Dhiha Hararghe
Hararghe Dhiha (yokan "West Hararge") godinaalee Oromiyaa kudha laman keessaa tokko yoo taatu, maqaan kunis maqaa durii kutaa biyyaaHarargee irraa dhufe.
Harargeen dhihaa kibbaan Laga Shebelle kan godina Baalee irraa gargar baasuun, kibba-dhihaan godina [Arsii]]n, kaaba-dhihaan naannoo Affaar, kaabaan naannoo Somaalee, bahaan godina Harargee Bahaatiin daangeffamtee argamti. Bakki dheerina guddae qabu godina kanaaa Gaara Muktaar. Magaallan beekamoon godina kanaa Ciro, Baddeessaa, Galamso fi Mi'eessoo dha.
Central Statistical Agency (CSA) akka gabaasa "Ethiopian Coffe and Tea authority" irratti hundaa'e akka ibsettibunni toonii 8,364.00 ta'u bara dhumaa 1997 E.C. (2005 G.C.) irratti akka Harargee dhihaati biqile ibseera. Kun immoo baasii [Oromiyaa]] keessaa dhibbantaa 7.27% yoo ta'u, baasii biyya (Itoophiyaa) keessaa immoo dhibbantaa 3.7% ta'a.[1]
Gabaasa [edit]
Gabaasa Central Statistical Agency irraa bara 1997 E.C. (2005 G.C.) akka ibsutti, godinni kun tilmaamaan baay'ina ummataa 1,787,086, yoo qabaatu kan kessa 915,138 dhiraa yoo ta'an kan hafan yokan immo 871,948 immo dubraa dha. Bayyina ummata oliitii ibsame keessa dhibbantaan 9.6% yookaan namni 171,598 baadiyyaa ala jiraatu. Ballina lafa tilmaamaan 17,552.23 square kilometers ta'u keessatti "density" (rukkina) ummata Harargee dhihaa tilmaamaan 101.82 people per square kilometer ta'a.[2]
Akka World Bank memorandumi bara Ebla 13, 2004 E.C. (Ethiopian Calendar [1]) yokan (May 24, 2004 G.C.) akka ibsutti, Persentiin 9% jirattotta Harargee dhihaa elektirikii ni fayyadamu, akkasumas "density" karaa konkolaataa godina kanaa 23.6 kilometers per 1000 square kilometers yoo ta'u (kunis yoo kilometer 30 biyya wajjin yoo walitti madalaan) [3], akkasumas avregiin abba mana badiyya tokko hektara lafa 0.5 (kunis hektara lafa biyya 1.01 fi hektara lafa Oromia 1.14 wajjin yoo walitti madalamu[4], akkasumas avregiin abba mana baddiya tokko mataan horii mana hanga 0.6 qaba. Persentiin 16.4% ummatta, namotta qonaa malee jiratan yoo ta'an, kunis yoo kan biyya persenti 25% fi kan Oromiyaa 24% wajjin yoo walitti madalan. Ijoollee barachuu danda'an kessa persentiin 55% mana barumsa sadarka tokkoffati galma'ani argamu, akkasumas persentiin 8% mana barumsaa sadarkaa lammaffaatti galmaa'anii argamu. Dhibbantaan 92% godina kanaa busaa malariaf banaa kan jiran yoo ta'an, tokkoleen Tsetse flyiif banaa miti. Memorandamiin zonii kana risqii qilleensa gogga (drought) qabachun qabxii 372 kenaf.[5]
Bulchaan ummata Oromiyaa guyya 14 Ebla 1998 E.C. (25 May 2006 G.C.) akka ifaa godhetti hojji bishaan dhugaatii ta'u basu 429 ta'u dhumachut akka jiru fi hojii bira geggefamu jiran wajjin yoo walitti qaban, bishaan dhugaatii ta'u jiraattota hanga 72,300 ta'anif kan ba'u yoo ta'u, kunis persenti 37% hanga 47%f tajaajila bishaanii kenna.[6]
Aanolee [edit]
- Aanaa Bookee
- Chiro
- Daaroo labuu
- Doba
- Gubbaa Kooricha
- Habroo
- Qunnii
- Mesela
- Mi'eessoo, (Oromiyaa)
- Tuulloo
Notes [edit]
- ↑ CSA 2005 National Statistics, Table D.2
- ↑ CSA 2005 National Statistics, Tables B.3 and B.4
- ↑ "Ethiopia - Second Road Sector Development Program Project", p.3 (World Bank Project Appraisal Document, published 19 May 2003)
- ↑ Comparative national and regional figures comes from another World Bank publication, Klaus Deininger et al. "Tenure Security and Land Related Investment", WP-2991 (accessed 23 March 2006).
- ↑ World Bank, Four Ethiopias: A Regional Characterization (accessed 23 March 2006).
- ↑ Close to 430 potable water projects go operational in West Harerghe zone(WIC) (Oromia State Government website, accessed 6 October 2006)