Xurunash Dibaabaa
Xurunash Dibaabaa Qananii atileetii Itoophiyaa fiigicha dheeraa beekamte dha. Isheen yeroo amma chaampiyoonii olompiikii meetira 5000 fi 10,00 ti. Xurunash fiigicha tiraakirraa afurii fi fiigicha qaxxaamura biyyaa shan moo’atteetti. Kanaafis maqaan galaafattuu fuula ijoollee qabdu (baby faced destroyer) jedhamu kennameef.
Xurunash Onkoloolessa 1, 1985 iddoo Boqojjii jedhamutti dhalattee. Maatii ishee ijoollee 6 qabaniif Xurunash mucaa afraffaadha. Xurunash kan guddatte lafa ol ka’aa godina Arsii keessatti yoo ta’u atileetiksii umurii ishii 14tti jalqabde.
Xurunash qaama maatii atileetiksii ti. Obboleettiin ishii Ijjigaayyoo Dibaabaa waltajjii addunyaarratti kan beekkamtu yoo ta’u obboleessi ishii Dajanee Dibaabaa akka abdii gara fuula duraatti ilaallama. Obboleettiin ishii Ganzabee Dibaabaa dorgommii guddattootaa(junior) Qaxxaamura Biyyaa kan Addunyaa 2008 godhame moo’atteetti. Moo’attuun Olompiikii 1992 fi Olompiikii 2000 Daraartuu Tulluu durbii isaanii ti. Daraartuun milkaa’ina seenaa fiigicha dheeraa uummata Oromoo itti fufsiisaa jirti.
Contents |
Medaaliyaa Warqii Olompiikii [edit]
Xurunash riikardii addunyaa haaraa meetira 5000, daqiiqaa 14:11.15 Gooldan Ligii Osloo 2008 irratti galmeessitee jirti. Xurunash Olompiikii Beejiing irraatti meetira 10,000n Hagayya 15, 2008 riikardii Olompiikii haaraa daqiiqaa 29:54.66 galmeessuun moo’atte. Duraan riikardii kana Olompiikii Sidinii irraatti daqiiqaa 30:17.49n qabatte kan turte durbii ishii Daraartuu Tulluu turte. Riikardiin Olompiikii kun seenaa fiigicha meetira 10,000 hanga ammaatti geggeeffame keessaa isa olaanaa lammaffaa yoo ta’u, Afrikaa keessaa immoo riikardii haaraadha. Afrikaa keessaa duraan riikardii kana Shampiyoonshiippii Addunyaa 2003 irratti daqiiqaa 30:04.18n qabattee kan turte Biraanee Adareeti.
Torban tokko booda, Xurunash, gaafa Hagayya 22, 2008tti, meetira 5000n duraan shaampiyoonii kan turte Masarat Daffaar dursuun moo’attee. Sa’aatiin ishiin galmeessites daqiiqaa 14:41.40 ture. Moo’ichhi kunis dubartii jaqabaa meetira 10,000 fi 5,000n Olompiikii tokkorratti moo’atte ishii taasisa.
Xurunash, bara 2008 atileetii wagga kanaa jedhamtee Track & Field Newsn filamteetti. Akkasumas, baruma kana, yeroo lammaffadhaaf IAAFn ‘qabxii bayeessa dubartii waggaa kanaa(female Performance of the Year)’ jechuun filateera. Sana dura, bara 2005ttis badhaasa kana argattee turte.
Jireenya Dhuunfaa [edit]
Xurunash abbaa madaaliyaa meetii olompiikii 2004 fi 2008 Silashii Sihiintti heerumte. Erga Olompiikii Beejingii, kilabiin ishii Poolisiin Mana Sirreessaa, sadarkaa chiif suupper intendentii jedhamu kenneefii jira. Akkasumas hoospitaalli naannoo Finfinneetti ijaaramaa jiru tokko maqaa ishiitiin moggaafame jira.
IAAF [edit]
Daayimandi Ligii (Diamond League) [edit]
Daayimandi Ligiin dorgommii walitti fufaa tiraakii fi dirree keessaa IAAFn bara 2010 hundeeffame.
| Bara | Dorgommoo | Fiigicha | Sadarkaa | Sa’aatii |
|---|---|---|---|---|
| 2010 | Adidas Grand Prix, New York City | 5000m | 1ffaa | 15:11.34 |
| Aviva London Grand Prix, London | 5000m | 1ffaa | 14:36.41 |
Atileetiksii Addunyaa Xumuraa [edit]
Atileetikissiin Addunyaa Xumuraa dorgommii atileeksii waggaa waggaan bara 2003 hanga 2009 tti IAAFn geggeeffame.
| Bara | Iddoo | Dorgommii | Sadarkaa | Sa’aatii |
|---|---|---|---|---|
| 2003 | Monaakoo | 5000 m | 3ffaa | 14:57.87 |
| 2005 | Monaakoo | 5000 m | 2ffaa | 14:46.84 |
| 2006 | Istuutgaarti | 3000 m | 2ffaa | 8:34.74 |
| 5000 m | 1ffaa | 16:04.77 | ||
| 2009 | Tasalooniki | 5000 m | 2ffaa | 15:25.92 |
Gooldan Ligii(Golden League) [edit]
Gooldan Ligiin dorgommii walitti fufaa tiraakii fi dirree keessaa bara 1998 hanga 2009 IAAFn geggeeffame.
| Bara | Magaa laa | Dorgommii | Sadarkaa | Sa’aati |
|---|---|---|---|---|
| 2002 | Biraaselsi | 3000 m | 11ffaa | 8:41.86 |
| Barliin | 5000 m | 6ffaa | 14:49.90 | |
| 2003 | Osloo | 5000 m | 3ffaa | 14:39.94 |
| Roomaa | 5000 m | 4ffaa | 14:41.97 | |
| 2004 | Bergen | 5000 m | 2ffaa | 14:30.88 |
| Roomaa | 5000 m | 4ffaa | 14:47.43 | |
| 2005 | Roomaa | 5000 m | 1ffaa | 14:32.57 |
| 2006 | Osloo | 5000 m | 1ffaa | 14:30.40 |
| Paaris Se’int-Denis | 5000 m | 1ffaa | 14:54.24 | |
| Roomaa | 5000 m | 1ffaa | 14:52.37 | |
| Zuuriik | 5000 m | 1ffaa | 14:45.73 | |
| Biraaselsi | 5000 m | 1ffaa | 14:30.63 | |
| Barliin | 5000 m | 2ffaa | 15:02.87 | |
| 2007 | Paaris Se’int-Denis | 5000 m | 1ffaa | 15:21.84 |
| 2008 | Osloo | 5000 m | 1ffaa | 14:11.15 |
| Roomaa | 5000 m | 1ffaa | 14:36.58 |
Qabxii Olaanaa Ishiin Fidde(Personal Bests) [edit]
Kan bakkee [edit]
| Dorgommii | Sa’aatii | Guyyaa | Magaalaa |
|---|---|---|---|
| 3,000 m | 8:29.55 | Adoleessa 28, 2006 | Landan |
| 5,000 m | 14:11.15 (RA) | Waxabajjii 6, 2008 | Osloo |
| 10,000 m | 29:54.66 | Hagayyaa 15, 2008 | Beejiing |
| 5 km (karaarra) | 14:51 | Eebla 3, 2005 | Kaarlisbaad* |
| 15 km (karaarra) | 46:28 (RA) | Sadaasa 15, 2009 | Nijmeegen* |
Kan mana keessaa [edit]
| Dorgommii | Sa’aatii | Guyyaa | Magaalaa |
|---|---|---|---|
| 3,000 m | 8:33.37 | Amajjii 26, 2008 | Boostan |
| Maayilii lama | 9:12.23 | Gurraandhala 20, 2010 | Barmiingaam |
| 5,000 m | 14:27.42 | Amajjii 27, 2007 | Boostan |