Shawaa Dhiha
Shawaa Dhihaa (yokan "West Shewa") godinaalee kudhan-lamaan Oromiyaa keessaa tokko yoo taatu, maqaan kanas kan argatte kutaa biyyaa Shawaa durii irraati.
Shawaan Dhihaa kibbaan Saba, Sablammootaa fi Ummatoota Kibbaan, kibba-dhihaan Jimmaan, kaaba-dhihaan Wallaga bahaan, kaabaan naannoo Amaaraatiin, kaaba-bahaan Kaaba Shawaan fi akkasumas kibba-dhihaan Baha Shawaan dangeffamtee argamti. Bakki dheerina gudda godina kana keessatti argamu Mannaaggashaa fi Gaara Wachachaati. Magaallan Shawaa dhihaatti argaman beekamoon Alam Ganaa, Amboo, Hoolata Gannat fi Walisoo dha.
Gabaasa Shawaa Dhihaa [edit]
Gabaasa Central Statistical Agency irra bara 1997 E.C. (2005 G.C.) akka ibsutti, godinni kun tilmaamaan baay'ina ummataa 3,294,232, yoo qabaatu kan keessaa 1,625,107 dhiiraa yoo ta'an kan hafan yookan immoo 1,669,125 immoo dubartoota dha. Baayyina ummataa olitti ibsame keessaa dhibbantaan 12.3 % yokan namni 403,776 badiyya alla jirrattu. Ballina lafa tilmamaan 21,551.98 square kilometers ta'u kessatti "density" (walitti-kufami) ummatta Shawaa dhihaa tilmamaan 152.85 people per square kilometer ta'a.Cite error: Closing </ref> missing for <ref> tag, akkasumas avereejiin abbaa manaa baadiyyaa tokko hektaara lafa 1.4 (kunis hektaara lafa biyyaa 1.01 fi hektaara lafa Oromiyaa 1.14 wajjin yoo walitti madaalamu) [1], akkasumas avregiin abba mana baadiyyaa tokko mataan horii mana hanga 0.7 qaba. Persentiin 31.8% ummatta, namoota qonna malee jiraatan yoo ta'an, kunis yoo kan biyya dhibbantaa 25% fi kan Oromiyaa 24% wajjin yoo walitti madaalan. Ijoollee barachuu danda'an keessaa persentiin 66% mana barumsaa sadarkaa tokkoffaatti galmaa'anii argamu, akkasumas persentiin 28% mana barumsa sadarka lammaffatti galam'ani argamu. Persentiin 89% dhibbantaa kana malariaf banaa kan jiran yoo ta'an, tokkoleen Tsetse flyiif bana miti. Memorandamiin zonii kana risqii qillensa gogga (drought) qabachun qabxii 406 kenaf.[2]
Aanolee [edit]
- Ada'aa Bargaa
- Alam Ganaa
- Amaayyaa
- Amboo
- Baakkoo Tibbee
- Bachoo
- Calliyaa
- Daannoo
- Dawo
- Dandii
- Ejeree (Addis Alam)
- Iluu
- Ginda Barat
- Jalduu
- Qarsaa fi Qondaltittii
- Kokir
- Meettaa Roobii
- Noonnoo
- Xuqur Incinnii
- Tolee
- Walisoo fi Gooroo
- Walmaraa
- Wanchii
Notii [edit]
- ↑ Comparative national and regional figures comes from the World Bank publication, Klaus Deininger et al. "Tenure Security and Land Related Investment", WP-2991 (accessed 23 March 2006).
- ↑ World Bank, Four Ethiopias: A Regional Characterization (accessed 23 March 2006).