Oromoo

From Wikipedia
(Redirected from Oromo)
Jump to: navigation, search
Odaa, mallattoo Oromootaa

Oromoon saba Afrikaa keessa jiraatu, kan Itoophiyaa keessaa fi haga diqqoo immoo ummata Keeniyaa fi Somaaliyaa keessatti argamu dha. Sabi Oromoo saba Itoophiyaa keessatti baay'ina ummataan tokkoffaa irra jiru. Akka Qo'annoo bara 199 (akka dhaha Giriigooriyaanitti) baay'nni ummata Oromoo dhbbantaa ummata Itoophiyaa 32.1% qabata. Har'a baayyini ummata Oromoo miliyoona 25 oli dha. Afaan dubbatamus Afaan Oromoo jedhama.

Contents

[edit] Seenaa Oromoo

Ummatni Oromoo ummata afaan Kuush dubbatu kan bahaa fi kaaba baha Afrikaa keessatti argaman keessaa tokko dha. Ummatni Oromoo kaabaan hanga Tigraay, kibbaan hanga Keeniyaa faffaca'ee argama. Gaanfa Afrikaa keessa Oromoon saba kushii dubbatu guddicha dha. Akkaataan lafa, aadaa fi afaan isaa Oromoo Afrikaa keessa dabre immoo addunyaa keessatti akka beekamtu isa godheera. Qo'annoon jiru akka ibsutti Oromoon ganna kumaa ol Afrikaa Bahaa keessa akka jiraate amanama (Prouty at al, 1981).

Oromoo Saba "Pastoralist/nomadic" fi "semi-agriculturalist" jedhaman keessaa akka dhufe amanama. Jaarraa 16 keessatti eega mootummaan Habashaa fi Sulxaanetii Adaal wal hadhanii lachuu dadhabanii dhiisanii booda, ummanni Oromoo gara Kaabaatti (kaaba Oromiyaa ammaatti)babal'atan. Abbaan amantii "Baahiree" jedhamu akka bara 1593tti barreessetti jajjabeenya Oromoon yeroo sunitti qabu cimaa akka ture ibseera. Bahrey itti aanee Oromoon akka gara kaaba-dhihaatti gara Arsii, Shawaa, Wallagga fi Goojjam akkasumas gara kaaba-bahaan gara Harargee fi Walloo akka fafaca'e ibseera. Haroold G. Maarkas(Harold G. Marcus) akka jedhetti kaabi-dhihaa Boorana akka bakki Oromoon duran qubate akka ta'e ibseera. Jaarraa 17 jalqabee Oromoon Amaara irraa gargar bahuu jalqaban. Haa ta'u malee, Oromoon bulchiinsa Itoophiyaa bara suni keessatti bakka argachuu jalqabde. Keessattuu Emperor Iyoas 1ffaan (1730-55) Oromoota saba haadha isaa ta'an ofitti dhiheessuu jalqabe. Akkasumas waltajjii Gondar keessatti Afaan Oromoo akka dubbatamu taasise. Bara "Zemene Mesafinti" keessatti dhaloota Oromoo kan ta'an Yejjuun bara dheeraaf waraanaan Imperoota Itoophiyaa dursaa turan. Akkasumas Begemder, Enderases jalatti qoodamuu jalqaban. Yejjuunis Raas Alii 1ffaa jala bulaa ture, haa ta'u malee, bara dheeraan duuba Tewodiroos 1ffaan Raas Alii 1ffaa injifate. Ta'us, ammallee Impereronni Itoophiyaa waan dadhabaniif waraanni Yejjuu Itoophiyaa keessaa tokkoffaa ture.

Oromoonni bara sunnitti beekkamoo turan keessaa
1. Bulchituu Manan kan Walloo, kan bara 1800 mootii taate.
2. Ras Mahaammad kan Walloo, kan Raas Mikaa'el ta'e, achiin bulchiinsa Sion.
3. Bulchituu Manan kan Ambaassal, kan haadha manaa Hayila Sillaasee taate.

Humnaa fi maatii imperiyaalaa wajjin walitti qabamuf jecha ummatni Oromoo hedduun Kiristaanummaatti jijjiiramanii turan. Itti fufee immoo, gara dhuma 1800ffaatti, Imperer Yohaannis 4ffaan gosa Oromoo Walloo keessa jiran hunda akka Kiristaanummaatti jijjiraman yookaan immoo akka qabeenya isaanii dhaban sodaachisee ture. Kun immoo gosa Oromoo lafa warra dhiisan akka gara kibbaatti godaanan warra godhee ture. Bulchaan Oromoo Mohaammad maqaa jijjiratee Abbaa lafaa Mikaa'el jedhame, niitii erga fuudhee booda abbaa Imperer Iyyaasuu 4ffaa ta'e.

[edit] Jalqaba Walitti Aanu

Balchaa Abbaa Nafsoo

[edit] Qoqqoodama Oromoo

Ummani Oromoo bakka kudha lamatti adda baha. Bakka dhiha baha irra eegalee hanga bahaatti tuutni kun:

[edit] Oromoo Beekkamoo

[edit] Walaloo Oromoo

[edit] Na Saamte Lammi koo

Siif safu galaanaa yaa Galaana Diimaa
Liqimsitee fixxee lammii koo hundumaa
Doktar, profeesar jara paayileetaa
Haayyuu qabnu maraa nu harkaa funaantaa
Ati yaa galaanaa yoom nurra of qusattaa?
Mana haadha teenyaa hambat cufee banaa
Sit nu saame malee hoogganttootas qabnaa
Ayyoon si abaarte harka ishee ol kaastee
Dhaamsa ishee Waabe fi Gannaaletti himattee
Rabbitti boosserti imimmaan lolaastee
Kudha lama deessee har'a kophaa taatee
Yaaddo ilmaan isheen namummaadha baatee
Gamanaa fi gamasiin qilleensi nu raasee
Anaa fi aayyoo kophaa hambi nu hiraarsee
Yaa Galaana Diimaa naaf galchi lammii koo
Jiruun natti hin tollee ani argeera rakkoo
Abjuutu na badee taa'en bula halkanii
Na fuuldura deemaa suuran jaallewwanii
Yaa biyyoo baargamaa garaa hin jabaatinii
Ka'aa galaa jedhii ofirraa gaggeessi
Galaana Diimalle ati nuuf ceesisii
Baheetin simadhaa harka koo bal'isee
Boolee taa'en eegaa waa mara qophessee(x2)

Tolasaa Dhaqqabaa Baqqalaatin (on Friday, December 16, 2011 at 3:16pm)

== References Hedduu galatoomi.yaa ilmaa Oromoo.....kan kana katabee...hedduu ittin gammadee jiraa....ergaa cimaa qabaa dubbiin kan kee waqii siif haa dhagahuu....hadhookoo....Oromoo....nu jiradhaa dagagaa,hooraa....wal jaladhaa....!!!!!!!!!!!!!!!!!!!

Personal tools
Namespaces

Variants
Ilalchotta
Actions
Ilalcha
Toolbox
Afaan Birran