Jump to content

Waliin leeya

Wikipedia irraa
(Symbiosis irra kan qajeele)
Meat Ants harvest Leaf Hoppers for their honey dew. The ants get an energy rich food source and the Leaf Hoppers receive protection from predators.
Leaf Hoppers protected by an army of meat ants
Common Clownfish (Amphiprion ocellaris) in their Ritteri sea anemone (Heteractis magnifica) home. As the fish benefits and the anemone is unaffected, this relationship is an example of commensalism

Waliin leeya (Symbiosis) jechuun micirjirtii adda addaa lama ykn lubbu qabeeyyii gosa adda addaa keessaa walitti dhufeenya dhiyoo ta’e agarsiisa.

Waliin leeyni (Symbiosis) hariiroo orgaanizimoota lama gidduu jiruudha. Hariiroo waliin leeya keessatti amala gosa sadiitu jira,

isaanis:

  • Wal-utubbii
  • Dhiyaanwalee
  • Maxxantummaa

Wal-utubbii (Matualism)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Wal-utubbii keessatti yeroo baay’ee sanyiiwwan lamaan walitti dhiyeenyaan ykn dhaabbiin waliin jiraatu. Sanyiin waliin jiraatan lamaanuu walirraa fayyadamu. Altokko tokko jireenyi sanyii lamaanii wal irratti kan hundaa’u (interdependent) ta’uu irraa kan ka’e kopha kophaa bahanii jiraachuu hin danda’an.

Fakkenya walutubbii

Hariiroo walutubbii bineeldoota fi biqiltoota gidduutti uumamu:Hariiroo kun ilbiisootafi daraaraa gidduutti kan mul’atu dha. Ilbiisoonni kan akka kanniisotaa fi bilaachawwaniidhangala’oo daraaraa xuuxxachuu irratti bobba’u. Ilbiisoonni kun nadhii daraaraa xuuxxachuuf jecha daraaraawwan biqiltoota adda addaa irra qubatu. Yommuu kannatti darbuukiiwwan (poolenoota) daraaraa biqiltuu tokko irraa gara biqiltuu biraatti geessu. Haalli kunis,darbuukiissuu (poolineeshinii)f mijaawaa ta’a jechuudha. Biqiltoonni daraaraa hedduun ilbiisotaan adeemsa darbuukiissuu (poolineeshinii) gaggeessu. Kanaafuu, ilbiisoonni fi biqiltoonni hariiroo kanarraabu’aa ni argatu jechuudha.

Hariiroo walutubbii fangasootaa fi saaphaphuu gidduutti uumamu:-Arriin dhagaa walutubbii fangasii fi saaphaphuu gidduutti uumamu yoota’u, lubbuqabeeyyii lamaan walirraa faayidaa argatu. Hariiroo kana keessatti saaphaphuun halluu magariisa waanqabaniif nyaata qopheessuu ni danda’u. Fangasoonni immoo bakka jireenyaa ta’uun akkasumas, bishaan nyaanni ittiin qophaa’u dhiyeessu.

Hariiroo walutubbii baakteeriyaa fi beeladoota alal-dhaheeyyii gidduutti uumamu:-lubbuqabeeyyii soorattoo margaa kanneen alala guuran seeluuloosii marga keessa jirubulleessuu hin danda’an. Sababni isaas inzaayimii seeluuloosii bulleessu maddisiisuuwaan hin dandeenyeef dha. Kanaafuu, gargaarsa baakteeriyaa barbaadu. Baakteeriyaangaraacha alala guurtotaa keessa jiraatan immoo inzaayimii seluuloosii bulleessuudanda’u burqisiisuu. Baakteeriyaan bakka jireenyaa fi soorata alala guurtoota irraa argatu.Kanaafuu, baakteeriyaani fi alala guurtoonni lamaanuu bu’aa walirraa argatu.

waljirrachisni baaqee ykn dhiyaanwalummaa (Ingiliffan:Commensalism) hariiroo sanyii adda addaa gidduu ta’ee kan sanyiin tokko fayyadamaa ta’ee inni biraa garuu kan hin fayyadamnee fi hin miidhamnee dha. Fakkeenyaaf, qurxummii xiqqaan Riimooraa jedhamu qurxummii shaarkii jedhamu jalatti qabatee haftee nyaata shaarkii soorata. Shaarkii irra miidhaan gahu kan hin jirre yoo ta’u faayidaan inni argatus hin jiru. Riimooraan garuu fayyadamaadha. Allaattiiwwan loon jala adeemuun yeroo loon marga dheedan ilbiisoota marga keessaa yaa’an sooratu. Loon irraa miidhaan qaqqabu hin jiru; bu’aas hin argatan. Allaattonni garuu fayyadamtootadha. Simbirroonni muka irratti man’ee isaanii ijaarrachuun fayyadamu, mukti garuu fayyadaa argatus ta’e miidhaan irra gahus hin qabu.

Maxxantummaa(Parasitism)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Maxxantummaan ykn akankareessummaan ykn diigallooman hariiroo orgaanizimoota sanyiiadda addaa lama gidduutti uumamu yoo ta’u,orgaanizimiin inni tokko yeroo mara fayyadamaa yoota'u, orgaanizimiin inni biroon immoo ni miidhama.Orgaanizimiin inni fayyadamaa ta’emaxxantuuyoo ta’u, inni miidhaan irra qaqqabu immookeessummeessituudha. Akkaataa madaqiinsan maxxantoonni akaakuu lama qabu. Isaanis:

Maxxantuu qaama keessa keessummeessituu.Fakkeenyaaf raammoo minnii, raammoo maagaa,raammoo hookkoo fi kan kanafakkaatan.

Maxxantuu qaama ala keessummeessituu.Fakkeenyaaf silmii, injiraan, fi kan kanafakkaatan.Maxxantoota qaama keessa keessummeessitootaajiraatan keessaa marsaa jireenya raammoohookkoo fi raammoo minnii fakkiiwwan armaangadiin ibsamaniiru.

Raammoon-hookkookaraa gogaa keessumattuugogaa miilaan seena. Sanaan booda marsaa dhiigaaqabachuun dhiiga xuuxuun hir'ina dhiiga diimaa fida.

Raammoon minniiimmoo foon dheedhiiloonii fi booyyee maxxantuu kana of-keessattiqabate nyaachuun kan dhufu dha. Maxxantuun kun mari'imaan namaatti maxxanuun soorata xuuxxaatti.