Dhaha Booranaa

Wikipedia irraa

Dhahaan Booranaa akkataa ittiin ummanni Oromoo Booranaa guyyaa, ji'aa fi waggaa lakkaawwudha. Dhahaan kun Dhaloota Kiristoos Dura bara 300tti ummame. Akka dhahaa kanaatti ji'a keessa guyyaa 29.5tu jira, waggaa tokko keessa ji'a kudha lamatu jiru, waggaa tokko keessa guyyaa 354 ta'a. Dhahaan kun torban kan hinqabne yoo ta'u guyyonni ji'aa tokko keessa jiran hundi maqaa qabu. Dhahaan Booranaa addeessaa fi urjiiwwanirratti hundaa'a.

Seenaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Oromoon Booranaa dhahaa mataasaa nannoo bara 300 DhKD akka uummate amanama. Iddoo arkiyoo-astiroonoomii Namoraatungaa kan kaaba Keeniyaa keessatti argamutti, utubaan dhagaa kan kallattii urjiiwwan Dhahaa Booranaa keessatti itti fayyadaman agarsiisu dhaabbame argameera. Namoraatungaa II utubaa dhagaa baazaaltii 19 kan qabu yoo ta'u dhagoonni kunis kallattii urjiiwwan torban Dhahaa Booranaa keessatti fayyadanitti garagaree argama; urjiiwwan kunis Lamii (Triangulum)Busan (Pleiades)Algajima (Bellatrix), Bakkalcha (Aldebaran)Arba Gaddu (Central Orion)Urji Walla (Saiph) fi Basa (Sirius) jedhamu. Booranni dhahaa kana kalaquuf iddoo astironoomii itti daawwatan kanatti akka fayyadamaan amanama.

Caasaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Dhahaan Booranaa dhahaa urjii fi addeessa irratti hundaa'u waan ta'eef, addeessaa fi urjiiwwan torba waliin daawwachuu barbaachisa. Maqaan ji'oota Dhahaa Boornanaa Bitootessa (Triangulum), Caamsaa (Pleiades), Bufa (Aldebaran), Wacabajjii (Bellatrix), Obora Guddaa (Central Orion-Saiph), Obora Diqqaa (Sirius), Birraa (addeessa goobane), Cikawa (gibbous moon), Sadaasaa (quarter moon), Abrasa (baatii guddaa), Ammajjii (baatii giddugaleessa) fi Gurrandhala (baatii xiqqoo).

Maqaan guyyoota ji'aa 27tu jira. Kanaafis, maqaan jalqabaa lama ykn sadi'i ji'a tokko keessatti irra deddeebi'ama.

Maqaa guyyoota ji'aa
1. Bitaa Qaraa 10. Gidaadaa 19. Adulaa Balloo
2. Bitaa Lama 11. Walla 20. Maganatti Jarra
3. Gardaaduma 12. Ruuda 21. Maganatti Biriitii
4. Sonsa 13. Basa Duraa 22. Garba Duraa
5. Sorsa 14. Basa Balloo 23. Garba Ballaa
6. Rurruma 15. Areeri Duraa 24. Garba Dullacha
7. Algaajima 16. Areerii Balloo 25. Salbaan Duraa
8. Lumaasa 17. Carra 26. Salbaan Ballaa
9. Arbaa 18. Adulaa Duraa 27. Salbaan Dullacha

Ji'a tokko kaanirraa addaan baasanii beekuf, marsaa addeessi irra jirtu urjii dhahaa wajjin walitti laaluun barama. Gareen urjootaa kun Lami (Triangulum), Busan (Pleiades), Bakkalcha (Aldebaran), Algajima (Bellatrix), Arba Gaddu (central Orion), Urji Walla (Saiph) fi Basa (Sirius) jedhamu.

Ji'ootaa fi Sirna Urjootaa

Dhahaan Booranaa ji'oota 12 qaba. Dhahaan addeessarratti waan hundaa'uf, ji'a tokko keessa guyyoota 29.5 qabata. Kunis waggaa keessatti guyyaa 354 ta.a.

Maqaa Ji'aa Urjii Dhahaa Maqaa Ingiliffaa
1. Bitooteessa Lami Triangulum
2. Caamsaa Busan Pleiades
3. Buufaa Bakkalcha Aldebaran
4. Waccabajjii Algajima Belletrix
5. Oboraa Guddaa Arb Gaddu Central Orion
6. Oboraa Diqqaa Basa Sirius
7. Birraa addeessa goobana
8. Ciqqaa addeessa walakkaa caalu
9. Sadaasa addeessa nuusa
10. Abraasaa baatii guddaa
11. Ammajjii baatii giddu-galeessa
12. Guraandhala baatii xiqqoo

Akka Dhahaa Booranaatti, waggaa haaran ji'a Bitootessaatti gaafa guyyaa "Bittaa Qaraa" jalqaba. Kunis yeroo addeessi baatin urjii Lamii wajjin mul'atedha. Kana booda, Dhahaan Booranaa maqaa guyyoota ji'aa calluma jedhee hordofuudhan amma ji'i kun dhumutti deema. Ji'i itti aanu yeroo addeessi baatin urjii Busan wajjin baatu jalqaba. Kunis erga ji'i Bitootessaa jalqabee guyyaa 29.5 booda kan uummamudha. Haa ta'u malee, maqaan guyyoota ji'aa 27 qofa waan ta'eef, guyyoonni ji'a keessa jiran odoo hin dhumin maqaan guyyaa dhuma. Kunis adeemsuma dhahichaati. Guyyoonni hafan maqaa jalqaba ji'arratti fayyadaman irra deebi'uun dhuma ji'aatti fayyadamu. Kunis ji'oota hunduma keessatti tokko yoo ta'u amma urjiin dhahaa fi addeessi waliin dhufanittii jalqa ji'arratti guyyaa lamaa fi sadi'i gidduutti darbuu danda'a. Ji'i inni sadaffaan yeroo addeessi baatin Bakkalcha wajjin baate jalqaba. Adeemsi kun ji'oota ja'an jalqabaatif urjoota hafan wajjin ittuma fufuun kan deemu ta'a. Urjiin dhahaa kun ji'a ja'an hafaniif Oromiyaa keessatti sirumayyuu hin ba'ani. Kanaafuu, jalqaba ji'oota kanaa urjoota dhahaa odoo hin fayyadamin addeessuma qofa ilaalun murteeffama.

Wabii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

  • Asmarom Legesse. Gada Three Approaches to the Study of African Society. The Free Press A Division of McMillan Co. Inc, 1973
  • Doyle, Laurance R. The Borana Calendar REINTERPRETED. Current Anthropology. Physics and Astronomy Department, University of California, Santa Cruz, at NASA Ames Research Center, Space Sciences Division, M.S., retrieved: 7 April 2010.
  • Laurance R. Doyle. Ancient African Skies. The SETI Institute, 7 April 2005; retrieved: 28 September 2014
  • Kaalaandarii Oromoo maaltuu kaaniin adda taasisaa? Dhihootti kan baname: Guraandhala 9, 2018