booda, dhuma irrattis aabbaan ofii isaa Piiteriin akka dubbisu walii gallee haasaa keenya goolabne. Dilbata ganama baaxii sana irratti yeroo wal arginu "Tole Aanaa abbaa kee waliin irratti marii'attanii?" Jedhee na gaafate. "Eeyyee"n jedheen "Gabaabsii natti himi yoo naan jette, aabbaan walitti dhufeenya keenya hin jibbine. Garuu yaaddoo tokko qaba. Innis haala akkasii fi bakka akkasiitti walitti dhufeenya akkasii keessa seenuun rakkoo xiqqoon balaa guddaa fiduu waan danda'uuf of eeggannoon akka itti deemnu na hubachiise" "Garuu ammoo anaa fi ati waan irratti walii galle jira. Walii hin gallee Aanaa?" jedhee Piiter natti fandalale. "Yoomillee yoomillee nu gidduutti qoccolloon hin uumamu jennee jala sararree lafa keenyeerra. An immoo waadaa koo eeguuf qophiidha" "Beeka Piiter, qophaa'ummaa isaatiif anis qophiidha. Aabbaan garuu haala isaa akkasitti hin hubanne. Walitti dhufeenya obbolummaa itti fakkaatee ture. Ani ka jedhu, Anaa fi ati kana booda obboleettii fi obboleessa taanee itti fufuu dandeenyaa? Yeroon siin jedhu, Akka kana duraa jechuu kooti" "Karaa koo nan danda'a, ati hoo?" Naan jedhe. "Anis akkasuma, aabbaatti kanan himes, baayyee akkan sitti amanuu fi yaaddoo tokko iyyuu akkan hin qabne dha. Atis akka na hin qaanessine nan beeka. Amantii koo guutuu mucaa irratti gatuun qabu dha, mitii Piiter?" "Eeyyee Piiter, baay'een si amana" jedheen itti fufe. "Eeyyee waantota gaggaarii nuti qabnu kan addunyaa kana ittiin dhamdhamnu baayyee qabna. Atis gahumsa sanaa akka qabdu waan mirkanaati" Sana booda waa'ee dhimma biraa odeessine. Yeroon siin jedhu oduu akkasumaanii kan callistee waa'ee waanuma allee akka yeroo kaanii haasoftuu jechuu dha. Egaa tasa otoo hin dirqamne haasaa keenya keessatti, "Waaqayyo jedhee yeroo bakka kanaa baanu uumamuu kiyya iyyuu na hin yaadattu mitii. Eeyyee yeroo asii baatu eessa jirti jettee iyyuu garagaltee na hin ilaaltu"n jedhe. Jira mitii? bifa qirittee wayii. Akka dungoo sii boba'e kaa!, ijoonni isaa ni babba'an, hiddi mataa isaa ni yaa'an. Sagaleen isaa raajiif hudhaman. "Maal jechuu barbaaddeetu Aanaa? Anaa kan garagalee si hin ilaalle. Uf.... Aanaa waa'ee koo akkas akka ati yaaddu hin fedhu. Waan akka kanaa goonkumaa afaan kee keessaa osoo hin baane natti tola" Yeroo kana kutaa gadii keessaa waamameen achuma baaxii sana irratti isa dhiisee dafeen bu'e. Egaa har'a Piiter wayita na argu maal naan jedhe seete? Aabbaan isa waamee waa'ee keenya akka Isatti hime, "Abbaan kee, walitti dhufeenyi keenya kun haala kanaan itti fufnaan jaalala koorniyaatti jijjiiramuu mala sodaa jedhu qaba" Ani garuu of to'achuu waan dandeenyuuf rakkoon tokkoyyuu akka mudatuu hin dandeenyen mirkaneesseef. Aabbaan amma ejjennoo tokko waan qabate fakkaata. Akkan guyyuu mana Piiter deemu hin fedhu. Dhuguman siin jedha Kiitii too, haala isaa ammaa kana hin jaalanneef. Piiter duukaa wal arguu waanan barbaaduuf qofa miti kanan eejjennoo aabbaatti gadde. Piiteriin akkan baayyee amanu ergan itti himee booda akkamittiin sodaan gosa kanaa isa seena? Piiteriin nan amana ergan jedhee booda dhugumatti kanin amanu yoo ta'e hagam akkan isa amanu isaaf mirkaneessuun barbaada. Kutaa isaa dhaquu dhiisuun koo isa amanuu koo osoo hin ta'iin garuu inumaayyuu shakkuu koo mul'isa. Hi'i akkasoo hin godhu. Egaa ammuma gara kutaa Piiter..... Aanaa kee irraa

ROOBII CAAMSAA 3/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Jalqabatti oduu torban kanaa gabaabinaan. Oduu siyaasaa kamirraayyuu aara galfanneerra. Kanaaf oduun siyaasaan wal qabatu hin jiru. Amma amma anis waraanni sabdaneessaa Naazii irratti weerara adeemsisuuf qophii ta'uu isaa amanaan dhufe. Maaliyyuu yoo ta'e Raashiyaan kophaa ishee ni bahatti jedhanii waan dhiisan natti hin fakkaatu. Sunis ta'ee garuu hojiin qabatamaan lafarratti mul'atu hin jiru. Obbo Kireeler siree Piiteriif cedheedha haaraa biteefii dhufe. Kanaaf Piiteriin hojii cedheedha siree isaa irra afuutu isa eeggata jechuu dha. Sababii kanaatiif yaanni isa galeera. Walanee cedheedha haaraa galchuu irra isa dulloomaa irra rafuu akka filatu irraa beekama. Dubbii keenya irratti hadurreen Piiter akka bade sitti himeeraa? Eeyyee, eessa akka inni bu'ee osoo hin beekiin tasa foolii bishaanii ta'e. Kamisa darbe irraa kaasee isa hin argine. Akka tilmaama kootti yoo ta'e yoona bineensa jaalalaan qabameeru tokkotu isa dhamdhameera. Lubbuun isaas yoona jannata keessa. Tarii yoona malayyoo gogaa isaa irraa hojjetame nama hojii basaasaa hojjeteef badhaasa kennu. Oo.. Kiitii too, Piiter hagam akka gadde sitti himuu hin danda'u. Samiin waan itti jige fakkaateera. Egaa inni biraan immoo sanbata darbe irraa eegalee mala nyaataa keenya jijjiirreera. Laaqana keenya waaree dura sa'aa shanii fi walakkaatti nyaanna. Sana booda hanga sa'aa afurii yeroo jiru immoo Calallii ittoo kubbaayyaa tokko tokkoon siksanna. Kana jechuun qooda guyyaatti sadii nyaannu lama qofa nyaannee soorata keenya qusachuu dandeenyeerra jechuu dha. Soorata baalaa argachuun ammallee baay'ee ulfaataa dha. Fakkeenyaaf har'a raafuun nuti affeellee nyaanne ijaaf illee ilaaluuf kan nama jibbisiisu ture. Raafuu affeellii, shoorbaa Raafuu, fi waanuma alle, hagasi kana irraan kan hafe waanti nyaatamu hin jiru. Dagaggama garuu maqaa jijjiirama jedhuun mosee coolige xinneessinee keessa bubuufna. Xiqqo qananiin yeroo nutti dhagahamu jechuu dha. Salphaatti akka sii galuuf namni mana icciitii kanaa hunduu mankaraaree yeroo hadheeffatu gaaffii of gaafatu tokko qaba. "Achi abbaa koo, maalidha? Maali lolli bu'aan isaa? Maaliif namoonni daneessummaa fi nageenyaan jiraachuu dadhaban. Dhumaatiin kun hunduu, badiin kun hunduu, barbadeessuun hunduu maaliif? Eeyyee Kiitii, gaaffiin kun namni kamuu gaaffii of gaafachuu danda'u dha. Ta'us garuu eenyu illee deebii quubsaa deebiseefii hin beeku. Mee yaadi Kiitii, Xiyyaaronni ammayyaanii fi yeroo muraasa keessatti gamoo baayyee fi lubbuu baayyee barbadeessuu danda'an kan hojjetamanii fi gama biraan immoo miini yeroo gabaabaa keessatti gamoo ijaaruu danda'an kan omishaman Maaliif? Jalqaba barbadeessuu! Itti aansee immoo ijaaruu! Tapha maal jedhamuu dha? Maaliif Qarshiin kitilaa fi kuma kitilatti lakkaa'amu takkaa waraanaaf takkaa immoo fayyaaf, barnootaaf, fi hiyyeessota qiliilee keessa jiran qiliilee keessaa baasuuf kan qisaasamu? Maaliif laata, walakkaan addunyaa kanaa qabeenya tuulee iddoo itti gatu dhabee rakkachaa kan jiru fi walakkaan ammoo waan arraabu illee dhabee beelaan kan dhumuuf? Maaliif? Maaliif namoonni waan godhan hanga wallaalanitti kan maraataniif? Karaa mataa koo, Namoota siyaasaa, Hayyoota, Duressoota, fi Angawoota qofatu waraana kanaaf itti gaafatama ilaalcha jedhus hin qabu. Tasayyuu, namni kamiyyuu qixxeedhuma itti gaafatama. Akkasumas qixxeedhuma itti ceepha'ama. Otoo akkas ta'uu baatee silaa, lubbuu fi qabeenyi hangi kun otoo hunkutaawuudhaa baatee ture. Eeyyee namoota gaafa jedhamnu, Keessa keenya keessa dhugaan dhokatee jiru kan balleessaa, kan diiguu, kan ajjeesuu, kan barbadeessuu, kan hunkuteessuu, gaafa haala mijataa argatu quuqee baha. Kanaaf ilmi namaa, guddaatii hanga xiqqaatti haaromsa guddaa godhee yoo qulqullaa'uu baate wal waraansi hin dhaabatu. Kan ijaarame fi kan guddate hunduu ni kufa. Ni barbadaa'a, ni hurraa'a, kan ture hunduu akka hin turre ta'a. Sana booda dhalli namaa waan hunda akka haaraatti tokko jedhee jalqabuuf dirqama. Darbee darbee waanin itti yaadda'uu fi itti gaddu salphaa miti. Haa ta'u malee guutummaa guutuutti yeroon itti abdii cutee fi kan koo kanuma jedhee murtoo xumuraarra gahe hin jiru. Bakka kanatti haalli dabarsaa jirru balaafamaa kan ta'e, garuu immoo adiveencherii namatti tolu fakkaatee natti mul'ata. Jaalala, gammachuu, gadda, sodaa, balaa fi duuni kan itti baay'atan advenchirii baayyee bareedaa dha. Diyaarii koo irratti yeroon fe'u immoo akka nama buhaarsutti qirixxee wayii itti makeen afa. Amma mala jireenya koo, bifa jireenya ijoollee durbaa biraa irraa adda gochuuf murteesseera. Le'iin too gara fuula duraa akka jireenya dubartootaa giiftii manaa akkasumaanii akka ta'u hin barbaadu. "Fooniin yoon du'e illee afuuraan jiraachuun barbaada. Maqaan koo naa wajji akka awwaalamu hin fedhu. Kanaafis waaqayyo kennaa wajjin isa na uume guddiseen galateeffadha. Ofii koo of guddisuu, Waa'ee matadure kamuu bayeessaa godhee akkan barreessuu danda'utti, waan keessa koo jiru danqaa tokko malee akkan ibsachuu danda'utti, kan na uume, uumaa koo guddaa godhee onnee koo irraa isa galateeffachuun barbaada. Reefu dargaggeettii waanan ta'ee fuulduratti kennaawwan tokko lama jedhanii na keessaa maddan baayyeetu jiru. Dargaggeettii waanan ta'eef roga hundaan cimina koo mul'isuu nan danda'a. Jireenyi ani gaggeessaa jirus jireenya baay'ee qorumsa qabu dha. Qormaata sana hunda keessa taa'ees hadheeffachaa fi gungumaa hin oolu. Uumaa koo biraa kennaawwan naa kennaman baay'een qaba. Uumama gammadaa, Amala gammachiisaa fi jaalatamaa, Cimina afuuraa hin dachaane, Dandeettii salphaatti haalota hubachuu, fi kan kana fakkaatan. Yeroo hunda kan natti dhagahamu, keessi koo guddachaa fi bilchaachaa deemuu isaati. Uumamni koo hagam dansa akka taatedha. Namoonni naannoo koo jiran hagam akka gaarii ta'anidha. Manumti icciitii nuti keessa jirru kun sodaa fi balaa qabuun cinatti fuula biraa mishaa ta'e ni qaba. Eegaan Kiitii tiyya, jajjabinni kun hunduu osoo jiruu akkamitti abdii kutannaan xumuraa na seenaree? Goonkumaa Kiitii, Tasayyuu ta'uu hin danda'u. Aanaa kee irraa

JIMAATA CAAMSAA 5/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Aabbaan baayyee akka natti gadde haala walii galaa isaarraa hubachuun ni danda'ama. Waliin dubbii Dilbata galgalaa sana booda mana Piiter deemuu waanan dhaabu se'ee ture. Mana kana keessatti saballaqamsi gosa kamiyyuu akka hin adeemsifamne ifatti dubbateera. "Saballaqamins" jecha afaan aabbaa keessaa baha jedhee hin eegnee fi baay'ee kanan irratti jibbe. Akkan kutaa Piiter hin deemne natti himuun isaayyuu gaarii hin turre. Amma immoo siruma iyyuu ittuu na dhiphisuuf yaaluun isaa maal jedhama!? Waanti dhufe haa dhufu malee har'a ifatti isaa waliin haasa'uuf murteesseera. Maargootis gorsa tokko tokko naa laatteetti. Egaa na dhagahi Kiitii, aabbaan jechuu waanan barbaadu keessaa muraasni isaan kana. "Nan beeka Aabbaa, ajaja kee hojii irra oolchuuf fedhii dhabuun koo maaliif akka ta'e dhagahuu barbaaddaa? Kanaaf amma sababa koo siin dhiyeessa. Kan natti gaddite maaliif sitti fakkaate? Akkan of qusadhu fi akkan gita mucaa durbaa umrii kudha afurii sii ta'u naratti eegdee waan dhabdeefi. Argitee, dogogorri kee iddoo kana" "Guyyaa bakka kana dhufnee irraa kaasee jechuunis ji'a adoolessaa 1942 irraa kaasee mankaraara jechootaan ibsamuu hin dandeenyen dabarse. Halkan halkan guyyuu nan boo'a. Jireenya hamaa akkamii akkan jiraadhe osoo beektee!. Kophummaan akkamitti akkan boquu buusu akka na godhe osoo beektee!. Nan amana maaliif akkan mana Piiter deemu siif gala ture" "Amma guutummaa guutuutti sadarkaa karaa mataa koon deemuurra gaheera. Amma deeggarsi harmee na hin barbaachisu. Inuu dhugaasaa natti himi yoo naan jette sirumaa kan harmee dhiisiitii deeggarsi nama kamiiyyuu na hin barbaachisu. Kunimmoo akkuma tasaa halkan tokkotti waan uumame sitti hin fakkaatiin. Qabsoo baay'ee hadhaa'aa fi obsa fixachiisaa booda kan dhufedha. Miila lamaan of danda'ee dhiibbaa fi deeggarsa eenyuu iyyuu irraa bilisa ta'ee kanin dhaabachuu danda'e, imimmaan hammamii dhangalaasee akka ta'e anatu beeka. Tarii jechi koo kun si kolfisiisuu danda'a ta'a. Amanuu dhiisuunis mirga keeti. Kun na miidhuu akka hin dandeenyes ofitti amanamummaa guutuutiinan sitti hima. Amma ani kabaja namummaa guutuu kanin qabu fi bidiruu mataa koo ofii kootiin offachaa naman jirudha. Dhuguma koon siin jedha, waa'ee eenyuu keessaniiyyu itti gaafatamummaan gosa kamiiyyuu natti hin dhagahamu. Natti dhagahamuus hin qabu. Kanas kanan sitti himu nama garaa isheetti qabattu akka sitti hin fakkaanneefi. Malee waanan raawwadhu eenyuttiyyuu himuu fi ibsuuf dirqama hin qabu" "Rakkina sana hunda keessatti yeroon gidiru, halkaniif guyyaa dhiphina qobummaan Yeroo nagaan koo nyaatamu, isin keessaa garagalee namni na ileele hin jiru. Hundi keessan ija keessan dunuunfattanii, gurra keessanis cuqqaallattanii uumamuu koo illee dagattanii turtan. Inumaayyuu "sinkirtuu" hagasii akka hin taa'e daboo akeekkachiisaa narratti bahaa turtan. Sinkirtuu kanin ta'eef akkasumaan osoo hin taane, dhiphina muddamaa keessa koo akkasumas sammuu koo dho'uuf dhikkifatu kana tasgabbeessuuf jedheeni. Kanin jeeqamu, kanin of nyaadhu, kanin ookkaraa'u hunduu waca keessa koo jiru dhageeffachuu dhiisuufi malee amala koo ta'ee miti. Waggaa tokkoo fi walakkaa filima koomedii kana taatessaan jiraadhe. Garuu kophaa kiyya malee isin bira taa'ee waa'ee rakkoo koo gungumee gonkumaa hin beeku. Asirratti galata isaa malee miira dhugaa dhokachuuf waacilan taatessu dhabee hin beeku. Akeekkachiisa keessaniinis ta'ee maal naan jedhuu kootiin duubatti jechuu koo hin yaadadhu. Amma garuu, amma garuu waraanni koo xumurameera. Injifannoonis goolabeera. Amma yaadaanis ta'ee qaamaan giiftii mataa tiyyaa ta'uuf gaheera. Walitti bu'insi keessoo ani dabarse hundi akka sibiilaa na jabeessee amma hururuu haadhaas ta'ee hordoffiin eenyu iyyuu na hin barbaachisu" "Egaa Amma tulluu yaabuuf, gidiraa koo argaan ture, fiixee irra dhaabadheen jira. Waraanicha cimina jabaan lolee akkan mo'adhe nan beekaatii, kana boodas of danda'ee daandii kiyya itti fufuun barbaada, Jechuun koo karaa gaarii natti fakkaate hunda jechuu kooti. Aabbaan akka durba waggaa kudha afurii kamiyyuutti na ilaaluu hin qabdu. Rakkinni ani dabarse umrii kiyyaa ol akkan guddadhu na godheera. Gochaa kootti hagamis yoo natti kan aartu taate, karaa koo waanan itti gaabbu tokkoyyuu hin qabu. Kanaaf fuula durattis waan sirrii natti fakkaatee natti mul'ate gochuu ittuman fufa. Waan tokko ifatti sitti haa himu, gara kutaa Piiter akkan hin deemne qooqa kamiinuu na amansiisuu waan hin dandeenyeef akkasumaan hin dadhabiin. Filannoon ati qabdu aangoo abbaa warrummaa keetti fayyadamtee sirumasaa na dhowwuudhaa, yookaan hanga dhumaatti amantii kee narratti gatuudha. Filannoon isaa kan keeti. Kan hafeen garuu aabbaa hadaraa nagaa koo hin gooliin" Aanaa kee irraa


SANBATA CAAMSAA 6/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Kaleessa afaanin aabbaatti nan hima jedhee kanin karoorfadhe xalayaa irra qubachiisee kaleessuma irbaata dura dhokseen korojoo isaa keessa kaa'eef. Erga dubbisee booda, maargoot akka natti himtetti taanaan, Halkan akka ibidda alanfatetti ture, iji isaas barbadaa fakkaata. Ani qodaa dhiqaarra waanan tureef hin argineen. Aabbaa miskiinticha. Xalayaa gadhiisiin akkasii miira akkamii isatti uumuu akka danda'u tilmaamuun qaba ture. Aabbaa jechuun akka daa'imaa nahaa, miira lallaafaa fi haphii kan qabu dha. Piiteriin duukaa akkuma wal argineen akeekkachiisa ani kenneef maal seete. Dhimma kana irratti waan tokko illee na hubachiisuu fi na gorsuu akka hin yaalle. Kan si dhibu. Aabbaanis waa'ee xalayaa sanaa waan naa kaase tokkoyyuu hin qabu. Egaa tarii sa'aa fi yeroo mijataa eeggachaa jira ta'a. Aanaa kee irraa

DILBATA GANAMA CAAMSAA 7/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Kaleessa sa'aa booda aabbaa duukaa daqiiqaa baay'ee haasofne. Hirqinfadheen boo'e. Innis na hordofee ajaa'ibaaf boo'e. Maal akka naan jedhe beektaa Kiitii? Jireenya koo keessatti xalayaalee baay'ee fi qabiyyee garagaraa qabantu na dhaqqabeera. Dhuguman siin jedha Aanaa, akka xalayaa kee kanaa miira koo kan na miidhe garuu hin jiru. Sii? Akkamitti Aanaa? Nu maatii kee irraa Jaalala kana hunda mucayyoon unachaa jiraatte sii?, maalirratti iyyuu siif baabsaa fi maatii jireenya isaanii dabarsanii sii kennan mucayyoo qabdu keessaa jochoonni akkasii bahanii? 'Waa'ee eenyuufiyyuu itti gaafatamummaa erbeen ishee iyyuu natti hin dhagahamu' jettaa? Na miitaniittu jetteem!. Na dhiistaniittu, na dagattaniittu jetteem! Lakki Aanaa, kana jechuu keetiin sirumaa kan nu miidhe si dha" "Sirriitti waanta ati jechuu barbaadde kana ta'uu dhiisuu mala. Kan ati barreessite garuu kana dha. No... No... Aanaa kana hin turre kan nuuf malu. Tasa maatii hammeenya akkasiin ilaalamnu hin turre" Aa.... Kiitii too, Moo'atamuu gaddisiisaatu na qunname. Dhugumatti kun jiraanya koo keessatti dagoggorootan hojjedhe keessaa isa hamaa dha. Mana kootti rakkoo akkasii hordofsiisa jedhee yaadeen osoo hin ta'iin aabbaa fuulduraatti cimtuu fakkaadhee mul'achuuf ture. Dhugaadha rakkoo baay'ee dabarseera. Dararaa himuufis ta'ee barreessuuf dandeettii kiyyaa ol ta'e dabarseera. Waan hunda nama naa godhee fi kan naa gochaa jiru aabbaa konkonuun, of caalaa kan na jaalatuu fi lubbuu isaa tokkittii illee osoon gaafadhee nama na hin dhowwanne aabbaa na miiteetta jechuun, maalan siin jedha Kiitii? Salphina salphina caalu fi jechi kamiyyuu ibsuu hin dandeenye dha. Yeroo jalqabaatiif hojii harka koon argadhe. Dhugaatti naaf mala. Sammuu hin bilchaanneen yaadee gubbaarra of kaa'een akka tasaa yeroo darbamee kufuun koo ga'u, lafaa ka'ee isin jedhee of waamuu kanin jalqabe, koorri koo wal hanqattee fi akkasumaanii xiqqoollee ta'u daddaquun isaa, yoo xiqqaate akkan keessa deebi'ee of ilaalu na godheera. Eeyyee dubaree Aanaan yeroo hunda sirrii dha jechuun hin danda'amu. Namni tokko nama biraa, si jaaladheera jedhee waliin dhiphachaa tureen, haga kana miira isaa tuquu fi miidhuu irraan yoo gahe, gochaan salphinaa kanaa olii maali? Sirumaa kan oduuf hin tollee fi yakka ulfaataadha kanin raawwadhe. Umriin ija jabummaa koof malee kana booda aabbaa ija guutee ilaaluuf naman hin dandeenyen ture. Yoomillee caalaa ofitti akkan qaana'u kan na godhe, immoo aabbaan achumaa achitti dhiifama naa gochuu isaati. Xalayaa koo akka gubuu fi akka hin dubbifneettis akka lakkaa'u natti hime. Haasaa keenya kaleessaa booda akkam akka na kunuunsuu fi na mararfatu osoo argitee, nama ani miidhe osoo hin taane akka nama na miidhee fakkaata. A'aa... Durbee Aanaa, homaa miti waan baay'ee barachuu qabdutu jira. Kanaaf ofis ta'ee waantota biroo ammuma qorachuu eegali. Warra kaan asii gad ilaaluu fi tuffachuuf ariifachuu keen dura. Dhugaatti yabala jalaa hanga gaaraatti rakkina fe'e harkisaa dha kanin jiraadhe. Garuu umrii koo kanatti eenyutu kana hin harkifne? Amala koo raatuu uffadhees taatee ani raawwachaa tures xiqqoo hin turre. Baay'ee kan nama raaju garuu gochi koo baay'een isaa hojii taatummaa akka ta'e anaafiyyu hin galle ture. Amma gara duubaa garagalee yeroon ilaaludha kan naa gale. Qophummaan koo inni sodaachisaan akka na hin dhidhimsine waanan hin goone hin jiru. Dhugaa dubbachuuf baay'ee baayyee ofitti saalfachuun qaba. Saalfadheeras. Waanta darbe deebisuu fi waan ta'ee darbe akka hin taanee gochuun hin danda'amu. Haa ta'u malee, akka hin dabalamne ittisuun ni danda'ama. Waan hundumaa irra deebiin jalqaba irraa jalqabuun barbaadan. Kan natti ulfaatus natti hin fakkaatu. Sababiin isaas amma cina kootii Piiteriin qaba. Gargaarummaa Piiteriin sirriitti raawwachuu nan danda'a. Nan raawwadhas! Kana booda kophummaan na ugguu hin danda'u. Umriin Piiteriif, nan isa jaalladha. Na jaallata. Kanarratti immoo kitaaboleen koo naa jiru, asoosamoonni koo fi Diyaariin koo naa jiru. Fokkuu akka an hin taanes mirkaneesseera. Akkan tilmaamaa ture san beektuu fi hubattuu jedhamuu yoon baadhes, dhibooftuus akkan hin jedhamne nan beeka. Amaloota namoonni naa jaalatanis baay'een qaba. Ammoo kanarra amala koo fooyyessuufis nan carraaqa. Eeyyee dubree Aanaa, xalayaan kee kan hongaayee fi kan dhugaarraa fagaate ta'uusaa bartee gaabbiin of nyaachaa jirta. Kan nama ajaa'ibu garuu akka nama waan gaarii hojjetee ofiin boonuu keeti. Maalumaafuu Kiitii too, kana booda guutummaa guutuutti akka fakkeenyaatti kanin fudhu aabbaa dha. Kana yoon godhe akkan of jijjiiru shakkii hin qabu. Aanaa kee irraa

WIIXATA CAAMSAA 8/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Ani ka je'u, oduu kana hunda yeroon sii taraaru waa'ee seenduubee maatii koo sii himeeraa? Ani hangan yaadadhutti waanan sitti haasa'e natti hin fakkaatu. Kanaaf amma siif haa eegalu. Maatiin aabbaa koo lafaa fi samiitti sooressoota akkam ulfaatan seete? Abbaan aabbaa koo otoo homayyuu hin qabaatiin zeeroo irraa ka'ee biyyattii keessatti sooressa beekamaa jedhamuu danda'eera. Haati aabbaas maatii baay'ee tujaara ta'an irraa dhalatte. Kanaaf aabbaan umrii ijoollummaa isaa akkuma mucaa duuressa tokkootti qarabbataa fi quufaan dabarse. Torbanumaan piirtiidha. Subabuma uumuun get to geezeriidha. Ji'umaan shirri shirriidha. Qofa maalan siin jedha sadoo fi qananii guutuun guddate siin jechuu nan danda'a. Yeroo barbaadu bareedduuwwan magaalichaa waamuun, yeroo barbaadetti ari'uun, yeroo barbaadu mana abbaa isaa qulqullinni isaa masaraa mootummaa gadi hintaane keessa basha'aa, yeroo fedhe bakka fedhe deemaa, waan qoonqoon isaa feete hunda nyaachaa, walumaa gala waallee odoo itti hin hir'atiin nama guddate dha. Akakayyuun koo erga du'ee booda garuu sababii waraana addunyaa isa jalqabaaf, qalayinsa gatii uumameen wal qabatee qabeenyi sun hunduu akka fixeensaatti hurkee dhume jedhan. Maalumaafuu akka ati beektu kanan barbaade, aabbaan sadoo fi qananii akkamiin akka guddate dha. Egaa kaleessa irbaata irratti aabbaan akkamitti akka ofitti haga mar'immaan isaa butututti kolfe osoo argitee isa hin seetu. Maaltu isa kolfisiise naan hin jettuu? Waggaa shantama keessatti yeroo jalqabaatiif hudduu qodaa waaddii sooffatee nyaate. Warri harmees salphaa sooressoota akka sitti hin fakkaanne. Harmeen waa'ee qophiilee xixiqqoo mana isaanii wayita nutti himtu afaan bansiiftee nu hambifti turte. Fakkeenyaaf intalli isaanii tokko naqatamte haa jennuutii, gaafsana tujaaronni badda meeqaa walitti yaa'uun nyaachaa fi dhugaa bulu jette. Sitti mul'ate mitii Kiitii tiyyaa? Qubeelaaf akkas kan ta'e cidhaaf akkam ta'a? Atumti tilmaami. Egaa akkuma argitu sadarkaa jireenyaa sana irraa irraagadee bu'aa dhufnee bakka amma jirru kana geenye. Kunis ta'ee garuu ammas ani jireenyi sun hafe jedhee gaabbaa hin jiru. Inumaayyuu abdii koo kanin irra kaawwadhe nageenya waraana booddee dhufurra. Waan tokko ofiitti amanamummaan sitti himuu nan danda'a Kiitii. Isa harmee fi Maargoot kun gahaa dha jedhanii yaadan ogummaa gorroo duubaa kana qofaan daangayee hafuu hin fedhu. Gochuu fi ta'uu kanan barbaadu waantonni baay'een jiru. Fakkeenyaaf takkaa Paariis, takkaa immoo Ingiliz deemee afaanotaa fi seenaa seektera ogummaa garaagaraa qo'achuun fedha. Egaa kaayyoon ishee biyya filisxeem deemtee deessistuu ta'uu kan ta'e Maargoot fi kaayyoo koo wal madaalchisi. Inni Kan biraan yeroo hunda hawwii kiyya ta'e immoo maal seete? Uffatoota dizaayinii babbareedaa qabanii fi namoota namatti tolan ilaaluu dha. Waantota addunyaa kanaa irraa adda ta'an ilaaluu fi sammuu namaa qoran hojjechuu dha kaayyoon koo. Kana kana duras irra deddeebi'ee sitti himeera. Dubbii keenya keessatti. Baay'ees xiyyeeffannoo itti kennuu yoon baadhes, qarshii xiqqoo kan mataa koo osoon qabaadhee natti tola. Har'a ganama Meeppeen waa'ee yeroo dhiyootti sirna qubeelaa irratti argamtee fi achii deebitees affeerraa irbaataan wal qabatee shubbisa galgalaa (Party) irratti argamtee tokko tokkoon A hanga Ztti nutti odeessite. Aruuzonni gara fuula duraa kun lachanuu maatii badhaadhoo irraa kan dhufan ta'uu isaa fi sababa kanaan qophichi ho'aa akka ture nutti himte. Keessumaa waa'ee nyaataa wayita nutti odeessitu nu si hin godhiin. Gorora nu cophsisiiste. Kan aajjaa isaa, kan isteekii isaa, kan palpeti isaa, kan cheezii isaa, kan killee isaa, kan mortedellaa isaa, kan keekii isaa, kan viinoo isaa, kan shaanpaanyii isaa, kan wuskii isaa, abboo na dhiisi Kiitii. Waanti hafe tokkolleen hin jiru nuun jette. Namni marruu akka fedha isaatti nyaachuu fi inni fedhe kan garaasaa gadi naqaa waari'e jette. Waan hundi keenya gurra ta'e. Meeppeen mataan ishee alkoolii burcuqqoo kudhani gad hintaane akka dhugde dubbatte. Dhuguman siin jedha amanuu maran dadhabe. "The Azaawulti Siikood" garee humna darbatamaa amisterdaam keessa miseensonni poolisii muraasni hirmaatanii, haaraa fi gabaaboo namoota ta'an suuraa kaasaa turan. Si dhiba Kiitii, kana hunda keessatti waa'ee keenya daqiiqaaf illee akka hin daganne dubbatti. Kanaaf yoo nuti waa taane illee namoonni kun namoota mana Icciitii kanaa gargaaruu danda'u jettee waan yaaddeef yoosuu argama isaanii fudhatte. Nama nama ajaa'ibdu mitii!? Sitti himuu? Meeppeen bakka sirna qubeelaa sana nu fudhattee deemtee osoo jiraattee, afaan kaa'aa tokkollee isaaniif hin hambifnu ture. Yeroo Meeppeen oduu kana nutti himtu isheetu nutti sagaleesse osoo hin taane, nuutu arraba keenyaan oduu sana irraa arraabe jedhamuu danda'ama. Afaan ishee jala buunee ija kulul kulul wayita goonu nama nyaata mi'aahaas ta'ee namoota boonan arginee hin beekne fakkaanna. Haga kana gadi dhoobamuuf kan geenye nuti eenyufaadharee? Eeyyee, ijoollee kitiltootaa fi ijoollee ijoollee isaaniiti. Dhugaa dubbachuudhaaf biyyi lafaa kun kan nama dhibdu dha. Aanaa kee irraa

KIBXATA CAAMSAA 9/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Asoosama koo "Ellen The Fairy" jedhamu barreesseen fixe. Barruulee baay'ee bareeduu fi ijaaf nama booji'uttin gargalche. Garuu aabbaaf kennaa guyyaa dhalootaa gahaa ta'uu danda'aa laata? mooji egaa. Maargootis Harmeenis walaloo barreessaniif. Har'a sa'aa booda ab Kireeler oduu namatti hin tolle tokko nuu fidanii dhufan. Biiroo kana keessatti dhimma daldalaa irraa kan hojjettu aadde Bi kan jedhamtu jirti. Kana booda laaqana ishee akka duraanii galtee nyaachuu dhiistee, fidattee dhuftee biiroo keessatti akka nyaachuu barbaaddu nutti hime. Yaadi kaa, akkamitti dha obbo Kireeler fi Meeppeen faa garagalanii nu ilaaluu kan danda'an? Mosee fi Raafuu keenya san iyyuu akkam godhanii nuu kennu? Akkuma beektu waan hundayyuu fudhachuuf sa'aa kana gidduu fayyadamna ture. Amma egaa mana fincaanii fayyadamuun hin jiru. Xiqqollee mixxiiquun hin jiru. Afuura Raafuu baafachuun hin jiru. Niitittiin naannoo kanaa akka fagaattu kallattii nuti hin yaalle, tooftaa nuti hin falle waan jiru sitti hin fakkaatiin. Fakkeenyaaf kan ab Faandaan qofa sitti haa himu. Maal jedhe seete, "Suuta jennee aajjaa nama teessisu wayii buna ishee keessatti cophsuu dha. Wayita ishee sardu isheenuu mana koo na feessise jetti. Natti wayyeera yeroo jettee dhuftu immoo ammas dabaluudha" Furmaatichi furmaata yoo ta'uudhaa baates yeroof nu kolfisiiseera. Aa... Kiitii too, haalli qilleensaa bakkee akkam akka namatti tulu na hin gaafatiin. Maal qaba yeroofillee bahee deebi'uu osoon danda'ee? Aanaa kee irraa

KAMISA CAAMSAA 11/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Sa'aa kanatti hagam biizii akkan ta'e sitti himuu hin danda'u. Namni bakka tokkoo waggaa lamaaf otoo mixxiq hin jedhiin taa'e hojii bule baay'ee qabaachuu irraan kan ka'e yeroo ko'oomu eenyutu isa amana? Na amani Kiitii, anaan garuu yeroon baayyee na hankaakaa dhufeera. Gidduu kana qofa waantotan hojechuu qabu siif haa himuu? Gaarii, guyyaa borii, "Giitowaliizyeliipees" kutaa jalqabaa dubbisee fixuun qaba. Sababiin isaas iftaan mana kitaabaatti deebi'uu akka qabu Meeppeen faa na akeekkachiisaniiru. Sitti haa agarsiisu, reefu Kaleessa dha kanan dubbisuu eegale. Kanarratti kitaaba guddaa akkamii seete? Kan ta'es ta'ee akkuma fedhettuu dubbisee akkan fixu hin shakkiin. Torbee itti aanu "Palestine the cross road" kitaaba jedhu fi "Galileo Galilei" kutaa lammaffaa dubbisee fixuun qaba. Achii "Isximaara Chaarles V San" kitaaba jedhame dubbisee kanin fixe kaleessa. Kanaaf odeeffannoon achirraa argadhe caasessuu fi hidda dhaloota mootichaa diyaagiraamiin ibsuun narra jiraata jechuudha. Inni biraan immoo qooqa ormaa garagaraa fuula sadii kanan kitaabota adda addaa irraa funaane sirna qabsiisee barreessuus nan barbaada. Hiika isaanii barbaaduu fi tokko tokkoo isaanii dubbisuun narra jiraata. Kolleekshiniin taatota urjii koos salphaa akka hin taane ni beekta. Innumtii ofii isaa wal muddaa waan jiruuf isas sirreessee barreessee kaa'uuf guyyoota baay'ee natti fudhata. Haa ta'u malee piroofeeser Aanaan akkuma dursitee sitti himte danachuu hojiin ko'oomtee waan jirtuuf hunkuroon sun akkuma hunkurametti turuun isaa dirqama. Achiihoo naan hin jettuu? Achii Teesiyoos, Eediippes, Teeliyoos, Arfiyoos, Joosen fi Herkiyooles hunduu irra deebiin sirnaan saxaxamuu waan qabaniif, dabaree isanii eeggachaa jiru. Seenonni isaanii akka mana sarariitiitti sammuu koo keessatti wal xaxanii jiru. "Seven and Nine"s mijeessuu gaarii barbaada. Raajii koo naa argitee Kiitii? Kitii inni biraan immoo maal seete? Eeyyee kitaaba qulaulluu dubbisaan jira. Garuu yoomi laata seenaa Suzana irra kanin gahu? Baay'een ariifadheera. Balleessaa "Soodomii fi gomoraa yeroo jedhanoo maal jechuu isaaniiti. Obsa isaa siif haa kennu naan jedhi malee baay'ee baay'ee waantonni ani beekuun narra jiraatu baay'eetu jiru. Dubbii keenya keessatti yeroo tokko itti cichee kanin ture "Lisoette of Pfalz" garagalee waanan ilaalu hin se'iin. Harshama kam keessa akkan kaa'e illee hin yaadadhu. Tole Kiitii too, jiruun of muddee sammuu koo dhoosuu akkan gahe amma sii galeera natti fakkaata. Aanaa kee irraa

KIBXATA CAAMSAA 16/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Atakaroo mana Icciitii kanaa dhagahuun si hin dharraassifnee? Ergan sitti odeessee tureem! Mee wal marii ab Faandaan fi Aadde Faandaan siif haa himu. Aadde Faandaan "Yoowwana Jarmanoonni raayyaa waraanaa isaanii 'Atilaantik Waal' jedhamu kan ittiin baannatan, dachaa kudhaniin akka cimsatan wal nama hin gaafachiisu. Eeyyee humna isaanii jiruu fi hin jirre fayyadamuun Ingilizoota dhaabiitti hanbisuuf ni yaalu. Obbobbosh, eenyuma laata Jarmanoota kana "haa" namni jechuu danda'u? Akkam humna qabeessota dha?" Obbo Faandaan "Eeyyee humna qabeessota dha" Aadde Faandaan "Daran" Obbo Faandaan "Eeyyee, asis jedhamee achis jedhamee dhuma irratti Jarmanoonni mo'uuf ga'umsa ni qabaatu. Shakkii tokkoon malee injifannichi kan isaanii ta'a!" Aadde Faandaan "Dhugaa dubbachuudhaaf anis yaada kanarraa adda ta'e qabaachuudhaaf mallattooleen agarsiisan hin jiran" Obbo Faandaan "yoo ta'e hoo? yoo akkas ta'es maaltu siif haa waadamuree?" Aadde Faandaan "Waan tokkollee naaf haa waadamu hin jenne. Dhimmichi waan na yaachiseefi" Obbo Faandaan "Dhimma keeti, amma nagaa akka naa kennitun barbaada. Dhageessaa? Gaaffii kee gosa kamiiyyuu deebisuuf eeyyamamaa miti. Sagalee kee dhagahuu hin barbaadu!" Aadde Faandaan "Iyyituu tiyyaan, yeroo jedhan dhageessee jedhan...." Obbo Faandaan "Jechuun?" Aadde Faandaan "Jechuun hoo, gaaffii koo hundaaf osoo hin jaalatiin tokko tokkoon naa deebista kaa. Sababiin isaas si hin dandeessisu waan ta'eefi. Nyaara guuraa ta'uu feeta malee itti hin beektu! Hanga har'aatti gaaffilee koo keessaa tokko kan naa hin deebisne jira sitti fakkaata?" Ab Faandaan "Dhugaa dha hin jiru, deebiwwan koo garuu akkam akkan gabaabsu atiyyuu beekta. Hanga naa danda'ametti jecha tokko. Yoon dadhabe jecha lamaan. Yoo baay'ate immoo jecha Sadiinin sii deebisa." Aadde Faandaan "Bu'es bahes naa deebista. Dhugaadha jechi kee yeroo hunda sirrii akka siif ta'u feeta. Rakkoon isaa garuu maal seete? Kan ati yaadde yoomillee sii ta'ee hin beeku. Hahaha... Hahahaha.... Baay'ee malee, hahaha.... Yaa Raajii keenya, na dhagahi mee! Akka kee akka keefoo, tokko, waraanni sabdaneessaa Jarmanoota irratti weerara isaa barana jalqabuu qaba ture. Lama, Fiinlaanda yoowwana waraanichaa ala ta'uu qaba ture. Sadii, Yoona kana Xaaliyaaniif guutummaa guutuutti dhumeefiira ture. Afur, Raashiyaan yoowwana Leembergiin to'annaa ishee jala galchitee turte. Shanaffaa, ..... Itti haa fufuu?" Obbo Faandaan "Itti fufi, garuu akka narratti hin hooqqifne" Aadde Faandaan "hahaha.. Hahaha.... Maaloo yoo na dhiiste Raajii keenyaa?" Obbo Faandaan obsa isaa fixatee ol ka'ee, "Niitii nanaa, mee yeroof adaba bitadhuutii afaan kee cufadhuu taa'uu yaali. Waantonni ani dubbadhu hagam akka sirrii ta'an yeroo bira geessu sii gala. Ammaaf garuu hadaraa isa si uumee arraba kee lakkuu narraa sassaabi." Aadde Faandaan "Yaa walanee, balleeffannaaf oriiti jedhan" Obbo Faandaan "Sittimuu? Biyya lafaa kanarra dubartiin akka kee hangeeccaccuu taate hin jirtu. Maalumaafuu saballaqama mataa keetiin gidiraa kee arguun guyyaa tokko akka hin hafne beeki. Qoraattii akkam jirtuudha adaraa keessan?" Kutaan tokkoffaan hookkarichaa kanarratti dhumen siin jedha Kiitittii!. Kolfa koo to'achuu hin dandeenyen ture. Harmee akkasumas miskiintichi Piiter hidhii isaanii ciniinuun of irraa kutuu malee waanti isaan hafe hin jiru. Dadhaboota gosa kamiiti? Nu dargaggoota fuulduratti hangas kan of salphisan yoo xiqqaate maaliif ol deebi'anii of hin sakatta'an? Dhuguman siin jedha baay'ee baay'ee dha kanan isaanitti qaana'e. Aanaa kee irraa

JIMAATA CAAMSAA 19/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Kaleessa ana si hin godhiin, sirumaa namaa gad ta'een oole. Dhukkuba irratti dhukkuba, dubbisuun hin jiru. Osoon gangaladhuu asuman oole. Ciniinnaa garaa dhiisiitii maal waan ani hin taanetu jira. Gaarummaan isaa har'a baay'ee natti wayyeera. Beelli garuu na galaafachuufi Kiitii too. Kanarratti immoo irbaanni keenya har'aa boloqqicha nyaata ani baay'ee jibbedha. Xiyyoo isaa tuquu koorra harka kudhan beelicha naa wayya. Piiteriin duukaa haala gaarii keessa jirra siin jechuu nan danda'a. Mucaan miskiintichi edaa na caalaa jaalala dheeboteera. Akkam akka nama gaddisiisu osoo naa argitee? Akka inni itti sabatbatee fi fuulli isaa akkam akka inni dhiilgahe otuu argitee. Takka takkaa maal akkan yaadu beektaa? Hadurreesaa jalaa bade sana sirriitti bakka bu'eefiiraa laata?n jedha. Garuu waantan ani yaadaa turetu naa ta'e waan ta'eef baay'ees na hin yaaddessu. Eeyyee, Piiter amma durba onnee irraa jaallattu akka qabu waan beekuuf gammachuu qaba. Kana arguun koo qofti na gaha. Gidiraa rakkoo kophummaan argaa ture fi qabsoo yeroo dheeraa booda waan garaa koo ergan argadhee booda waan hunda to'annaa kiyyaa ala akka hin baane godheera. Kana yeroon siin jedhu garuu jaalalli koo qabbanaa'ee jechuu koo miti. Tasumaa, jaalalli koo xiqqoo illee irraa hin tuqamne. Eeyyee Kiitii, Piiteriin ammas haga lubbuun koo baatuttan jaaladha. Dhugumatti waantan ani si hin haalle tokko jira. Innis ammas taanaan Aanaa lakkoofsa lama isa dhokseen Aanaa lakkoofsa tokko qofaan isa haasofsiisaan jira. Egaa yeroo duraa sana akkuma godhe san ammas dahannaa sana cabsee Aanaa ishee dhoksaa sana nan arga yoo jedhe, hojii isa duraa irra daran daran caalutu isa eeggata. Aanaa kee irraa

WIIXATA CAAMSAA 22/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Gaafa guyyaa Caamsaa digdamaa aabbaa fi Aadde Faandaan waa'ee weeraraa irratti qotinyaa wal qabanii turan. Itittuun cuggee shan aabbaan qabsiisee ture irbaata irratti nyaatame. Weerarichi ammayyuu hin jalqabamne. Gurra guddisa tokko malee, guutummaan Amisterdaam, guutummaan Hoolaandi, walii gala guutummaan Awurooppaa westi koosti, jechuunis hanga Ispeenitti guyyaa fi halkan hunda waa'eema weerarichaa odeessu, Wal falmu. Wal atakaru, wal qotinyu, abdiinis eegu. Muddamichi dhisamee dhisamee gara dhohuutti deemaa jira. "Dansoolee" kan jennuun Hoolandonni illee amanamummaa Ingiliziif qaban qabatanii turaniiru jechuuf na hin dandeessisu. Tarsiimoo lolaa guutuu jettee kan ittiin Ingiliz dhaadattus namni hunduu itti amaneera jechuun hin danda'amu. Abadan! Amma namni kan barbaadu isa yeroo dheeraaf oduun guban gochaan arguu dha. Oduun uummata nuffisiiseera. Gochaa qofa fedha. Amma namni hojjaa isaa bira dabarsee yaaduun isaaf dadhabameera. Ingilizoonni kan waraanan biyya isaaniif akkasumas nageenya lammiilee isaaniif jedhanii akka ta'e sabni dagateera. Namni hunduu kan yaadaa jiru akka waan Hoolaandiin Jarmanoota irraa bilisa baasuuf dirqama qabduutti. Haqni hin haalamne tokko jira. Biyyi kamiyyuu sababa gahaa tokko malee lammiilee ishee dabarsitee aarsaa hin gootu. Addatti immoo bu'aa biyya biraatiif. Kanaaf Ingilizis matumaa kana hin gootu jechuudha. Garuu gaaftokko sanas ta'ee kana weerarichi bilisummaa hordofsiisee dhufuun isaa hin oolu. Guyyaa sana kan murteessan garuu Ameerikaa fi Ingiliz dha. Biyyoonni hafan hanga barbaadan yoo wacanis waanti isaan jijjiiran hin jiru. Waanta nama sukkaneessuu fi nama gaddisuusi tokko dhagahaa jirra Kiitii. Daran baay'ee kan ta'an uummanni lafarraa waa'ee keenya, waa'ee Yihuudota yaanni isaan qaban jijjiirameera jedhan. Antiisemaayitizim waanti jedhamu mudannoo haaraa nuuf ta'ee miti kan nuti rifanne. Sadarkaa inni itti babal'achaa jiru malee. Jiraachuu isaayyuu uummata hin beekne biratti illee osoo hin hafiin haala nama sodaachisuun babal'achaa jiraa jedhan. Mee sitti haa agarsiisu Kiitii, oduun kun hunda keenya baayyee baay'ee nu suukkaneesse. Dhugaa dha, antiisemaayitizimis jedhamee, gara biraas jedhamee jibbamuun keenya sababaani. Inumaayyuu takka takkaa mirga jedhamuun ni danda'ama. Garuu gaarii miti. Fakkeenyaaf kiristaanonni yihuudota sababni itti luugaman jira. Muraasa sitti haa himu. Yihuudonni icciitii keenya Jarmanootaaf dabarsanii kennu nuun jedhu. Kiristaanota gantuu kan godhe sababa yihuudotaati jedhanii waan yaadaniifi. Kun hundi garuu dhugaa dha. Garuu eenyu iyyuu yoo ta'e waantota kana karaa lamaan isaa ilaaluun barbaachisaa dha. Kiristaanonni hoo osoo iddoo keenya ta'anii kanarraan kan hafe maal gochuu danda'u? Kanadha gaaffiin guddichi Kiitii!. Jarmanoonni atumti miliqii harka isaaniirra gahi malee isa beektu dhiisiitii isa hin beekne iyyuu kan ittiin si dubbachiisan mala seexanummaa baay'ee qabu. Haala akkanaa kana keessatti obsa ittiin icciitii dhoksan eenyutu qabaachuu danda'aree? Kun kan hin yaalamnee fi kan hin danda'amne ta'uu namni hunduu beeka. Egaa maaliifree? Maaliifi namoonni kan dhala namaa kamiif iyyuu hin danda'amne nurraa kan eegan? Inni biraan na yaaddessaa jiru maal seete Kiitii tiyyaa? Lammiileen keenya kan walitti ususan dhimmi tokko jira. Lammiileen keenya Hoolaandi keessa jiraachaa turan, amma naazotaan qabamanii mooraa uggurtii keessa kan jiran lolicha booda gara Poolaanditti hin deebi'an. Kana dura Poolaandii dhufanii galmee baqattummaan Hoolandi keessa kolu galtumman jiraachaa turan. Amma garuu Hitler biyyoota to'annaa isaa jala jiran hunda gadhiisee yoo gara Jarmaitti deebi'e, yihuudota harka isaa irra jiran fudhatee gara Jarman deema oduun jettu bal'inaan faca'aa jirti. Namni tokko gaafa kana dhagahu yoo xiqqaate gaaffii ofitti uumuun isaa hin oolu. Akkas taanaan maaliif waraana rakkisaa fi hadhaa'aa kana keessatti baroota hedduuf summuugamnee teenyaree? Dhugaa dubbachuuf maalirrayyuu waanti naaf hin galle gaarummaa isaaniitiin, haqummaa isaaniitiin, fi garraamummaa isaaniitiin kan beeknu Hoolaandonni illee nutti murteessu. Qindoomina dilii kutaan addunyaa kam iyyuu hin beekne baanneetu kan jirru. Uumama kamii olitti iyyuu gidiramtoota namoota taane dha. Tarii saba hunda irraa foowamnee akkasitti farrajamuu danda'uun keenya hibboo yoomillee naa hiikamu miti. Ammas taanaan kanin hawwuu fi ni ta'a jedhee kanin abdadhu waan tokko qofa. Kunis maal seete Kiitii? Biyyoonni addunyaa guutuun, addatti immoo lammiileen Hoolaandi irriba isaanii keessaa dammaquu fi sababa malee Yihuudummaa qofaaf duuchaatti nama jibbuun kun mudannoo yeroon dabarsu ta'uu isaati. Lammiileen Hoolaandi baroon eenyummaa isaanii isa dhugaa akka mul'isan. Waa'ee haqaa irratti ejjennoo jabaa qaban eeganii tursuu, sababiin isaas "Farri Semetikummaa" gochaa badaa, gochaa badootaati. Kanaaf akkuman siin jedhe Kiitii too, ciniinsuun waraanaa kun akkumasaatti osoo darbee, dhamaatii isaaniitiin yihuudonni lubbuun hafan Hoolaandiin gadhiisanii bahuun dirqama jechuu dha. Nuti miseensonni mana icciitiis darsa keenya nu hafte guurrannee biyya miidhayduu kana, biyya jalalaan nu simattee fi jaalalaan nu keessummeessite kana, dhuma kanarra garuu fuula ishee nurraa naannessite kana dhiisnee isa dhumaaf nagaatti jechuun keenya dhiyaateera. Kiitii tiyya, Hoolaandiin sii ibsuu kanin danda'uu olitti dha kanin jaalladhu. Nama biyya kanan qaba jedhee himachuu hin dandeenye yoon ta'es, hawwii gaaftokko Hoolaandiin biyya abbaa koo jedhee waamuu garuu nan qaba. Kan ta'es ta'ee niyyaan koo gaaftokko dhugaa akka ta'u ammas abdiin qaba. Aanaa kee irraa

KAMISA CAAMSAA 25/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Guyyaa gara guyyaatti waanti haaraan tokko uumamuun isaa hin oolu. Namichi soorata nuu dhiyeessu abbaan girooserii sun har'a ganama naazotaan qabame. Maaliif naan hin jettuu? Namoo yihuudaa lama dhoksee sooraa turuun isaa waan irra gahameefi. Mudannoo baayyee nu rifachiisedha. Gara gaannaba lafarraa sana kan deeman yihuudota lamaan sana qofa sitti hin fakkaatiin. Hoolaandichas carraan dhaqqabu kan yihuudota sana irraa addaa miti. Daran mee hin caaliin iyyuu, akka yihuudotaa dafanii du'uuf carraa dhabuu danda'u. Inumaa maqaa icciitii biraa baasuu danda'a jedhuun gidiraan waaqa diimaa agarsiisu. Addunyaan bitawoon kun faatiin ishee badeera. Kan ture hunduu akka hin jirree ta'aa jira. Namoonni kabajamoo fi ulfaatoo jedhaman guyyumaan gara buufata uggurtiitti, gara mana hidhaatti, akkasumas gara bakka hin beekamneetti baay'inaan fe'amanii deemaa jiru. Amma biyyitti bulchaa kan jiran duraan tuffatamanii namoota irraanfataman harcaatota bakka galan dhabanii turani dha. Namni adda addaa kiyyoon inni ittiin qabamu garaagara dha. Tokko tokko yihuudota yookaan nama Naazii jalaa dhokachaa jiru dhoksitan jechuun qabama. Qofa, namni miseensa Naazii hin taane har'aaf boru keessaa waanti isa mudatu hin beekamu. Qabamuun namicha abbaa qabeenyaa mana dhugaatii kanaa hagam akka nu miidhu atumti tilmaami. Amma kanarra dhaabannee nyaata keenya qusachuu qabna. Waa'ee kanaa irratti erga marii'annee booda waan irratti walii galle sitti haa himu. Garuu waan baay'ee jijjiirama fidu miti. Harmeen yaada "cireen sirumaa haa hafu" jettee dhiiyeessite mormii malee mirkanaa'e. Laaqanni daabboo ittoo xiqqoon. Affeellii Mosee afur. Yoo danda'ame immoo torbeetti tokko yookaan torbeetti al lama Raafuu yookiin immoo fuduraalee keessaa tokko akka soorannu walii galle. Yaadni kanaa achii dhaabbiin abjoochuu dha. Beelli xa nu gochuufi Kiitii too, haa ta'u malee garuu Naazota harkatti kufuu irra harka dhibba wayya. Aanaa kee irraa

JIMAATA CAAMSAA 26/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Kunoo kaleessaa jalqabee muddamni mana keenya keessatti uumame xinno tasgabbaa'ee minjaala qixa qaawwaa irra jiru irra taa'ee siif barreessuuf qophii xumureera. Afuurri koo bututeera Kiitii tiyyaa, ji'oota muraasa darban kana keessa miirri bullaa'aan akkasii natti dhagahamee hin beeku. Yeruma hattoonni sunuu balbala keenya cabsan sana iyyuu miirri kiyya akkas hin daakamne Siin jechuu nan danda'a. Karaa tokko waa'een namicha keenya girooserii sun sammuu kiyya keessa deddeebi'ee boqonnaa na dhowwaa jira. Karaa biraa immoo isa kam sitti himee isa kam dhiisu? Mana keenya keessatti olii fi gad hafarfamaa mata dureen oolu, akkasumas addunyaan hundi "The Jewish Question" jecha jedhu dha. Dhimmi soorata keenyaa hammaachaa hammaachaa deemuun isaa, takkaayis muddama walii galaa nurratti mohe, Fuula gaddisiisaa miseensa mana icciitii keenyaa hundaa irratti argamu, fi dhimma Piiteritti aaruu sanaa fi kkf. Kun kun egaa mudannoo gurraacha dha. Gidduu gidduutti immoo adii adiin isaas luf jedhee yeroo darbu nan arga ture. Fakkeenyaaf qubeelaa naqataa Meeppee. Ayyaana witsen gaggeessuu (Witsen jechuun ayyaana Faasigaa booda Dilbata torbaffaa) jechuu dha, fi kkf. Qofa maal siin haa jedhu? Jijjiiramichi jireenya fiixee adda addaa lamaan gidduutti argamu sun yeroo kamillee nuu waliini. Guyyaa tokko kolfaan gammadaa ooluun, guyyaa biraa immoo sodaan perepperamaa oolla. Ijoota hunda keenya keessa sodaa, muddamaa fi abdii kutuun osoo dubbifamu oola. garuu waa'ee keenya kana caalaatti dhimmi namootaa harka dachaa kudhan na yaaddessu jira. Innis dhimma Meeppee fi obbo Kireeler dha. Eeyyee, jireenya ishee nuuf jettee balaa irra buuftee nu gargaaruuf lubbuu ishee kan hin qusanneef Meeppee fi dhiphina sammuu isaarraan kan ka'e dubbachuuf illee kan isaaf dadhabame obbo Kireeler. Mee itti yaadi Kiitii too, as holqa dhiphinaa kana keessa jiraachuu erga jalqabnee, Kunoo ganna lama guutuu dha. Hanga yoomiitti jireenya harka harka jedhaa kana akkasitti kan itti fufnuu fi Ammoo jireenya afuuraa laanqisaa'aa kana obsuu kan dandeenyu. Ujummoon dhangala'aan ittiin bu'u waan cuqqaalameef ujummoo bishaanii gosa kamiyyuu banuun nuuf dhorkaadha. Gara kutaa dhiqannaa wayita seennu biruushii fi kanaaf jennee bishaan xurii walitti qabneerru qodaatti hir'ifnee fuunee seenuun dirqama. Kan har'aahoo akkuma fedhettu ni dandeenya. Hojjetaan Ujummoo sun kophaa isaa hojjetuu hin danda'u yoo ta'e garuu maaltu akka nu liqimsu mooji. Warri mana qopheessa hanga guyyaa Kibxatatti waan dhufan miti. Meeppeen ayyaana Wetseniif keekii bifa namaan hojjetame (Ashaangulliiti) hojjechiiftee nuu ergite. Keekii sana duukaas yaadannoo nuuf ergite sana irratti "Happy Withsun" barreeffama jedhu wayitan argu, kan nuu hin faayessine natti fakkaate ture kan natti mul'ate. Dhugaa kooti Kiitii, gurra guddifte naan hin jedhiin malee inumaayyuu faaya jaarraa keenyaa isa ol aanaa jedhamuuf ni danda'ama. Garuu amma haalli waliigalaa itti jirru haala kamiinuu "Happy" jedhamuun irra hin jiraatu. Waanta namicha keenya abbaa girooserii irra gahe erga dhageenyee ayyaanni nurraa ka'eera. Asiis achiis kan dhageessu ususa akeekkachiisaa darbatamu qofa. Calliinsi mana keenyaa immoo yoomillee caalaatti nu liqimsuuufi. Mana namtichaa cabsanii galuun namichaa fi yihuudota lamaan fudhatanii kan sokkan poolisoota Naaziiti jedhan. Kun nurrattis ta'uu ni danda'a ture jechuu dha. Waaqi hin jedhiin malee guyyaan abaaramaan tokko guyyaa nuti itti qabamnu osoo gahee,.... A'a dhiisi natti haa hafu. Kana hoo osoon barreessuu dhiisee wayya. Haa ta'u iyyuu malee garuu erga kaleessaa gaaffii sammuu kiyya keessaa bahuu dide dha. Hanga har'aatti dhiphinni ani irraa dheessaa ture fuula isaa naannessee ija natti babaasaa jira. Ammas garuu abdii haaraa ofiitti horachaa jirra. Namoota waan taaneef. Xumurumti waan kanaa haa dhufu malee gaariis ta'ee hamaa waan na ajaa'ibu jira sitti hin fakkaatiin. Qofa garuu xumura keenya dafnee arguun fedha. Aanaa kee irraa

KIBXATA WAXABAJJI 6/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif "This is D-day" jechuun BBC'n guyyaa har'aa uummata addunyaatti faarse. Dhugumatti D-day jechuun guyyaa weerarichi itti jalqabu jechuudhaa? Amanuu dandeessaa Kiitii too? Weerarichi jalqabuufi. Har'a ganama sa'aa lama irratti ture kan BBC'n oduu gammachiisaa kana dabarse. Kaales, Buwuleny, Li Havri fi Cherborgi, Paade Kalaasin dabalatee sigiga dhootuu (Boombii) isaan mudateen akka hin jirre ta'aniiru. Dabalataan naannoo zoonii to'annaa waraana Naazii jala jirun fageenya maayilii digdamaa irratti uummanni akka of eegu akeekkachiisni darbeera. Yoo danda'ameef Ingilizoonni bakka ammaa jedhame kanaaf ergaa kana waraanni taasifamuun dura sa'aa tokko dursanii xiyyaaraan ni harcaasu kan jedhus gabaafameera. Tajaajilli oduu Jarman akka gabaasetti taanaan loltoonni Ingiliz xiyyaararraa Paaraashuutiin akka bokkaa harca'anii daangaa Faransaayi irra qubachaa jiru jedhama. Markaboonni Xiyyaara waraanaa Ingiliz baatan karaa isaanii humna galaanaa Jarman wajji waraana ulfaataa irra jiru jedhee BBC'n gabaase. Miseesonni mana icciitii kutaa waliiniitti walitti dufnee waa'ee dhimma kanaa irratti marii goone. Miirri hedduu keenyaa wal fakkaata ture. Wanti kun waggaa lamaan dura kan yaalame yaalii kuffisuu sana wajjin tokkoo laata?. Shakkii keenya kanaan sa'aa tokko akkuma turreen, sa'aa afur irratti BBC'n Afaan Jarmaniin, Afaan Hoolaandiin, Afaan Faransaayiin, akkasumas afaanota kaaniin weerarichi jalqabe jechuun gabaasuu itti fufe. Kana jechuun weerarri inni sirriin jalqabame jechuu dha. Namatti hin toluu Kiitii too? Baayyee baay'ee namatti hin toluu? Sa'aa shan irratti BBC sagantaa afaan Jarmantiin jeneraalli walii galaa weerarichaa jeneraal Ayizenawerii dhiyaatanii haasaa taasisaniiru. Sa'aa ja'aa irratti BBC'n afaan ingiliffaa dhowinsi diinarratti akka jalqabe ifa godhe. Jeneraal Ayizenawerii uummata Faransaayif ergaa dabarsaniin "Stiff fighting will come now, but after this, the victory. The year 1944 is the year of complete victory; good luck." Sa'aa torba irratti BBC tamsaasni afaan Ingilizii, xiyyaarri waraanaa weerara kanaaf hiriiran kuma kudha tokko akka ta'an dubbate. Markabni Waraanaa 4000 immoo loltoota fi nyaata loltootaa fe'an cheerbergi fi Lee loveritti buusaa jiru. Waraanni Ameerikaa fi Ingilizii kan waliin qindaa'an Waraana labooberra akka jiran ni dubbatama. Namoonni gurguddoon jiru jedhaman haasaa taasisaa jiru. Geer Biraadii, Muummee ministeeraa Beeljiueem, Mooticha Norway Haken, Deegol Faransaayi, Mooticha Biritish, dhuma irrattis Wines ten Churchill guddicha. Dhiphachuu fi raafama guddaa mana Icciitii keessatti. Yeroo kana hundaaf abdii fi hawwiin eegaa kan turre baayyee kan dubbatameef, garuu immoo hawwamuun isaa baayyee baay'ee guddatee turuu irraan kan ka'e sheekkoo daa'immanii fakkaatee jira. Bilisa ba'uu waanti jedhamu sun dhugumatti ni dhufaa laata? Bilisummaa keenya baruma kana ni argannaa laata? Ammas taanaan waanti ofitti amanamummaan dubbachuu dandeenyu hin jiru. Haa ta'u malee adbiin keenya coolagee ture keessa keenyaa yoo xiqqaate lalisuu jalqabeera. Afuura haaraan guutamaa fi irra deebiin cimina afuuraa argachaa jirra. Yoomillee caalaa ciniinnachuu kan qabnus amma. Oo... Kiitii too, maalirrayyuu caalaatti dhimma weeraraa kanaaf waantan ani gammade maal seete? Yeroo jalqabaaf qomoowwan keenya nutti dhiyaachaa akka jiran waan natti dhagahameefi. Kanaaf yeroo hunda, Jarmanoota fi raajii lafaa kanaan dhiphachaa jiraanne. Qarri baangaa isaaniis yeroo hunda morma keenya irra jira. Egaan Lammiileen keenya gadhiifamuu fi nutis bilisa ba'uu caalaa waanti nama gammachiisu maaltu jira? Kana booda dhimmi isaa kan yihuudotaa miti. Inuu dhimma Hoolaandii fi biyyoota biraa to'annaa Naazii jala jiranii dha. Egaa tarii fulbaana yookaan onkoloolessa keessa gara mana baruumsaatti deebi'uu nan danda'a ta'a. Tilmaamni Maargootis kanumadha. Kan irraa hafeen nagaatti Kiitii too, haga naa danda'ameen oduuwwan angafoo weeraricha ilaallatan hordofee yeroo yeroon sii barreessuun yaala. Aanaa kee irraa

JIMAATA WAXABAJJI 9/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Oduuwwan angafoo weerarichaa, Waraanni sabdaneessaa qarqara Faransaayitti magaalaa xiqqoo argamtu kan BAYU jedhamtu erga to'ataniin booda, gara Kenitti imalaa jiru. Adeemsi isaanii Cheerbergi gahanii saamtota galaanarraa naannoo sanatti argaman guutummaatti to'achuuf waan deeman fakkaatu. Galgala hundaa sabaa himtoonni weerarichaa midiyaatti bahuun dirqama waraanichi bahaa jiruu fi gootummaa inni agarsiise, akkasumas onnee isaaniif cimina akka ta'utti ni ibsu. Baay'ee ajaa'ibaa fi seenaawwan raajii ta'antu himamaa jira. Dabalataanis loltoonni waraanicha irratti madoo ta'an gara Ingilizitti deebi'uun hopsitaala jiran afaan isaaniitiin haala waraanichi irra jiru nuu himu. Haalli qilleensa isaa hagamis rakkisaa yoo ta'e iyyuu xiyyaaronni dhootuu harcaasan boqonnaa malee ergama isaanii bahachaa akka jiran dubbatama. Kabajamaan Churchill guyyaa weerarichi jalqabe Waraana sana duukaa deemuu barbaadee jeneraal Ayizenewari fi jeneraalonni kan biroon dirqiin isa kadhatanii akka isa hanbisan BBC irraa dhageenye. Mee herregi Kiitii, umrii isaanii kanaan onnee akkamii qabaataniitu? Amma yoo xiqqaate torbaatama ta'u. Amma miirri jeeqamaan mana icciitii kanaa xiqqoo tasgabbaa'eera. Ammas taanaan waraanni kun baruma kana akka xumura argatu abdii qabna. Obbo Faandaan fi Piiter irraan kan hafe namoonni mana icciitii hunduu tiraayooloojii "Hungarian Raphsody" jedhamu dubbisaniiru. Waa'ee jireenya muuziqeessaa beekamaa Firaansi Liizit kan dhaadhessu fi kitaaba baay'ee namatti toluudha. Garuu akka kootti gaafan yaadu kitaabichi irra caalaatti waa'ee dubartootaa odeessuu isaatiin xiqqoo dadhabbina agarsiiseeran jedha. Dubbii keenya keessatti garuu Kiitii, Firaansi Liizit jechuun muuziqeessaa qofa osoo hin taane direessaa beekamaas ture. Hanga dhuma bara isaatti jechuunis hanga umrii torbaatamaffaa isaatti durbartoota ammayyoomaniif handaaqqoo kormaa isaanii ture. Kanarratti affeelaa qoosaa sitti hin fakkaatiin. Babbareedduu ishee ture kan inni qolatu. Jaalalleewwan isaa kan turan keessaa muraasa sitti haa himu. Kabajamtuu Maariyaa Daagol, Intalmootii Karolin Sayin Witipenistayin, Shubbistuu Loolaa Montees, Piyaanisti Agines Kingiwares, piyaanesti Soofii Menter, Intalmootii Oolgaa Jaan-yaannaa, Kabajamtuu Oolgaa Meeyendoorfi, Taatuu Liilaa, fi kan dhuma hin qabnedhan siin jedha. Kitaabichi bakka waa'ee muuziqaa fi fakkii odeessutu irra baay'ee baay'ee namatti tola. Kutaalee kana keessatti eenyu eenyufaatu eerameera seete, Iskuman, Kilara Waayik, Hekter Barliyos, Johannis Birahimsi, Biit Hooven, Jowachim, Richardi Wagner, Hansi Von Bulow, Antun Robinistayin, Firedirik Chopin, Viktor Hugo, Honor Di Balzak, Hiler, Humel, Kiserni, Rossini, Cherubini, Paganini, Mendelsi, Son, kkf, kkf,... Firaansi Liizit uumama isaan nama gaarii fi dhibaawummaa irraa nama fagaate dha. Akkasumaanummaan isaa daangaa darbe akkuma jirutti ta'ee. Namoota isatti dhiyaatan deeggaruufis nama duubatti hin jenne ture. Isaaf "Muuziqaa" jechuun immoo waan hundaa jechuu dha. Kan inni akka lubbuu isaatti jaalatu lamaan immoo maal sitti fakkaata? Conyaaki fi Dubartoota, kan hafeen garaan isaa naasha'aa imimmaan eenyuu iyyuu nama ilaaluu hin dandeenye dha. Qarshiifis hamma xurii qeensaa dhimma nama hin qabne ture. Bilisummaa amantiilee fi nageenya addunyaa jabeessee kan jaallatu ta'uusaa baay'een dhugeessaniifiiru. Waaw Firaansi Liiziit. Aanaa kee irraa

KIBXATA WAXABAJJI 13/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Kaleessa guyyaa dhalootaa kan biraa tokko dabarsine. Kanaaf amma waggaa kudha shanan guute jechuudha. Kennaan kiyyas bash bash ture. Ispiriingersi kitaaba "History of Art" jedhu volume shanan isaa, Maarrabii harka, Itittuu qaruuraa lama, Maarmaalata qaruuraa tokko, karameellaa fi barruuleewwan Meeppee irraa, hunda caalaa kanan itti gammade immoo Kitaaba "Mara Theresa" jedhamuu fi chiisii muraa Sadii abbaa kireemii guutuu Obbo Kireeler irraa, kanarra bash bashii maaltu jira mee? Miskiinticha Piiter, hunduma caalaatti kennaa naa qopheessuuf yaaliin inni hin goone hin jiru. Haalli qileensaa baayyee rakkisaa fi fokkuu yoo ta'es, umriin loltoota sabdaneessaaf haa ta'uu ammas ciminaa fi gootummaan oduu gaggaarii nu dhageessisaa jiru. Kaleessa Cherchi, Ismaatis, Ayizenewari, fi Arnoolde, waraanichaan iddoowwan bilisa bahan magaalota Faransaayi daawwatan. Namni Churchill jedhamu kun sodaan maal akka fakkaattu iyyuu hin beeku. Nama akkam na hinaafsisu seete!, Waantan ani sitti hin himne Kiitii too, ji'oota lamaan darbaniif Adafiin (Laguun) kiyya dhaabatee ture. Galatasaa sanbata darbe naa deebi'eera. Si dhiba, waanti kun akkam akka na yaaddessee fi amma immoo yeroo naa dhufu hammam akka natti tole na hin gaafatiin. Aanaa kee irraa

ROOBII WAXABAJJI 14/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Golli sammuu koo, yaaddoo, dhiphina, muddamaa fi himata miseensota mana icciitiin jeeqama guddaa irra jira. Maaliyyuu yoo ta'e hanga namoonni kun yaadan ani dhibooftuu fi of tuultuu miti. Dogoggora koo tokko tokkoo ishee, fafa koo tokko tokkoo ishee isa eenyu beekuu olittin beeka. Garaagarummaan jiru maalirratti seete Kiitii? Kanin beeku rakkoo akkan qabu qofa osoo hin taane, of fooyyessuu akkan barbaadu, barbaaduu qofas osoo hin ta'iin akkan fooyyessus, hanga har'aattis baay'ee akkan fooyyesses dabalatee nan beeka. Garuu maaliifree jechuun yeroo baay'ee ofan gaafadha. Maaliif namoonni mana icciitii hundi ija jabeettii fi hunda beektuu kan of gootu wayiitti kan na ilaalan. Amma dhuguma ani nama "hundan beeka" ofiin jedhuudhaa? Moo tarii ani waan baay'ee beekee isaan immoo akkas waan hin taaneef aaraniitu laata? Dhuguman siin jedha Kiitii kun dhimma baay'ee na ajaa'ibu dha. Fakkeenyaaf miseensi mana kanaa hundi aadde Faandaan dubartii wallaaltuu akka taate beeka. Animmoo jechuma dheedhii isaatiin "dooftuu"dhan jedha. Namoonni wallaaloon immoo namoonni wayita isaan caalaan miirri gaariin isaanitti hin dhagahamu. Aadde Faandaan anaan akka wallaaltuutti kan na lakkooftuuf maaliif seete? Akka ishee hanqinni beekumsaa waan na hin miineef. Hagasi, kanuma sababni isaa. Anaan nama na argaa na argaa jedhu fakkeessitee kan na farrajaa jiru ishee, garuu immoo ishee caalaa namni na argaa baay'isu hin jiru. Katee koo baayyee gaggabaaboo fakkeessitee dhiyeessuu kan barbaadduufis kateeleen ishee kan koo caalaa gaggabaaboo waan ta'aniifi. Waanumti ta'e ta'ee jechamni ani jaaladhu tokko jira. "Ho'i bakka hin jirretti aarri jiraachuu hin danda'u" ta'us hunda beekuu koo guutummaa guutuutti haaluu hin danda'u. Dhimma koo waan ilaaleen, eenyullee na luugamuu fi na sakaaluu hin danda'u. Sababiin isaas hanqina ofirratti arginaan anuu matuma kootiin ofan adaba, Ofin arrabsas. Dhugaan kana ta'ee osoo jiruu garuu harmeen sin gorsa jettee yaa Abbaa keenyaa ishee yeroo na dhageessistu maaltu akka natti dhaga'amu atumti tilmaami. To'annaa kiyyaan ala ta'a. Ittan iyya. Namni na gargaaruu danda'u osoo jiraatee jedhee yeroon itti ani hin hawwine hin jiru. Garuu maal godharee nama tokkoyyuu argachuu hin dandeenye. Yeroon kana jedhu "Piiter hoo?" gaaffiin jedhu sammuu kee keessatti akka uumamu nan tilmaama. Garuu dubbichi akkasi. Piiter kan natti siiqu akka jaalallee kootti osoo hin taane akka michuu kootti. Anis ta'ee Piiter qorannaa jireenyaa isa guddaa mana Icciitii kana keessatti gooneerra jedheen yaada. Yerootii gara yerootti waan gara fuula duraatti, waa'ee yeroo dhufuu akkasumas waa'ee yeroo darbee ni mari'anna. Haa ta'u malee ammas taanaan waanta barbaachisaa argachuuf hin dandeenye. Waanti barbaachisaan ani siin jedhe sun egaa Piiter bira akka jirus nan beeka. Aanaa kee irraa

KIBXATA WAXABAJJI 16/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Isa Piiter gara fuula duraatti tapha qabsiisaa fi dhugduu ta'uu malu yeroo natti odeessu hagam akka na yaaddessu na hin gaafatiin. Piiter hagam tasgabbaa'aa fi qabbanaa'aa yoo ta'es sodaa qabu yeroo naa ibsuu baay'een sodaadhe. Namoonni amantii qaban dhugumatti gammaduu qabu. Sababiin isaas sammuu isaanii waan lafarraa dhiisanii isa kan waaqaatti hidhuu danda'uun isaa waan guddaa tokko dha. Kuniyyuu carroomuu tokko dha. Kana dhiisiitii du'a booda gubannaa jira jedhame sanayyuu sodaachuun dirqama miti. Walaneen "Jannataa fi Gaannaba" jedhaman kun namoota baay'eef kan hin liqimsamne dha. Kanas ta'ee sana garuu amantii qabaachuun namtokkoo karaa qajeelaarra akka deemu, akkasumaf jabina akka argatu ni gargaara. Namni kamiyyuu waan kana gochuu ni danda'a. Baay'ees waan ala nama baasu miti. Garuu waa'ee jireenyaa jechaan ibsuuf naan na rakkisa. Eeyyee Kiitii tiyyaa, Wallaalaan baruuf dhama'uu kan qabu fi hunduu jireenya mataa isaa irraa barachuu kan qabu maal seete? "Hanga yaadsammuu qulqulluu wanti jabaa fi ciminni hin jiru" Aanaa kee irraa

SANBATA ADOOLESSA 8/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Bakka bu'aan bizinasii biiroo Obbo Kireelerfaa obbo Bii'n gidduu kana gara magaalaa Bevirwaayik caalbaasii dorgomuuf imalee ture. Caalbaasii bizinesii bahe sanarratti argamuunis istiroobarri kiiloo baayyeetti shallagamus bituu danda'eera. Dubbii keenya keessatti Kiitii, biyya Hoolaandi kana keessatti namni oomisha kuduraa fi muduraa hojjetu kamiyyuu caalbaasii ifaan qofa akka gurguru seerri daangessu jira. Egaa garuu Istirooberri biyyaaf gahu kan dhukkeen golgame tokko nuu fidee dhufen siin jedha. Istirooberrii gundoo digdamii afur guutuu!... Namoonni biiroo fi nuti akka hirmaannuuf jechuu dha. Na amantes, na amanuu baattes, guyyaadhuma sana ture cuunfaa istirooberrii makarajjii torba qopheessinee, saamsinee kan kaa'uu dandeenye. Bulees Meeppeen namoonni biiroo akka hirmataniif jaamii istirooberrii qopheessuu waan barbaaddeef nu bira fidde. Guyyaa keessaa sa'aa ja'a fi walakkaa irratti namoonni waajjira Obbo Kireelerfaa hunduu bahanii gara mana isaaniitti yeroo deemanii fi karaa guddicha irraa gara waajjiraa balballi galchu erga loosaan loosamee booda gahee keenya hafe fudhachuuf qodaa garagaraa guurree gara biirootti gadi buune. Piiter, aabbaa, fi Obbo Faandaan, karaa dhiphoo sanarra irraa gadee osoo bu'anii ajaja sardaa kennan. "Aanaa deemiitii ho'isaa keessaa bishaan ho'aa fidii koottu. Maargoot dafii gabatee fidii koottu. Hunduu gara hojii, dafaa" jedhanii nu sardan. Baay'ina Istirooberriin shokokiin mana guute. Garaa kiyya keessatti miirri keessummaa uumamaa jira. Agarsiisa ajaa'ibaa akkamii seete Kiitii tiyya? Namoonni mana icciitii fi gargaartonni keenya kutaa kana keessa istirooberrii gundoo gugguutee tarraa'ee taa'utti naanna'anii yeroo mannaagan osoo argitee Kiitii tiyya. Meeppeen garas, Obbo Kuubes garana, Aabbaan immoo asirraan, Piiter karaa achirraanii, Maargoot karaa kana, Obbo Faandaan gara kana, Kiitii jaalatamtuu, "Hookkara guddicha istirooberrii" jedhamee moggaafamuu danda'a. Kanarratti dukkana osoo hin taane guyyaa waaree dha. Garuu foddaaleen golgaan gollamanii waan jiraniif namni bakkee hookkaricha hin argu. Haa ta'u malee gogogsaan balbalaalee fi wacni namoota keenyaa shororkaa hagamii akka natti naqe sitti himuu hin danda'u. Amma dhuguma dhokanneerra jechuudhaa? Yaanni jedhu akka tasaa na cagadee darbe. Kana irratti gidiraa, dararaa, mankaraara, shororkaa kana hunda keessa darbitee Waaqayyo jedhee ifatti addunyaatti baatee jiraachuu yeroo yaaddu miira keessummaa guddaa tokko keessummeessita. Nikeeliin bishaan ho'aa itti naqaan ture ni guute. Nikeelicha fuudhee gara biirootti baheen karaa sadarkaa ishee dhiphoo gara kutaa icciitii keenyaatti olan bahe. Miseensonni asitti hafan immoo kushinaa biirichaa keessa taa'anii istirooberrii adda baasaa turan. Isa cuunfaaf ta'u gabatee tokkotti, isa jaamiif ta'u gabatee tokkotti, isa tortoraa immoo qodaa biraatti adda baasu. Yoo xiqqaate kan achi taa'an kana gochuuf turan. Garuu istirooberroota gara afaan gabateetti garbatamanirra gara afaan miseensota mana icciitii kanaatti ha'amantu caala. Ammaf dabalataan gabateen biraa waan barbaachiseef Piiter gabatee biraa fiduu deeme. Garuu osoo inni hin fidiin bilbilli karraa bilbilame. Yoos Piiteriin si hin godhiin Kiitii tiyya, maalis maalis osoo hin jedhiin karaa hulaa dhiphoo sanaa fatak jedhee kutaa keenya seene. Istirooberrootatti akka naannofnee teenyutti soofachuu eegalle. Istirooberroonni dhukkee uffatan dirqama miiccamuu qabu. Ujummoo bishaanii garuu banuu hin dandeenyu. Sababiin isaas seerri mana keenyaa haala kamiinuu cabuu hin dandeenye, "sababii dhangala'insaan sagaleen akka hin dhagahamne, namni waajjira godaa jiraachuun isaa yoo beekame ujummoon bishaanii akka hin banamne" jedha. Kanaaf seera hundi keenya kabajnuudha. Guyyaa keessaa sa'aa torba irratti obbo Kuubbes gara keenya dhufaniiti, namichi bilbila karraa bilbile sun nama poostaa ta'uu fi dhimma isaa fixatee akka deeme nutti himanii deebi'an. Yoosuu Piiter gabatee fiduu gara kutaa gadiitti bu'e. Ammas bilbilli karraa kilil kiliwu.... Piiter duubatti, fuulduratti fiige. Namni dhufaa jiru yoo jiraate jedheen faana namaa dhaggeeffadhe. Gara hulaattis nan siqe. Balbala gara kutaa keenyaatti galchutti hiiqeen dhaggeeffadhe. Sana booda akka hadurreetti ofeeggannoo cimaan, qeensaan ejjechaa garuma balbalichaatti yeroon siqu, Piiter natti dhufee akka hattoota lamaatti afuura keenya dhoksannee callisaan dhaggeeffachuu itti fufne. Sagaleen nama keessummaa kamiituu nutti hin dhagahamu. Piiter shokoksaa ammas gara gadiitti siqe. Gara boodaa dhaabatee takka dhaggeeffatee gaafa hubatu sagalee ususaan "Meeppee" jedhe. Deebiin tokkoyyuu hin jiru. Ammas "Meeppee" gaafa jedhu sagaleen isaa waca godaa dhufuun liqimfame. Sochii shokokii hin qabneen ittuma hiiquu eegale. Hanga mana nyaata bilcheeffannuutti siiqe. Ammas xiqqo dhaggeeffatee mana nyaata itti bilcheeffannu seene. Xiyyoo sadarkichaa irra dhaabadheen miira dhiphateen asii gad isa ilaalaan ture. "O'o Piiter maal asii goota? Abbaan herregaa dhufee as jiraam!. Jedhi dafii gara oliitti bahi" Akeekkachiisa ususaa obbo kuubbees ture. Piiter daawullaa harganaa deebi'ee dhufee, wal qabannee gara gubbaa baane. Gara keenyatti balbala galchus loosaan cufanne. Minjaala istirooberriin guute marsinee osoo teenyuu Obbo Kireeler sa'aa torba irraatti gara keenya dhufe. Dudubachaa deemaa waan tureef hulaa keenya irra yeroo gahe isa ta'uu waan barreef hundi keenya iyyuu uffee jenne. "Yaalee, istirooberriin kun bakka ejjennaa na dhowwateem. Kutaan nyaata itti bilcheeffatan istirooberrii, kutaan keessan istirooberrii, manni galmaa keenya istirooberrii, asirraan istirooberrii, achirraan istirooberrii, shurufkaan hunduu istirooberrii" jedhee hadheeffachaa kutaa waliinii keenya qaxxaamuree gara kutaa nuti jirruu mana nyaata bilcheeffannaatti yeroo dhufu sagaleen isaa ni dhagahama. "Idaa akkam jiruudha? Xinnoomallee irraa boqodha jedheeniim! Maal hojjettu ijoo? Isĥee, asiis istirooberrii?" Kiitii tiyyaa bahes bu'es, manni keenya warshaa istirooberrii fakkaateeran siin jedha. Istirooberrii filuu, istirooberrii miiccuu, istirooberrii quncisuu, istirooberrii laanqaxuu, istirooberrii saamsuu, istirooberrii cuunfuu, qaruuraatti naquu. Galgala oomisha keenyarraa istirooberriin makarajiin lama dhiyaatee baname. Aabbaan collummaa ajaa'ibaan jaamii istirooberrii nuu hojjete. Bulee ganama isaas makarajjiin lama dhiyaatee baname. Sa'aa booda immoo kan biroo makarajjiin afur dhiyaatan. Aadde Faandaan sadarkaa ho'aa istirooberriif gahu fi haala walii galaa waan hubachaa jirtu hin fakkaattu. Hanga ammaa jaamii istirooberrii kan nuu qopheessaa jiru aabbaa dha. Nyaata keenya hunda keessa istirooberriin ni gala, Aannan daakuu keenya keessa istirooberriin ni gala, Daabboo dhadhaan kan nyaannu istirooberriini, soora kamiiyyuu booda goolabbiin isaa istirooberrii dha. Istirooberrii shukkaaraan, istirooberrii ashaboon, istirooberrii Loomiin, istirooberrii duwwaasaa. Guyyaa lama guutuu osoo addaan hin kutiin istirooberrii irratti istirooberrii. Boodarra garuu waaqi isaaf haa kennu innis ni dhume, nutis ni boqonne. Akka ta'utti hojjetamee qaruuraa fi makarajjiitti saamsamee, sanduuqatti galee taa'e. "Dhageesse mitii Aanaa?" naan jette Maargoot. "Namichi abbaan qabeenyaa suuqii kuduraa fi muduraa dabsa karaa guddicha irraa qabu asheeta atarii nuu erge jedhan. Asheeta atarii biyyaaf gahu. Yoo xiqqaate kiiloo kudhan ta'a" Gammachuun ishee safara hin qabu ture. "Eeyyee dhagaheera. Baay'ee nama gaariidha" jechuunan deebiseef. Dhugumatti gaarii gochuun namtichaa kan raajeffatamuu qabu dha. Garuu Kiitii, asheenni ataraa hojii dadhabsiisaa akkamii akka inni qabu osoo beektee maal qaba? Asheeta ataraa siruma osoo nyaachuu baatanii jetta. Safuu walanee isaa!.... "Sanbata ganama hojii asheeta ataraa felluu waan qabnuuf hunduu akka nuu beektan" ajaja jedhu harmeen kutaa waliinii keessatti kan walitti qabamnee jirru hundaaf dabarsite. Akkuma jetteyyuu qodaan nyaataa inni adii guddaan asheeta ataraan guutamee minjaala irra taa'ee nu eege. Asheeta ataraa felluun baayyee hojii nuffisiisaadha. Kan ilaaluu qabdu garuu ajaa'iba isa kaanidha Kiitii. Isa kam naan hin jettuu? Isa atara fellamee taa'e irraa deebistee tokko tokkoon qola haphii irraa quncistudha. Atarri qolli haphiin sun irraa qunca'e hagam akka mi'aahu namoonni baay'een waan beekan natti hin fakkaatu. Nyaattee waan quuftu sitti hin fakkaatiin. Fellamaa kubbaayyaa tokko niitiin fixuu dadhabde, osoo qunca'aa sana sii laatanii kubbaayyaa sadii fixxa. Yoomillee waanti gaarii qoosaatti hin argamu mitii? Akkuma kana qola haphii asheeta ataraa quncisuun hojii baayyee rakkisaa ta'uu isaa yoo hin yaaliin sii galuu hin danda'u. Tarii namoota hojii rakkisaa fi of eeggannoo harki isaanii bare baayyee rakkisuu dhiisuu danda'a ta'a. Garuu ijoollee durbaa akka kiyya jirtuu fi soofattu hagam akka rakkisuu danda'u atumti tilmaami. Hojicha kan jalqabne sa'aa sadii fi walakkaa irraatti ture. Sa'aa afurii fi walakkaa irratti na nuffisiisnaanan ka'e. Shanii fi walakkaa irratti irraa deebiin ittin taa'e. Qajeelfamni hojii irra deddeebiin kennamu gurra na cufe. "Felluuf, jalqabatti asheeticha fiixee isaarraa dachaafta. Irraa waan fo'aa fakkaatee walakkaa isaa irra deemu taraaruu, achii akka micciiruu goota." Qajeelfamichi itti fufa. "Qola isa keessaa quncisuuf immoo jalqaba xiqqoo dhooqee bakka jirurraa qeensaan kaasta. Sana booda quba elmituu fi abgudduun qabdee quncista. Achii qola haphii sana qodaa tokkotti, foon isaa immoo qodaa tokkotti kuusta. Foonsaa inni keessaa akka hin foxxoqne, akka hin baqaqne, akka hin meceleqne,...." Raajii keenya argitee? Motora sa'aatii yookiin sarkiyuutii raadiyoo waan hojjennu hin fakkaannuu? Hanga waan hunduu magariisa na jalaa fakkaatuutti kanan garaa guutuutiin itti galee asheeta kana fellu. Qolli yabbuun jalqabaa magariisa. Qolli haphiin isheen keessaa magariisa. Foonsaa inni geengoon ittiyyuu magariisa ifaa. Magariisa, magariisa..... maal abbaa koon godha? Rajii magariisa kana yaaduu dhiisuuf jecha waan sammuu kootti dhufe hunda xeebaa isaan kolfisiisuun eegale. Kunis baay'ee na hin deemsisne. Hanga sagalee koo dhagahuun isaan niffisiisutti ittan fufe. Garuu Lakkoofsuma gumaa tokko tokkoshee quncisaa deemuun ofitti amanamummaan koo dabalaa jira. Waaqayyo isaan haa eebbisu, sa'aa ja'a irratti sababii cireen raajii magariisa kanarraa nu boqochiisan. Gatii maalii qabaree? Ja'aa fi wakkatti itti nu deebisanii hanga sa'aa torbaa fi ruubiitti qola haphii sana luqqisaa turre. Dhukkubbiin wayii natti dhagahamuu yeroo jalqabu hojichi dhume. Jarri kaanis baay'ee akka isaan dadhabsiise irraa beekama. Sa'aa kudhan irratti immoo yeroo na dunquqqeessu kutaa kiyya seeneen ciise. Ijoota koo juluunfadhee illee fakkii fokkuu asheeta sana irraa dhokachuu hin dandeenye. Aanaa kee irraa

SANBATA ADOOLESSA 15/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Meeppeen faa kitaaba bareedaa tokko mana kitaabaatii ergifatanii nuu fidan. Kitaabichi yeruma mata duree isaa argitu qurumsa keessa si galcha. "What do you think of the modern young girl" jedha. Har'a kanan sitti himu waa'ee dhimma kitaaba kanaa ta'a. Barreessituun kitaaba kanaa rakkoo dargaggeessi si'anaa itti jiru seeccaati. Yeroo jettu garuu akka barreessitoota warra kaanii yaada gogaa "Dargaggoonni si'anaa mul'ata maleeyyii fi kan waa'ee hin baafne" jettee miti. Inuu, Ilaalcha cimaa "Dargaggoonni onnee isaanii irraa fedhii osoo qabaatanii, Addunyaa bareedaa fi isa kanarra baayyee wayyaa ta'e ijaaruuf waan hunduu harka isaanii irra jira. Rakkoon isaanii waanta faayidaa hin qabne duukaa fiiguu fi bareedina dhugaa sana arguu dhabuu isaaniiti" jedhu qabdi. Barreessituun kun iddoo tokko tokkotti waa'ee koo waan barreessite hanga natti fakkaatutti miira koo dadamaqsite. Egaa kanaafi kanan waa'ee kitaaba kanaa mata duree har'aan irraa sii himuu fi ceephoo niitii kanaaf mala jedhee yaadus siif barreessuuf kanan murtesse Kiitii tiyya. Keessumaa namni na beeku osoo kitaaba kana dubbisee amala ani qabu tokko ifatti kan hubatu qaba. Kunis waa'ee kootiif hubannoo ani qabudha. Gochaa Koo fi hojii koo hunda akka nama biraatti bakkee dhaabadhee ilaaluuf dandeettii nan qaba. Aanaa yeroo hundaa kan namni hunduu beeku sana, loogii tokko malee, akka nama biraa kamiittuu ciminashee fi hanqinashee kaa'uufii nan danda'a. Of beekuun kun hanga libsuuf illee sammuu koo keessaa dhabamee hin beeku. Lakkoofsuma afaan koon saaqqadhuun, dubbadhee osoo sagaleen koo namicha bira hin gahiin "A'a... Waanta kana karaa kana dubbachuun qaba ture" yookaan immoo "Eeyyee.... Sirriin jira" Jedheen of gamaaggama. Dhugaatti waantonni ani irraa of konkonu jiru. Hunda isaa nan ibsa yoon jedhe yeroo fixuu natti ta'a malee. Isa aabbaan "ijoolleen koo waan gochuu qabanii fi irraa fagaachuu qaban ofiin beeku" jedhe amma reefu oolee bulee naa gale. Eeyyee maatiin waanti gaariin ijoollee isaaniif gochuun irra jiraatu yoo jiraate kallattii sirrii agarsiisuu qofa. Kan hafeen itti bahiinsa dandeettii isaaniin ta'ee jireenya hawwaasummaa isaanii gara fuula duraa ijaaruu ijoollota matuma isaaniif dhiisuu wayya. Kana qofa akka sitti hin fakkaanne kiitii, Ciminnii fi Onneen dhuma hin qabne na keessa jira. Yeroo hunda kan natti dhagahamu hagam akkan cimtuu ta'ee dha. Rakkoo baayyee dandamachuu akkan danda'u nan beeka. Kunimmoo bilisummaa guddaa naa kenneera. Jabinnii fi bareedummaan dargaggummaa akka natti dhagahamu na godheera. Wanti kun na keessa jiraachuu isaa yeroo jalqabaaf gaafan ofirratti bare gammachuun koo daangaa hin qabu ture. Sababiin isaas rakkoolee eenyumaafuu hin oollee fi hulaa miliqqee tokkoyyu hin qabne, akkasumas jireenya hadhaa'aa kamiifuu akkan hin jilbiiffanne gaafsanan bare. Garuu Kiitii tiyyaa, mata duree kana irratti irra deedeebiin sitti odeesseera. Amma sitti himuu kanin barbaade garuu "Aabbaa fi harmeen rakkoo na hubachuu qabu" mata duree jedhu irratti. Eeyyee aabbaa fi harmeen dhaloota irraa hanga har'aatti na hooksaadha kan isaan jiraatan. Jaalala isaanii daangaa malee naa kennaniiru. Humna isaanii guutuun gaaddisaa fi dahoo naa ta'aniiru. Maatiin tokko ijoollee isaaniif waan gochuun irra jiraatu naa godhaniiru. Haa ta'u malee ani garuu yeroo haga kana hundaa kophummaan liqimsameen jiraadhe. Rakkina koo naman mariissisu dhabuun badhee walakkaatti waanin gatame natti fakkaataa ture. Aabbaan afuura keessa kootii danfu qooddachuuf yaaliin inni hin goone hin jiru. Haa ta'u malees jijjiramni inni naratti fide hin jiru. Ofiidhuma koon of oolche. Rakkoo keessan dhidhime keessaas ofii koo of himachaa jaarsummaa mataa kootiin suuta tiradheen keessaa bahe. Yeroo sana hunda qophaa koo galaana dhiphinaa yeroon daaku aabbaan akkamitti na bira dhaabbachuu dadhabe? Eeyyee Kiitii, rakkoon aabbaa karaa dogoggoraa fayyadamuu isaati. Kan inni na haasofsiisu akka mucaatti dha. Akka ijoollee kamiiyyutti na lakkaa'a. Dhugumatti dubbiin koo har'aa waa'ee aabbaa isa yeroo kaan sii ibsu duukaa wal dhiita. Sababni isaas namni ani waan garaa koo waliin haasa'u aabbaa akka ta'e isan beekuun ol malee gadi kan hin taane beekta. Sammuu sirrii akkan qabuu fi ofiitti saalfachuu tokko malee akkan jiraachuu danda'u namni amanu isa qofa. Yoo ta'es garuu aabbaan waa'ee koo waanta hin hubanne tokko qaba. Anaaf wanti kaayyoo koo naa caalu akka hin jirre naaf hin hubanne. Dubbii isaa keessaa jechoonni naaf hin liqimsamne ni jiru. "Kuni dhimma umriitiim.... Argitee mii? shamarran umrii akka kanaa keessa jiran" jedhee na hubachiisuu yaala. "Shamarroonni warri kaanis..." yookaan immoo "Abshiir kun waan yeroon furudha" fi kkf. Ani waan hundumaa caalaa kanan jibbu waan akkasii ture. Akka shamarree akkasumaaniitti lakkaa'amuu hin barbaadu. Aanaadhaatii akka Aanummaa kootti ilaalamuun qaba. Aabbaan kan inni naaf hin beekne kana dha. Inni biraan namni waa'ee isaa gadi fageenyaan yoo naa himuudhaabaate anis waa'ee koo itti himuu hin fedhu. Aabbaa waliin rakkoon ani qabu tokko immoo kana. Eeyyee waa'ee aabbaa waantan ani beeku waan lakoofsa keessa galu miti jechuu nan danda'a. Kanaaf kana caalaatti haallin itti dhiyaachuu danda'u waan jiru sitti hin fakkaatiin. Aabbaan yoomillee yaaliin inni natti siquuf godhu akka abbaan intala isaatti dhiyaachuuti. Irra deddeebisee kan inni naa himu rakkoo umrii isaa akka koo kanaatti isa irra gahaa turee fi waa hunda yeroon akka furudha. Asitti rakkoon aabbaa inni guddaan miira keessoo koo akka hiriyaatti hubachuu dhiisuu isaati. Hagamis yoo yaale kana gochuuf hin dandeenye. Egaa waantota kana dha, waa'ee jireenyaatiif Ilaalcha walii galaa ani qabus ta'ee murtoon qorannoo yeroo dheeraa booda irra gahe, eenyuufiyyuu qooduu irraa akkan of qusadhu kan na godhe. Diyaarii too irratti barreessuu fi yeroo meeqa keessaa immoo al tokko tokko Maargootitti afuura baafachuu irraan kan hafe. Sammuu koo daran jeeqaa nagaa koo waantota nyaatan hunda aabbaa dhokseeni kanan jiraadhe. Ilaalcha koo gosa kamiiyyuu qoodeefii hin beeku. Eeyyee Kiitii, aabbaa ofirraa dhiibaa akkan jiraadhe sirriittan beeka. Kanaa alatti waanan gochuu danda'u hin turrekaa. Guutummaa guutuutti miira keessoo koon oofaman jiraadhe. Kanaaf nagaa sammuu koo naa eega jedhee kanin yaadu yoo ta'e boodarra dogooggora ta'uu isaa osoodhuman beekuu iyyuu itti fayyadamaan har'a gahe. Sababiin isaas sirreeffama asiis achiis natti darbatamu osoon dhagaheera ta'ee, tulluu yaabuuf qixxeen godhe kana duubatti na deebisuu, fi ofiitti amanamummaa gidiraa meeqaan horadhe kana hundeen isaa osoo hin hafiin ni sigigaata jechuu dha. Kan warra kaanii haa hafuutii sirreeffama tuffii aabbaa biraa dhufu iyyuu fudhachuuf hin danda'u. Si ajaa'iba Kiitii, Waan garaa koo aabbaaf qooduu dhiisuun koo akkuma jirutti ta'ee, danfuu koo daangaa hin qabneen hagam ofirraa akkan isa fageesse naa gala. Amma yaaddoo natti ta'aa kan dhufe, aabbaan natti dhiyaachuuf yeroo yaalu qoodan gammaduu qabu maaliifan jeeqamaa? Keessumaa gararraa koo ta'ee yeroo inni sin barsiisa naan jedhu obsi koo akkamitti akka na ganu na hin gaafatiin!. Kan inni na hubachiisu yaalu hunduu ijoollee waanin ta'eef, kan na hubachiisu natti fakkaata. Amma kanin barbaadu aabbaan yaada akkasii qabaachuu isaa fi qabaachuu dhabuu isaa akka natti himu, akkasumas yeroof akka na dhiisu dha. Sababiin isaas xalayaa kana dura barreesseefiin gaabbiin hagam of nyaachaa akkan jiru na qofat beeka. Oo... Kiitii, karaa hunda obsituu fi cimtuu ta'uun akkam ulfaataa dha? Garuu kan si dhibu waantin ani itti dhiphadhu inni guddaan kana miti. Aabbaa caalaa afuura koo dhiphisee kan jiru Piiteri. Waraana qabbanaa'aa anaa fi isa gidduutti adeemsifamaa turee injifannoon kiyya akka ta'e nan beeka. Fakkii Piiteris sammuu kiyya keessatti bareechee bocadheera. Kan jaalatu, nama hiriyaa ta'uuf kan dhabe, callisaa, kontomaa, miira haphii kan qabuu fi mucaa hubataa jaallatamaa godhee boceera. Anis yoon ta'e jireenya kiyya keessatti nama waan garaa koo itti odeessu baay'ee naman barbaadun ture. Le'ii kiyya keessatti karaa sirrii qabachuuf qabsoo wal irraa hin citne yeroon gaggeessu jabaadhu nama naan jedhuu fi qulqullummaan nama na deeggaru na barbaachisa ture. Kanin barbaades argadheera. Haaluma kanaanis Piiteriin ofitti fiduu danda'eera. Dhuma irratti garuu, walitti dhufeenya nu gidduutti uumame sadarkaa gaarii irra ergan geessisee booda, hiriyyummaan keenya karaa ani yaade dhiisee gara hiriyyummaa akkasumaaniitti guddachaa dhufe. Gara dhuma dhumaarra yeroon yaadu kun akka hin taaneef waanan gochuu qabu hunda akkan hin goone naa gale. Icciitii anii fi Piiter waliin hin haasofne waan jiru sitti hin fakkaatiin. Icciitii uumama kamittuu dubbannee hin beekne hanga waliin haasofnuutti geenyeerra. Kunis ta'ee hanga har'aatti raajii uumamaa onnee too booressaa turanii fi jiraniin ifatti qaama keenyaan wal tuqnee hin beeknu. Mucaa Piiter jedhamu kana maal abbaa koo gochuu akkan qabu hin beeku. Fedhiin jaalalaa inni natti mul'isu hunduu miira hin taanedha jechuu dhaa!? Moo akkuma durboota warra kaan qaana'u naanis ni qaana'aa laata? Dubbii keenya keessatti garuu rakkoo kana keessa harki koo jira. Fedhii miira hiriyyummaa dhugaa ijaaruuf qaburraan kan ka'e dogoggorri ani uume tokko jira. Ani saayibummaa dhugaaf baayyee yeroon dhama'utti inni immoo ittuu fajajaa waan dhufeef, kallattii jijjiiree michummaa keenya gara walitti dhufeenya obbolummaatti akka guddatu yaalii godheera. Kanas kanan godhe, cichee kaayyoo koo bira gahuuf kallattii duraa irra deemuu osoon qabuu kallattii gadhiisee baduu kooti. Nan beeka Piiter jaallachuu ni barbaada. Jaalalli ana irraa isa qabeerus akka isatti caalaa jirus isarraa beekama. Isa wal sukkuumnu qofaarraayyuu gammachuu guddaa tokko akka argatu naa gala. Walitti dhufeenyi gosa kanaa garuu anaan miira miidhamaa keessa na galchaa jira. Eeyyee Kiitii too, rakkoon bara kanaa inni guddaan maal seete? Ilaalchota gaarii, mul'atoota ifaa, fi abdiilee nama maalalchiisan hunduu dhaloota kaanya irraa kaasanii nu keessatti erga guddachaa dhufanii booda, dhuma irratti dhugaa fokkisaa akka kistaana guddaa karaa keenya irraa dhaabataniin nu harkaa kufanii caccabu. Sirrii dha, gaarii dha, ta'uu qabu, kabaja kennuufiin qaba, jedhee waantota ani amanu hunda akkamitti akka onnee tiyya keessa tursee har'aan gahe atumti tilmaami. Sababiin isaas gita dhugaa lafa jiruun gaafa ilaalamu, ilaalcha gowwaa yookiin ilaalcha raatuu kan fakkaatanii fi dandamachuuf kan nama daangessaniidha. Kunis ta'ee garuu ammas harka koo irraa jiru. Gara fuula duraattis akkan turfadhu nan amana. Sababiin isaas waanti ta'ee fi ta'aa jiru hundi akka jirutti ta'ee, ammas taanaan Namoonni hundee isaanii irraa gaariidha jedheen amana. Manca'a, jeeqama, dararaa fi duuni akka bishaanii, cirrachaa, fi dhagaatti wal dhugee hundee gurraacha ijaarame irratti abdii koo dhaabuun garuu naa ta'uus naa milkaa'uus hin dandeenye. Addunyaan keenyi kun gara walii yaaduu fi gara isa qooqni bade sanaatti, gara Baabiloonummaatti deebi'uun ishee natti mul'achaa jira. Guyyaa irraa gara Guyyaatti nutti dhiyaachaa kan jiruu fi bakakkaan badiisa keenyaa yeroo nutti roorrisu natti dhagahama. Kitiloonni diida kanaa dararaa qalqallootti yeroo akaafatan miirri koo natti hima. Sunis ta'ee garuu gara samii samoota sanaatti wayitan yaadsammuu koo kennu, waan hunduu deebi'ee akka sirratu, dilii fi garajabinni dachee keenya irra buufatee jiru dhumti isaa akka dhufu, nageenyii fi jaalalli akkasumas tasgabbiin deebi'ee kan keenya akka ta'us natti dhagahameera. Hagasiif garuu yaadsammuun koo gaariidha jedhee waantota itti amane hundaa fi mul'atoota koo akkuman qabadhetti tursiisuuf dirqaman qaba. Sababiin isaas; maaltu beeka gaaftokko dhugaan godha ta'a. Aanaa kee irraa

JIMAATA ADOOLESSA 21/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif Dhugaa dubbachuuf abdiin koo naa ka'aa jira. Gara dhumaa irratti haalonni gaarii ta'aa dhufaniiru. Eeyyee Kiitii too, baay'ee baayyee gaarii ta'aa jiru. Sirumaa oduu gaarii sitti haa himu. Oduu bareedaa, Hitler irraatti yaaliin ajjeechaa godhame. Kan si dhibu akka yeroo kaanii osoo hin taane, yaalichi kan gaggeeffame yihuudota, ingilizoota, yookaan nama biraa osoo hin taane, sanyii mootii warra isatti dhiyaatanii taa'an keessaa dargaggeessa tokkooni. Inumaayyuu lubbuun Hitileruu kan oole raajii ayyaantummaatiini jedhama. Kan nama ajaa'ibu du'a irraa hafuusaa sitti hin fakkaatiin. Moccorraa xiqqoo irraan kan hafe balaan isa mudate tokkoyyuu hin jiru. Yeroo sanatti oofiserootaa fi Jeneraalonni achi turan garuu gartokko du'aniiru, gartokko immoo madaa'aniiru. Qindeessaan yaalii ajjeechaa sunis rasaasaan tumamee du'eera. Maalumaafuu kun kan ibsu maal seete? Ofiseroonni fi jeneraalonni Waraanichi harka harka isaanitti jedhe akka jiranii fi Hitler boolla hin baane keessa akka seenu kan barbaadan baay'een akka jiran agarsiisa. Hitler ajaa'ibuma wayiin osoo hunkutaayee, akka carraa ta'ee isaan immoo odoo bakka isaa qabatanii maal gochuu akka hedan beektaa? Karaa itti waraana sabdaneessaa duukaa nageenya uuman mijeessanii boqonnaa yoo argatan humna isaanii jabeeffatanii waggoota digdama dhufu keessatti waraana haaraa banuudha. Si hin ajaa'ibuu Kiitii? Waaqa isaan uumetu isaan hin ganne malee, warra sabdaneessa kanaaf kan toluufiis ta'ee kan salphatuuf Naazonni walii isaanii yoo fixaniidha. Kun otoo ta'ee Raashiyootaafis Ingilizootaafis hojiin salphatee, Yeroo yartuu keessatti magaalota isaanii deeffatanii hojii deebisanii ijaaruutti galu. Sadarka sanarra hin geenye. Kanaaf gara fuula duraatti haalota mudachuu danda'an ammuma sii raaguun fedha. Garuu sis osoo ta'ee oduu har'aan qabattee maaltu akka uumamuu danda'u tilmaamuun si rakkisa jedhee hin yaadu. Akkuma argitu har'a falasamoota gurguddoo jireenyaa sirra lolaasaa hin jiru. Kanaaf keessoon koo hagam akka naa tasgabbaa'e agarsiisaa mii? Oduu biraas sittan hima. Hitler namoota amanammuun tajaajilaa jiraniif ibsa haaraa kenne. Kana booda namni kamiyyuu humnoota Jarman hidhatan keessatti argamu "Geestaappaatiin" kan ajajame hunda gaaffii tokko malee dirqama raawwachuu qaba. Dabalees loltuun Jarman kamiyyuu sadarkaa loltummaa gad aanaa irraa hanga muudamtoota ol aanootti, eenyu illee waan jireenya Hitleriif balaa ta'u yoo nama wayii irratti arge achumatti ajjeesuuf mirga akka qabu ibsa godhe. Ibsa ajaa'ibaa. Agarsiisa dhiigaan ho'ee fi fokkisaa akkamii akka ta'uu danda'u herregii bira ga'i. Sitti haa agarsiisu, Joonii Moontis loltuun sadarkaa gadii dirree waraanaa itti ergamerraa yeroo deebi'u amna dheeraa deemeen luka isaatti dhukkubbiin dhagahamuu jalqabeera ta'a. Akkamu achi gaheen ajajaan isaa ajaja tuffii fi salphisuun isarra bu'a, sana booda Jooniinis "Tole gooftaa koo. Waan isin jettan nan raawwadha" jechaa boquu isaa gadi qabatee, gadi jedhee qawwee isaa satat godhee, "Gooftaa koo, ati Hitleriin ajeesuuf shira xaxaa jirta jechuudhaa?" Ittiin jedha. Egaa samii fi lafaaf ajajaa olaanaa namichi ture lafatti gombifamee argita. Achiiwoo? Dhumti isaa maal kan ta'u sitti fakkaata? Laal akkam ta'a seete, lakkoofsuma ajajaan waraanaa tokko nyaara loltuu isa jalaa tokkotti guureen ajajoonni waraanaa loltoota sadarkaa gadiin dhumuu eegalu. Kkkkk... Akkamitti akka fincaaniin dhuman sitti mul'ateeraa? Waanan jechuu fedhe amma sirriitti sii dhufee? Moo wal keessa si jalaan facaase? Tarii fulbaana dhufu barcuma mana baruumsaatti nan deebi'a ta'a miira jedhuun gammachuun koo danfaa jira. Safuu, garuu waa'ee koo. "Maaluma irratti iyyuu abdii isaaf maluu ol irra kaawwachuu hin qabu" kanan siin jedhe dhiyeenya kana tureem! Dhiifama naa godhi Kiitii tiyyaa. Maal haa godhu? Namoonni koos "Daduu komii xiqqoo" masoo jedhu kan na kennan sababa malee mitiim. Aanaa kee irraa

KIBXATA HAGAYYA 1/1944[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jaalatamtuu Kiitiif "Daduu komii xiqqittii" Gaalee kanaan ture xalayaa koo darbe kanan xumure. Kan har'aas kanin jalqabu jechama kanaani. "Daduu komeewwanii" Hiika isaa sirrii natti himuu dandeessaa? Haa ta'uutii "Komii" jechuun maal jechuudhaa? Eeyyee akkuma jechoota baayyee kunis roga lama qabaachuu danda'a. Komee bakkee fi Komii keessoo. Inni jalqabaa egaa isa akkasumaanii "Salphaatti amanuu fi walii galuu waanta ati hin barbaadne, Anatu siif beeka kan jettu, Isa ani jedhe malee kan jettu" kan naan jedhanii fi walii gala ani akka Aanaatti amaloota koo ittiin beekamuu fi warra naaf hin jaalatamne hunda ta'uu isaati. Waa'ee isa lammaffaa garuu namni beeku tokkoyyuu hin jiru siin jechuu nan danda'a. Inni kun Icciitii dhuunfaa kooti. Kana dura duuchamatti siif eeruu akkuman yaale eenyummaa dachaa (Dual personality)n qaba. Cinaan koo tokko maal seete? Walii galummaa koo, haasoftuu ta'uu koo, waan hundatti qirixxistuu ta'uu koo, afuura dammaqaa qabaachuu koo, hunda caalaa immoo waan tokkorrattiyyuu kan fo'aa itti hin baafne ta'uu koo fi haalota hunda salphisee ilaaluu koo, akkasumas yoo na arrabsan, yoo na aarsuuf yaalan miirri aarii xiqqoollee narratti argamuu dhiisuun isaafaa keessatti hammatamu. Cina koo kanadha yeroo hedduu kan bakka qabatu. Cina koo isa biraa jechuunis baayyee wayyaa, gadi fagoo, eenyummaa koo isa qulqulluu ari'ee bakka waltajjii to'ata. Kan beekuu qabdu maal seete Kiitii, Cina gaarii Aanaa namni beeku tokkoyyuu hin jiru. Kanaafi namoonni baay'een akka ani didduu fi tole hin jennee wayiitti na fudhatan. Si dhiba, mee meeqa keessaa tokko ciniinnadheen miira koo keessa haa turu jedhee nan murteessa. Yoo xiqqaate yeroo xiqqoof illee taatu nan yaala. Fakkeenyaaf guyyaa walakkaaf camgag jedhee yoon oole namoonnis kanaaf na hin dadhaban. Rakkoon isaa garuu maal seete? Aanaa ishee kaan waan beekaniif ta'ee hin beeku hunduu itti toluu dida. Maal qaba osoo fuula ishee arguu baannee hanga jedhanitti gahu. Dhuguma koon siin jedha, namoota yaada gadi fagoo qabaniifi bilchaatoo miira Filimni jaalalaa kennuufii beektaa? Kunoo akka kanatti na fudhatu. Jira mitii? Jijjiiramuma qofaaf jettee waantonni ati gootu. Yeroof kan itti fayyadamtuu fi yeroo booda kan dagattu. Gadhees kan hin jenne garuu immoo gaariis hin jettuun. Waan kana osoon sitti himuu baadhee baay'ee natti tola ture. Garuu immoo dhugaan isaa erga akkas ta'ee maaliifan sitti hin himu? Cinaan koo inni salphaan baayyee ariifataa fi humna dhiibbaa uumuu waan qabuuf eenyummaan koo inni gadi fagoon morkachuu fi dandamachuu hin danda'u. Kanaafi yeroo baay'ee olaantummaa kan argatuu fi cinaan koo gaariin immoo hulaa bahumsaa kan dhabeef. Mee har'uma illee Aanaa namni hunduu beeku kana dhiibbaa irraan geessisee ishee haa ari'u, Naafa ishee haa godhu, jedhee yaaliin ani hin goone hin jiru.. Sababiin isaas maal abbaa ishee fiddi? Aanaa jechuun ishittii sana mitii? Isheen kun garuu walakkaa Aanaa ishee sanaati. Garuu gatii maalii qaba hin hojjetu? Hinhojjetu Kiitii, maaliif akka hin hojjennes nan beeka. Warri eenyummaa tokkoon na beekan gaafa eenyummaa biraa qabaachuu koo baran yaada jedhu wayitan yaadadhu, keessa koo sodaan guuta. Kan natti kolfan, kan na tuffatan, akk raatuutti warra na ilaalan, yookaan immoo fudhatama kan na dhowwatan, fi amanamummaa dhabuu amaleeffadheera. Garuu kana obsuu fi baachuu kan dandeessu Aanaa ishee ifa qofa. Aanaa ishee gadi fagoof garuu waan baay'ee ishee dhukkubu dha. Takka takka Aanaa ishee gaarii dirqisiisee sa'aa ruubiifillee waltajjii yoo dursite garuu jechumti ani dubbadhu wayii yoo jiraate osoo ani afaan koo hin saaqqatii na keessaa luf jettee baatee Aanaa lakkoofsa lamaaf iddoo gadhiifti. Kanaaf Aanaa gaarittiin yeroon ani nama wajjin jirutti na bira hin jiraattu. Kun hanga har'aatti guyyaa tokkoofiyyuu ta'ee hin beeku. Wayitan kophaa koo ta'u garuu olaantummaa kan qabaatu isheedha. Yeroo sanatti akkam ta'uu akkan barbaaduu fi maal ta'uu akkan qabu sirriittan beeka. Keessa kootti jechuu kooti. Garuu gatii maalii qaba? Aanaa ishitti kana ta'uu kanan danda'u ofii kootiif qofa. Warra kaan biratti ta'uu hin danda'u. Tarii namoonni uumama gammadduu dha kan naan jedhaniif kanaaf ta'uu mala. Dhugumatti daandii koo kan na argisiiftu Aanaa ishee keessaati. Malee ana jechuun oggiree hidhaa kuttee araddaa keessa akka garaa ishee burraaqxu mitimoo? Akkuman sitti hime waa'ee miira koo dhugaa eenyuttiyyuu xis jedhee hin beeku. Kanaafidha maqoota ariituu dhiiraa, jaalattuu gaa'ilaa, hunda nan beeka kan jettu, dubbistuu seenota jaalala, fi kan fakkaatan horachuu kanin danda'e. Kun egaa Aanaa ishii haasoftuu sanaan ni kolfisiisa. Miira maal na dhibeen gateettii ishee jala galchiti. Akka waan giroo irraa hin qabnee fakkaatti. Aanaan iseen callistuun garuu, oo... Kiitii ishee si hin godhiin. Dhugaa isaa natti himi yoo naan jette, haalli kun baay'ee na dhukkubsa. Kanaafi of jijjiiruuf kanin qabuu fi kanan hin qabneen yeroo hunda kan ani tattaafadhu. Garuu maal goota? Kanan wal'aansoo wal qabaa jiru nyaapha cimaa waliini. Keessa kootii sagaleen hirqinfatu jira. "Argitee mitii!?... Kana dha kan kee dhumni, of tuulummaa keetiin, ana malummaa keetiinis nama hunda qoccoltee qoccoltee kunoo dhuma irratti kophaa kee hafte. Kan sii gaddus hin argamne. Kan si jaalatus hin jiru. Halayyaa osoo buutee iyyuu kan dhimma sirraa qabu hin jiru. Ka'umsi kana hundumaa maali yoo naan jette, walakkaa cina kee kan taate dhagahuu dhiisuu keeti" kan naan jedhuudha. Kanaaf qoosaaf waanan godhe fakkeesseen dafee Aanaa lakkoofsa tokko gaggeessee bakkashee Aanaa lakkoofsa lama buusuuf dirqama. Sababni isaas kan warra kaanii dhiisiitii dhiibbaadhuma maatii koo dandamachuu hin danda'u. Waanan calliseef qofa akkan dhukkubsadhe mirkaneeffatu. Akka waan hoo'insi kiyya dabaleetti takka qoosee koo, takkaa immoo mataa koo qaqqabanii na cinqu. Goginsi garaa si qabee akka hin taane jedhanii gaaffiin na dhisu. Barbaadanii rakkoo narratti yoo dhaban mukaa'uun akkasii illee hin barbaachisu jechuun ceeppoo narratti darbatu. Waanin barbaades ta'ee waanan yaade ta'uuf carraa naa hin kennan. Kanaaf maalif akka narratti xiyyeeffatan gaafan yaadu, oriisaa isaanirratti bulgaafadheen isaan adabachiisa. Ittiyyuu natti hammaatu. Sanaa achi dirqamee Aanaa gaarii sana iddoo gadhiissisee Aanaa lakkoofsa lamaaf waltajjii gadhiisa. Aanaa tokkoffaa keessatti deebiseen akka riphxun godha. Amma of ta'uuf yaaliin godhu keessatti karaa biraa barbaaduu ittan fufa. Safuu Kiitii, akkan ta'uu barbaadu osoon ta'ee Aanaa bareedduu akkamiin ta'a ture. Garuu maal gootaree? Namoonni addunyaa kana naa waliin qooddatan osoo hin jiraannee ture. Aanaa kee irraa





Diyaariin Aanaa kan goolabame xalayaa gaafa hagayya 1 1944 Kiitiif barreessite kanaani. Kana booda itti fufuu hin dandeenye. Sababni isaas poolisoonni Naazii humna nageenyaa Hoolaandiin eegamanii guyyaa sadii booda jechuunis hagayya 4 1944 gamoo sana erga marsanii booda kutaa icciitii akka isaanitti agarsiisu obbo Kireeleriin dirqisiisan. Miseensonni mana icciitii fi dhoksitoonni obbo Kireeler fi obbo Kuubbes dabalatee poolisoota Naaziin harkifamaa fudhatamanii gara mooraa tursiisaa Hoolaandi keessatti argamuu Wester Boorki geeffaman. Achumaan yihuudonni saddeettan ji'a tokko booda gaafa fulbaana sadii baabura loon fe'uun gara mooraa du'aa Oshiwutzi geeffaman. Manni icciitii sakkatta'insa naazotaan akka hin turre ta'ee ture. Akka tasaa hojii qilqullina manaa namni hojjetu waraqaa baay'ee lafatti babbadanii jiran keessatti yaadannoo Aanaa kana argee fuudhee maal akka ta'e akka adda baasaniif Meeppee fi Eeliitti kenne. Shammarran Aanaafaa dhoksuun himatamanii bilisa bahan kunniin yaadannoo Aanaa kana bakka eenyullee arguu hin dandeenye dhoksuun kaa'an. Hanga gaafa guyyaa obbo Firaanki ibiddaa Oshiwuutzi irraa hafee waraana booda gara Amisterdaam dhufee isaan irraa fuudhuutti. Miseensonni mana icciitii hagayya 4 1944 harka naazotaatti erga kufaniin duuba, jalqaba kan geeffaman Amisterdaam irraa 120km kan fagaatu fi akka biyya Hoolaanditti guddina isaan mooraa uggurtii Naazotaa beekamu gara Wester Boorkitti. Turtii ji'a tokkoon booda immoo baabura horiin ittiin fe'amuun hudumamanii gara mooraa gubinsaa buufata du'aa yihuudotaa kan ta'e Oshiwuutzitti deemsa guyyaa sadiin geejibsiifaman. (Yihuudonni miiliyoonni ja'aa ol bakka itti gubaman) Akkuma achi gahaniin dhiironni gama tokkotti dubartoonni gartokkotti akka goran erga taassifanii booda, ammas gama lachuurraa ijoollee fi dadhaboonni, warri dullooman, dhukkubsattoonni, akkasumas namoonni hojii humnaa hojjechuuf humna qaban gartokkoon akka hiriiran taassisaman. Yeroo sanatti gareen ijoollee jedhameefii dadhabaa jedhamee fo'ame yeroosuma ibiddatti nam'ee barbadaa'e. Haa ta'u malee yeroo sanaaf akka carraa ta'ee miseensota mana icciitii keessaa garee kanatti kan ramadame hin jiru. Kaayyoon Naazotaa inni guddaan Yihuudota fuula lafaa irraa balleessuu yoo ta'es, garuu sana dura humna saanii sirriitti xuuxnee itti fayyadamuu qabna sagantaa jedhus cinaan qabu. Sanarratti uummanni gara buufata gubinsaatti geejibsiifamu gubanii fixuuf humna mooraan ol ture. Egaa Aanaan mucayyoon ganna kudha shanii umrii waggaa kudha sadaffaa isheetti mana icciitii warqii hiraarfamaa taate keessa seentee ji'oota digdamii shaniif gidiraa ishee kan argite, achii boodas ji'oota dararaa torba dabarsiteetti. Namni Oshiwutzi keessatti Aanaafaa waliin turtee ibidda Oshiwuutzi irraa haftee akka dhugaa baatetti, "Haati Aanaa ijoollee isheef baayyee kan rorootu fi wajji cololiitu turte. Poolisoonni immoo kana arguun inumaayyuu gara kutaa bira itti aanuu fi qulqullinni isaa hin mijanneetti ijoollee ishee jalaa geessan. Akkasis ta'ee nyaata osoo ofii hin nyaatii isaaniif kenniti ture." jette. Turtii ji'a lamaan booda Aanaa fi Maargoot gara mooraa gibinsaa biraa Beergen Beelsen jedhamuutti dabarfaman. Sana booda aadde Firaanki jiraanya akkasumaanii jiraachaa turtee amajji ja'a guyyaa dhumaa le'ii ishee geesse. Ni boqotte. Beergen Beelsen hagamis buufata gubinsaa Naazotaan uumame yoo ta'es mooraa du'aa tasgabbii qabu jedhamuun beekama. Garuu waktii Aanaa fi Maargoot achi dhaqan yeroo muddamaa waan tureef akka carraa hiraara daran hammaatetu isaan mudate. Galmoonni mooraa sana keessatti argaman hunduu baay'ina hidhamtootaan humnaa ol muddamanii turan. Weerarri dhukkubaa tures to'annaa ala ture. Dabalataan Aanaa fa'i wajjin dubartoota kuma sadii fi dhibba torbatti dhiyaatan waan ta'aniif godoo yeroo ijaaramte keessa teessee of hooquun alatti waanti dhufu hin jiru. Miseensonni mana icciitii namoota gurguddoo jedhaman illee mooraa gubinsaa kana keessatti wayita dabaree isaanii eeggachaa turanitti fooninis ta'ee afuuraan burkutaa'anii turan. Keessumaa obbo Faandaan baa'ee dadhabeera. Bu'uura ajaja Naazotaan kan saamaawaaraa gubinsaatti darbataman warra dadhabanii dha. Kanaaf miseensota mana icciitii keessaa jalqaba gara gemmii ibiddaatti kan darbatame obbo Faandaan ture. Obbo Firaanki mataan isaa haala nama ajaa'ibuun micciiramuu carraan oole. Dhukkubsatee baatii sadaasaa keessa hospitaala mooraa sana keessatti argamu akka ciisu ajajameefiitu kan inni oole. Amajjii digdamii torba kudha sagal afurtamii shan waraanni sooveet mooraa Oshiwuutzitti tarkaanfii fudhateen wayita bilisa baasu obbo faandaan akkuma hopsitaala ciisetti jira ture. Fakkaattota isaa duukaa bilisa baastotaan fuudhamanii gara buufata doonii odeessa jedhamu geeffaman. Achii markaba Niwuzlaandi isaan eegaa turteen hanga lixa Aawurooppaatti gaggeeffaman. Naazonni ariitii Sooveet Oshiwutzitti dhiyaachaa deemaniin hodhamtoota ajjeesanii fixuu waan dadhabaniif hidhamtoota kuma kudha tokko dhiisanii bahan diilalla fi dadhabbii sanaan miilaan gara Aawurooppaa lixaatti deemsifaman. Warra kana keessa kan ture Piiter kana booda eessa akka gahe hin beekamne. Walakkaan hidhamtootaa imala irratti akka du'an beekamaadha. Hireen Piiteris kanarra adda waan ta'u miti. "Aanaa Firaanki mooraa kana keessatti argeen ture naan jedhe namichi as keessatti hidhamee ture tokko" jette hiriyaan Aanaa wajjin guddatan kan Bergen Belsen keessatti hidhamtee turte. "Akkuman ta'e ta'ee Aanaa eessa akka jirru mirkaneeffachuuttin ka'e. Gaafan mirkaneeffadhu anaa fi Aanaa gidduu ijaara shiboo qoraatta'aa hadurreen illee hulluuquuf ishee rakkisutu gidduu keenya jira ture. Wayitan argu yeroo xiqqo akka dhiphachuu ta'een osoonin beekin "Aanaa Firaanki" jedheen waame. Kana hunda yeroon godhu kan na hordofaa turte niitiin wayii bakkuman jiru akkan turu mallattoon natti agarsiiftee gara godoo yeroo sanatti ol galte. Baay'ees osoo hin turiin shamarreen baay'ee huuqqattee fi tarkaanfachuu illee dadhabde tokko achii as natti baate. Aanaa Firaanki dha jedhee amanuun na rakkisee ture. Akkuma na argiteen hirqinfattee boo'uu eegalte. Maqaa kiyya hanga waamtutti ishee ta'uu hin mirkaneeffanne ture. Maatiin ishee hundi dhumanii isheen qofaan akka hafte natti haasofte. Maargoot immoo kuunnootiyyuu jettee reeffota tuulamanii gubamuuf taa'anitti quba qabuun natti agarsiifte. Waraanicha booda lubbuun jiraachuu isaa kanan mirkaneeffadhe abbaa ishee obbo Firaanki illee ajjeefamuu isaa dubbatti. Aanaan cimina keessoo ayyaana isheen hidhamtoota Oshiwutzi hunda biratti kan beekamtu Mooraa Beergen Beelsen keessattis irra deebiin akka raawwatte dhugaa bahamaaf. Ji'a guraandhalaa keessa dhukkuba Busaan qabamanii siree irraa jalaan rafaa kan turan obboloonni kun baayyee of dadhaban. Gaaftokko Maargoot siree saqalaa fakkaatu sana irraa bu'uuf jettee osoo yaaltuu qabannoon ishee ganee diida manicha keessaa irratti kufte. Danuu huuqqattee waan turteef balaa kufaatii sana irraa hafuu hin dandeenye. Achumatti lubbuun ishee darbe. Mankaraara kana hunda dandamachaa kan turte Aanaan du'a obboleettii ishee kanaan ciminni afuura ishee hunduu tasa hurraa'e. Guyyaa muraasa booda isheenis guyyaa dhumaa jireenya ishee geesse.

Wabii[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Wikipidiyaa