Baale

From Wikipedia
Jump to: navigation, search
Godinaalee Oromiyaa

Baaleen godinaalee Oromiyaa keessa jiran keessaa tokko dha. Daangaan Baalee - kibbaan Booranan (Booranaa fi Baale laga Gannaalee Doriyaatu gargar baasa), kibba dhihaan Saba, Sablammootaa fi Ummattoota kibbaan, kaaba dhihaan Arsiin, kaaba bahaan [[Harargee] fi kaaba fi kibbi Harargee laga [[Shabalee]n gargar ba'u), bahaan immo[Sumaalee]]n dangefamtee argamtii. Bakki dherinna gudda Baale keessaa qabu Gaara Baatuu yoo ta'u, gaarri kun immoo Oromiyaa kessattille guddinan tokkoffa dha. Gaarri Baatuu Gaara Urgoma jedhaman jalatti qoodama. Gaaronni biraa Urgoma kessatti argamani kan akka Gaara Tulluu Diimtuu, Gaara Darkinna fi Gaara Geesse jedhamani dha. Annotti bira Baale kessatti argamani kan akka Dodola, Ginniir, Gobba fi Roobee dha.

Gabaasa Baalee [edit]

Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa bara 2005tti akka gabasetti, Baalen bayyina ummatta 1,727,306 yoo qabattu, kana keessaa 854,584 dhiraa yoo ta'an, 872,722 immo dubra dha. Ummatti Baale 233,013 yokan 13.5% magallatti galu. Ballina lafaa tilmaman hanga 63,917.46 square kilometers ta'u keessatti, Baalen tuuta'insa ummataa 27.02, kilometiri tokko kessatti jiratta. Akka Caamsaa 24, 2004 World Bank memorandum, 11% iin ummatta Baale elektrikii yoo fayyadamanii, densityiin kara konkolatta immo 11.4 kilometers per 1000 square kilometers qabu. Aviregiin abba mana badiyya tokko hektara laffa tokko yoo qabattu, lakkofsa horii immo 1.0 qaba. 19.5 % iin ummatta hojii qotee bulaa hin ta'iniin jiraata. 66%iin ijolee mana barumsaa sadarka tokkoffaf galmooftee barattu yoo tatu, 21% immo mana barumsa sadarka lammaffatti baratti. 53% Baale busaan qabammu yoo danda'ani, tokkollen immo Tsetse fly qabamu hin danda'anni. Memorandumiin Baalefi halla qillensa goga qabachuni kennamef 555 dha.

Aanolee Baalee [edit]