Morgaa
Morgaan gummee qabsiistuu adda ta’e kan kollaajiinii heddumminaan of keessaa qabuu dha. Morgaan qaama namaa fi kan lafee dugdaa qabeeyyii biroo keessatti argama.Caasaan kun salphaatti dadacha’uu danda’a. Akka lafee utuu hin taane morgaan ujummoo dhiigaa of keessaa hin qabu. Kanaaf seelotni isaa soorataa fi oksiijinii kan argatan naannoo isaanii irraa qirimbisaani. Umurii sadarkaa micireetti lafeen qaamaa morgaa dha. Adeemsa dagaaginaa keessa morgaan lafeen bakka bu’amaa adeema. Kanaafuu dhaloota boodaa ammi morgaa qaama keessaa muraasa ta’aa adeema. Haata’u malee morgaan umuri namaa guutuu dalagaa isaa itti fufu qama namaa keessa hedduu dha. Gurri, funyaan, ujummoon qilleensaa, lafee armaa, fi kkf caasaalee morgaa irraa tolfamanii dha. Buusaawwan keessattis ga’ee morgaan taphatu daran olaanaa dha. Morgaa gummeewwan qabsiistuu biroo irraa kan adda taasisu lubbiyyoo gosa tokkoo qofa of keessaa qabaachuu isaa ti. lubbiyyoon morgaa kondiroosaayitii (‘Chondrocyte’) jedhama. lubbiyyoon morgaa maddoo(matrix) kollaajiiniin marfamanii argamu. Gummeewwan morgaa gosoota sadiitu jiru. Isaanis:
- Morgaa fuuldoyyoo (‘Hyaline cartilage’): Hammi kollaajiinii maddoo isaa keessaa muraasa waan ta’eef hamma tokko ifa of keessa dabarsa.fuuldoyyoon gosoota morgaawwan biroo caalaa qaama keessatti heddumminaan kan argamu yammuu dha.Morgaan fuuldoyyoo iddoo lafeewwan walitti hidhaman irratti fiixee lafeewwan tokko tokkoo aguuga. Lafee cinaachaa lafee armaa (‘sternum’) wajjin kan walitti qabsiisus morgaa kana. Morgaan geengoon ujummoo qilleensaa tolchuun yeroo hundaa banaa ta’ee akka jiraatu taasisu hayaaliinii dha. Fiixeen funyaanis morgaa hayaaliinii of keessaa qaba.
- Morgaa meenxoo (‘Elastic cartillage’): Morgaan gosa kanaa kollaajiinii caalaa burqata meenxoo heddumminaan waan of keessaa qabuuf salphatti dadacha’uun boci isaa dhaabbataan utuu hin jijjiiramin bakkatti deebi’uu danda’a. Caasaan gurraa alaa fi sanduqni sagalee (‘larynx’ ykn ‘Voice box’) illaastiinii irraa tolfaman.
- .Morgaa qaajjisooo (‘Fibrocartillage’): Morgaan kun morgaawwan lameen caalaa jabina kan qabuu dha. Sababni isaa maatiriksii isaa keessa kollaajiinii adii baay’isee walitti hiiquun waltumsetu jira. Gummeen kun caasaawwan gidduutti argamuun akka wal hin rigneef ittsa. Fakkeenyaaf lafeewwan dugdaa gidduu waan jiruuf dhiibbaa uumamuu danda’u damdamatee nageenya aarsituu ykn ribee eega. Qadaaddiin jilbaas morgaa qaajisoo of keessaa qaba.